~ 1 ~
Qindeessaa: Jibriil Abdallaa
~ 2 ~
Qabiyyee Seensa ............................................................................................................................ 3
Kaafironni Ergamaan Rabbii nama irraa ta’uu fi du’aan booda kaafamuu akka hin
danda’amnetti ilaalan ..................................................................................................... 3
Du’aan Booda Kaafamu Ragaalee Agarsiisan ............................................................. 10
Warra Ergamtoota Kijibsiisan dachii irraa xururamu (duguugamu) ........................... 19
Ragaa Dabalataa Du’aan Booda Kaafamu Agarsiisu .................................................. 23
Jalqaba uumuu Kan danda'e lamuu deebisuun itti ulfaataa? ................................... 23
Qorannoof Wantoota Barbaachisan ............................................................................. 25
Machiin Du’aa Dhufuu fi Haguuggin Saaqamu .......................................................... 30
Amaloota Kaafiraa Jahannamitti Darbamu ................................................................. 33
Guyyaa Murtii Sheyxaanni Nama Ganuu .................................................................... 35
Jannani Warra Taqwaa qabaniif dhiyeefamu .............................................................. 38
Yeroo Adabbiin Bu’u Qabeenyi fi Humni Homaa Nama hin Fayyadan ..................... 42
Dadhabbiin Homaatu Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa hin tuqu ................................. 45
Guyyaa Qabrii Keessaa Ol Yaa’an .............................................................................. 49
~ 3 ~
Seensa Suuratu Qaaf! Boqonnaa jaallatamtu waa baay'ee nama yaadachiistu.
Boqonnaan tuni waa'ee Guyyaa Qiyaamaa ilaalchise dubbatti. Namoota
du'aan booda kaafamutti hin amanne irratti deebii gahaa deebisti. Haala
namoonni itti kaafamanii fi gara ooydi mahashar itti oofaman ni dubbatti.
Kaafironni Ergamaan Rabbii nama irraa ta’uu fi du’aan
booda kaafamuu akka hin danda’amnetti ilaalan
يمه ٱ لرنمحٱ لله ٱمسب ﴿ ﴾لرحه
Maqaa Rabbii Ar-Rahmaan Ar-Rahiim ta’een [jalqaba]
(1)-Qaaf. Qur’aana Kabajamaan kakadha. (2)-Garuu isaan keessaa
akeekachiisaan isaanitti dhufuu dinqisiifatan. Kaafironni ni jedhan,
“Kuni wanta dinqisiisadha. (3)-Sila erga duunee biyyee taane [ni
kaafamnaa]? Suni deebii fagoodha.” Suuratu Qaaf 50:1-3
Dhugumatti, Qur’aanni mu’jizaa yeroo hundaa turu kan Ergamaa Rabbiitif
kennameedha. Qur’aanni mu’jizaa ta’uun kuni Ergamaan Rabbii
Muhammad (SAW) dhugaa fi haqa ta’uu mirkaneessa. Wanta Rabbiin
irraa beeksisuu keessatti inni dhugaa dubbata. Kana keessaa oduu du’aan
booda jireenya lammataatiif kaafamuuti.
“Al-Majiid”-kabajamaa, sadarkaa ol’aanaa, amaloota baay’ee fi
gurguddaa kan qabuudha.
~ 4 ~
Dubbiin hundarra amala kanaan ibsamu qabu Qur’aana kana. Dhugumatti
Qur’aanni kuni beekumsa warra jalqabaa fi xumuraa, jecha hundarra
bareedaa, hiika hundarra gadi fagoo fi amaloota guutuu biroo of keessatti
kan qabateedha.1 Kanaafu, Qur’aanni kabajamaa sadarkaa ol’aanaa qabuu
fi amaloota baay’ee fi gurguddaa of keessaa kan qabuudha. Wantoonni
gugguutuu fi gurguddaan Qur’aana keessa jiran Qur’aanni jecha Rabbii
ta’uu agarsiisu.
“Garuu isaan keessaa akeekachiisaan isaanitti dhufuu dinqisiifatan.”
Kana jechuun namoonni Ergamaa Rabbii kijibsiisan Ergamaa ilma namaa
irraa ta’e isaanitti erguu ni dinqisiifatan. “Akeekachiisaa”-nama balaa
gara fuunduraatti dhufu beeksisuu fi akeekachisuudha.
Asitti kaafironni waa lama dinqisiifatan:
1ffaa-Ergamaan ilma namaa ta’e Rabbiin irraa isaanitti ergamu.
“Akkamitti Rabbiin ilma namaa keessaa nama tokko Ergamaa godhe
ergaa?” jechuun ajaa’ibsiifatan. Akka yaada isaaniitti ergamaan Rabbiin
irraa dhufu malaykaadha. Garuu kuni hin ta’u. Sababni isaas, malaykaan
suuraa irratti uumameen osoo isaanitti ergamee, isa ilaaluu fi dubbisuu
hin danda’an. Suuraan isaa suuraa namaa irraa adda waan ta’eef
sodaatanii isarraa ni dheessu turan. Kanaaf, karaan hundarra gaariin
nama tokko isaan keessaa filachuun isaanitti erguudha. Kanaafu, kana
ilaalchisee wanti nama dinqisiisuu hin jiruu jechuudha.
2ffaa- Du’aan booda kaafamu ni ajaa’ibsiifatan.
Dinqisifachuu kanniin lamaan haala kanaan arganna: Kaafironni ni
jedhan, “Kuni wanta dinqisiisadha. Sila erga duunee biyyee taane [ni
kaafamnaa]? Suni deebii fagoodha.”
Kaafironni baay’inna kaafiraati. Kaafirri baay’een kaafirota ta’u.
“Kaafira” jecha “kafara” jedhu irraa horsifame. Akka garee jechootaatti:
Kaafira -hojjataa (doer), kafara-xumura (verb), kufr-maqaa (noun).
1 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-3/16, Tafsiiru Sa’dii-947
~ 5 ~
Akka lugaatti ni jedhama: “kafara shey’a, kafara aleyh kafran.” Kana
jechuun wanta tokko haguuge, dhokse. Kafara turaabu maa tahtahu-kana
jechuun biyyeen wanta isa jala jiru haguuge. Kanaafi, qotee buleen
“Kaafira” jedhame. Sababni isaas, qotee bulaan sanyii midhaanii biyyeen
haguuga ykn dhoksa.
Ammas, lugaa keessatti "kufriin" hiika "qananii waakkachuu" ni qaba.
Inni kuni faallaa galateefachuuti. Yommuu namni tokko qananii
waakkatee fi dhoksee akkana jedhama, kafara bini’mati (qananiitti
kafare). Kana jechuun qananii waakkate, galata hin galchine.
Amantiitti kafaruun: haqa ragaalee isaatiin erga beekanii booda
fudhachuu diduu fi waakkachuu (mormuu)dha. Kafaruun kuni
ragaalee haqni kuni dhugaa ta’uu mirkaneessan dhoksuu, shakkisisuu,
jechoota dinqisiifannaa darbuu, akka sammuutti dhimmichi fudhatamaa
miti jechuun odeessu fi wantoota biroo warri sobaa uuman irra dhaabbata.
Kaafironni ni jedhan, “Kuni wanta dinqisiisadha."
Asitti kaafironni namoota waamicha Ergamaa Rabbiitiif deebii hin
deebisne irraa namoota haqa beekanii haqa kanaa fi ragaalee isaa
dhoksanii fi waakkataniidha.1 “Kuni wanta dinqisiisadha.” Kana
jechuun Ilmaan Aadam irraa namni tokko nu keessaa ergaa Rabbiitiin
gara keenyaatti dhufuun wanta dinqisiisaadha. Sila maaliif malaykaan
isarratti bu’ee isa waliin akeekachiisaa hin taanee?2
Ammas, kaafironni du’aan booda kaafamu dinqisiifachuun ni jedhan:
“Sila erga duunee biyyee taane [ni kaafamnaa]? Suni deebii
fagoodha.” Kana jechuun erga duunee biyyee taanee akkamitti kana
booda haala duraan irra turetti deebi’uun danda’amaa? Du’aan booda
deebi’uun kuni wanta fagoo ta’eedha.” Hiikni kanaa: kaafironni du’aan
booda kaafamu akka hin danda’amnetti amanu.3 Rabbiin isaan irratti
deebii deebisuun akkana jedha:
1 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-3/24-25 2 Tafsiiru Xabarii-21/402 3 Tafsiiru Muyassar-518, Misbaahul muniir fii zahziib Tafsiir Ibn Kasiir-1357
~ 6 ~
“(4)-Dhugumatti, wanta dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. Nu
bira galmee tiiksatu jira. (5)-Garuu isaan haqni yommuu isaanitti
dhufu, ni kijibsiisan, kanaafu isaan dhimma walitti naqame keessa
jiru.” Suuratu Qaaf 50:4-5
Aayaata tana keessatti yaada sobaa warra du’aan booda kaafamu
mormanii keessaa yaada sobaa tokko ittisa. Waa’ee du’aan booda kaafamu
ilaalchisee kaafironni sirnaan akka hin yaanne wanta isaan taasisu keessaa
tokko, “Rabbiin subhaanahu akka duraan turanitti namoota deebisuuf
kutaalee xixxiqoo qaama namoota du’anii fi amaloota isaanii hin beeku.”
Jechuun yaada sobaa yaadudha. Yaada sobaa kana oofuuf ibsi Qur’aana
akkana jechuun ni dhufe:
“Dhugumatti, wanta dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. Nu
bira galmee tiiksatu jira.” Kana jechuun lafee, foon, gogaa fi rifeensa
isaanii irraa wanta dachiin nyaattu dhugumatti ni beekna. [Erga du'anii
booda] eessatti qaamni isaanii akka bittinaa’e fi lafeen isaanii bututte takka
takkaan ni beekna. Dabalataan galmeen kuni hundi keessatti galmaa’e Nu
bira jira.1 (Maq-dhalli "Nu" jedhu Guddinna Rabbii agarsiisa.)
“Qad alimnaa (dhugumatti beeknee jirra)” kana jechuun namoota
uumuu, isaan jiraachisuu, ergasii isaan ajjeesun dura wanta safarree fi
murteessineen du’a isaanii booda wanta qaama isaanii irraa dachiin
hir’iftu beekumsa Keenya keessatti darbee jira. Ibsi kuni harfi
mirkaneessuu (qad) jedhuun jabeessu waliin xumura yeroo darbii
agarsiisutti fayyadamuun dhufe. Kuni kan agarsiisu ijaaru fi diiguun gocha
uumuu hojii irra oolchuun dura karoora uumiinsaa beekudha. (Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa argamsiisuun ykn balleessun dura wanta hundaa
dursee beekee jira.)
1 Misbaahul muniir fii zahziib Tafsiir Ibn Kasiir-1357
~ 7 ~
Dhugumatti, dhimmi argamsiisuu, jiraachisuu, ajjeesu, balleessu, du’aan
booda deebisuu, dachii fi samii keessatti hojiiwwan biroo karoora qadaa
fi qadaraa keessatti kan raawwatamuudha. Homtu nafsee isaatiin samii fi
dachii keessatti hin adeemsifamu qadaa fi qadaraan yoo ta’e malee.
(Qadara jechuun wanti tokko argamuun dura hamma, boca, amaloota isaa,
bakka fi yeroo itti uumamu ykn badu murteessudha. Qadaa jechuun
immoo wanta murtaa’e kana hojii irra oolchudha.)
Namoonni waa’ee Rabbii ilaalchisee beekumsa hir’uu qaban, Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa namoonni du’an erga awwaalamanii booda qaama
isaanii irraa wantoota hir’atan hin beeku jechuun yaadu. Rabbiin wanta
isaan yaadan kana hundarraa qulqullaa’e.
Akkuma uumama namootaa jalqabuu fi qaama isaanii ijaaruun karoora
uuminsaa beekumsa waan hundaa haguugen durfame keessatti ta’e, duuti,
qaama isaanii balleessuun, wanti qaamaa fi nafsee isaanii irratti
adeemsifamu hundi beekumsa waan hundaa haguugee fi karoora
balleessutiin kan durfameedha. Haala beekumsa Isaatiin walitti galuun
dandeetti Rabbiitiin kuni hundi hojii irra oola. (Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa karoora uuminsaa keessatti namoota uumuu fi qaama isaanii
ijaarun dura dursee beekee fi murteesse jira. Haaluma kanaan du’a isaanii,
du’aan booda wanta qaamaa fi nafsee isaanii irratti adeemsifamu hunda
takka takkaan beeke jira. Ergasii yoomi fi akkamitti akka isaan kaasu
beekee fi murteesse jira.)
Namni Rabbiin Gooftaa, Khaaliqa, waan hundaa irratti danda’aa akka ta’e
amane, akkamitti beekumsa Rabbii jalaa waa ni miliqa jedhee yaadaa?
Wanta samii fi dachii keessatti adeemsifamu hunda dursee Rabbiin beekee
jira. Kanarratti dabalatee beekumsi wanta adeemsifamu hundaa kitaaba
waan hundaa of keessatti qabu keessatti kan galmaa’e fi barraa’edha.1
Kanaafu, qaama namaa irraa lafa keessatti wanti nyaatamu hundi Rabbiin
biratti kan beekkamee fi katabameedha. Wanti beekumsa Isaa jalaa miliqu
tokkollee hin jiru.
