Page 1
WIIRTUU LEENJII QAAMOLEE HAQAA FEEDARAALAA
MOOJULA LEENJII LEENJIFAMTOOTA HOJII DURAATIIF QOPHA’E
ITTI GAAFATAMUMMAA MIIDHAA OTOO WALIIGALTEEN HIN JIRAATIIN
QAQQABU, KAN FOOYYA’E.
WIIRTUU LEENJII QAAMOLEE HAQAA FEEDARAALATIIN KAN QOPHAA’E.
Kan hike- Abbabaa Jootee
Gulaaltuun – Adunyaa Ahimad
Page 2
Baafata
Fuula
Seensa....................................................................................................................................... 1
BOQONNAA TOKKO......................................................................................2
1. Qabxiilee bu’uuraa seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo walii
galteen hin jiraatiin qaqqabuu ......................................................................................2
1.1. Maalummaa seera itti gaafatamummaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu.............2.
1.2.Maddoota itti gaafatamummaa.............................................................................................3
1.3.Kaayyoo seera itti gaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu.......4
1.4. Gosoota miidhaa fi beenyaa................................................................................................4
BOQONNAA LAMA.......................................................................................6
2. Qabxiilee falmisiisoo naannoo ittigaafatamummaa miidhaatti ka’an................................. 6
1.4.Gaafattoota beenyaa miidhaa...............................................................................................6
1.5.Namni itti gaafatamummaan irratti kufu eenyu? .............................................................. 10
BOQONNAA SADII........................................................................................14
Miidhaa fi gosoota miidhaa .....................................................................................................14
3. Maalummaa miidhaa ......................................................................................................14
3.1. .Gosoota miidhaa .......................................................................................................14
3.1.1 miidhaawwan ifa ta’an ......................................................................................15
A. miidhawwaan qaqqaban .........................................................................................15
B.miidhaa gara fuul-duraatti qaqqabu .........................................................................15
3.1.2. miidhaa haamilee ...............................................................................................16
BOQONNAA AFUR.........................................................................................18
Sirna beenyaan miidhaa(kasaaraa) itti kaffalamu ..................................................................18
4. Waa’ee maalummaa beenyaa akka waliigalatti .................................................................18
Page 3
4.1.Sirna beenyaan miidhaawwan ifa ta’aniif ittii kaffalamu .................................................19
4.1.1. Sirna beenyaan walmadaalu ittiin kaffalamu ..............................................................19
I. Miidhamaan otoo miidhaan hin qaqqabiin dura bakka(haala) irra turetti deebisuu
..........................................................................................................19
II. Bakka buusaan beenya’uu..............................................................................20
III. Faayidaa argamuu danda’u madaaluudhaan beenya’uu ................................20
Akkataa beenyaan miidhaa qaamaa fi balaa du’aa itti kaffalamu .........................................20
I. Akkaataa beenyaan miidhaa qaama ittikaffalamu..................................................20
1. Miidhaa qaamaa hojjetaa qacaramaa .........................................................................21
A. Hanga miidhaa qaqqabee ilaalcha keessa galchuu................................................22
B. Yemmuu miidhaan qaqqabetti galii(mindaa) hojjetichaa ..................................23
C. Umurii(yeroo) hojjetich hojii irra turuu danda’u...................................................23
2. Nama hojii mataa isaa hojjechuun jiraatu ................................................................23
3. Miidhaa qaama nama hojii hojjechaa hin turre irra qaqqabe ...................................23.
II. Balaa du’aa ........................................................................................................24
4.1.2 sirna beenyaan wal hin ginne itti kaffalamu .....................................................25
I. balleessaa miidhamaa ...............................................................................................25
II. Haala addaa tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan beenyaan murtaa’u......26
A. Gochi balleessa ta’uu beekuu dhabuun miidhaa qaqqabe......................................26
B. Badii sababa ajaja qaama olaanuutiin raawwatamu ..............................................27
C. Miidhaa ni qaqqaba jedhamee hin yaadamne ......................................................28.
D. Waa’ee rakkisummaa tilmaamaa............................................................................29
E. Haala barbaachisaa.................................................................................................30
F. Ittigaafatamummaa hojjetaa qacaramaa...............................................................31.
4.2.Sirna beenyaan miidhaa haamilee ittiin kaffalamu. .........................................................31
4.3.Sirna akkaataa biraatiin beenya’uu ....................................................................................32
I. Waanta(qodaa) fudhatame deebisiisuu .................................................................33
II. Gosa fakkaataadhaan bakkabuusuu.......................................................................33
III. Waa’ee kabajaa fi maqaa gaarii. ............................................................................34
4.4. akkaataa shallagii beenyaa seera waliigaltee fi waliigalteen alaa.....................................35
Page 4
4.5. miidhamtoota yakkaati fi gaaffii beenyaa........................................................................36
Gudunfaa ............................................................................................................................42
Seensa
Mana murtii keessatti ,Seerri itti gaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin
qaqqabuu, kutaa seeraa gaffiin baay’ee falmisiisaan fi walxaxaan itti ka’uudha. Seera kana kan
ilaallatan dhimmoota rakkisoo guyyaadhaa guyyaatti mudatanii fi tumaalee seerichaa qixa
kanaan jiran irra kan ka’e seericha haala walfakkataa ta’een hojiirra oolchuuf qorannoo bal’aa
barbaachisa. Kana hubachuudhaan seericha kayyoosaa waliin, bifa walfakkaatuun gama hojiitti
hiikuutiin, manneen murtii keessatti hir’ina hubannoo olaanatu mul’ata.
Kaayyoon barreeffama kanaa naannoo seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin
jiraatiin qaqqabuuttii qabxiilee falmisiisoo irradeddebi’anii ka’an mariidhaaf dhiyeessuudhaan
hojmaata irratti hir’inoota jiran eeruudhaan yaada furmaataa agarsiisee leenjifamtootni seerichaa
fi hojmaata irratti hubannoo caalmaa akka argatan gochuu fi seerichaaf xiyyeeffannaa
kennuudhaan qorannoo bal’aa akka taasisan kakaasuudha.
Dhimmoota qabatamaan mudatan agarsiisuuf hojii karoorfame waan ta’eef barrefamich
“akkaadamii” seerichaa ykn dhimmoota yaad- baruu kan xiinxalu miti.
Kanaafuu boqonnaan calqabaa barreeffamichaa yaadota bu’uuraa seera ittigaafatamummaa
miidhaa walii galtee malee dhufu kan tuttuqu yoo ta’u boqonnaa lammaffan ittigaafatamummaa
miidhaa ilaalchiisee gaaffiiwwaan bu’uuraa fi adeemsarratti ka’an irratti kan xiyyeeffatudha.
Boqonnaa sadaffaan qabxiiwwaan waa’ee miidhaa fi madaalli hanga miidhaa ilaalchisuun ka’an
kan xiinxaluudha. Boqonnaan dhumaa kaayyoo seera ittigaafatamummaa miidhaa waliigaltee
malee qaqqabuu kan ta’e dhimma beenyaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, kutaadhuma kana
keessatti gama beenyaa shallaguu fi murteessuutiin qabiyyee seerichaa fi dhimmotni hojmaata
irratti mudatan sirritti ni ibsamu.
Page 5
Kaayyoo barreeffamichaa galmaan ga’uudhaaf leenjifamtootni qabxiilee barreffamicha keessatti
ka’an qo’achuudhaan fi mariidhaan gabbisuudhaan, gilgaalotaa fi gaaffiiwwan kutaalee hunda
jalatti ka’an xiyyeffannadhaan hojjechuutu irraa eegama.
BOQONNAA TOKKO
1. Seera itti gaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu.
Qabxiilee bu’uuraa
Kutaa kana keessatti dhimmootni waliigalaa seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo
waliigalteen hinjiraatiin qaqqabuu ka’umsumaaf gabaabbinaan ni ibsamu. Kayyoon kutaa
kanaa leenjifamtootni mana barnoota seeraa keessatti seera ittigaafatamummaa otoo
waliigalteen hinjiraatiin qaqqabuu ilaalchisee sadarkaa yaad-baruutiin kan baratan bifa
waliigalaatiin teechisuudhaan kutaalee itti aanan keessatti waa’ee dhimmota
gadfageenyaan ilaalamanii hubannoo akka qabatan gochuudhaaf.
1.1.Maalummaa seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin
qaqqabuu.
Seera hariiroo hawaasaa keenya keessatti, kutaa waliigalteen otoo hin jiraatiin miidhaa
qaqqabuuf ittigafatamummaa dhufu ilaalu boqonnaa isa duraa lakkofsa 2027 jalatti gochoota
ittigaafatamummaa hordofsiisaan tarreessuun alatti hiikkaa maalummaa seerichaatiif waan kenne
hin argannu. Haa ta’u malee moggaasni maqaa seerichaa akka agarsiisutti seerri
ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu yaadota sadii kan
ofkeessatti qabateedha. Yaadni inni calqabaa otoo waliigalteen hin jiraatiin kan jedhu yoo ta’u,
inni lammafaan miidhaa kan jedhuudha. Sadaffaan immoo ittigaafatamummaa miidhaa kanaa
kan ilaallatuudha. Kanaafuu yaadota kana sadan irraa ka’uudhaan seerich hariiroon waliigaltee
otoo hin jiraatiin ykn walitii dhufeenya waliigalteerratti hin hundoofne keessatti faayidaa namaa
seeraan eegame ykn mirga tokko irratti miidhaan yemmuu qaqqabu miidhaa kanaaf qaama itti
Page 6
gaafatamummaan irratti kufu kan adda baasuu fi miidhamni kunis bifa beenyaatiin akka
sirraawu seera taasisu ta’uusaa hubachuun ni danda’ama.
Seerich walitti dhufeenya waliigaltee kan hin ilaallanne ta’uu ibsuun isaa bu’uuraanis ta’ee
bu’aasaatiin seera waliigalteerraa adda kan ta’e qaama seera hariiroo hawaasaa ta’uusaa kan
hubachiisu yoo ta’u, dantaa ykn mirga irratti miidhaa qaqqabu kan ilaallatu waan ta’eef seera
yakkaa gochoota yakkaa dantaa ykn mirga irratti raawwataman ilaallaturra seera adda ta’eedha.