1 Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-3/27-29
~ 8 ~
“Garuu isaan haqni yommuu isaanitti dhufe ni kijibsiisan, kanaafu
isaan dhimma walitti naqame keessa jiru.”
Aayan afraffaan beekumsi Rabbii wanta dachiin qaama namoota du’anii
irraa hir’istuu akka marsee fi wanti kuni hundi kitaaba keessatti akka
galmaa’e erga ibsitee booda, aayan shanaffaan armaan oli tuni immoo
dhugaa wanta nafsee fi qalbii kaafiroota kijibsisanii keessa jiru saaxilti.
Jechi dinqisiifannaa isaan jedhan shakkii dhugaa irraa kan burqee miti.
Kana irra, isaan Muhammad Ergamaa Rabbii ergaa Isaa isaanitti geessu
akka ta’e ni beeku. Garuu isaan isa hordofuu irraa of tuulan yookin immoo
badii fi fedhii qullaa hordofan dhiisu hin barbaanne. Kanaafu, zulmii fi
daangaa darbuun isa kijibsiisan. Isaan kana waliinu wanti inni Gooftaa
isaanii irraa isaanitti fidee haqa ta’uu ni beeku. (Osoo beekanu haqa
Rabbiin irraa dhufe ni kijibsiisan.)
“kanaafu isaan dhimma walitti naqame keessa jiru.” Haqa fuula tokko
ta’e kan ummanni Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanan itti amanan yoo
kijibsiisan, kaafironni hubannoo, yaadaa fi amantii isaanii keessatti
mazhaba (ilaalchaa fi adeemsa) tokko irratti walitti qabamu danda’uu?1
Haqni takka taate osoo jirtuu kaafironni haqa takkatti tana yoo kijibsiisan
dhimma tokko irratti tokkoomu danda'uu? Yommuu adeemsa kaafiroota
sirritti hubannu, jireenya keessatti dhimmi isaanii kan walitti naqamee fi
makameedha. Isaan dhimma tokko irratti gadi hin dhaabbatan. Mee ilaali,
namoota Islaaman ala jiran. Amantiin isaanii kan wal diigu fi wal
dhayuudha. Amanti isaanii keessatti dhimma walitti naqamee fi nama
dhamaasu argita.
“Haaluma kanaan namni haqa [Rabbiin irraa dhufe (Qur'aana)] kijibsiisee
dhimma walitti naqamaa fi dhama’iinsa keessa ta’a. Gara isaa hin beeku.
Dhimma isaa kan wal diiguu fi addaan bittinnaa’e ta’ee argita. Namni haqa
hordofee fi dhugoomse immoo dhimmi isaa ni qajeela, karaan isaa ni
sirraa’a, hojiin isaa dubbii isaa dhugoomsa.”2
1 Madda olii 2 Tafsiiru Sa’dii-948
~ 9 ~
Guduunfaa Du'anii lafeen erga bututtee booda kaafamuu kaafironni akka hin
danda'amneetti ilaalu. Kuni beekumsaa fi dandeetti Rabbii wallaalu irraa
madda. Namni Rabbiin wanta hundaa akka beeku fi wanta hunda irratti
danda'aa akka ta'e amanu du'aan booda kaafamu hin shakku. Kanarratti
dabalate, qadaa fi qadaratti yoo amane, shakkiin homaatu isa keessatti hin
hafu. Qadaa fi qadaratti amanuun wantoota afur of keessatti qabata:
Rabbiin wantoota hundaa akka beeku amanuu, wantoota kanniin hundaa
Lawhal Mahfuuz (Galmee Eeggamaa) keessatti akka katabe amanuu,
wantoonni hundii fedhii Isaatiin qofa akka raawwataman amanuu fi
wantoota hundaa kan Uumuu fi argamsiisu Rabbiin akka ta’e amanuudha.
Yoo kana amanan Qiyaamaan akka dhuftu ni mirkaneefatan. Sababni
isaas, Rabbiin olta'aan wantoota darban, ammaa fi dhufan hunda Kan
beekuu fi argamsiisu ykn dhabamsiisudha. Du'aan booda qaamni
namootaa eessatti akka badu, lakkoofsa fi amaloota isaanii hunda beekee
fi katabee jira.
Wantoota uumuu fi argamsiisu, dhabamsiisuu fi balleessu hunda dursee
beekee fi katabee jira. Wanta dhabamsiisuu fi argamsiisu keessaa tokko
wanta Guyyaa Qiyaamaa raawwatamuudha. Yoomi fi akkamitti
addunyaan tuni itti baddu fi namoota du'an kaasu beekee fi katabee jira.
Kanaafu, du'aan booda namoota kaasun karoora Isaa keessaa karoora
tokko. Yeroon karoora kana hojii irra oolchu yoo dhufe, namoonni
dirqamaan ni kaafamu.
~ 10 ~
Du’aan Booda Kaafamu Ragaalee Agarsiisan Kaafironni namoonni du’an akkamitti kaafamu jechuun dinqisiifatan.
Dhugumatti kuni beekumsa, dandeetti fi ogummaa Rabbii olta’aa wallaalu
irraa burqa. Kutaa darbe keessatti beekumsi Rabbii waan hundaa akka
marsee fi haguuge ilaalle jirra. Akka yaadachisaatti: “Dhugumatti, wanta
dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. Nu bira galmee tiiksatu
jira.” Suuratu Qaaf 50:4
Keeyyattoota (aayaata) armaan gadi keessatti immoo dandeetti fi
ogummaa Isaa ifatti baasa.
“(6)-Sila gara samii gubbaa isaanii jirtu akkamitti akka ijaarree fi
miidhagsine hin ilaallee? Uraa (qaawwa) homaatu hin qabdu. (7)-
Dachii diriirsinee gaarreen gadi dhaabbatoo ishii keessatti darbine;
akaaku [biqiltoota] babbareedoo hunda irraa ishii keessatti
magarsine. (8)-Gabricha [gara Rabbii] deebi’u hundaaf hubachiisaa
fi yaadachiisa.” Suuratu Qaaf 50:6-8
Uumamtoonni gurguddoon kunniin mallatoolee gara dandeetti, ogummaa,
rahmata fi sifaata gurguddaa Rabbiitti akeekaniidha. Aayaata kanniin
keessatti mallattooleen samiin wal qabatan sadii, mallatooleen dachiin wal
qabatanis sadii dhufanii jiru.
Mallatooleen samiin wal qabatan: 1ffaa- Samii hangana bal’attu utubaa
malee ijaaru fi olkaasu. 2ffaa- samiin gara hundaan qaawwi fi baqaqiinsi
homaatu kan keessatti hin argamne ta’u. 3ffaa- Urjiileedhaan samii
miidhagsuudha. Namni kanatti yommuu xinxalluu Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa wanta hundaa irratti danda’aa akka ta’ee fi namoota du’an
akka kaasu ni hubata.
~ 11 ~
Dachii keessas mallatoolee sadii dubbate: 1ffaa- jireenya lubbu-
qabeeyyitiif akka mijooftuuf dachii diriirsu. 2ffaa-Dachiin akka hin
sochoone gaarreen keessatti gadi dhaabu, 3ffaa- gosoota biqiltootaa
garagaraa nama hawwatan dachii keessatti magarsu. Mallatooleen kunniin
“Gabricha [gara Rabbii] deebi’u hundaaf hubachiisaa fi yaadachiisa
ta’u.”
At-Tabsiir- hubachiisu(akka hubatu gochuu), barsiisuu. Samii fi dachii
keessatti mallattooleen Rabbii sifaata Isaa nama barsiisuu, ni hubachiisu.
Nama isaanitti xinxalle sifaata Isaa hubachuutti isa qajeelchu.
(Fakkeenyaaf, namni yommuu samii guddoo fi bal’oo, gaarreen fi
biqiltootaatti xinxallu, amaloota Rabbii olta’aa hubata. Dandeettin,
beekumsi, ogummaa fi rahmanni Rabbii guutuu akka ta’e ni beeka. Samii
fi dachii garmalee gurguddatan Kan uumee namoota du’an kaasun Isatti
hin ulfaatu jechuun ni hubata.
Mallattoolee gurguddoo kanniin irraa barnoota fi hubannoo erga argatee
booda isaan irra deddeebi’e ilaaluun yaadannoo isaaf ta’a. Yeroo jalqabaa
wanta mallattoolee kanniin irraa baratee isa yaadachisuu.)
Namni xinxallaan akkuma samii fi dachii keessatti mallattoolee Rabbii
ilaalun wanta haarawa irraa barata. Dhugaa Khaaliqa isaanii ilaalchisee
beekumsa isaaf dabalu. Akkasumas, wanta duraan irraa barate, isa
yaadachiisu. Haala kanaan, mallattooleen kunniin hubachiisa, barsiisaa fi
yaadachiisa isaaf ta’u.1 Garuu kana hunda kan hubatuu fi yaadatu nama
yeroo hundaa gara Rabbii deebi’uudha. Mallattooleen kunniin nama
Rabbiitti amanuu fi Isaaf ajajamutti deebi’u hundaaf hubachiisaa fi
yaadachiisa ta’u. Nama hin amannee ykn irraa garagalee immoo homaa
isaa hin fayyadan.
Itti aanse Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dachii keessatti kunuunsa
namootaaf godhee dubbata:
1 Maariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/39-40, Abdurahman
Hanbakah
~ 12 ~
“(9)-Samii irraa bishaan barakaa qabu buufnee ashaakiltiwwanii fi
midhaan haammamu ittiin biqilchine. (10)-Mukkeen temiraa
dhedheeroo daraaraa walirratti kuufame qabanis [ni biqilchine].
(11)-Gabrootaaf soorata akka ta’uuf. Lafa duute isaan (bishaan
roobaatin) jiraachifne. [Qabrii keessaa] bahuunis akkanuma.”
Suuratu Qaaf 50:9-11
Akka lugaatti samii jechuun wanta gara gubbaa ykn olii ta’eedha. Barakaa
jechuun kheeyri (waan gaarii) irraa daballi, baay’inna. “Samii irraa
bishaan barakaa qabu buufnee…” kana jechuun duumessa irraa bishaan
faaydaa baay’ee qabu buusne. Bishaan kanaan ashaakilti mukkeen baay’ee
qabanii fi midhaan facaafamaa haammamu biqilchine. Akkasumas,
mukkeen temiraa dhedheeroo daraaraa walitti kuufame qabanis ni
biqilchine.1
“Gabrootaaf soorata akka ta’uuf.” Kana jechuun gabrootaf soorata
akka ta’uuf bishaan samii irraa buufnen ashaakiltiwwan, midhaanii fi
temira biqilchine.2
Samii fi dachii keessatti hojiin mallattoolee fi qananii Rabbii
maalidhaa? Keeyyattoota armaan olii sirritti yoo itti xinxallinne Rabbiin kawni
(yunivarsi) keessatti mallattolee fi qananii Isaa hojii gurguddaa lama akka
qabaatan taasise:
1 Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/45, 59, Tafsiiru Muyassar-
518 2 Tafsiiru Xabari-21/414
~ 13 ~
1ffaa- Addunyaa keessatti jireenya namootaa itti fufsiisuu fi
fooyyessu.Qananiiwwan Rabbiin uumee namoonni akka jiraatanii fi
jireenya isaanii fooyyessan gahee ol’aana taphatu. Fkn, nyaataa dhugaati,
uffata, mana ijaarrachu fi kkf. Mu’minas ta’e kaafiras ta’e namni sababa
barbaachisu yoo hojjate, qananii kanatti ni fayyadama.
2ffaa- Ragaalee isaaniitiin gara Rabbii olta’aa fi amaloota Isaa
gurguddootti qajeelchu, ogummaa Rabbii fi kaayyoo namoota uumuu
hubachiisuudha. Wantoonni Rabbiin uumee gara sifaata (amaloota) Isaatti
nama qajeelchu, beekumsa, dandeetti, ogummaa fi tokkichummaa Isaa
akka hubatan nama taasisu. Ergasii yaadachiisa namaaf ta’u. Kanaafu,
dirqamni namoota irra jiru uumamtoota gurguddoo kanniinitti xinxalluun
Rabbii isaanitti amanuu fi Isaaf ajajamuudha. Yoo akkana godhan
Aakhiratti warra milkaa’an ta’u. Hojiin lammataa kuni fooyya’insa
Aakhiraatin wal qabataa jechuudha. Namni kanarraa fayyadamu nama
gara Rabbii deebi'uudha.
“Lafa duute isaan (bishaan roobaatin) jiraachifne.” Kana jechuun
bishaan samii irraa buufne kanaan lafa gogde tan midhaanii fi biqiltoonni
irra hin jirree jiraachifne.
Yeroo roobaa ykn birraa lafti biqiltoota misoomanii fi magarisaan tan
uwwifamteedha.Yeroo roobni dhabamu, biqiltoonni kunniin ni gogu.
Sanyiin isaanii lafa keessa faca’a. Laftis gogdee biyyee taati. Ergasii
Rabbiin rooba itti roobsun lafa gogdee duute tana ni jiraachisa. Kana
jechuun biqiltoota lafa keessatti jiraachisa.
“[Qabrii keessaa] bahuunis akkanuma.” Kana jechuun akkuma lafa
duute tana bishaan roobaa kanaan jiraachifne, biqiltootaa fi midhaan ishii
baafne, akkuma kana erga qaamni keessan bututee booda Guyyaa
Qiyaamaas qabrii keessaa jiraattoota goone isin baafna.