1.2.Maddota ittigaafatamummaa.
Walitti dhufeenya waliigaltee keessatti maddi mirgaa ykn dirqamaa waliigaltee namoota sanaa
yoo ta’u ittigaafatamummaa otoo waliigalteen hin jiraatiin dhufuuf immoo maddi dirqamaa
seeradha.
Seera hariiroo hawaasaa lakkofsa 2027 jalatti akka tarreeffametti madda ittigaafatamummaa gosa
sadiitu jira. Maddi ittigaafatamummaa inni duraa balleessa ofiitiin dantaa ykn mirga nama biraa
irratti miidhaa geessisuudha. Seera hariiroo hawaasa lakkofsa 2029 jalatti akka mul’atutti
balleessaan ittiyaadamee ykn daguudhaan akkasumas gocha raawwachuudhaan ykn raawwachuu
dhabuudhaan uumamuu danda’a.
Dhimmotni balleessaa jedhaman seera hariiroo hawaasaa lakk. 2030 -2064tti tarreefamanii kan
teechifaman yoo ta’u, isaan seerich balleessadha jedheen kana beekee ittiyaadee ykn daguudhaan
raawwachuudhaan ykn raawwachuu dhabuudhaan faayidaa ykn mirga nama biraa irraan miidhaa
geessisuu kan ilaaluudha. Namni Balleessa isaatiin miidhaa kana qaqqabsiise miidhamaa
beenya’uuf ittigaafatamummaa seeraa qaba.
Maddi itti gaafatamummaa inni lammaffan balleessan homtuu otoo hin jiraatiin miidhaa
qaqqabuuf ittigaafatamummaan yemmuu jiraatuudha. Ittigaafatamummaan kun kan dhufu
seerich dhimmoota balleessadha jedhee tarreessen alatti hojii balleessa hin taaneen ykn haala
waanti inni qabate ykn kan dhuunfaa isaa ta’e faayidaa ykn mirga nama biraa irratti miidhaa
geessisu kan ilaalatudha. Akkataa kanaan haalonni ittigaafatamummaa hordofsiisan seera
Page 7
hariiroo hawaasaa lakk. 2066 hanga 2089 jalatti tarrefamanii akka kaa’amanitti ofii-isaa ykn
nama biraa, qabeenya ofii ykn kan nama biraa irratti balaa sirrumatti ga’uu danda’u akka hin
geenye ittisuuf jecha nama biraa irratti miidhaa geessisuu, qama namaa irratti miidhaa geessisuu,
namni tokko kan qabate ykn kanisaa kan ta’e waan dhowu ykn keemikaalota summawoo, sarara
humna ibsaa humna olaanaa qaban diriirsuudhaan, bifa dachee uumamaa jijjiruudhaan,
hojiiwwan warshaa balaafamoo hojjechuudhaan miidhaan yoo qaqqabu, beeylada kanisaa ta’e
ykn faayidaa mataasaaf qabaterratti miidhaan yemmuu ga’u, qaamarratti miidhaa yoo geessisu,
miidhaa konkolaataa yoo geessisu, meeshaaleen hidhaman miidhaa yoo geessisan kan
ilaallataniidha.
Haala kanaan miidhaan yemmuu qaqqabutti miidhamaan miidhaa isa irra qaqqabe qofa malee
badii namoota seerichaan ittigaafatamaa ta’anii agarsiisuun isa irraa hin eegamu. Isaanis badii
hin qabnu jedhanii falmuu hin danda’an. Karaan isan Ittigaafatamummaa jalaa miliqan miidhaan
sun badii miidhamaatiin kan qaqqabe ta’uu agarsiisuudhaan qofa.
Maddi ittigaafatamummaa inni sadaffaan immoo miidhaa namni biraan geessisuuf
ittigaafatamummaa fudhachuu kan ilaaluudha. Bu’uurri ittigaafatamummaa kanaa hariiroo seeraa
nama miidhaa geessisee fi nama itti gaafatamummaa baatu gidduu jiruudha. Seera hariiroo
hawaasaa lakk. 2120 hanga 2137tti tumaalee teechifaman irraa akka hubannutti hariiroon kun
daa’ima umurii gaa’ilaaf hin geenyee fi warrasaa ykn eegduusaa ykn guddiftuusaa, hojjetaa fi
hojjechiisaa, barreessa fi maxxansaa gidduu hariiroo jirudha.
Namni miidhaa kan geessisu balleessa isaatiin ykn balleessaan otoo hin jiraatiin
ittigaafatamummaa geessisuun mirga ykn faayidaa nama biraa irra miidhaan yemmuu qaqqabu,
haallii fi hariiroon seericharratti kaa’ame jiraannaan bakka isa miidhaa qaqqabsiisee
ittigaafatamummaa kan baatu nama seerich ittigaafatamaa taasisuudha.
1.3.Kaayyoo seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin
qaqqabuu.
Kaayyoon seera ittigafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu nama
miidhame beenya’uudha. Kutaa biraatiin akka ilaallutti nama miidhame bifa miidhamasaatiin
walmadaaluun ykn haalota addaatiin fkn balleessa miidhamaatii fi waantotni biro beenyaa
Page 8
tilmaama sammuutiin murteessisan yemmuu mudatan beenyaa miidhaasaatii gadi ta’e
beenya’uudhaan miidhicha dhabamsiisuu ykn sirreessuudha.
1.3.1. Gosoota miidhaa fi beenyaa.
Miidhaa jechuun mirgoota ykn faayidaalee seeraan eegumsi godhameef irratti kasaaraa ykn
hir’ina qaqqabsiisuu yoo ta’u, fuul-duratti kutaa biraa keessatti bal’inaan akka ilaallutti
miidhaan, amma ifatti kan mul’atu ykn gara fuula duraatti qaqqabuu kan hin oolle ykn kan hin
mul’anne miidhaa haamilee ta’uu ni danda’a.
Seera hariiroo hawaasaa lakk. 2090 fi 2091 jalatti akka tumametti bu’uuraan miidhaan hanga
maallaqaa walgitaa ta’een beenya’ama. Haa ta’u malee miidhich akka tasaa ykn haalli itti
qaqqaabe haala sammuun yaaduun hin danda’amneen yoo ta’ee fi hanga miidhichaa beekuun
rakkisaa yoo ta’e, manni murtii haalota waantotaa ilaalcha keessa galchuudhaan tilmaama
sammuutiin beenyaa murteessuu akka qabu seera hariiroo hawaasaa lakk. 2101 fi 2102 jalatti
caqafameera. Beenyaan tilmaama sammuu kun, ilaalch sammuu yemmuu dirqisiisutti hanga
miidhaa qaqqabeetii gadi ta’uu ni danda’a jechuudha. Haaluma walfakkatuun miidhaan haamilee
hanga kana jedhamee maallaqatti tilmaamuun waan hin danda’amneef beenyaansaa tilmaama
sammuutiin ta’ee ,baaxiin mallaqasaas qarshii Itiyoopiyaa kuma tokko caaluu akka hin qabne
seera hariiroo hawaasaa lakk. 2116(3) jalatti tumameera.
Labsii sab-quunnamtii fi bilisummaa odeeffannoo lakk. 590/2000 keewwata 41/2/ jalatti akka
tumametti immoo beenyaan miidhaa haamilee maqa balleessummaa sab- quunnamtiitiin
qaqqabu hanga qarshii Itiyoopiyaa kuma dhibba tokko ga’uu akka danda’u haala addaatiin
kaa’ameera.
Meeshaalee fudhataman faayidaaleesaanii waliin deebisiisuu fi meeshaalee miidhaan irra ga’e
gosasaaniitiin bakka buusisuun seera hariiroo hawaasaa lakk. 2118 fi 2119 jalatti akka gosa
beenyaa filannootti kaa’ameera.
Miidhaan qaqqabe kabajaa fi maqaa gaarii wajjiniin kan walqabatu yoo ta’e beenyaansaa bu’uura
seera hariiroo hawaasaa lakk. 2126 tiin baasii nama miidhaa geessiseetiin beeksisa maqaa
haaromsuu maxxansiisuudha.
Page 9
Gochaa miidhaa geessisaa jiru ykn miidhaa hordofsiisuu immoo bu’uura seera hariiroo hawaasaa
lakk. 2121 tiin dhorkuun dhabsisuun furmaata akka ta’e eerameera.
Gaaffilee (gilgaala)
1. Dhimma mana murtii tokkotti dhiyaate irratti himataan himannaa dhiyeesseen
himatamaan kanaan dura himannaa sobaa nahimatee jennaan himatnisaa kufaa ta’eera.
Yeroon himannaa sana ofirraa ittisuuf deddebi’aa turetti, nama saawwan koo naaf tiksu
waanan hin qabneef, bineensaan naduraa nyaatamaniiru. Kanaafuu himatamaan
himannaa sobaatiin mana murtiitti na deddebsuudhaan saawwan koo bineensaan akka
nyaataman waan taasiseef beenyaa naaf haa kaffalu jechuudhaan gaafateera. Dhimmi kun
seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabutiin furmaata
maalii qabaata?
2. Namni yakkaan himatamee yeroo dheeraadhaaf hidhaarra ture tokko dhumarratti ragaan
qabatamaan yakka raawwachuusaa hubachiisu hin dhiyaanne jechuudhaan manni murtii
bilisaan yoo gaggeessu, namoota miidhamtoota jedhamanii isa himachiisan himannaa
sobaa fi ragaa hin qabneen nahimachiisanii miidhaan akka narra ga’u taasisaniiru waan
ta’eef beenyaa naaf haa kaffalan jechuudhaan yemmuu himatu himatamtootni
gamasaaniitiin himannaa yakkaa kan dhiyeesse nuyi otoo hin ta’iin abbaa alangaa waan
ta’eef nut himatamuu hin qabnu jechuudhaan falmiisaanii dhiyeessaniiru. Abbaa murtii
dhimmich dhiyaateef otoo taate maal murteessita? Himataan himannaa dhimma hariiroo
hawaasa kana waajjira abbaa alangaa irratti dhiyeessuuf bu’uura seeraa ni qabaataa?