Dachii keessaa namoonni du’an bahuun, sanyii midhaanii ykn hundee
hidda biqiltootaa biyyee keessa faffaca’e irratti wanta adeemsifamuun wal
fakkaata. Yeroo roobni dhabamu ykn yeroo bonaa lafti ni gogdi.
Biqiltoonnis ni gogu. Sanyiin biqiltootaa biyyee keessa bittinaa’a.
~ 14 ~
Biqiltuun sanyii hin qabne immoo hundeen hidda isaa biyyee keessatti
bada. Yommuu roobni roobee biyyeen walitti makamuu fi bishaan sanyii
ykn hundee hiddaa dhaqqabu, jireenyi biqiltuu keessa naannawa. Kana
jechuun sanyiin ykn hundeen hiddaa kuni lubbu-qabeenyi ta’uun lafa
keessaa ol baha. Jirma, baalaa fi damee godhachuu ol guddata, ni
dagaaga.
Guyyaa Qiyaamaas namoota du’an jiraachisuun sanyii qaama isaanii
irraa ta’a. Yommuu Rabbiin olta’aan bishaan samii irraa dachii irratti
buusu, bishaan kuni biyyeen walitti makamuun sanyii qaamaa dhaqqaba.
Ergasii wanti sanyii biqiltootatti ta’e, sanyii qaama namaa kanattis ni ta’a.
Sanyiin qaama namaa kuni ni guddata, ni dagaaga. Ergasii Rabbiin
Malaykaa xurunbaa afuufu akka afuufu ni ajaja. Innis ni afuufa. Ergasii
ruuhiin gara qaama ishiitti seenti.
Sanyiin qaama lubbu-qabeenyi hundaa amaloota isaa hunda of keessatti
qabate garaa ajbu az-zanabi (lafee eegee) jedhamtu keessa kan
kaa’ameedha. Lafeen eegee (ajbu Az-zanabi) gonkumaa hin baddu.
Gubbaan lafee tanaa osoo jijjiramelle keessi ishii gonkumaa hin jijjiramu,
hin badu.1
Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan:
“Dhugumatti ilma namaa keessa lafee gonkumaa ardiin (biyyeen) hin
nyaannetu jira. Guyyaa Qiyaamaa ishii irraa [qaamni ilma namaa]
lamuu ijaarrama.” Namoonni ni jedhan, “Lafee tami (kami) Yaa
Ergamaa Rabbii?” Innis ni jedhe, “Ajbu az-zanabi (lafee eegeeti)” Sahih
Muslim 2955 c
Namoonni du’aan booda kaafamu shakkan haala du’aan booda itti
kaafaman beeku yoo barbaadan, sanyii biqiltootaa haa ilaalan. Akkuma
yeroo bonaa biqiltoonni goganii dameen, baalli, jirmii fi sanyiin isaanii
biyyee keessatti bututuu fi bittinnaa’u, namnis erga du’ee booda rifeensi,
gogaan, foonii fi lafeen isaa biyyee keessatti bututanii bittinnaa’u.
Biqiltoonni dameen, jirmii, baalli fi sanyiin isaanii erga bututee fi
1 M’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/63,60-70
~ 15 ~
bittinaa’e booda maaltu hafaa? Dhugumatti sanyiin ykn hundeen hiddaa
ni hafa. Haaluma kanaan, rifeensi, gogaan,fooni fi lafeen namaa erga
bututanii booda, lafeen xiqqoon sanyii biqiltootaatin wal fakkaatu ni hafti.
Lafeen xiqqoon tuni ajbu az-zanabi (lafee eegeeti). Lafeen eegee tuni
lafee gara taa'a irratti argamtuudha. Fakkii armaan gadi irraa ilaalun ni
danda’ama:
Akkuma sanyii biqiltootaa irratti bishaan roobsun sanyiin kuni hiddaa fi
jirma godhachuun lafa keessaa ol bahu, Guyyaa Qiyaamaas lafee eegee
tana irratti bishaan roobsun qaamni namaa ni ijaarrama. Mee ilaali,
Rabbiin subhaanahu sanyii biqiltuu xiqqoo tana irraa muka guddaa jirmaa
fi damee qabu baasa. Guyyaa Qiyaamas lafee xiqqoo tana irraa qaama
namaa harkaa lugaa, afaani funyaan qabu ijaara. Mee kana ilaalchise
hadiisa keessatti wanta dhufe haa ilaallu:
Abu Hureeyran akka dabarsetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“Afuuffi xurumbaa lamaan jidduu afurtama jira.” [Namoonni Abu
Hureeyraa marsan] ni jedhan, “Yaa Abu Hureyraa, guyyaa afurtamaa
jechuu keeti?” Innis ni jedhe, “Homaa jechuu hin danda’u”, Ni jedhan,
“Ji’a afurtama jechuu keeti?” Innis ni jedhe, ‘Homaa jechuu hin danda’u’
Isaanis ni jedhan, “Waggaa afurtama jechuu keeti?” Innis ni jedhe,
~ 16 ~
‘Homaa jechuu hin danda’u’
‘San booda Rabbiin bishaan samii irraa ni buusa. Ergasii akkuma
kuduraan (baaqelan, atarri) biqilu isaanis (namoonnis) ni
biqilu. Nama irraa wanti hin tortorre hin jiru lafee takkatti malee.
Lafeen sunis Ajbu az-zanabi (lafee eegee)” jedhamti. Guyyaa
Qiyaamaa lafee tana irraa uumamni [namaa] ni ijaarrama.’” Sahih
Muslim 2955 a
Qur’aana irraa kana ilaalchise aayata dabalataa ilaalun ni danda’ama:
رهجخ ﴿ هته ٱمهن لح ٱيخ هت ٱويخخرهجخ لمي ح ه ٱمهن لمي رض ٱويخحه ل
بعد ل
ون رجخ هك تخ هها وكذل ﴾١٩موت
“Du’aa keessaa jiraataa baasa, jiraataa keessaas du’aa baasa,
dachiis du’a ishiitiin booda ni jiraachisa. Akkuma kana isinis
baafamtu.” Suuratu Ar-Ruum 30:19
Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa du’aa keessaa jiraataa baasa, kan akka
killee keessaa allaatti baasu, sanyii gogduu keessaa biqiltuu baasu.
Ammas, jiraataa keessaa du’aa baasa, kan akka lukkuu keessaa killee
baasu. Dachii duutes bishaan itti roobsun jiraachisa. Yaa namoota! isinis
Guyyaa Qiyaamaa akkuma kana qabrii keessaa ol baafamtu.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa du’aa keessaa jiraataa baasu irratti
Danda’aa waan ta’eef, Guyyaa Qiyaamaas lafee duute keessaa nama ni
baasa. Akkuma bishaan itti roobsun sanyii biqiltuu gogduu taate irraa
baala, jirmaa fi damee baase, Guyyaa Qiyaamaas bishaan itti roobsun
lafee xiqqoo san irraa qaama namaa harkaa luka, afaani funyaan qabu
baasa. Dachii keessatti qaama uumee erga guute booda xurunbaan akka
afuufamu ajaja. San booda afuuffi kanaa irraa ruuhin qaamatti seenti.
Ergasii qabrii keessaa ol yaa’un gara iddoo wal gahiitti oofamu.
Guduunfaa: Du'aan booda kaafamuun haqa shakkiin keessa hin jirreedha. Namni kana
yoo shakke waa afur haa ilaalu:
~ 17 ~
1ffaa-Beekumsa Rabbii subhaanahu wa ta'aalaa-Rabbiin wantoota hundaa
waan beekuuf wanti Isa jala miliqu tokkollee hin jiru. Lakkoofsa namoota
du'anii fi lafeen isaanii eessatti akka bittinoofte sirritti beeka.
2ffaa-Dandeetti Rabbii subhaanahu wa ta'aalaa- samii fi dachii garmalee
gurguddatanii fi wantoota isaan keessa jiran Kan uumee namoota du'an
kaasun Isa dhibaa?
3ffaa-Wantoota guyyaa guyyaan deddeebi'an ilaalu-innis biqiltoota
goganii erga bututanii booda sanyii ykn hundee hiddaa irraa biqilchu fi
magarsu. Kan sanyii gogduu irraa biqiltootaa biliyoonatti lakkaawaman
guyyaa guyyaan biqilchu, lafee xiqqoo irraa qaama namoota biliyoonatti
lakkaawamanii biqilchuun Isatti ni ulfaataa? Ammas, namoota guyyaa
guyyaan dhalatan haa ilaalu. Copha bishaan saalaa xiqqoo irraa nama Kan
uumee, lafee xiqqoo irraa lamuu uumuun homaa Isatti hin ulfaatu.
Qur'aana keessatti:
إهن ﴿ دة م إهل كنفس وحه م ول بعثخكخ كخ ير لل ٱما خلقخ بصه ﴾٢٨سمهيعخ
“Uumamni keessanii fi kaafamni keessan akka nafsee (lubbuu)
takkatti malee homaayyu miti. Dhugumatti Rabbiin Dhagahaa,
Argaadha.” Suuratu Luqmaan 31:28
4ffaa-Qorannoo fi jazaaf du'aan booda namoota yoo hin kaasin, isaan
uumuu fi qormaatun tapha ta'a. Zaalimonni (namoonni cunqursaa
hojjatan) zulmii isaaniitiif osoo hin adabamin du'an baay'eedha.
Namoonni cunqurfamaniis osoo haqa hin argatan du'an baay'eedha.
Kunniin hundi akkanumatti du'anii achumaan ni baduu? Kuni gonkumaa
hin ta'u. Kanaafu, zaalimonni akka adabamanii fi namoonni toltu hojjatan
akka badhaafamaniif du'aan booda kaafamun dirqama.
~ 18 ~
Namni du’aan booda kaafamuu yoo shakke waa afur haa
ilaalu:
Beekumsa Rabbii
Dandeetti Isaa
Wantoota Rabbiin guyyaa guyyaan uumu
Namoota yoo hin kaasin haqummaan akkamitti
dhaabbachu danda’aa?
Cunqurfamaan osoo haqa isaa hin argatin, cunqursaan
(zaalimni) osoo hin adabamiin akkanumatti du’anii hafuun ni
jiraa?
~ 19 ~
Warri Ergamtoota Kijibsiisan dachii irraa xuruuramu
(duguugamu)
Kutaa darbe keessatti ragaalee du'aan booda kaafama agarsiisan erga
dhiyeesse booda kutaa kana keessatti jechoota gaggabaaboon seena
keessatti namoota sababa badii fi kufrii isaaniitiin addunyaa irraa
xuruuraman dubbata.
“Isaaniin dura ummanni Nuuh, warri Eelaa (Biirii) fi Samuud
kijibsiisan. Aad, Fira’awnaa fi obboleeyyan Luuxis. Warri Bosonaa,
ummanni Tubba’i, hundi isaanitu Ergamtoota kijibsiisan. Kanaafu,
wa’iid (zaachan) Kiyya ni mirkanaa’e.” Suuratu Qaaf 50:12-14
Qureeshota irraa mushrikoota kanniin dura ummanni Nuuh, warri Eelaa,
Samuud, Aad, Fira’awna, ummanni Luux, warri bosonaa, Ummanni
Tubba’i kijibsiisanii jiru. Hundi isaaniitu Ergamtoota kijibsiisanii jiru.
Zaachan Rabbiin sababa kufrii isaaniitif isaanitti zaate isaan irratti
mirkanaa’e.1
Akkuma kutaa darbe keessatti ilaalle suuran tuni dhimmoota lama
kaafironni dinqisiifatanii fi morman dhiyeessiti: 1ffaa-Isaan keessaa
Ergamaan nama ta’e isaanitti dhufu. 2ffaa-Qaamni isaanii erga badee
booda Guyyaa Qiyaamaa qorannoo fi jazaaf kaafamu
Aayaanni (keeyyattoonni) armaan olii kunniin dhimmoota sadii of
keessatti qabachuun dhufan:
1 Tafsiiru Muyassar-518
~ 20 ~
Dhimmi 1ffaan-Ergamaan Rabbii Muhammad (SAW) seenaa ilma namaa
keessatti Ergamaa jalqabaati miti. Isa dura ergamtoonni baay’een
ummattoota garagaraatti dhufanii jiru. Kanaafu, Ergamaan nama waan
ta’eef wanti nama dinqisiisu hin jiru. Sababni isaas, uumamtoota Isaa
keessatti kuni seera Rabbii deddeebi’uu fi hin jijjiramneedha. Akkasumas,
wanta ogummaan walitti galuudha. Osoo Ergamaan nama hin taane dhufe,
isa erguun ogummaa guutuu faallessa.
Sila Rabbiin azza wa jalla namoota irraa Nuuhin, Huudin, Saalih, Muusaa,
Haarun, Luux, Shu’ayb hin erginee? Ergamtoonni kunniin hundi namoota
turan. Kanaafu, dinqisiifachuun maaliif barbaachisee?
Dhimmi 2ffaan-Namoonni Ergamaa Rabbii Muhammadin (SAW)
kijibsiisan seenaa ilma namaa keessatti namoota jalqabaati miti. Isaaniin
dura ummattoonni baay’een ergamtoota isaaniitii fi oduu Guyyaa Murtii
kijibsiisan darbanii jiru. Dubbiin isaanii dubbii namoota Nabii
Muhammadin (SAW) kijibsiisaniin wal fakkaata. Yaanni, nafsee fi qalbiin
isaanii wal fakkaatu.