3. Mana murtii biraatti dhimma dhiyaateen , namni tokko nama biraa irraa harree ergifatee
mucaan isaa bishaan waraabdee harree kanatti feetee akka fidduuf isheetti kenna. Haala
kanaan mucaan namichaas harree kana ooftee bishaan waraabuuf deemaa otoo jirtuu,
mucaan nama sadaffaa daandiirratti itti dhufee harritti karaa boddesheetiin uleedhaan
yemmuu rukutu harrittiin utaaltee fuula mucaa namicha harree ergifatee dhiittee ilkaan
fuula duraa cabsuudhaan miidhaa qaqqabsiifte. Miidhaa kanaaf ittigaafatamaa kan ta’u
eenyudha? Bu’uura seera kamiitiin?
BOQONNAA LAMA
Page 10
2. Qabxiilee falmisiisoo naannoo ittigaafatamummaa miidhaatti ka’an.
Boqonnaa kana keessatti dhimmootni gaaffilee seera bu’uuraa fi adeemsaa naannoo itti
gaafatamummaa miidhaatti ka’aniin walqabatan ni ibsamu. Kaayyoon kutaa kanaa gaaffii
beenyaa miidhaa eenyu akka dhiyeessuu fi gaaffich immoo eenyurrati dhiyaachuu akka
qabu hubachiisuudha. Leenjifamtootni kutaa kanarraa beenyaa miidhaa eenyu argachuu
akka qabuu fi akka hin qabne; ittigaafatamummaan miidhaa eenyurratti akka kufu sirritti
hubatu.
1.4. Gaafattoota beenyaa miidhaa
Seera hariiroo hawaasaa lakk. 2141 jatatti akka mul’atutti, hanga miidhaa isarra ga’ee fi
ittigaafatamummaa isa miidhaa geessisee hubachiisuudhaan himannaa dhiyeessuu kan
danda’u nama miidhaan irra ga’eedha. Nama miidhaan irra ga’e yoo jedhamu jecha
seeraatiin kallatiidhaan nama miidhaan irra ga’e ykn sababa namni kun miidhameen al-
kallatiidhaan namoota biroo miidhaan argatu ta’uu ni danda’a/seera hariiroo hawaasaa lakk.
2095 fi 2144 ilaalaa/.
Kanaa olitti akka caqafametti bu’uura seera hariiroo hawaasaa lakk. 2142 tiin gaaffiin
beenyaa hanga miidhaa qaqqabee qofa otoo hin ta’iin ittigaafatamummaa isa miidhaa
qaqqabsiisees hubachiisuuf dirqama qaba. Itti gaafatamummaan hariiroo hawaasaa
waliigalteerraa ykn otoo waliigalteen hin jiraatiin walitti dhufeenya jirurraa madduu ni
danda’a. Bu’aan lamaan isaanii garuu garaa garadha. Ittigaafatamummaan walitti dhufeenya
waliigaltee irraa maddu seera waliigalteetiin furmaata kan argatu yoo ta’u, itti
gaafatamummaan waliigalteen alaa immoo seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo
waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuutiin bitama.
Garaa garummaa seerota kanaa hubachuu dhabuudhaan hojiirratti walitti dhufeenya
waliigaltee irratti hundaa’erratti namni miidhaan irra ga’e, miidhaasaatiif seera
ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu irratti hundaa’uudhaan
haalli beenyaa itti gaafatu ni mudata. Gaaffiisaa seera walii galteetiin ykn seera
ittigaafatamummaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuutiin keessummeessuun
adeemsarrattis ta’ee bu’aasaatiin garaa garummaa bal’aa qaba.
Page 11
Hojjetaan tokko hojiirra otoo jiruu miidhaa irra ga’uun yoo du’e, inni du’uusaatiin kan
miidhaman maatiin hojjetichaa seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin
jiraatiin qaqqabuu bu’uura godhachuudhaan himannaa beenyaa miidhaa hojjechiisaa irratti
yoo dhiyeessan manni murtii himannich itti dhiyaate himannicha akkamitti
qajeelchuu(hogganuu) qaba? Bu’aan isaa hoo maal ta’a?
Leenjifamtootni irratti mar’adhaa.
Abbaan konkolaataa otoo waliigalteen hin jiraatiin namarrattis ta’e qabeenya irratti miidhaa
yoo hordofsiise dhimmich kan qajeelfamu seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo
waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuutiin(seera hariiroo hawaasaa lakk. 2081 - 2084) tumaalee
jiraniinidha. Walitti dhufeenya waliigaltee irratti hundaa’ee, keessumattuu
ittigaafatamummaa miidhaa geejiba uummata deddebisuun qaqqabuuf roogummaa kan qaban
seera waliigaltee fi seera daldaat. Konkolaattota otoo waliigalteen hin jiraatiin miidhaa
geessisaniif abbaan qabeenyaa ykn fayyadamaan badii yoo hin qabaatiinillee miidhichaaf
beenyaa walgitu kaffaluu kan qabu yoo ta’u, geejibni waliigaltee irratti hundaa’ee uummata
deddebisu miidhaa imalaa ykn meeshasaarratti yoo qaqqabsiise qaamni waliigale miidhicha
kan qaqqabsiise badii mataa isaatiin yoo ta’e qofa bu’uura seera daldalaa lakk. 636(1)tiin
beenyaa hanga qarshii Itiyoopiyaa kuma afurtamaa kaffaluuf ittigaafatamummaa qaba.
Namni geejiba uummata deddebisu yaabee imalaa jiru tokko sababa konkolatich garagaleef
ofiisaa fi meeshaasaa irratti miidhaan yoo qaqqabe himannaa beenyaa seera
ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuutiin abbaa qabeenyaa
konkolaatichaa irratti dhiyeessee abbaan qabeenyaa konkolaatichaa immoo himannichi haala
kanaan dhiyaachuu hin qabu jechuudhaan yoo morme furmaatnisaa maali?
Leenjifamtootni irratti mar’adhaa.
Duraan bulchiinsa naannoo 14tti mana murtii godinaa(zoonii) m/murtii jedhamaa turetti
g/s/lakk. 863/84 ta’erratti himattootni mucaan keenya nu sooru konkolaataa waajjira
himatamaatiin hojiif deemaa otoo jiruu, konkolaatich garagalee mucaan keenya waan du’eef
himatamaan ittigaafatamummaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuutiin beenyaa nuuf
kaffaluu qaba jechuun himannaa yoo dhiyeessan waajjirri himatamaan falmii dhiyeesseen
mucaa himattootaa fi himatamaa gidduu walitti dhufeeny ture waliigaltee hojii irratti kan
Page 12
hundaa’e waan ta’eef, gaaffiin himattootaa keessumeefamuu kan qabu bu’uura waliigaltee
hojiitiin malee seera ittigaafatamummaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu kan ilaalu
waan hin taaneef himannich cufamuu qaba jedheera.
Manni murtii godinichaas mormii himatamaa fudhachuudhaan himannicha kufaa yoo godhu
himattootni murticha komachuudhaan mana murtii waliigalaatti ol iyyannoo dhiyeeffataniiru.
Manni murtii waliigalaas dhimmicha eerga qorateen booda galmee lakk. 1525/88 irratti ol-
iyyannoo himattoota kufaa gochuudhaan murtii mana murtii jalaa cimseera.
Murtii manneen murtii kanatti waliigaltaa? Maaliif?
Bu’uura seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa lakk. 27(1) tiin sababa miidhaa namarratti
ykn qabeenya socho’u irratti qaqqabeetiin himannaan beenyaa gaafachuuf dhiyaatu mana
murtii naannoo miidhaan itti qaqqabetti argamuttidha. Bu’uura seera adeemsa falmii hariiroo
hawaasaa lakk. 24(2) fi seera daldalaa lakk. 647tiin immoo himannaan ittigaafatamummaa
miidhaa deddebisaa uummataa ykn geejibaan qaqqabee ilaalchisee kan dhiyaatu,filannoo
himataatiin bakka geejibsiisaan dhaabbataadhaan jiraatu ykn hojiin isaa muummeen jiru ykn
bakka bu’aan waliigalticha raawwate iddoo jirutti ykn meeshaan fe’ame bakka ga’u(bu’u)tti
mana murtii argamuttidha.
Namni konkolaataa uummata deddeebisu yaabee imalaa ture tokko konkolaatich
garagaluusaatiin ofiisaa fi meeshaasaarra miidhaan yoo qaqqabe gaaffii beenyaa
keessumeessuuf manni murtii aangoo qabu isa kamidha?
Mata duree qabame kana wajjin qabxiin ka’uu malu kan biraa miidhaan qaqqabe du’a yoo
ta’e, balaa du’aa miidhamaa irra ga’e irraa kan ka’e miidhaa gama ittiin bulinnaa isaanii irra
ga’uuf maqaasaaniitiin beenyaa gaafachuu akka danda’an seera hariiroo hawaasaa lakk. 2095
jalatti tumameera.
Miidhich du’a yeroo hordofsiisetti namoota beenyaan isaaniif kaffalamuu malu seerich lakk.
2095 jalatti tarreessee teechisuudhaan namoota tarreeffamaniin alatti namootni biroo du’a
kanaan miidhamuusaanii yoo hubachiisanillee beenyaan akka hin malleef seera hariiroo
hawaasaa lakk. 2096 jalatti caqafameera.
Page 13
Seerich tarreeffamaan kan teechise keessaa “wallaadochu” jechi jedhu abbaa fi haadha qofa
kan agarsiisuudha moo akaakayyuu fi akkoo ni dabalata gaaffii jedhu kaasuu danda’a. Tumaa
seericha hiikaan amaariffaa jecha “wallaadochu” jedhu yoo fayyadamu hiikkoon Ingiliffaa
immoo (“ascendants and descendants”) kan jedhu fayyadameera. Hiikkoon Ingiliffaa
akaakayyuu fi akkoo kan dabalatu yoo ta’u, jechi amaariffaa kana bakka bu’a moo hin bu’u?
jecha “wallaadochu” fi “walaajochu” jedhu gidduu garaa garummaan jiru maal? Kan jedhu
Gaaffii ta’uun isaa hin oolu.
Dhimma mana murtii tokkotti dhiyaateen akaakayyuu isaa sooruudhaan namni jiraachisu
konkolaataadhaan rukutamee sababa du’eef, akaakayyuunisaa miidhaa ittiin bulinnaa
dhabuudhaan irra ga’eef himannaa beenyaa miidhaa yemmuu dhiyeessan manni murtii
dhimmich itti dhiyaate, yeroo du’aa gama ittiin bulinnaatiin miidhaa isaan irra ga’u
gaafachuuf seerichaan kan hayyamameef abbaa fi haadhaaf malee akaakayyuuf miti
jechuudhaan himannicha cufeera. Murtiin mana murtichaa akkamitti ilaalama?
Seera hariiroo hawaasaa duraan ture caalaa Seera maatii haarawaadhaan gaa’illa otoo hin
raawwatiin akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuudhaaf eegumsi godhameeraaf. Haala
kanaan namoota waliin jiraatan keessaa sababa balaa du’aa tokkorra qaqqabuun inni biraa
keewwata 2095n jecha dhirsa ykn niitii jedhu fayyadamuudhaan beenyaa gaafachuu ni
danda’aa? Leenjitootni irratti mar’adhaa.
Keewwata 2095(1) jalatti namootni tarreefaman sababa miidhamaan du’eef keewwata kana
jalatti gaaffii beenyaa yemmuu dhiyeessan, himatamaan gamasaatiin namootni kun
qabeenya bal’aa isa du’ee dhaaluudhaan fayyadamaa kan jiran ta’uu hubachiisuudhaan yoo
falme beenyaa kaffaluu jalaa ni ba’aa? Irratti mar’adhaa.
Dhimma mana murtii tokkotti dhiyaateen, namni qabeenya bal’aa qabu konkolaataadhaan
rukutamee yemmuu du’u, ijooleen isa du’ee jireenya ga’aa mataa-mataasaanii qaban, abbaan
keenya yeroo lubbuun turetti qabeenyasaa ofisaatiin bulchaa ture. Amma sababa inni du’eef
qabeenya inni bulchaa ture bulchuudhaaf nama biraa qacarree baasiif waan saaxilamneef
baasii keenya kana nuuf haa kaffalu jechuudhaan abbaa qabeenyaa konkolaataa miidhicha
qaqqabsiisee irratti himannaa dhiyeessaniiru. Himattootni beenyaa argachuu ni danda’uu?
Bu’uura seera kamiitiin?
Page 14
Keewwata 2095(1) jalatti namootni gama ittiin bulinnaatiin beenyaa gaafachuuf mirga
qaban, gaaffiin beenyaa isaan dhiyeessan qophaa- qophaatti keessummeeffama moo
jiraachuu fi i beenyaa gaafachuun isaa tokkoo warra biroo beenyaa gaafachuu irraa ni
daangessa?
1.5. Namni ittigaafatamummaan irratti kufu eenyu?
Otoo waliigalteen hin jiraatiin miidhaa qaqqabuuf namootni seerich ittigaafatamaa taasisu
miidhicha beenyaadhaan sirreesuudhaaf ittigaafatamummaa qabu. Raawwirratti namoota
seerich miidhaa qaqqabeef ittigaafatamaa taasisu kana adda baasuudhaan
ittigaafatamummaa akka baatan gochuun rakkisaa yemmuu ta’u ni mul’ata. Fakkeenyaaf
konkolaataan tokko daandiirra deemaa otoo jiruu miidhaa yoo qaqqabsiise, namni miidhaan
irra ga’e abbaa qabeenyaa konkolaatichaa moo? Konkolaachisaa moo? Lamaan isaanii walitti
qabee himachuu qaba? gaaffiin jedhu yeroo baay’ee ni mudata.
Gaaffii miidhaa akkasiitiif ittigaafatamummaan eenyurratti kufaa jedhu deebisuuf seera
bu’uuraa fi seera adeemsaa sirritti ilaaluu gaafata.
Bu’uura seera hariiroo hawaasaa lakk. 2081(1)tiin miidhaa konkolaataan (waantotni
motoraan konkolaatan) qaqqabsiisaniif abbaan qabeenyaa ittigaafatamaa akka ta’e
caqafameera. Abbaan qabeenyaa konkolaatichaa ittigaafatamummaa jalaa miliquu kan
danda’u bu’uura lakk. 2081(2)tiin konkolaatich yeroo miidhaa geessisetti kan jalaa hatame
ta’uu ykn bu’uura lakk. 2082tiin konkolaatich yeroo miidhaa qaqqabsiiseetti faayidaa nama
biraatiif nama biraa harka kan ture ta’uu ykn bu’uura lakk. 2086(2)tiin miidhaan kan qaqqabe
guutummaatti badii miidhamaatiin ta’uu yoo hubachiise qofaadha.
Faayidaa abbaa qabeenyaaf ykn faayidaa nama biraaf namni konkolaatichaan hojjetu badii
yoo raawwate malee konkolaatich miidhaa qaqqabsiisuuf ittigaafatamaa akka hin taane seera
hariiroo hawaasaa lakk. 2086(2) jalatti tumameera.
Abbaan qabeenyaa konkolaatichaa dirqisiifamee miidhamaa eerga beenya’een booda badii
lakk. 2082(2) jalatti caqafame mirkaneessuudhaan kasaaraa kaffalee ture eegduu
konkolaatichaa irraa deebifachuu akka danda’u lakk. 2083/1/ /2/ jalatti caqafameera.
Page 15
Namni konkolaataadhaan miidhaan irra qaqqabe, beenyaa miidhaa isarra ga’eef abbaa
qabeenyaa qofa himatamoo, jecha seeraatiin nama faayidaa abbaa qabeenyaaf ykn nama
biraaf hojjetu barmaataan konkolaachisaa jedhamee kan yaamamu itti dabalee himachuu
qaba? Himataan abbaa qabeenyaa konkolaataa fi konkolaachisaa walitti qabee yoo himate,
manni murtii lamaanuu tokkummaadhaan miidhicha akka beenya’an murteessuu ni
danda’aa?
Leenjitootni seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa lakk. 33(3) fi 36 keewwata seera
hariiroo hawaasaa olitti caqasaman waliin ilaaluudhaan gaaffiiwwan kana irratti mar’adhaa.
Dhimma mana murtii zoonii bulchiinsa naannoo 14 jedhamaa turetti dhiyaate tokko irratti,
himataan daandiirra deemaa otoon jiruu, konkolaataan himatamaa lammaffaa konkolaataa
himatamaa tokkoffaa duubaan sababa rukuteef konkolaataan himatamaa tokkoffaa daandii
keessa ba’uudhaan miidhaa waan narraan ga’eef, beenyaa naaf haa kaffalan jechuudhaan
abbootii qabeenyaa konkolaattota lamaanii fi konkolaachiftoota isaanii walitti qabuudhaan
yoo himatu, himatamaa tokkoffaan konkolaataan koo miidhicha kan qaqqabsiise sababa
konkolaataa himatamaa lammaffaatiinidha jedhee waan falmeef manni murtii dhimmicha
qorate galmee lakk. 1359/82 irratti miidhaan kun kan qaqqabe konkolaataan himatamaa
lammaffaa konkolaataa himatamaa tokkoffaa booddeen rukutuusaatiin waan ta’eef
himatamaa lammaffaa fi konkolaachisaan isaa miidhaa qaqqabeef ittigaafatamtootadha
jechuudhaan murteesseera.
Dhimmi kun ol iyyannoodhaan kan dhiyaateef manni murtii waliigalaa g/h/h/lakk. 1941/88
ta’erratti badiin otoo hin jiraatiin miidhaa waliigalteen otoo hin jiraatiin qaqqabuuf
himatamaa tokkoffaan rukuttaa konkolaataa himatamaa lammaffaa sababeeffachuudhaan
ittigaafatamummaa miidhaa qaqqabee jalaa miliquu kanisa dandeessisu seerri hin jiru
jechuudhaan miidhaa qaqqabeef himatamaa tokkoffaa ittigaafatamaa taasiseera.
Murtiilee manneen murtii lamaanii keessaa isa kamiin waliigalta? Maaliif?
Mana murtii waliigalaatiin kan itti murtaa’e himatamaa tokkoffaan maallaqa itti murtaa’e
deebisiifachuuf himatamaa lammaffaa irratti himannaa otoo bane dhimmich maal waan ta’u
sitti fakkaata? Leenjitootni irratti mar’adhaa.
Page 16
Haala abbaan qabeenyaa hin beekneen ykn hin eeyyamneen konkolaattota geejibaaf otoo hin
ta’iin waan biraaf bobba’an irratti barmaataan konkolaachiftootni imalaa irraa faayidaa
argachuu(fudhachuudhaan) fe’anii otoo deemanii konkolaatich garagaluudhaan ykn wayitti
rukutamuudhaan miidhaa qaqqabsiisuu danda’a. Haala kanaan konkolaataa yaabanii otoo
deemaa jiranii konkolaatich garagaluusaatiin namootni miidhaan irra qaqqabe miidhaa
isaanirra ga’eef himannaa beenyaa abbaa qabeenyaa konkolaataa irratti dhiyeeffannaan
manni murtii waliigalaa galmee lakk. 1854/88 fi 9881 ta’erratti seera hariiroo hawaasaa lakk.
2089 fayyadamuudhaan himannicha kufaa godheera.
Akkas taanaan miidhaa himattootaaf furmaatni maal? Himattootni gorsa seeraa otoo isin
gaafatanii maal gootu?