Sila isaaniin dura ummanni Nuuh, ummanni Huud, Ummanni Saalih,
Fira’awnaa fi ummanni isaa, ummanni Luux fi ummanni Shu’ayb hin
kafarree?
Dhimmi 3ffaan: kijibsiistoota jalqabaa keessatti seerri Rabbii, kufrii
isaanii yoo itti fufan, adabbii fi balleessuun isaanitti zaatuu fi haalli isaan
irra gahan adabbii itti buusu yoo ta’ee zaachaa kana isaan keessatti hojii
irra oolchudha. Kunis kan ta’u yommuu haalli isaanii haala abdi
murachiisu ta'uu fi balleessaan isaanii dachii keessatti baay’atuudha.
Namoonni Muhammadin (SAW) kijibsiisan seerri Rabbii kuni isaan irratti
hojii irra kan oolu ta’a. Kanaafu, yommuu haalli isaanii haala abdii
murachiisaa irra gahee fi dachii keessatti balleessaan isaanii baay’ate
badiinsa isaanii haa eegan.
Garuu haalli mushrikoota Nabii Muhammadin (SAW) kijibsiisanii
sadarka kana irra hin geenye. Kanaafi, Rabbiin adabbii wali galaa isaan
~ 21 ~
hunda balleessu isaanitti hin buusne. Kana irra, isaan keessaa namoota
dhuunfaa adabe. Dirree lolaatti diinota Isaa irratti waliyyoota Isaa
gargaare.
Seerota Rabbii keessaa seera kana asitti dhiyeessuun kijibsiistootaaf
akeekachisaa fi zaachadha. Yeroo haalli isaanii sadarkaa adabbiin wali
galaa isaaniif malu irra gahu, Rabbiin akkuma ummattoota darban
balleesse isaaniis balleessa. Seera kana isaan irratti hojii irra oolchu irraa
kan dhiifamanii miti. Seerri Rabbii jijjirraa hin qabu.
Rabbiin azza wa jalla aayaata tanniin keessatti ummattoota saddeet sababa
kufrii fi balleessaa isaaniitiin badan ni dhiyeessa. Ummattoonni kunniin
Ergamaan Rabbii akkuma isaanii nama ta’u ni dinqisiifatan, dhimma
Guyyaa Murtii kaafamu ni fageessan (akka hin danda’amnetti ilaalan).
1-Ummata Nuuh-ummata jalqabaa Nabii Nuuhin kijibsiisaniidha.
Du’aan booda kaafamu ni fageessan. Kanaafu, sababa kufrii isaanitiin
dachii irraa ni xuruuraman (ni badan).
2-Warra Rass (eelaa)-Ergamaan isaan keessaa ta’e isaanitti dhufuu fi
oduu du’aan booda kaafamu dinqisiifachuu keessatti haalli namoota
kanaas haala ummata Nuuh (aleyh salaam) ta’uun waan hin hafneedha.
Ergamaa Gooftaa isaanii irraa dhufe ni kijibsiisan. Kanaafu, warra badan
keessaa ta’an.
3-Samuud- kuni ummata Nabii Saalih (aleyh salaam) itti ergameedha.
Ergamaan isaan keessaa ta’e isaanitti dhufuu fi oduu du’aan booda
kaafamu dinqisiifachuu keessatti haalli namoota kanaas haala ummata
Nuuh (aleyh salaam) kan ta'eedha. Iddoon jireenya isaanii lafa Arabaa
irraa bakka Hijr jedhamtuudha. Yeroo ammaa مدائن صالح (Madaa’in
Saalih) jedhamun beekkamti. Ummanni kuni Ergamaa isaanii ni
kijibsiisan. Kanaafu ni badan.
4-Aad-kuni ummata Nabii Huud (aleyh salaam) ta’aniidha. Akkuma
ummata Nuuh ergamaan isaan keessaa ta’e isaanitti dhufuu fi oduu du’aan
booda kaafamu ni dinqisiifatan. Iddoon jireenya Aad lafa Arabaa irraa
bakka Ahqaaf jedhamuudha. Ummanni kunis nabiiyyi isaanii waan
kijibsiisaniif dachii irraa ni duguuggaman.
~ 22 ~
5-Fira’awna-asitti ummata osoo hin dubbatin Fira’wna qofa dubbate.
Sababni isaas, ummanni isaa isa hordofu. Ilaalcha isaa malee ilaalcha biraa
hin qaban. Osoo inni amane ni amanu turan. Inni ummata isaa hunda bakka
bu’a. Yommuu jecha takka jedhu isaaniis ni jedhu. Fira’awnaa fi ummanni
isaa Nabii Muusaa fi Haarunin waan kijibsiisaniif ni badan.
6-Ummata Luux-ummanni kuni ummata ganda iddoo galaana du’aa
(dead sea) jirtu keessa jiraataa turaniidha. Ergamaa isaaniiti fi Guyyaa
Qiyaamaa kijibsiisuu waliin badii fokkuu hojjachaa waan turaniif Rabbiin
iddoo jireenya isaanii isaan irratti gadi garagalche. Balleessaa hamaa isaan
balleesse.
7-Warra Bosonaa (As-haabul Aykati)-isaan kuni warra Madiyan
jedhamuun beekkamu. Nabiyyiin isaanitti ergame Nabii Shu’ayb (aleyh
salaam). Haalli isaaniis haalla ummata Nuuh, Aad, Samuuditi.
8-Ummata Tubba’i-Isaan kuni immoo Araba Yaman irraayyi. Tubba’i
maqaa nama biyyoota Yaman hunda bulchaa tureef kennamuudha.
Ummanni Tubba’is ergamaa isaanitti ergamee ni kijibsiisan.
“hundi isaanitu Ergamtoota kijibsiisan. Kanaafu, wa’iid (zaachan)
Kiyya ni mirkanaa’e.”
Ummanni armaan olitti eeraman hundi Ergamtoota Rabbiin isaanitti erge
ni kijibsiisan. Kanaafu, zaachaa fi adabbiin Rabbii isaan irratti bu’e.
Zaachan kuni zaacha ergamtoonni Gooftaa isaanii isaan akeekachiisaa
turaniidha. Kanaafu, dhugaa ta’ee argame. Warri beekumsa qabu ittiin
gorfamu.1 Wa’iid-jechuun zaachaa, itti dhaadachu, adabbii waadaa
galuufi.
1 Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/72-79
~ 23 ~
Ragaa Dabalataa Du’aan Booda Kaafamu Agarsiisu
Jalqaba uumuu Kan danda'e lamuu deebisuun itti ulfaataa?
ه ﴿ فعيهينا ب ٱ للقه ٱأ وله
هن ل م فه لبس م يد بل هخ ﴾١٥خلق جده
“Sila uuminsa jalqabaatiin ni dadhabnee? Lakki! Isaan uuminsa
haarawa irraa shakkii keessa jiru.” Suuratu Qaaf 50:15
Uumama jalqabaa homaa hin turre uumuu dadhabnee jirraa? Ergasii erga
badanii booda isaan deebisuu ni dadhabnaa?
Dhugumatti beekumsa Rabbii keessatti malee hundemaa uumamtoonni
uumamuun dura kan hin jirre turan. Ergasii haala qadaa fi qadaraan walitti
galuun uuminsi jalqabaa ni guuttamee. Kanaafu, uumama jalqabaatin
uumamtoonni dhimma dhugaan mul’atan ta’an. Khaaliqni guddaan olta’e
uumamtoonni kan hin jirree erga ta’anii booda uumama jalqabaa
argamsiisu irraa dadhabee jiraa? Deebiin kanaa: Dhugumatti Khaaliqni
uuminsa jalqabaa keessatti uumamtoota argamsiisu hin dadhabne.
Yeroo jalqabaa nama uumuu Kan hin dadhabne akkamitti lamuu isa
uumuu dadhabaa? Lakki, kuni Isa hin dadhabsiisu. Garuu isaan dhimma
du’aan booda kaafamuu ilaalchisee dhama’iinsaa fi shakkii keessa jiru.
Namoonni du’aan booda kaafamu kijibsiisan Rabbiin subhaanahu jalqaba
uumuu akka hin dadhabne kan shakkanii miti. Garuu qabrii isaanii
keessatti erga badanii fi bututanii booda uumiinsa haarawa isaan uumuu
irratti Dandeetti Rabbii irraa shakkii keessa jiru.
Namoonni kunniin Khaaliqni uumiinsa jalqabaa keessatti kan hin
dadhabne ta’uu yoo amanan, uuminsa lammataa (haarawaa) keessattis kan
hin dadhabne ta’uu amanuun isaan irraa eeggama. Kuni wanta dirqamaan
barbaachisuudha.
~ 24 ~
Wanta tokko jalqaba irratti uumuu kan danda’e, wanti suni erga
badeen booda deebisee uumuu irratti danda’aadha.1
Mobaayili jalqaba hojjachuu kan danda'e, lamuu hojjachuu ni dadhabaa?
Khaaliqni guddaan waan hundaa irratti danda’aa ta’e namoota jalqaba
uumee ergasii lamuu isaan uumuu ni dadhabaa? Gonkumaa hin dadhabu.
Kutaalee qaamaa xixxiqoo hunda dachii keessa badan tokkoon tokkoon
walitti qabuun qaamatti deebisee qaama guutuu ijaarun akka ulaagaatti hin
kaa’amu. Kana irra, qaama isaanii irraa haftee hin banne “Ajbu az-zanabi
(lafee eegee)” jedhamtu gahaadha. Lafeen tuni lafee xiqqoo gara taa’aa
irratti argamtuudha. Akkuma maniyyi (ispermii) xiqqaa irraa qaama guutuu
kana ijaare, yeroo kaafamaas lafee xiqqoo tana irraa qaama guutuu ijaara.
Guduunfaa
✒Ummattoonni darban sababa Ergamtoota isaaniitii fi du'aan booda
kaafamu kijibsiisaniif addunya tana irraa ni xuruuraman (ni badan).
Guyyaa Murtii immoo adabbii san caalutu isaan eeggata. Kanaafu,
namoonni sammuu qaban isaan irraa barnoota fudhachuun wanta isaan
hojjatan hojjachu irraa of eegu.
✒Uumamtoota jalqaba uumuu Kan danda'e, erga badanii booda lamuu
isaan uumuu ni dadhabaa?
✒Erga du'anii booda namoota lamuu uumuun wanta Rabbiin irratti
ulfaatu miti. Baay'ee salphaadha. Qur'aana keessatti: “Inni uuminsa
Kan jalqabu, ergasii deebisuudha. Suni (deebisuun) Isa irratti
baay’ee salphaadha.” Suuratu Ar-Ruum 30:27
1 Tafsiiru Muyassar-518, Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/80-
82, Tafsiiru Xabarii-21/420
~ 25 ~
Qorannoof Wantoota Barbaachisan Du’aan booda kaafamuu ragaaleedhaan erga mirkaneessee booda, itti aansun
qorannoo fi jazaaf wanta barbaachisu dubbate. Dhugumatti, ilma namaa
qorachuu fi jazaa isaaf kafaluuf hojiin isaa galmaa’u qaba. Aayaata armaan gadi
keessatti dhugaa kana ifa baasa:
“(16)-Dhugumatti, nama uumneerra. Wanta nafseen isaa isaatti
hasaastus ni beekna. Nuti hidda dhiigaa caalaa gara isaatti
dhiyoodha. (17)-Mirgaa fi bitaa irra taa’anii yeroo fuutonni lamaan
[jecha fi hojii] fuudhan. (18)-Namni jecha homaatu hin dubbatu isa
bira tiiksaa [galmeessuf] qophaa’e yoo jiraate malee.” Suuratu Qaaf
50:16-18
“Dhugumatti, nama uumneerra.” Khaaliqni guddaan ilma namaa kana haala ajaa’ibaa irratti erga uumee,
wanta isa keessatti adeemsifamu, hojii fi dubbii isarraa bahu, hasaasa
nafsee fi yaada sammuu hunda beeka. Uumaan wanta uumee sirritti
beeka. Bakka biraatti ni jedha:
و ﴿ ل يعلمخ من خلق وهخ ﴾١٤لبهيخ ٱ للطهيفخ ٱأ
“Inni kan uume hin beeku sila? Inni Al-Laxiif, Al-Khabiir.” (Suuratu
Al-Mulk 67:14) “Inni kan uume hin beeku sila?” kana jechuun sila
Khaaliqni uumamtoota Isaa hin beekuu? Uumamtoonni keessa ofiitu kan
hin beekne ta’uu danda’u. Garuu Uumaan akkamitti isaan wallaalaa?
Hidda dhiigaa qaama keeti hunda kan uume, qalbii, qoma, sammuu fi
kutaalee qaama kee hunda kan uumee Isa. Inni akka hargantu waan si
dandesiseef ni harganta, kutaaleen qaama keetii akka hojjatan kan taasise
Isa. Kanaafu, akkamitti wanti dhoksitan, ifa baastanii fi qoma keessan
~ 26 ~
keessa jiru Isarraa dhokataa? Kana waliinu, “Inni Al-Laxiif, Al-Khabiir”
dha. Hiika Al-Laxiif keessaa tokko, wantoonni hanga fedhan haa
xiqqaatan ykn haa haphatan, wanta hundaa kan beekudha. Xiqqeenya irraa
kan ka’e, wantoonni ija namaatin hin mul’anne baay’etu jiru. Wantoota
kanniin hunda Rabbiin Guddaan ni beeka. Beekumsi Isaa wantoota hunda
dhaqqaba. “Al-Khabiir” jechuun immoo keesso fi iccitii wantoota hundaa
kan beekudha. Dhimma keessaa fi garmalee dhokate hunda beeka.1
“Nuti hidda dhiigaa caalaa gara isaatti dhiyoodha.” Beekumsa
keenyaan hidda dhiigaa caalaa isatti dhiyoodha.