Mata duree kana wajjin qabxiin ka’uu malu kan biraa dhimma namoota sadaffaa
ilaallatuudha. Ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuun
walqabatee falmiin qaama sadaffaa bal’inaan ka’u inshuraansii kan ilaaluudha.
Inshuraansiin miidhaa tokko ilaalchisee sababa aguuggii inshuraansii kennuuf miidhaan
jedhame yeroo qaqqabetti dhimmichatti seenuu danda’a. Bu’uuruma kanaan, olitti akka
ilaalametti konkolaataan tokko miidhaa yoo geessise, miidhaa geessiseef aguuggii
inshuraansii kan qabu yoo ta’e, namni miidhaan irra qaqqabe bu’uura seerichaatiin abbaa
qabeenya konkolaataa, innis gamasaatiin miidhaa qaqqabeef ittigaafatamaa kan ta’u yoo ta’e,
bu’uura waliigaltee inshuraansii waliin qabuun inshuraansiin falmichatti seenee
ittigaafatamummaasaa bakka bu’uudhaan beenyaa akka aguuguuf gaafachuu ni danda’a.
Kanarratti qabatamaatti qabxiin yeroo baay’ee falmisiisaa ta’ee argamu inshuraansiin
falmiitti akka seenu ta’e falmicha keessatti ga’een inni qabu maalii? Kan jedhuudha.
Namootni tokko tokko inshuraansiin gara falmiitti kan seenuuf walitti dhufeenya seeraan
himataa waliin qabuuf otoo hin ta’iin sababa walitti dhufeenya waliigaltee himatamaa wajjiin
qabuunidha. Kun yoo ta’emmoo dhimmi inshuraansii himataa wajjin walfalmisiisu hin
jiraatu. Falmii kan qabu yoo ta’es bu’uura waliigalteesaaniitiin himatamaa waliin malee
himataa waliin walitti dhufeenya waliigaltees ta’ee waliigalteen alaa waan hin qabneef
himataatti falmuuf karaa seeraa hin qabu jedhu.
Page 17
Warri biroo immoo himatamaan ittigaafatamaa kan ta’u yoo ta’e, dirqamni beenyaa kaffaluu
dhumarratti inshuraansii irratti kan kufu waan ta’eef mirgi himataatti falmuu itti
dhiphachuu hin qabu. Seera daldalaa irrattis inshuraansiin falmii hariiroo hawaasaa ni
hooggana(qajeelcha) dhimmi jedhu kanuma kan ilaaluudha jedhu.
Leenjitootni yaadota lamaanuu sirriitti ilaaluudhaan yaada isa kamtu afuura seerichaa kan
hordofe akka ta’e ibsaa.
Falmii mana murtii waliigala feederalaatiif galmee h/hawaasaa lakk. 1113 irratti ol
iyyannodhaan dhiyaate tokkorratti himataan mana murtii jalaatti konkolaataa himatamaatiin
rukutamee miidhaan waan narra ga’eef himatamaan beenyaa naaf haa kaffalu jedhee yoo
himatu, himatamaan gamasaatiin konkolaatich aguuggii inshuraansii waan qabuuf bu’uura
waliigaltee aguuggii inshuraansii gidduusaanii jiruun dhaabbatni inshuraansii madin
Itiyoopiyaa dhimmicha keessatti hirmaachuudhaan ga’ee isaa akka kaffaluuf waan gaafateef
manni murtii jalaas dhaabbata inshuraansii madin Itiyoopiyaa falmicha keessatti akka
hirmaatu gochuudhaan konkolaataan himatamaa miidhaa himataa irraan ga’e keessaa
waliigaltee aguuggii inshuraansii irratti maallaqa caqafame dhaabbatni madin himatamaa
bakka bu’ee himataadhaaf akka kaffalu murteesseera.
Dhaabbatni madin Itiyoopiyaas falmiiwwan himataa fi murtii kenname mormuudhaan
komiisaa mana murtii waliigala feedaraalaatti yemmuu dhiyeeffatu, mana murtii jalaatti
himataa kan ture deebi-kennaan, ol-iyyataan dhabbatni madin Itiyoopiyaa bu’uura
waliigaltee aguuggii inshuraansii himatamaa waliin qabuun kan himatamaan beenyaa’u malu
irraa ga’eesaa qooddachuuf makamummaa qaama sadaffatiin gara falmiitti kan seene yoo
ta’u himatamaa bakka bu’uudhaan himataatti falmuu hin danda’u. Bu’uura seera adeemsa
falmii hariiroo hawaasaa lakk. 43(3)tiin qaamni sadaffaan sababa himatamaa waliin gaaffii
mirgaa qabuuf gara falmiitti kan seenu waan ta’eef, himataa wajjiniin walitti dhufeenyas
ta’ee falmii omaayyuu waan hin qabaaneef himataatti falmuu hin qabu. Himatamaa waliin
ga’eesaa akka kaffaluuf yoo itti murtaa’es himatamaa otoo hin ta’iin himataatti falmuudhaaf
ol iyyannoon eeyyamamuufii waan hin qabneef ol iyyannisaa kufaa ta’uu qaba jechuudhaan
falmeera.
Page 18
Falmiin deebi-kennaa fudhatama qabamoo hin qabu? Leenjitootni Sababa seeraan
deeggarame kaa’uudhaan falmii kanaaf yaada murtii kennaa.
BOQONNAA SADII
Miidhaa fi gosoota miidhaa
Kaayyoon kutaa kanaa leenjifamtootni, maalummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin
qaqqabuu, gosoota miidhaa, hanga miidhaa mirkaneessuu ilaalchisee hubannoo ga’aa akka
qabatan gochuudha.
3. Maalummaa miidhaa
Seera keenya ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu yoo ilaallu
gosoonni miidhaa tarreeffamuun gamatti midhaa jechuun maal jechuu akka ta’e hiikkaan
kaa’ame hin jiru. Haa ta’u malee seerich miidhaa jedhee miidhaawwan teechise yemmuu
ilaalaman, miidhaa jechuun hir’ina faayidaa ykn qabeenya namaa irratti qaqqabu ta’uu
hubachuun ni danda’ama. Seericha irratti ibsa kan barreessan proofeesar Joorji
Chiichiinovichis hiika, miidhaan kasaaraa faayidaa namaa irratti qaqqabuudha jedhu
kennaniiru.
3.1. Gosoota miidhaa
Armaan olitti akkaataa ibsameen miidhaan kasaaraa ykn hir’inaa faayidaa ykn qabeenya
namaarratti qaqqabuudha. Faayidaan namaa kunis maallaqaan kan shallagamu ykn hin
shallagamne ta’uu ni danda’a. Kasaaraan faayidaa maallaqaan shallagamu irratti
qaqqabu, hanga maallaqaatiin beekamuu kan danda’u yemmuu ta’u miidhaa faayidaa
maallaqaan hin shallagamne irratti qaqqabu hanga maallaqaatti shallaganii kaa’uun
rakkisaadha. Kana waan ta’eef seera hariiroo hawaasaa keessatti miidhaan, miidhaawwan
ifa ta’an fi miidhaa haamilee jedhamuudhaan bakka lamatti qoodamee
taa’eera.(s/h/h/lakk. 2090 fi 2105). Kutaa itti aanu keessatti akka ilaallutti, seerich
miidhaadhaaf beenyaan kaffalamu miidhaa qaqqabe waliin kan walmadaalu ykn walgitu
Page 19
ta’uu akka qabu waan tumeef, hanga beenyaa murteessuuf gosoota miidhaa addaan
baasanii beekuun barbaachisaa waan ta’eef, akka itti aanutti isaan ilaalla.
3.1.1. Miidhaawwan ifa ta’an(material damage)
Qaama miidhaan irra qaqqabe, miidhaawwan isarratti qaqqaban keessaa tokko
kallattiidhaan qabeenya ykn faayidaa maallaqa miidhamaa kan ilaalu ta’uu danda’a.
Kana jechuunis kallattiidhaan qabeenya isaarratti miidhaan qaqqabeera yoo ta’e,
sababa miidhaa kanaatiin qabeenyichi guutummaan guutuutti ykn gartokkeen
faayidaadhaan ala yoo ta’e, gatii qabeenyich qabu kan ilaalu yemmuu ta’u, ykn namni
tokko miidhaa qaamasarratti qaqqabe hordofee yaalamaaf baasii inni baase ykn
sababa miidhaan isarra ga’eef hojii hojjechuu dhabuudhaan galii inni fuula duratti
dhabuu danda’us ni dabalata. Miidhaawwan akkanaa seerichaan miidhaawwan ifa
ta’an kan jedhamaniidha.
Miidhawwan ifa ta’an, miidhaawwan qaqqaban ykn fuula duratti qaqqabuu danda’an
jedhamuudhaan qoodamu.
A. Miidhaawwan qaqqaban(present material damage)
Kana jechuun miidhaan qaqqabuu isaatiin qabatamaatti kasaaraa maallaqaa miidhamaa
irratti qaqqabe agarsiisuufidha. Fkn namni miidhaan qaamaa irratti qaqqabe tokko
yaalamuuf baasii baasu, akkasumas namni miidhaan qabeenya isaarratti qaqqabe sababa
miidhaatiin gatiin qabeenyichaa hir’achuu ykn guutummaa guutuutti gatii dhabu ta’uu ni
danda’a.
Kanaafuu miidhamaan tokko qaama isaarratti miidhaa qaqqabeef qarshii 500(dhibba
shan) yaalamuuf baasii yoo godhe, qarshiin dhibbi shan miidhaa qaqqabeedha.
Akkasumas qabeenya tokko fkn konkolaataa irratti balaan rukutamuu cimaan irra
ga’uudhaan, konkolaataan miidhichaan dura gatiin ishee qarshii 40,000(kuma afurtama)
ture rukutamuun booda gatiin ishee qarshii 25,000(kuma digdamiishan) yoo ta’e, abbaa
qabeenyaa irra miidhaan qarshii 15,000(kuma kudhashanii) irra ga’eera jechuudha.
Dabalataanis namni hojii guyyaatiin jiraachaa jiru tokko qaama isaarratti miidhaan
qaqqabee yeroo muraasaaf fkn guyyoota 10 hojii hojjechuu yoo dadhabe, galiin guyyoota
10 irraa citeera jechuudha. Kanaafuu galiin inni guyyaatti argatu herreegamee,
fakkeenyaaf galiin isaa guyyaatti qarshii 15 yoo ta’e guyyoota kudhanitti qarshii 150
dhabeera jechuudha. Kunis miidhaa qaqqabe jedhama.
Page 20
B. Miidhaa gara fuul-duratti qaqqabu(future damage)
Sababa miidhaatiin, miidhamaan fuul-duratti kan dhabu ykn baasii inni baasu kan
ilaaludha. Fakkeenyaaf konkolaachisaan tokko sababa miidhaan isarratti qaqqabeef naafa
yoo ta’e, carraa akka duriisaatti hojjetee galii argachuu hin qabu jechuun ni danda’ama.
Kanaafuu miidhamuu isaatiin waan dura argachaa ture gara fuul-duratti kan dhabu waan
ta’eef, miidhaan ifaa fuul-duratti qaqqabu irra ga’eera jedhama. Fakkeenya biraatiin,
namni miidhaan irratti qaqqabe tokko, sababa miidhaa kanaatiin fuul-durattis yaalii
fulla’aa isa barbaachisa jedhamee ogeessota yaalatiin yoo mirkaneeffame gara fuul-
duraatti yaalumsaaf baasii baasuun isaa dhugaa hin oolledha. Waan ta’eefis miidhaan ifaa
fuul-duratti qaqqabu irra ga’eera jechuudha.
Walumaagalatti, miidhaawwan ifa ta’an(miidhaa qaqqabee fi fuul-dura miidhaa qaqqabu)
beenyaa kaffalchiisuu kan danda’an sirrumaan/dhugumaan/ kan argaman yoo ta’e
qofaadha.(s/h/h/lakk. 2102(2) fi 2092). Jiraachuun miidhaawwan kanaa ragaadhaan kan
mirkanaa’u yoo ta’u, bu’uura s/h/h/lakk. 2041tiin miidhamaan ragaa seera qabeessa
dhiyeessuudhaan miidhaa isarra qaqqabee fi miidhaa fuul-duratti isarra qaqqabu
mirkaneessuun irra jira. Himatamaan ifaan miidhaa yoo hin waakkatiinillee akka waan
amaneetti lakkaa’amee miidhaa ragaan hin dhiyaanneef beenyaan isaaf murtaa’uu waan
hin dandeenyeef, himataan ragaa miidhaa fi hanga miidhaa agarsiisu dhiyeessee
mirkaneessuu qaba.(s/a/f/h/h/lakk. 83).
Miidhaa qaqqabe ilaalchisee, ragaa jiraachuusaa agarsiisu dhiyeessuun yoo rakkisaa ta’uu
baatellee, yeroo tokko tokko ragaa hanga miidhaa qaqqabee agarsiisuu argachuun
rakkisaa ta’a. Yeroo akkanaatti miidhamaan ragaa miidhaan jiraachuu agarsiisu yoo
dhiyeesse fi hanga miidhaa beekuun rakkisaa yoo ta’e, miidhichaaf tilmaama sammuutiin
beenyaa akka murteessu mana murtiif aangoon kennameera(s/h/h/lakk. 2102/1/). Miidhaa
gara fuul-duraa immoo namni kamiyyuu waanta gara fuul-duraatii sirrumaan ga’uu
danda’u sirriitti beekuu waan hin dandeenyeef, seericharratti gaaleen “miidhaan fuul-
duratti qaqqabuu danda’u kan mirkanaa’e yemmuu ta’e” jedhu sirrummaa sirrii(absolute
certainity) otoo hin ta’iin sirrummaa sababaawaa(reasonable certainity) kan ilaallatuudha.
3.1.2. Miidhaa haamilee(moral damage)
Miidhaan haamilee faayidaa maallaqaa ykn kiisa miidhamaa kan miidhu otoo hin ta’iin,
miidhaa miira miidhamaa irratti qaqqabu ilaalcha keessa kan galchuudha. Sababa miidhaa
Page 21
kanaatiin hubaatii miiraa, gadda, saalfii...kkf tiin miidhamuusaa bu’uureffachuudhaan
akkuma gosaa fi sadarkaa miidhama haamileetiin beenyaan isaaf kaffalamuu danda’a.
Fakkeenyaaf miidhaan qaamaa nama tokko irratti qaqqabuusaatiin, gama maallaqaatiin
miidhaa irra ga’u, jechuunis miidhaa ifa ta’etti dabalataan qaamnisaa hir’achuudhaan, qaama
isaa irratti mallattoo jiraatu(godaannisni) hafuudhaan...kkf tiin miirri isaa miidhamuun kan
hin oolledha. Miidhama miiraa kana maallaqaan shallaguuf rakkisaa ykn kan hin danda’amne
yoo ta’ellee, miidhamasaa qabbaneessuuf ykn salphisuudhaaf bu’uura seericha irratti taa’een
beenyaan miidhaa haamilee maallaqaan isaaf kaffalamuu danda’a.
Gaaffilee marii
1. Dhimma mana murtii tokkotti dhiyaaterratti himataan sababa miidhaa qaama
himatamaan anarraan ga’een yaalamaa fi miidhicha irraa bayyanachuuf nyaataa fi nama
nadhukkubsachiiseef baasiwwanin baase naaf haa kkaffalu jedhee himachuudhaan
himatamaan miidhaa isarratti qaqqabsiisuu fi sababa kanaan mana yaalaa deemee
yaalamuusaa ragaa agarsiisu dhiyeesseera. Haa ta’u malee yaalamaaf, nyaataa fi
dhukkubsachiiftuuf baasii hangam akka baasee ragaa agarsiisu hin dhiyeessine. Manni
murtii dhimmich dhiyaateefis himataan sababa miidhaatiin baasii hangam akka baasee
ragaa agarsiisu yoo hin dhiyeeffatiinillee ragaa miidhamuu fi yaalamuu isaa agarsiisu
waan dhiyeesseef, biyya kanatti namootni baasii baasaniif muuxannoon naga’ee
fudhachuu waan hin dagaagneef, namni miidhaasaaf yaalame baasii yaalamaa baasuun
akkasumas namni miidhame miidhamasaarraa bayyanachuuf baramaarraa adda kan ta’ee
fi nyaata dabalataa fayyadamuudhaan baasii dabalataatiif saaxilamuun isaa waan hin
hafneef jedhee sababa kaa’uudhaan tilmaamaan himataadhaaf beenyaa mureera.
Leenjitootni murtii mana murtichaatti waliigaltuu? Maaliif?
2. Dhimma mana murtii biraatti dhiyaateen immoo himataan hojii qonnaa irratti bobba’e,
sababa harkaa fi miilla koo irratti miidhaa qaama dhaabbataa qaqqabeen amma hojii koo
qonnaa hojjechuu waanan hin dandeenyeef, qonnaa koo qotee galiin argaachaa ture
amma himatamaan naaf kaffaluu qaba jedhee falmeera.
Dhimma kanarratti miidhaan himataa maaliidha? Beenyaan hoo akkamitti herregamaaf?
Page 22
3. Namni konkolaataan isaa sababa balleessaa konkolaataa biraatiin rukutamtee duraa
miidhamte konkolaataasaa hojjechiisuudhaaf baasii baasutti dabalataan hanga
konkolaatittiin hojjetamtutti galii konkolaatittidhaan argatu gaafachuu ni danda’aa?
Maaliif?
Namni konkolaataan isaa duraa rukutamte kun konkolaataan isaa hanga hojjetamutti
konkolaataa biro kireeffatee hojjechuudhaan baasii biraaf yoo saaxilamee baasiin isaa
bakka bu’uuf ni danda’aa? Maaliif?
4 Himannaa beenyaa mana murtii biraatti dhiyaateen abbaan mucaan waggaa 12 rukuttaa
konkolaatiitiin duraa du’e hanga yeroo sanaatti baasii ittiin mucicha guddise
gaafateera.Leenjifamtootni seera qabeessummaa gaaffii kanaa irratti yaada kennaa.
BOQONNAA AFUR
Sirna beenyaan miidhaa(kasaaraan) itti kaffalamu.
Boqonnaa kana keessatti miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuuf beenyaan
akkamiin herreegamee akka kaffalamu ilaalla. Kaayyoon kutaa kanaa agama beenyaa
herreeguutiin qabxiilee ilaalcha keessa galfamuu qaban leenjifamtootni
xiyyeffannaadhaan akka hubatan taasisuudha.
4. Waa’ee maalummaa beenyaa akka waliigalaatti
Barreeffama kana boqonnaa tokko keessatti caqasuuf akka yaalametti kaayyoon seera
ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu, haala walitti
dhufeenya waliigalteetiin ala ta’een mirga seeran eegame tokko irratti miidhaan yemmuu
qaqqabu, namni miidhaa qaqqabsiise ykn seerich ittigaafatamaa taasisu, miidhicha
beenya’uudhaan akka sirreessu taasisuudha.
Seera hariiroo hawaasaa kutaa ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin
qaqqabuu keessatti gosoota beenyaa fi shallaggii tarreessuudhaan alatti beenyaadhaaf
hiikkoon hin teechifamneef.
Haa ta’u malee seera hariiroo hawaasaa lakk. 2090(1) fi 2091 jalatti tumaa teechifame
irraa beenyaan, nama miidhaan irratti qaqqabe tokkoof hangi miidhichaa shallagamee
faayidaa ykn maallaqa hanga miidhaa kanaa isaaf kennamu ta’uusa hubachuun ni
danda’ama. Faayidaan miidhamaadhaaf kennamu kun bakka miidhaasaa bu’ee
miidhamasaa akka sirreessuuf jedhameetudha.