Kuni kan agarsiisuu beekumsi Rabbii waan hunda kan haguuge ta’uudha.
Wanta namni nafsee ofii keessatti hasaasu fi sammuu keessatti yaadu
hunda ni beeka. Dubbii ifatti dubbatuu fi hojii hojjatu immoo daran beeka.
Kuni namni Gooftaa isaa irraa akka saalfatu fi wanta Inni hin jaallanne
yaadu fi hojjachuu irraa akka of eegu isatti akeeka. “Rabbiin wanta ani
qalbii kiyya keessatti dhoksee hunda ni beeka” jechuun yoo amane, wanta
badaa irraa of qusata.
Beekumsa Isaa waan hundaa haguuge waliin Rabbiin malaykoota lama
hojii fi dubbii namaa galmeessan kaa’e jira:
“Mirgaa fi bitaa irra taa’anii yeroo fuutonni lamaan [jecha fi hojii]
fuudhan.”
Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa yeroo malaykoonni lama mirgaa fi bitaa
irra taa’anii jechaa fi hojii namaa fuudhan hidda dhiigaa caalaa isatti
dhiyoodha. Malaykaan tokko gara mirgaa namaatin taa’un hojii gaarii
galmeessa. Malaykaan biraa immoo gara bitaatin taa’un hojii badaa
1 Tafsiiru Sa’dii-fuula 1034, Ma’aarij Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabbur 14/623,
Bidaa’u Tafsiir-ibn Al-Qayyim 3/173
https://www.englishtafsir.com/Quran/67/index.html#sdfootnote21sym
~ 27 ~
galmeessa. Malaykoonni kunniin hanga du’aatti isarraa addaan hin bahan.
Qa’iid-kan namatti maxxanu, isarraa adda hin bahu.1
“Namni jecha homaatu hin dubbatu isa bira tiiksaa [galmeessuf]
qophaa’e yoo jiraate malee.”
Namni jecha homaatu hin dubbatu isa bira malaykaan jecha isaa eeguu fi
galmeessu yoo jiraate malee. Inni malaykaa nama waliin jiru kanaaf
qopheefameedha. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:
“Dhugumatti, isin irra eegdotatu jira. Kabajamoo barreessitoota
ta’an. Wanta isin hojjattan hunda ni beeku.” Suuratu Al-Infixaar
82:10-12
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama hundaafu malaykoota lama bitaa
mirgaan kitaaba Guyyaa Qiyaama isaaf kennamu keessatti jecha fi hojii
isaa galmeessan ramadee jira. Guyyaa Qiyaamaa kitaabni kuni isaaf
kennamuun akkana isaan jedhama:
ٱ﴿ك قرأ هنفسه يبا لوم ٱكهتبك كف ب ﴾١٤عليك حسه
“Kitaaba kee dubbisi. Har’a ati mataan kee of irratti herregaa
ta’uuf gahaadha.” Suuratu Al-Israa 17:14
Guyyaa Qiyaamaa kitaabni hojiin namootaa keessatti galmeefame haala
lamaan isaaniif kennama:
1-Gareen tokko kitaabni isaanii gara fuula duraatin mirga isaaniitiin
isaaniif kennama. Isaan kuni mu’mintoota (warra dhugaan Rabbii
olta’aatti amananii fi Isaaf ajajamaniidha).
2-Gareen biraa immoo gara dugdaatiin bitaa isaanitiin kitaabni isaaniif
kennama. Isaan kuni kaafirota (namoota Rabbii olta’aatti hin amanne fi
Isaaf hin ajajamne).
1 Tafsiiru Xabarii-21/422, Tafsiiru Muyassar-519, Ma’aariju at-tafkuri wa
daqaa’iqu at-tadabburi 3/88
~ 28 ~
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa malaykoota lamaan kanniin amaloota
afuriin ibse:
Amala 1ffaa: wanta namni hojjatu fuudhanii galmeessu. Akka meeshaa
waraabbi wanta namni hojjatu fi dubbatu galmeessuti. Kaameraan wanta
namni hojjatu fi dubbatu hunda fuudhee ulfaatinna tokko malee
galmeessa. Malaykoonnis ulfaatinna tokko malee wanta namni hojjatu fi
dubbatu fuudhanii galmeessu. Tarii namni dhokatee yakka hojjachuu
danda'a. Garuu osoo inni hin argin kaameraan bakka wayiitti suuqame
hojii isaa hunda galmeessa. Nuti malaykoota ijaan arguu hin dandeenyu.
Garuu isaan bakka nuti hin argine irraa dubbii fi hojii keenya ni
galmeessu. Kanaafu, namni hojii fi dubbii isaa keessatti of eeggachuu
qaba.
Amala 2ffaa: Bakka wayii ta’uun nama waliin taa’u, isatti maxxanu,
isarraa adda hin bahan. Malaykan tokko gara mirga isaatiin, kan biraa
immoo bitaa isaatin taa’a.
Amala 3ffaa: Tiiksadha. Kana jechuun hojii fi dubbii nama irraa bahu
galmeessuuf dammaqinnaan kan eegudha.
Amala 4ffaa-Qophaa’adha. Kana jechuun hojii isaa hojjachuuf garmalee
cimaa fi kan qophaa’edha.1
Namni wanta dubbatuuf akka qabamuu hadiisa keessattis dhufee jira:
Mu’aaz akkana jechuun Ergamaa Rabbii (SAW) gaafate: Yaa Nabiyyii
Rabbii! Sila nuti wanta dubbannuuf ni qabamnaa?” Nabiyyinis ni jedhan:
Yaa Mu’aaz!Haati tee si hin argatin. Haamaa arraba isaanii malee wanti
biraa namoota fuula isaaniitiin ibiddarratti gonbisuu ni jiraa?” Ibn Maajah
3973, Jaami’u Tirmizi 2626
Haamaa arrabaa-kana jechuun dubbii badii fi Rabbiin faallessuun keessa
jiru irraa wanta arrabni isaanii haammate. Kuni arraba haamtun, dubbii
immoo wanta haamamuun wal fakkeesse. Akkuma beekkamu haamtun
midhaan faayda qabus ta’i dobaa miidhaa qabu ni haamti. Haaluma kanaan
arrabnis dubbii faayda qabuu fi dubbii miidhaa qabu ni dubbata.
1 Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/89-90
~ 29 ~
Hadiisa sahiih ta’e keessatti Ergamaan Rabbiin sallallahu aleyh wassallam
akkana jedhan: “Dhugumatti, namni tokko osoo xiyyeefannoo itti hin
kenniin jecha Rabbiin gammachiistu ni dubbata, sababa saniin
Rabbiin sadarkaa isaa olkaasa. Namni tokko osoo xiyyeefannoo itti
hin kenniin jecha Rabbiin dallansiistu ni dubbata, sababa saniin
Jahannam keessatti darbama.” Sahiih Al-Bukhaari 6478
Malaaykonni lama namatti maxxanuun hanga du’aatti
hojii fi dubbii namaa galmeessu:
Malaaykan tokko gara mirgaatin taa’un hojii fi dubbii
gaarii galmeessa. Kan lammataa immoo gara bitaatiin
taa’un hojii fi dubbii badaa galmeessa.
Akkuma kaameraan ulfaatinna tokko malee hojii fi dubbii
namaa waraabu, malaaykonni kunniinis hojii fi dubbii
namaa waraabu. Guyyaa murtii kitaabni isaan hojii fi
dubbii namaa itti galmeessaa turan nama kanaaf kennama.
Namni kuni mu’mina yoo ta’e mirgaan isaaf kennama.
Kaafira yoo ta’e immoo bitaan isaaf kennama.
~ 30 ~
Machiin Du’aa Dhufuu fi Haguuggin Saaqamu Dhugumatti namni qoratamuu fi jazaa guutuu argachuuf riqicha tokko
darbu qaba. Riqichi (dildilli) kuni maal akka ta'e beektu? Dhugumatti,
riqichi kuni du'a. Riqicha kana erga ce'ee booda yeroo muraasaf ni tura.
Ergasii kaafamuun gara iddoo qorannootti oofama. Aayaatni
(keeyyattonni) armaan gadi dhugaa kana ifa godhu:
“(19)-Machiin du’aa haqaan dhufte. “Kuni waan ati irraa dheessaa
turteedha.” [jedhama]. (20)-Xurunbaan ni afuufama. Suni Guyyaa
wa’iidati. Nafseen hundi oofaa fi ragaa bahaan ishii waliin ta’ee ni
dhufti. (21)-Dhugumatti kana irraa gaflaa keessa turte. Haguuggi
kee sirraa saaqna, kanaafu har'a argituun tee qara.” Suuratu Qaaf
50:19-21
“Machiin du’aa haqaan dhufte” Jabeenyi fi haguuggin du’aa haqa
deebisuu fi jalaa miliquun hin jirreen dhufte. Ergamaan Rabbii (sallallahu
aleyh wassallam) yommuu duuti itti dhuftu, harka bishaan keessa kaa’un
fuula isaa ittiin haxaawuun akkana jedhe: “Laa ilaah illallah (Dhugaan
Gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru.) Dhugumatti duuti machii qabdi.”
Sahiih Al-Bukhaari 6510
“Haqaan” hiika lama qaba:
1-Machiin du’aa du’a haqa ta’een dhufte. Duuti haqa eenyullee hin
shakkineedha. Osoo jireenya jaallachuun irraa dheesseyyuu duuti haqa
ta’u ni mirkaneefata.
2-Machiin du’aa dhimma Aakhirah irraa haqaan isatti dhufte. Dhimma
Aakhirah irraa wanta duraan namaaf ifa hin taane machiin du’aa isaaf ifa
gooti. Yeroo du’aatti haqni Rabbiin waadaa gale isatti mul’ata. Aa’ishah
~ 31 ~
irraa Muslim akka gabaasetti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“Namni Rabbiin qunnamuu jaallate, Rabbiinis isa qunnamu jaallata.
Namni Rabbiin qunnamu jibbe, Rabbiinis isa qunnamu jibba.”
Aa’ishaanis ni jette, “Yaa Nabiyyii Rabbii! Sila du’a jibbuudhaan moo?
Nu hundu du’a jibbina.” Nabiyyinis ni jedhan: “Akkasi miti. Garuu
mu’minni yommuu rahmata Rabbiitiin, jaalalaa fi Jannata Isaatiin
gammachiifamu, Rabbiin qunnamu jaallata. Rabbiinis isa qunnamu
jaallata. Kaafirri immoo yommuu oduun adabbii Rabbii fi dallansuu Isaa
isatti himamu, Rabbiin qunnamu jibba. Rabbiinis isa qunnamu jibba.”
Sahiih Muslim 2684
“Kuni waan ati irraa dheessaa turteedha.” Kana jechuun kuni du’a
irraa dheessaa turteedha. Kunoo amma sitti dhufe, jalaa miliquu fi sokkuun
hin jiru.1 Namni akka hin duunef yommuu dhukkubsatu qoricha fudhata,
mana yaalaa deema. Yommuu beela’uu fi dheebotu akka hin duunef ni
nyaata, ni dhuga. Wanta du’atti nama geessu hundarraa dheessa. Garuu
yommuu yeroon du’aa dhufu, gonkumaa du’a jalaa dheessu hin danda’u.
“Kunoo duuti ati irraa dheessaa turte haqaan sitti dhufte” isaan jedhama.
Du’uu jechuun achumaan baduu osoo hin ta’in ruuhin qaama irraa addaan
bahuun hanga yeroo murtaa’e bakka tokko turuudha. Hanga yeroo
murtaa’e erga turanii booda qorannoo fi jazaaf gara jireenya lammataatti
kaafamu. Kunis yeroo xurunbaan si’a lammataaf afuufamuudha:
“Xurunbaan ni afuufama. Suni Guyyaa wa’iidati.” Kana jechuun
kaafamaaf afuuffin lammataa ni afuufama. Suni Guyyaa Rabbiin
kaafiroota akka adabu waadaa galeedha. Jecha biraatin Guyyaa adabbiin
waadaa galame itti argamuudha.2 Wa’iid-zaachaa, itti dhaadachu, adabbii
waadaa galuufi.
“Nafseen hundi oofaa fi ragaa bahaan ishii waliin ta’ee ni dhufti.” Nafseen hundi malaaykan lama ishii waliin ta’ee dhufti. Malaaykan tokko
gara iddoo wali gahiitti (mahasharaatti) oofa, kan biraa immoo wanta
1 Tafsiiru Muyassar-519, Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/94-95,
Zaadul Masiir-1341, Ibn Al-Jawzi 2 Tafsiiru Qurxubii-19/443, Zaadul Masiir-1341
~ 32 ~
addunyaa keessatti hojjatteen ragaa irratti baha.1 Ergasii nama Guyyaa
Qiyaamaa kijibsiisaa fi irraa garagalaa tureen akkana jedhama:
“Dhugumatti kana irraa gaflaa keessa turte. Haguuggi kee sirraa
saaqna, kanaafu har'a argituun tee qara.” Kana jechuun addunyaa
irratti Guyyaa kana irraa gaflaa keessa turte. Gaflaa jechuun wanta tokkotti
xiyyeefannoo kennu dhiisudha. Guyyaa kana kan itti hin amannee fi isaaf
hin hojjannee turte. Haguuggi qalbii, dhageetti fi argituu kee haguuge
sirraa saaqna. Haguuggin kuni fedhii lubbuu, faaya addunyaa, sobaa fi kan
kana fakkaataniidha.