Page 23
Kanaan booda akka ilaallutti gosootni beenyaa garaa-gara yoo ta’anillee, gosti beenyaa
inni mummichi tooftaa miidhaa waliin maallaqa walgituun beenya’uuti.
4.1. Sirna beenyaan miidhaawwan ifa ta’aniif ittiin kaffalamu.(modes and extent of
compensation for material damage).
Miidhaawwan ifa ta’an, miidhaa qaqqabe ykn miidhaa fuul-duratti qaqqabu
jechuudhaan qoqqonnee ilaalleera. Sirni beenyaan miidhaawwan ifa ta’an ittiin
kaffalamu qajeeltoo bu’uura lama kan hordofuudha.
Inni calqabaa sirna kaffaltii beenyaa walmadaalaa(walgitaa) yoo ta’u, kunis qaamni
miidhaadhaan miidhamaa ta’e, miidhichaan dura haala irra turetti akka deebi’u
taasisuu, bakka miidhaa isarratti qaqqabee beenyaan maallaqaa akka kaffalamuuf
gochuu, ykn faayidaa(bu’aa) argachuu danda’u madaaluudhaan gosoota beenyaa
kaffalaman jedhamuudhaan teechisuun ni danda’ama.
Qajeeltoon inni lammaffaan, sirna kaffaltii beenyaa wal hin madaalle yoo ta’u, kunis
badii miidhamaa ilaalcha keessa galchuudhaan tilmaama sammuutiin kan kaffalamu
kan hammatuudha.
4.1.1. Sirna beenyaan walmadaalu(walgitu) ittiin kaffalamu(The Equivalence
rule)
Sirna kanaan beenyaan kaffalamu keessumattuu miidhawwan ifa ta’aniif
baay’ee kan fayyaduudha. Tumaa seera hariiroo hawaasaa lakk. 2091
yemmuu ilaallu namni miidhaa qaqqabeef ittigaafatamaa ta’ee argame
miidhamaadhaaf beenyaan inni kaffalu miidhaa miidhamaa irratti qaqqabe
waliin qixa ta’ee walmadaalu akka qabu ni agarsiisa. Kanaafuu hangi miidhaa
miidhamaa irratti qaqqabee beekamuu qaba.
Hanga miidhaa miidhama irratti qaqqabee karaa(tooftaawwan) itti aananiin
qorachuun ni danda’ama.
I. Miidhamaan otoo miidhaan hin qaqqabiin dura bakka(haala) irra turetti
deebisuu.(Reinstatement)
Karaa(tooftaa) kanaan miidhamaa beenya’uudhaaf otoo miidhaan hin qaqqabiin
dura haala miidhamaan irra ture beekuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf
konkolaataa miidhamaa irratti miidhaan kan ga’e yoo ta’e, konkolaataanisaa akka
suphamuuf taasisuu, konkolaataanisaa gutummaa guutuutti kan barbadaa’ee(bade)
Page 24
yoo ta’e, miidhamaan konkolaataa biraa gosaan tokkoo ta’e akka argatu
gochuudhaan beenya’uu yoo ta’u, kunis miidhaa qaqqabe guutummaa guututti
balleessuuf gargaara. Yeroo tokko tokko immoo miidhamaan miidhaa isarratti
qaqqabe, fakkeenyaaf konkolaataa isaa irratti miidhaa qaqqabe baasii mataa
isaatiin yoo suphisiise ykn guutummaa guutuutti barbadaa’eera(badeera) taanaan
immoo baasii mataa isaatiin konkolaataa biraatiin bakka buufateera yoo ta’e
gareen miidhaasanaaf ittigaafatamaa ta’e baasii miidhamaan baase guutummaatti
akka bakka buusuuf murtaa’uu danda’a.
II.Bakka buusaan beenya’uu(Exchange value)
Miidhaa qaqqabeen gatiin qabeenya miidhamaa akka hir’atu yemmuu ta’utti,
gartuun miidhaa kanaaf ittigaafatamaa ta’e garaagarummaasaa akka kaffalu
gochuudhaan karaa itti beenya’amuudha. Tooftaa kanaan beenyaa kaffalchiisuudhaaf
miidhaadhaan dura gatii qabeenyich gabaarratti qabu mirkaneffachuun
barbaachisaadha. Haala biraatiin immoo qabeeny sababa miidhaatiin gatiin akka
hir’atu ta’e, gatii kiraaqabeenyichaa yoo ta’e, kanuma ilaalcha keessa galchuudhaan
beenyaa shallaguun barbaachisaadha. Haala isa lammaffaatiif fakkeenya gaarii ta’uu
kan danda’u, qabiyyee lafaa irratti miidhaa qaqqabuudha. Itiyoopiyaa keessatti lafti
kan hin gurguramnee fi hin jijjiramne waan ta’eef, gabaarratti gatiin lafaa hin jiru.
Kanaafuu qabiyyee lafaa kireessuun waan danda’amuuf, gatiin kiraa kun beenyaa
shallaguudhaaf bu’uura ta’a.
III.Faayidaa argamuu danda’u madaaluudhaan beenya’uu(utility value)
Miidhaan miidhamaa irratti qaqqabe mirga bu’aa ykn faayidaa argachuurratti yeroo
ta’u, fkn hojii daldalaa keessatti sababa dorgommii daldalaa hin
malle(hinbarbaachifne) tiin miidhaa qaqqabe yoo ta’e, bu’aan miidhamaan dhabe
madaalamee beenyaan akka kaffalamuuf murteeffama.
Akkaataa beenyaan miidhaa qaamaa fi balaa du’aatiif itti
kaffalamu.
Sirna beenyaan walmadaalaan(walgitaan) ittiin kaffalamu ilaalchisee miidhaa qaamaa
fi balaa du’aatiif akkaataa beenyaan itti kaffalamu ilaaluun, kallatii haalota
qabatamootiin barbaachisaa waan ta’uuf akka itti aanutti dhiyaateera.
Page 25
1. Akkataa beenyaan miidhaa qaamaa itti kaffalamu.
Miidhaa qaama namaa irratti qaqqabuuf beenyaa walgitu shallaguun baay’ee
rakkisaadha. Qaamni ilma namaa gabaa irratti gatiidhaan kan shallagamu waan
hin taaneef miidhaa qaama nama tokkoo irratti qaqqabu maallaqaan
herreguudhaan teechisuun rakkisaa ykn kan hin danda’amne ta’a. Haa ta’u malee
kutaa ykn kutaalee qaama nama tokkoo irratti miidhaan yemmuu qaqqabetti,
beenyaa isaaf kaffalamuu danda’u murteessuudhaaf, galii argachuu miidhamaatiif
faayidaa kutaan qaamaa miidhamesun qabu ilaalalcha keessa galchuudhaan
sababa miidhaa qaama isaa irratti qaqqabeen kan baase ykn galii(faayidaa) gara
fuul-duraa dhabuu danda’u herreeguudhaan, gartuun miidhaa kanaaf
ittigaafatamaa ta’e, miidhamaadhaaf beenyaa akka kaffalu murteessuun ni
danda’ama.
Nama qaamnisaa miidhameef beenyaa murteessuuf qabxiileen tilmaama keessa
galuu qaban, kanatti kan aananiidha.
- Gosa fi sadarkaa miidhaa(guutummaa fi dhaabbataa, gartokkee fi dhaabbataa,
miidhaa qaamaa yeroof qaqqabu(dhaabbataa hin taane) ta’uusaa.
- Walitti dhufeenya kutaan qaamaa miidhame dandeetti hojjechuu fi hojii
miidhamaa waliin qabu.
- Otoo miidhaan irratti hin qaqqabiin hojii miidhamaan hojjechaa ykn irratti
bobba’ee ture( hojjetaa mindeeffamee hojjetu,hojii mataa isaa hojjechuun kan
jiraatu, kan hin hojjenne ykn hojii kan hin qabne ta’uusaa).
- Kutaa qaama miidhame(harka, ija miila)
- Umurii miidhamaa kan ammaa fi kan gara fuul-duraa fa’adha.
Qabxiilee kana bu’uura godhachuudhaaan beenyaan yemmuu murtaa’uu,
miidhaa qaamaa walfakkaataa mataasaatiif hangi beenyaa garaagaraa haalli
itti murtaa’u ni jiraata. Ta’us yemmuu beenyaan miidhaa qaamaa akkanaatiif
shallagamu qajeeltoowwaan waliigalaa walmadaalummaa beenyaaa hojiirra
oolchuuf yaaliin godhamuu qaba.
1. Miidhaa qaama hojjetaa qacaramaa.
Qaama hojjetaa mindeeffamee hojjetu tokkoo irratti miidhaan yoo
qaqqabe sababa miidhaa kanaatiin faayidaan inni dhabu jiraachuu ni
Page 26
danda’a. Miidhaan kan isarra qaqqabe hojii itti qacaramee hojjetu waliin
kan walqabatu yeroo ta’u, jechuunis miidhaa sababa hojiisaatiin qaqqabe
yoo ta’e, waa’een akkaataa beenyaan kaffalamuu qixa seera hojjetaa fi
hojjechiisaatiin kan ilaalamu ta’a. Haa ta’u malee miidhaan isarratti
qaqqabe bifa hojiisaa waliin wal hin qabanneen yoo ta’e, bu’uura seera
ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuu
ilaallatuun kan uwwifamu ta’a.
Miidhaan qaamaa hojjetaa mindeeffamaa irratti qaqqabe miidhaa yeroo
gabaabaa yoo ta’e, sababa miidhaa kanaatiin yeroo murtaa’eef hojii waan
hin hojjenneef galiin inni dhabu shallaggii beenyaa miidhaatiif bu’uura
ta’uudhaan kunumti akka kaffalamuuf murtaa’a. Miidhaan qaamaa
hojjetaa qacaramaa irratti qaqqabe dhaabbataa yoo ta’ee fi miidhaa kanaan
duratti hojjechaa kan ture hanga dhumaatti hojjechuu kan hin dandeenye
ta’uun yoo mirkanaa’e garuu miidhaan gara fuul-duraatti qaqqabu
shallagamee beenyaan miidhaa akka isaaf kaffalamuu ni murtaa’aaf.