Namni Guyyaa Murtii kijibsiisuu jireenya addunyaa keessatti fedhiin
lubbuu fi dharraan isa ko’oomsanii jiru. Mallattoolee Rabbii samiii fi
dachii keessa jiranitti xiyyeefannoo hin kenniine. Ragaalee Guyyaa
Qiyaamaa agarsiisanii fi keeyyattoota (aayaataa) Rabbii bu’an irraa ni
garagalee, irraa dheesse. Kanaafu, ni jallate, gheybi (wanta hin
mul’annetti) hin amanne.
Garuu Guyyaa kaafamu Rabbiin argituu isaa haguuggamte irraa ni saaqa.
Kanaafu, wanta Guyyaa Murtii adeemsifamu sirritti arga. Guyyaan kuni
jireenya qormaataa keessa osoo jiru kan inni kijibsiisaa tureedha.2
1 Tafsiiru Muyassar-519 2 Tafsiiru Sa’dii-950, Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/99-101
Haguuggin qalbii haguugu:
Fedhii lubbuu
Faaya addunyaa
Badii, cubbuu, dilii
Sobaa fi kkf
Namni har’a haguuggi kana ofirraa kaasee haqa arguu dide, Guyyaa
Qiyaamaa haguuggin kuni irraa ka’uun haqa sirritti arga.
~ 33 ~
Guyyaa Qiyaamaa namoonni duraan kafaran (amanu didan), “Rabbii
keenya! Argine, dhageenye. Kanaafu, hojii gaarii hojjannaa nu
deebisi. Dhugumatti, nuti amma dhugaan amannee jirra.” Jedhu.
(Suuratu As-Sajdah 32:12) Garuu kuni homaa isaan hin fayyadu
Namni Guyyaa Qiyaamaatti hin amanne erga wanta hundaa sirritti argee
booda, gara qorannoo fi jazaa isaaf kafaluutti dabarfama:
ي عتهيدر ۥوقال قرهينخهخ ﴿ ﴾٢٣هذا ما ل
“Qindiin isaa (malaykaan) ni jedha, “Kuni wanta na biratti
qophaa’edha.” Suuratu Qaaf 50:23
Malaykaan addunyaa irratti namatti qindaa’un ykn maxxanuun hojii badaa
namni hojjatu galmeessaa ture, Gooftaa isaatiin ni jedha: wanta itti na
ramadde barreessee jira. Kunoo hojii badaa isaa irraa kuni wanta ani isa
irratti galmeessedha. Galmeen kuni osoo homaa hin hir’isinii fi itti hin
dabalin kan qophaa’ee na biratti argamuudha.”1 Ergasii Rabbiin azza wa
jalla haqaan ni murteessa. San booda akkana jechuun malaykoota lamaan
ajaja:
“(24)-Nama akkaan kafaraa, haqa didaa hunda Jahannam keessatti
darbaa. (25)-Garmalee kheeyri kan dhoorgu, daangaa darbaa,
shakkisiisaa [ta’e darbaa]. (26)-Kan Rabbiin waliin gabbaramaa
biraa godhe. Kanaafu, adabbii garmalee cimaa keessatti isa darbaa.”
Qaaf 50:24-26
Amaloota Kaafiraa Jahannamitti Darbamu Kaafirri Jahannam keessatti akka darbamu ajajame kuni amaloota armaan
gadi qaba:
1 Zaadul Masiir-1342, Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/102
~ 34 ~
Amala 1ffaa- “Kaffaar”- kana jechuun garmalee kan kafaruu, badii
baay’ee hojjatu. Haalli nama baay’isee kafaruu yommuu qoratamu, inni
nama ragaaleen iimaanaa isaaf dhiyeefamanii ragaalee kanniin dhoksee fi
awwaaledha. Nafsee isaa irratti dhiibbaa akka hin geessineef ragaalee
kanniin ni dhoksa, irraa garagala. Ragaalee kanniin yoo fudhate ni amana.
Erga amanee booda iimaanni (amanuun) fedhii isaa akka faallessu isa
dirqisiisa. Inni kana hunda waan hin barbaanneef haqa kijibsiisa.
Amala 2ffaa-“Aniid” kana jechuun osoo haqa beeku kan faallessu.
Akeekachisni adabbii isatti dhufa, garuu xiyyeeffannoo itti hin kennu.
Haqa fudhachuu diduu itti fufa. Osoo beeku sobaan haqa Rabbiin irraa
dhufe faallessa.
Amala 3ffaa-Kheeyri (waan gaarii) kan dhoorgudha- kana jechuun
inni doy’a qaama, qabeenyaa fi sadarkaa isaa irraa homaayyu hin
baasnedha. Karaa namoota toltuu hojjatanii keessa taa’uun hojii gaarii
hojjachu irraa isaan dhoowwa.
Akkasumas, ergaan Rabbii namoota keessa babal’achuu irraa ni
dhoowwa. Sababni isaas, haqaa fi wanti gaariin namoota keessa
babal’achuun aangoo inni gabroota Rabbii irratti qabuu fi mirga isaanii
sarbuu isa jalaa miliqsa. Karaa yakka isaa addaan kuta. Sababa kana
hundaaf jazaa Rabbiitti hin amanu.
Amala 4ffaa-“Mu’atad” kana jechuun daangaa darbaadha. Inni kheeyri
dhoorgu qofatti of hin qusatu. Kana irra, haqa namootaa irratti daangaa
darba. Qabeenya isaanii jalaa saama, kabaja isaanii keessattis isaan
arrabsa, maqaa xureessa. Qaama isaanis ni rukuta, ni madeessa, ni ajjeesa.
Loluun midhaanii fi beelladoota balleessa.
Amala 5ffaa-“Muriib” (Nama shakkiitti nama darbu)- jechi "muriib"
jedhu xumura “ jedhu irraa baafame. Araaba jechuun ”(araaba) أراب
shakkisiisu, akka shakku taasisuudha. Rabbii fi Guyyaa Aakhiratti kafaruu
qofarratti hin dhaabbatu. Kana irra, dhara isaatti fayyadamuun qalbii
namootaa keessatti shakkii darbuuf carraaqa. Dubbii faayun namoonni
amantii haqaa (Islaama) akka shakkan taasisa.
~ 35 ~
Amala 6ffaa: “Rabbiin waliin gabbaramaa biraa godhe.” Kana
jechuun Rabbii gaditti wanta biraa gabbara (waaqefata). Inni mushrika.
Namni amalli isaa kana ta’e adabbii Jahannamitti akka darbamu isaaf hin
maluu? Rabbiin azza wa jalla akka isa darban malaykoota lamaan ajaja:
“Kanaafu, adabbii garmalee cimaa keessatti isa darbaa.”1
Guyyaa Murtii Sheyxaanni Nama Ganuu Namni addunyaa tana keessa yommuu jiraatu uumamtonni gosa lamaa kan
inni ijaan hin agarre isatti qindaa'u. Uumamni tokko hojii isaa kan
galmeessu yommuu ta'u, uumamni biraa immoo wanta badaatti kan isa
kakaasu fi waamudha. Kutaa darbe keessatti malaaykonni lama nama
waliin ta'uun hojii namaa akka galmeessan ilaalle jirra. Kuni haqa hin
jijjiramneedha. Gama biraatin sheyxaanni badiitti nama kaasu nama waliin
jira. Akka dhiigni qaama keessa naanna'utti nafsee namaa keessa deemun
baditti waama. Mee wanta sheyxaanni kuni Guyyaa Murtii jedhu haa
ilaallu.
1 Ma’aariju at-tafakkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/108-110
Amala nama Jahannamitti darbamuu:
Baay’isee kafara
Haqa osoo beeku faallessa
Waan gaarii dhoowwa
Daangaa darba
Shakkiitti nama darba
Rabbii olta’aan alatti wanta biraa gabbara
~ 36 ~
"(27)-Qindiin isaa (sheyxaanni) ni jedha: Gooftaa keenya! Ani akka
daangaa darbu isa hin taasifne. Garuu inni jallinna fagoo keessa
ture.” (28)- [Rabbiin] ni jedha, “Na biratti wal hin falminaa. Ani
dursee wa’iid (zaacha) gara keessaniitti ergee jira. (29)-Jechi Na
biratti hin jijjiramu, Anis gabroota kan miidhu miti.” Suuratu Qaaf
50:27-29
Asitti qindiin sheyxaana addunyaa keessatti isatti qindaa’aa, isatti
hasaasaa, kufrii fi badii hojjachuutti isa kakaasaa tureedha. Sheyxaanni
kuni nama kana waliin adabbii cimaatti akka darbamu yommuu argu,
yakka nama jallisuu irraa of qulqulleessuuf carraaqa. Akkana jechuun
lallaba: “Gooftaa keenya! Ani akka daangaa darbu isa hin taasifne.
Garuu inni jallinna fagoo keessa ture.” kana jechuun Gooftaa keenyaa!
Hanga kufriitti kufuu akka inni daangaa darbu isa hin taasisne. Garuu
daangaa qajeelinnaa fi iimaanaa irraa jallinna fagoo keessatti isa argadhe.
Kanaafu, ani isa hordofee isatti hasaasu jalqabe.
Wal falmiin sheyxaanaa fi kaafira jidduutti ni uumama. Akka waan
kaafirri hiriyyaa isaa sheyxaanan akkana jedhuuti: “situ hasaasaa fi
dharraasisuu sobaa keetiin daangaa akka darbu na taasise.” Sheyxaannis
isaan ni jedha: Situ jallinna fagoo keessa ture. Ani si irratti aangoo
(too’annaa) hin qabu ture. Garuu si affeeraa ture, ati immoo naaf
awwaatte.” Isaan lamaan jidduutti falmii fi mormiin ni cima.1 Ergasii
Rabbiin olta’aan ni jedha:
1 Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/108-110
~ 37 ~
“Na biratti wal hin falminaa. Ani dursee wa’iid (zaacha) gara
keessaniitti ergee jira.”
Kana keessa faaydan waan hin jirreef bakka qorannoo fi jazaatti Ana
biratti wal hin falminaa. Nama kafaree fi Na faallesseef Aakhiratti adabbii
Kiyya arraba Ergamtoota irratti isinitti beeksiisee jira. Adabbii namoota
kafaraniif qopheesse kitaaba buusuu fi Ergamtoota erguun isinitti
beeksiisee jira.
“Jechi Na biratti hin jijjiramu,” Mindaa fi adabbii irraa wanta waadaa
galee keessatti jechi Na biratti hin jijjiramu.1 “Anis gabroota kan miidhu
miti.” Kana jechuun badii nama biraatin nama tokko hin adabu. Badii
nama tokkoo nama biraa irratti hin baachisu. Ragaan erga irratti dhaabbate
booda badii isaatin malee isa hin adabu.2
هنم هله ﴿ ولخ له ته ٱيوم نقخولخ هل مهن مزهيد متل ﴾٣٠وتقخ
(30)-Guyyaa Jahannamin, “Guuttamtee?” jennuun, ishiinis
“Dabalanni jiraa?” jettu.
Guyyaa Murtii kaafironni Jahannamitti akka darbaman ni ajajamu. Erga
darbamanii booda marsaan Jahannam itti gaafatamtu ni dhufa:
“Guuttamtee jirtaa?” jedhamuun gaafatamti. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa jinni fi namoota irraa Jahannamiin akka guutuu murteessee jira.
Jechi Gooftaa keeti, “Dhugumatti wali gala jinnootaa fi namoota
irraa ta’aniin Jahannamiin Nan guuta” jettu guuttamtee jirti.”
Suuratu Huud 11:119
Jahannam lubbuu tan hin qabne haa taatuyyu malee Rabbiin waan
hundaa dubbachiise ni dubbachiisa. Kuni Isarratti ulfaataa miti.
1 Zaadul Masiir-1343 2 Tafsiiru Muyassar-519, Tafsiiru Xabarii-21/443
~ 38 ~
Rabbiin azza wa jalla Jahannamin akkana jedha: “Guuttamtee jirtaa?”
Jahannamis ni jetti: “Dabalanni ni jiraa?”
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa guuttamu ykn guuttamu dhiisu ni beeka.
Garuu namoota achi keessa seenaniif waqqasaa fi jibbiinsa dabaluufi.1
Jannani Warra Taqwaa qabaniif dhiyeefamu
"(31)-Jannanis namoota Rabbiin sodaataniif ni dhiyeeffamti, fagoo
miti. (32)-Nama gara Rabbii deebi’aa, tiiksaa ta’e hundaaf, ‘Kuni
wanta waadaa galamtaniidha.' [jedhama]. (33)-Nama gheybiitti
Rahmaanin sodaatee fi qalbii deebituun dhufe. (34)-Nagahaan ishii
seenaa. Suni Guyyaa hafiinsaati. (35)-Achi keessatti isaaniif wanta
fedhantu jira. Nu bira dabalanni jira.” Suuratu Qaaf 50:30-35
“Jannanis namoota Rabbiin sodaataniif ni dhiyeeffamti, fagoo miti.” Jannanii bakka isaan irraa fagoo hin taanetti namoota Rabbiin sodaataniif
ni dhiyeefamti. Kanaafu isaan Jannata ni argu. Gammachuun isaaniif
dabalama.2
Jannani tuni kitaaba Rabbiin buusee fi arraba Ergamatootaa irratti wanta
isaaniif waadaa galamteedha. Haa ta'uu malee, waadaan kuni namoota
hundaaf waadaa kan galamee miti. Garuu nama amaloota gaggaarii
aayaata (keeyyattoota) tanniin keessatti dhufan qabaateef waadaa galamte:
Amala 1ffaa: “Awwaab”- gara Rabbii deddeebi’aa nama ta’e. Akkuma
badiin isa irraa mul’atuun tawbaan, gaabbii fi araarama kadhachuun gara 1 Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/113, Zaadul Masiir-1343 2 Tafsiiru Muyassar-519
~ 39 ~
Rabbii baay’isee deddeebi’a. Akkasumas, dafee gara Rabbii deebi’a.
Ma’asiyaa (badii) hojjachuu itti hin fufu.1
Amala 2ffaa: “Hafiiz (tiiksaa)”- wanta Rabbiin itti ajaje iklaasa fi haala
guutu ta'een hojjachuun kan eegudha (Fakkeenyaf salaata iklaasa fi
sirnaan salaatu itti fufa, gonkumaa addaan hin kutu). Akkasumas, daangaa
Rabbii ni eega. Nafsee ofii badiitti mucuceessu irraa ni tiiksa. Qalbii,
nafsee fi yaada isaa wanta gara Rabbiitti nama dhiyeessuun soora.
Namni qabeenya isaa tiikfatu, rakkoo fi balaan itti bu’uu ni sodaata.
Kanaafu, balaan akka itti hin buune ni tiiksa, akka baay’atuus
xiyyeeffannoo itti kenna. Namni tiiksaa ta’ees qalbii isaa badii irraa ni
tiiksa, ishii qulqulleessuu fi fooyyessuuf carraaqa.
Amala 3ffaa: Ghaybiitti Rahmaanin sodaachu- kuni hiika lama qaba:
1ffaa-Osoo ati Rabbiin ijaan hin argin Isa sodaachu. Isaan wal
qunnamuun dura addunyaa keessatti Rabbiin sodaachun Isaaf ajajamuu fi
ajaja Isaa hordofuu.
2ffaa- Rabbiin malee bakka dhoksaa eenyullee hin argineetti Rabbiin
sodaachu.2
Amala 4ffaa: “qalbii deebituun dhufuu”- kana jechuun qalbii gara
Gooftaa isaatti deebitun, badii irraa tawbatteen, araarama kadhatteen, gadi
of qabdee fi sodaattu taateen du’a isaatiin booda gara Gooftaa isaatti nama
dhufeedha.3 Jecha biraatin nama qalbiin isaa badii irraa tawbattee Guyyaa
Qiyaamaa Rabbiin qunnameedha. (Akka kaafiraa osoo hin tawbatin nama
du'e miti.)
Namoota amaloota kanniin qabaniin akkana jedhama: “Nagahaan ishii
seenaa.” Kana jechuun Jannata nagahaan seenaa. Sababni isaas, isaan
1 Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/116 2 Tafsiiru Sa’dii-951, Tafsiiru Xabarii-21/453, Tafsiiru Qurxubii-19/455 3 Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/117
~ 40 ~
adabbii Rabbii irraa nagaha ta’anii jiru.1 Erga achi keessa seenanii boodas
yaaddo, gadda, jijjirrama fi badii irraa nagaha ta’u.
“Suni Guyyaa hafiinsaati.” Kana jechuun Guyyaan warri Jannataa
Jannata keessa seenan guyyaa zalaalamii dhuma hin qabneedha. Jannata
keessa erga seenanii achi keessa yeroo hundaa jiraatu, gonkumaa hin
du’an, achi keessaa hin bahan, gara biraattis jijjiramu hin barbaadan.
“Achi keessatti isaaniif wanta fedhantu jira.” Wanti fedhiin isaanii itti
rarraate hundi achi keessatti argama. “Nu bira dabalanni jira.” Wanta
isaaniif kennine irratti dabalatee qananii dabalaatu jira. Kana keessaa
hundarraa guddaa kan ta’e gara Fuula Rabbii olta’aa ilaaludha.2
Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhan: “Yommuu
warri Jannataa Jannata seenan, Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa ni jedha:
isiniif dabalaa waa ni barbaadduu?” Isaanis ni jedhu: Fuula keenya hin
ibsinee, ibidda irraa nu baraarun Jannata nu hin seensifnee?” Ergasii Inni
(Rabbiin) haguuggi ni saaqa. Gara Gooftaa isaanii jabaa guddaa ta’e ilaalu
caalaa wanti isaan biratti jaallatamaa ta’e isaaniif hin kennamne.” Sahiih
Muslim 181 (Rabbii isaanii ilaalun wanta hunda caalaa isaan biratti
garmalee jaallatamaa kan ta’eedha.) Qur’aana keessatti:
“Fuulli [gariin] Guyyaa san ni ifu. Gara Gooftaa isaanii ilaalu.” Suuratu Al-
Qiyaamah 75:22
Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa rahmataa fi tola Isaatiin warra kana keessaa nu
haa taasisu.
1 Zaadul Masiir-1344 2 Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/113, Tafsiiru Ibn Kasiir 7/19,
Tafsiiru Sa’dii-952
~ 41 ~
Amaloota namoota Guyyaa Qiyaamaa Jannata seenanii:
Awwaab (gara Rabbiitti baay’isee kan deddeebi’uu)
Hafiiz (Wanta Rabbiin itti ajaje kan hojjatuu fi daangaalee
Isaa kan eegu)
Osoo addunyaa keessatti Rabbiin ijaan hin argin kan Isa
sodaatu. Akkasumas, bakka dhoksaa namni isa hin arginetti
Rabbiin sodaachuun badii irraa kan of qabu.
Guyyaa Qiyaamaa qalbii gara Rabbii deebiteen kan dhufu
~ 42 ~
Yeroo Adabbiin Bu’u Qabeenyi fi Humni Homaa Nama
hin Fayyadan
Namoonni yommuu qabeenya baay'ee fi humna cimaa horatan, balaa
kamiyyuu akka ofirraa deebisan godhanii yaadu. Kanaafi, dachii keessatti
wanta fedhan hojjachuu fi daangaa darbu barbaadu. Seenaa keessatti
dhaloonni qabeenyaa fi humna ofii dinqisiifachuun daangaa darban,
ergasii addunyaa irraa badan baay'eedha. Qabeenyi fi humni isaanii homaa
isaan hin fayyanne. Dhaloota sababa badii isaaniitiin addunyaa tana irraa
duguugaman irraa barnoota baay'ee fudhanna. Qur'aanni seenaa isaanii
dhiyeessun namoota ittiin gorsa. Mee haa ilaalu.
“Isaan dura dhaloota baay’ee humnaan isaan irra ciccimoo ta’anii fi
biyyoota keessa abuuran balleessine. Miliquun jiraa? Dhugumatti,
kana keessa nama qalbii qabuuf yookiin kan argamuu ta’ee gurra itti
kenneef yaadachiisatu jira.” Suuratu Qaaf 50:36-37
Mushrikoota Qureeshotaa dura dhaloota baay’ee balleessinee jirra.
Dhaloonni badan kunniin Qureeshota Muhammadin (SAW) kijibsiisan
caalaa humnaan ciccimoodha. “biyyoota keessa abuuran...” Kana
jechuun rizqii barbaaduuf, daldalaaf biyyoota keessa deddeeman. Humna
cimaa qabaniin dachii keessatti qonna, biqiltoota dhaabu, ijaarsa, gaarreen
jala qotu, jogolaa (dallaa) fi mooraa dhaabu ni hojjatan. Kanaafu,
Qureeshota caalaa dachii keessatti haftee ni hanbisan, lafa ni misoomsan.1
Yommuu isaan Ergamtoota Rabbii kijibsiisanii fi keeyyattooota Rabbii
morman, Rabbiin adabbii laalessaa fi cimaan isaan qabe. Kanaafu, 1 Tafsiiru Xabarii-21/460, Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-26/323, Tafsiiru Ibn
Kasiir 7/21, Tafsiiru Sa’dii-952
~ 43 ~
“Miliquun jiraa?” Kana jechuun yeroo adabbiin Rabbii isaanitti bu’uu
jalaa dheessu danda’anii jiru? Bakka itti dheessan argatanii jiruu? Samii fi
dachiin hundii too'annaa Rabbii jala osoo jiranuu akkamitti bakka itti
dheessan argachuu danda'uu? Qabeenyi isaan walitti qabanii fi humni
isaanii isaan fayyadee jiraa? Adabbii isaan irraa deebisee? Qabeenyi,
humnii fi ijoolleen isaanii homaa isaan hin fayyanne. Isin hoo yoo Rabbiin
faallessitanii fi ajaja Isaatiif buluu diddan, qabaa fi adabbii Isaa jalaa
miliquu dandeessuu?
“Dhugumatti, kana keessa nama qalbii qabuuf yookiin kan argamuu
ta’ee gurra itti kenneef yaadachiisatu jira.”
Dhugumatti dhaloota darban balleessu keessa nama qalbii ittiin waa
hubatuu qabuuf yookiin qalbii isaatiin kan argamuu ta’ee sirritti
dhageefatuuf gorsaa fi barnootatu jira.1
Akkuma beekkamu oduun dhaloota darban balleessuu dhufee jira, hafteen
iddoo jireenya isaanii akka badan agarsiisu ragaa baha. Oduu fi hafteen
isaanii kuni kan ittiin gorfaman ta’a. Namni badiinsa isaanii kana
yaadannoo isaa keessatti galche, qalbiin isaa gorsaan sochooti. Kanaafu,
adabbii Rabbii irraa sodaachuun gorfamee kufrii fi kijibsiisu isaa irraa ni
buqqa’a. Garuu gorsii fi yaadachiisni bu’aa fidu kuni argamuuf
dhimmoota lamaan keessaa tokko argamuun ni barbaachisa:
Dhimmi 1ffaan-namni qalbii dammaqxuu, xinxallituu fi gabroota Isaa
keessatti seera Rabbii beekuuf fedhii qabdu qabaachu. Nama kana qalbiin
isaa dammaqxuu fi xinxallitu taate isa qajeelchiti. Ammaa amma seera
Rabbii yaadanno isaa keessatti fida. Haala kanaan ammaa amma gorsa
isaaf ta’a. (Dhaloota dachii irraa badan yommuu ilaalu sababa akka badan
isaan taasise itti xinxalla. Sababni kunis kufrii fi badii hojjachuudha.
Kanaafu, sababa kufrii fi badii isaanitiin adabbiin isaanitti bu’e isattis akka
hin buune, kufrii fi badii irraa buqqa’uun gara Rabbii isaa deebi’a.)
1 Tafsiiru Muyassar-520
~ 44 ~
Dhimmi 2ffaan-Keeyyattoota dhaloota badan kanniin nama
yaadachisaniif gurra isaa itti kennuuf qophii ta’uu.1 (Yommuu oduun
dhaloota darban kana dubbatamu gaafila ta’ee osoo hin ta’in xiyyeefannoo
itti kenne dhageefachuudha. Qur’aana keessatti oduun namoota badan
kanaa dhufe jira. Kanaafu, badiinsi dhaloota darbanii kuni yaadachisaa fi
barnoota namaaf ta’uuf keeyyattoota Qur’aana waa’ee isaanii dubbatanii
dammaqinnaan dhageefachu ykn dubbisuu barbaachisa.)
1 Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/123-124
Dhaloonni duraan badan barnootaa fi gorsa guddaa namaaf
ta’u. Barnoonni isaan irraa fudhatan: sababa ittiin adabamanii
fi adabbii isaanii ilaaluun hojii isaan hojjatan irraa of
eegudha. Sababni ittiin adabaman: Ergamtoota kijibsiisuu
fi ma’asiyaadha. Adabbiin immoo Rabbiin adabbii cimaan
isaan qabuudha. Kanaafu, namni kanatti xinxalluun sababa
adabbiitti nama geessu irraa of eega. Faayda kana argachuuf:
Qalbii waa hubattu qabaachu
Seenaa warra badan kanniinii xiyyeefannoon
dhageefachu ykn dubbisuu
~ 45 ~
Dadhabbiin Homaatu Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa
hin tuqu
رض ٱو لسموته ٱولقد خلقنا ﴿يام وما مسنا مهن لغخوب ل
تةه أ ما فه سه ﴾٣٨وما بينهخ
“Dhugumatti samiiwwanii fi dachii akkasumas wantoota isaan
lamaan jidduu jiran guyyoota jaha keessatti uumnee jirra;
dadhabbiin homaatu Nu hin tuqne.” Suuratu Qaaf 50:38
Kana keessa du’aan booda kaafamu mirkaneessutu jira. Sababni isaas,
Samii torbanii fi dachii uumuu Kan danda’ee fi isaan uumuu hin dadhabne,
dhugumatti namoota du’an jiraachisu irratti caalatti danda’aadha.
Qur’aana keessatti:
ن ﴿و لم يروا أ
رض ٱو لسموته ٱخلق لهيٱ لل ٱأ
ر ل هقده لقهههن ب ولم يع به
ـ هي ن يخ أ ٱلع إهنهخ لموت ير ۥبل ء قده ه ش
كخ ﴾٣٣لع
“Rabbiin Kan samiiwwanii fi dachii uume, isaan uumuu keessatti Kan
hin dadhabin du’aa jiraachisuu irratti danda’aa akka ta’e hin arginee
sila? Eeyyen! Dhugumatti Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.”
suuratu Al-Ahqaaf 46:33
Ammas aayan suuratu Qaaf armaan oli tuni Yahuudotaa fi Kiristaanota
Rabbiin samii fi dachii erga uumee booda boqonnaa fudhate jedhan irratti
deebii deebisti. Qataadan ni jedha: Yahuudonni-abaarsi Rabbii isaan irratti
haa jiraatu-ni jedhan: Rabbiin samii fi dachii guyyaa jaha keessatti uume.
Ergasii guyyaa torbaffaa ni boqate. Kuni guyyaa Sabti (Sanbataati). Isaan
guyyaa boqonnaa (ayyaanaa) jechuun waamu. Rabbiin wanti isaan jedhan
kijiba akka ta’e ibsuuf aayah tana ni buuse.1 “dadhabbiin homaatu Nu
hin tuqne.”
Dhugumatti, Yahuudonni fi Kiristaanonni kijibanii jiru. Hanga
boqonnaatti hajamuu wanti Rabbiin dadhabsiisuu fi akka ifaaju taasisu hin
1 Tafsiir Ibn Kasiir-7/22
~ 46 ~
jiru. Uumamtoonni waan dadhabaniif boqonnaatti hajamu. Rabbiin
subhaanahu wa ta'aalaa waan hin dadhabneef boqonnaatti hin hajamu.
Wanta tokko yoo fedhe ajajni Isaa “Ta’i” jechuu qofa. Wanti sunis yoosu
ta’a (argama).
Kabaja Isaaf maluu Rabbiin hin kabajne. Nafsee ofiitiin wal bira qaban.
Wanta isaan jedhan irraa Rabbiin olta’iinsa guddaa olta’ee. Wanta isaan
jedhan irraa Inni qulqullaa’e.1
1 Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/126-127
~ 47 ~
Wanta namoonni si faalleessan jedhan irratti
Obsi
“Wanta jedhan irratti obsi, biiftun bahuun duraa fi lixa [ishiitin] dura
faaruu Gooftaa keetitiin [Isa] qulqulleessi. Halkan irraa fi sujuuda
boodas Isa qulqulleessi.” Suuratu Qaaf 50:39-40
Yaa Rasuula! Wanta kijibsiiftonni jedhan irratti obsi. Dhugumatti Rabbiin
isaan ilaala. Biiftun bahuun dura Isa faarsun Gooftaa keetiif salaata subii
salaati, aduun seenun duras salaata Asri salaati. Halkan irraayis salaati.
Salaata boodas faaruu Gooftaa keetitiin Isa faarsi.1
Mushrikoonni wanta badaan Ergamaa Rabbii (sallallahu aleyh wassallam)
yakkaa turan. Isa arrabsaa fi dubbii badaa isatti dubbataa turan. Kanaafu,
Rabbiin akka dubbii isaanii kana irratti obsuu Nabiyyi ajaje. Ajajni kuni
jalqaba nabiyyiif haa ta’uu malee hordoftoota isaa hundaaf kan ta’uudha.
Keessumaayyuu namoota gara Islaamatti waamaniif (daa'iwwaniif) kan
ta’uudha. Ergasii itti aanse wanta obsarratti nama jabeessu ni dubbate.
Innis Rabbiin faarsu waliin Isa qulqulleessudha. Kunis yeroo salaataa fi
salaata booda kan ta’uudha.
Faarsu waliin Isa qulqulleessun kan ta'uu sifaata (amaloota) gugguutuun
Isa faarsuu fi amaloota hanquu hundarraa Isa qulqulleessudha. Fakkeenyaf
akkana jechuu: Subhaanallahi walhamdulillah (Rabbiin qulqullaa’e,
faarun hundi kan Rabbiiti), Subhaanallahi wabihamdihi.
1 Tafsiiru Muyassar-520
~ 48 ~
Guduunfaa
Wanta namoonni si faallessan jedhan irratti obsuun bu’aa baay’ee siif
buusa:
1ffaa-Jarjaaraa fi dallansuun wanta dhumti isaa hin bareenne hojjachuu
irraa si qaba.
2ffaa-Tarii namni si faallessu kuni dhumarratti kan si hordofuu fi si
deeggaru ta’uu danda’a.
Mee haala Nabiyyi (Sallallahu aleyh wassallam) ilaali. Namoonni
jalqaba irratti isa faallessan dhumarratti kan isa hordofanii fi deeggaran
meeqaa meeqa.
Ragaa kanaa, ilaalaa suuratu Al-Insaan 76:24-26, Suuratu Qaaf 50: 39-40,
Wanti obsa irratti nama gargaaru maalidhaa?
Deebiin: Salaata sirnaan salaatuu fi Rabbiin
faarsu (zikrii) baay’isuudha.
~ 49 ~
Guyyaa Qabrii Keessaa Ol Yaa’an Kunoo Suuratu Qaaf, boqonnaa bareeddu osoo ilaallu as geenye.
Dhugumatti boqonnaan tuni shakkii fi dhama'iinsa baay'ee saaqxi. Gaafi,
"Namni erga bututee daaraa ta'e booda ni kaafamaa?" jedhuuf deebii gaha
deebisti. Namoota qorachuuf jecha du'aan booda kaasun dirqama erga
ta'ee wanta qorannoo fi murtiif barbaachisu ni ibsiti. Amma kutaa xumuraa
suuratu Qaaf ni ilaalla.
“(41)-Guyyaa lallabaan iddoo dhiyoo irraa lallabuu dhageefadhu.
(42)-Guyyaa dhugaan iyyansa dhagahan, suni Guyyaa [qabrii
keessaa] bahiinsaati. (43)-Dhugumatti Nuti ni jiraachisna, ni ajjeesna,
deebiin dhumaa garuma Keenya. (44)-Guyyaa dachiin isaan irraa
babbaqaqxu, ariitidhaan [ishii keessaa ol yaa’u]. Suni walitti qabuu
Nurratti salphaa ta’eedha.” Suuratu Qaaf 50:41-44
Guyyaa lallabaan namootatti dhiyoo ta’ee lallabuu lallaba isaa
dhageefadhu. Namoonni akka walitti qabamaniif malaykaan ni lallaba.
Lallabni kuni namoota hunda dhaqqaba.
“Guyyaa dhugaan iyyansa dhagahan.” Kana jechuun afuuffi lammataa
xurunbaan afuufamu haqa shakkiin keessa hin jirreen Guyyaa dhagayan.
Akkuma namni rafe hirriba keessaa dammaqu Guyyaa iyyansa kana
dhagayan namoonni du’anis ni jiraatu. “suni Guyyaa [qabrii keessaa]
bahiinsaati.” Guyyaan lallabbi fi Guyyaan iyyansa dhagahan guyyaa
qabrii keessaa bahuuti.1
1 Ma’aariju at-tafkuri wa daqaa’iqu at-tadabburi 3/134-135
~ 50 ~
“Dhugumatti Nuti ni jiraachisna, ni ajjeesna, deebiin dhumaa
garuma Keenya.” Kana jechuun dhugumatti, Nuti jiraattoota ni ajjeefna,
warra du’anis ni jiraachifna. Qorannoo fi jazaaf Guyyaa Qiyaamaa
gahuumsi hunda isaanii garuma Keenya.1 Ergasii namni hundu wanta
hojjateef qoratame mindaa ykn adabbii argata.
“Guyyaa dachiin isaan irraa babbaqaqxu, ariitidhaan [ishii keessaa
ol yaa’u].” Rabbiin jabaan guddaa ta’ee rooba qaamni uumamtoota
hundaa qabrii isaanii keessatti ittiin margu samii irraa buusa. Akkuma
sanyiin midhaanii bishaaniin margitu, qaamni isaaniis ni marga (ni biqila).
Yommuu qaamni guutuu ta’e, Rabbiin Israafilin xurunbaa akka afuufu
ajaja. Innis ni afuufa. Ruuhin qaawwa xurunbaa keessa kaa’amte jirti.
Yommuu Israafil xurunbaa afuufu, ruuhin achi keessaa bahuun samii fi
dachii jidduu balaliiti. Rabbiin Jabaan guddaa ta’e ni jedha: jabeenyaa fi
guddinna Kiyyaan kakadhe! Dhugumatti, ruuhin hundi qaama duraan
keessa jiraachaa turtetti ni deebiti.” Kanaafu ruuhin hundi qaama ishiitti
ni deebiti. Akkuma summiin bofaa qaamatti lixu, ruuhinis qaamatti lixxi.
Ergasii dachiin isaan irraa baqaqxi. Isaanis ariitidhaan ajaja Rabbiitiif
deebii deebisuun ka’anii gara iddoo qorannootti fiigu.2
عهني إهل ﴿ هطه ولخ لاعه ٱم ون ٱيقخ فهرخ ﴾٨هذا يومر عسه لك
“Gara Lallabaatti fiigaa, kaafironni ni jedhu, “Kuni Guyyaa
garmalee ulfaataa ta’eedha.” Suuratu Al-Qamar 54:8
“Suni walitti qabuu Nurratti salphaa ta’eedha.” Kana jechuun iddoo
qorannootti walitti sassaabun Nurratti baay’ee salphaadha.
ه ﴿ هر ب بار فذك نت عليههم بهخون وما أ ول هما يقخ علمخ ب
رءانه ٱننخ أ من يافخ لقخ
﴾٤٥وعهيده
1 Tafsiiru Qurxubii-19/465, Tafsiiru Muyassar-520 2 Tafsiir Ibn Kasiir-7/24
~ 51 ~
“Nuti wanta isaan jedhan hundarra beekna. Ati isaan irratti abbaa
irree miti. Kanaafu, nama wa’iid (zaacha) Kiyya sodaatu Qur’aanan
gorsi.” Suuratu Qaaf 50:45
Rabbiin irratti sobuu, aayata Isaa kijibsiisuu fi si arrabsuu irraa wanta
mushrikoonnii kunniin jedhan hunda caalaa beekna. “Ati isaan irratti
abbaa irree miti “ kana jechuun Yaa Rasuula! Islaama akka fudhatan
isaan hin dirqisiistu. Ati ergaa geessu qofaaf ergamte.
“Kanaafu, nama wa’iid (zaacha) Kiyya sodaatu Qur’aanan gorsi.”
Kana jechuun nama adabbii namoota Na faallessaniif waadaa galee
sodaatu Qur’aanan gorsi.1 Namni adabbii Rabbiin waadaa galee sodaatu,
Qur’aanan ni gorfama. Namni hin amannee fi hin sodaanne immoo hin
gorfamu.
Guduunfaa
Dhugumatti, suuran (boqonnaan) tuni namoota du’aan booda kaafama
mormanii fi shakkaniif deebii gahaa deebisti. Ragaalee ciccimoo
dhiyeessun nama amansiisti. Du’aan booda kaafamuun haqa gurguddaa
hafuu hin qabne keessaa tokkoodha.
Suuraan tuni wantoota afur gurguddaa irra naannofti:
1ffaa-Du’aan booda kaafamuun haqa akka ta'e amansiisuu
2ffaa-Qorannoo fi jazaaf hojii fi dubbii namootaa beekuu fi galmeessu.
3ffaa-Du’aan booda namoota kaasu, qorannoo fi jazaa raawwachuu.
4ffaa-Seenaa keessatti namoota dhugaa armaan olii mormanii fi
kijibsiisan balleessu
Dubbii fi hojiin namootaa tokkon tokkoon erga galmaa’e Guyyaa Murtii
hojii isaanii irratti hundaa’e ni qoratamu, ni mindeefamu. Kanaafu,
namoonni bakka lamatti qoodamu. 1ffaa-namoota Jahannamiin seenan,
2ffaa-namoota Jannata seenaniidha.
1 Zaadul Masiir-1346, Tafsiiru Qurxubii-19/467, Tafsiiru Xabarii-21/478
~ 52 ~
Suuran tuni amaloota garee lamaan kanniini ni dubbatti.Mee haa ilaallu:
Amala nama Jahannam seenu:
✏Baay’isee kan kafaruu. Kana jechuun Rabbii olta’aatti, Ergamtoota,
kitaabban, malaykota Isaatti, Guyyaa Qiyaamaa fi qadaratti hin amanu.
Keeyyattootaa, mallattolee fi ragaalee Rabbii ni kijibsiisa.
✏Haqa Rabbii olta’aa irraa dhufe osoo beeku faallessa.
✏Wanta gaarii (kheeyri) dhoowwa. Mataa ofiiti hin hojjatu, namootas
waan gaarii irraa dhoowwa. Haqni Islaamaa isaan keessa babal’achuu
irraa ni dhoowwa.
✏Namoota irratti daangaa darba.
✏Amanti haqaa ilaalchise namoota shakkisiisa.
✏Rabbii gaditti wanta biraa gabbara (waaqefata).
Amala nama Jannata seenu:
✒Gara Rabbiitti baay’isee deddeebi’a, tawbaa ni baay’isa.
✒Daangaalee Rabbii subhaanahu ni eega. Wanta Inni itti ajaje ni hojjata,
wanta irraa dhoowwe ni dhiisa.
✒Rabbiin dhoksaa fi kophaatti ni sodaata.
✒Qalbii tawbattu fi gadi of qabduu taateen Rabbii olta’aa qunnama.
Alhamdulillah Rabbil aalamiin. Tafsiirri suuratu Qaaf asirratti
xumurame.