Yeroo miidhaan qaamaa dhaabbataan qaqqabetti beenyaa miidhaa gara
fuul-duraaa murteessuudhaaf karaawwaan (tooftaawwan) armaan gadii
hordofuun barbachisaadha.
A. Hanga miidhaa qaqqabee ilaalcha keessa galchuu:
Miidhaan qaama hojjetaa irratti qaqqabe dandeetti hojjechuusaa
guutummaa guututti ykn gartokkeen dhabsiisuu danda’a. Kana
jechuunis kutaan qaamaa miidhaan irratti qaqqabe gosa hojii hojjetich
hojjechaa tureef faayidaa murteessaa ta’uun isaa dagatamuu hin qabu.
Fakkeenyaaf miidhaan quba harkaa irratti qaqqabe faayidaan
abukaatoo(ogeessa seeraa) tokkoof qabuu fi barreessituu tokkoof qabu
garaagarummaa guddaa kan qabuudha. Barreessituudhaaf akka
miidhaa guutuutti kan fudhatamu yoo ta’u, ogeessa seeraatiif garuu
akka miidhaa gartokkee qofatti fudhatamuu ni danda’a. Ogeessotni
yaalaa miidhaa qaama ilma namaa irratti qaqqabe ilaalchisee
ga’ee(qooda) kutaan qaamaa miidhaan irratti qaqqabe qaamasaa
waliigalaa keessatti qabu harka dhibbaa keessaa(parsentiidhaan)
Page 27
shallaguudhaan ragaa ogummaa kennu. Fakkeenyaaf: miidhaan quba
harkaa tokko irratti qaqqabe(yoo cite) qaama waliigalaa keessaa
kudhan dhibbaffa(10%) kan jedhu ta’uu danda’a. Ta’us ragaan ogeessa
yaalaa kun qixa ogummaa(hojii) miidhamaatiin miidhaa hordofsiisu
ykn dandeetti hojjechuu kan ibsu miti. Fakkeenya olitti ibsame irratti
miidhaan cituu quba harka barreessituu irratti qaqqabe dandeetti
barreesitummaadhaan gara fuul-duraatti hojjechuu barreessituu kana
dhibbaa-dhibbatti kan hir’iseedha jedhamuu ni danda’a.
B. Yeroo miidhaan qaqqabetti galii ykn mindaa hojjetichaa.
Miidhaan qaama hojjetichaa irratti qaqqabe yeroo murtaa’eef hojiirraa
kan isa kutus yoo ta’e ykn guutummaa guutuutti (gara fuul-duraa)
hojiisaa hojjechuurraa kan isa kutu yoo ta’e miidhicha shallaguudhaaf
yeroo miidhaan qaqqabetti galiin(mindaan) inni argaachaa ture
beenyaa miidhaa shallaguudhaaf bu’uura ta’a.
C. Umurii hojjetich hojii irra turu.
Miidhaa gara fuul-duraatti qaqqabu shallaguudhaaf yeroo miidhaan
qaqqabetti umurii miidhamaan irra jiru bu’uura godhachuudhaan gara
fuul-duraa umurii inni hojii irra turu (hafu) tilmaama keessa galchuun
barbaachisaadha.
2. Nama hojii mataasaa hojjechuudhaan jiraatu(self-employed)
Qacaramee otoo hin ta’iin hojii kan mataasaa ta’e hojjechuudhaan nama
jiraatu irratti miidhaan qaamaa yemmuu qaqqabu beenyaa miidhaa
shallaguun kan hojjetaa qacaramaa caala ulfaachuu ni danda’a. Kanaafuu
galii waggaatti namich argatu gibira inni mootummaadhaaf kaffalu irraa
ykn haala biraatiin qulqulleessuudhaan, galii isaa kan waaggaa bu’uura
godhachuudhaan akkuma gosa miidhaasaatti beenyaa shallaguun
barbaachisaadha.
3. Miidhaa qaama nama hojii hojjechaa hin turre irratti qaqqabe.
Page 28
Namni tokko sababa adda addaatiin hojjechuu dhiisuu danda’a; hojjechuu
waan hin barbaanneef, hojii isa gitu dhabuudhaan ykn darbee darbee qofa
hojii irra turuu fi sababni biraas caqafamuu danda’a. Miidhaa qaama
nama akkasii irratti qaqqabuun galii inni dhabu ykn galii inni gara fuul-
duraatti dhabu shallaguudhaaf bu’uura kan ta’u waanta qabatamaa
argachuun rakkisaadha. Kanaafuu bu’uura seera hariiroo hawaasaa lakk.
2102 tiin tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan abbootiin murtii
beenyaa miidhaa sababaawaa ta’e miidhamaadhaaf akka kaffalamu
murteessuu ni danda’u.
II, Balaa du’aa(mortal accidents)
Namni tokko sababa balaa irra ga’eetiin lubbuu isaa dhabuu ni danda’a. Nama tokko
irratti balaan du’aa yemmuu qaqqabu, beenyaan kan kaffalamu eenyuufidha?
Beenyaan isaa akkamitti shallagama qabxiilee jedhan kaasuudhaan ni ilaalla.
- Balaa du’aatiin beenyaan kan kaffalamuuf seera hariiroo hawaasaa lakk. 2095
jalatti akka mul’atutti, balaa du’aatiif beenyaan akka kaffalamuuf gaafachuuf
mirga kan qaban, abbaa manaa ykn haadha manaa du’aa, warraa fi ijoolle
isaati. Beenyaa kan gaafatan maqaasaaniitiin yoo ta’u, kunis gama ittiin
bulinnaatiin miidhaa isaan irratti qaqqabuufidha.
- Gareen balaa du’aatiif ittigaafatamaa ta’e, beenyaan kaffalu bifaa fi gosa
sooramaatiin, nyaataaf ykn ittiinbulinnaadhaaf kan kaffalamu akka ta’e
keewwaticharraa ni mul’ata.
- Namootni balaa du’aatiif beenyaa gaafachuuf mirgi kennameef fira biraa
qallaba akka kennuuf gaafachuu danda’an yoo qabaatanillee, sababa balaa
du’aatiin beenyaa argachuun isaaniif malu argachuudhaaf mirga akka qaban ni
hubatama.
- Seera hariiroo hawaasaa lakk. 2095(2) irratti akka mul’atutti, beenyaan balaa
du’aa, akkaataa bifaa fi gosa sooramaatiin ittiinbulinnaadhaaf kan kaffalamu
ta’uu akka qabu tumameera. Kanaafuu sababa balaa du’aatiin beenyaa
kaffalamu murteessuudhaaf, manni murtii, sirna qallabni ittiin murtaa’u seera
Page 29
hariiroo hawaasaa, keessumattuu seera maatii ykn seera maatii feedaraalaa
kan fooyya’e irratti argamu hubachuun irraa eegama.
- Bu’uuruma kanaan seera hariiroo hawaasaa lakk.812 ykn seera maatii
feedaralaa kan fooyya’e lakk. 201 irratti akka kaa’ametti, gareen qallabni akka
kennamuuf gaafatu hojjetee nyaachuuf ykn galii barbaachisaa ta’e argachuuf
dandeetti kan hin qabnee fi rakkoorratti kan kufee yoo ta’e qofadha. Kana
waan ta’eef gareen sababa balaa du’aatiin beenyaan akka kennamuuf
gaafachuuf mirga qabu, kana agarsiisuudhaaf ykn hubachiisuudhaaf dirqamni
irra jira.
- Akkasumas bu’uura seera hariiroo hawaasaa lakk. 813 ykn seera maatii
feedaraalaa fooyya’e keewwata 202 tiin haala isa qallaba fudhatuu qofa otoo
hin ta’iin dandeetti isa qallaba kennuus madaaluun akka barbaachisu seerota
kana irratti kaa’ameera. Kanaafuu beenyaa balaa du’aatiif murteessuu irrattis
kanuma hordofuun barbaachisaadha.
Akka bu’uuraatti sirni qallabni itti kaffalamu yeroo tokkotti maallaqa
murtaa’e(lump sum) kaffaluudhaan otoo hin ta’iin yeroo-yerootti(periodic)
akka ta’e seera hariiroo hawaasaa irrattis ta’e seera maatii feedaraalaa
fooyya’e irratti kaa’ameera. Kanaafuu hanga kaffalamu dabaluu, hir’isuu,ykn
akka addaan citu murteessuun akka danda’amu seera maatii irratti
kaa’ameera.
Qabxiin bu’uuraa kan biraa irra darbamuu hin qabne seera hariiroo hawaasaa
lakk. 2096 irratti kan tumameedha. Sababa balaa du’aatiin beenyaa
gaafachuuf mirga kan qaban jara keewwata 2095 jalatti caqafaman qofadha.
Yoodhuma inni du’e isaan gargaaraa ture ykn jiraachisaa ture ta’ellee
namootni biroo beenyaa gaafachuudhaaf mirga akka hin qabne ifatti
tumameera. Kanaafuu bu’uura seera Itiyoopiyaatiin namootni sababa balaa
du’aatiin beenyaa gaafachuudhaaf mirgi kennameef s/h/h/ lakk. 2095 irratti
warra caqafaman qofaadha.
Walumaagalatti sababa balaa du’aatiin beenyaan kaffalamu sirna beenyaan
balaawwan ykn miidhaawwan birootiif ittiin kaffalamu irraa adda waan
ta’eef, tumaalee seeraa ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin
Page 30
jiratiin qaqqabu ilaallatan qofa ilaaluudhaan raawwachiisuun waan hin
danda’amneef, seerotaa roogummaa(firooma) qaban ofeegannoodhaan ilaaluu
fi hubachuu gaafata.
4.1.2. Sirna beenyaan wal hin ginnee(non-equivalence) ittii kaffalamu.
Sirni beenyaan(kasaaraan) ittiin kaffalamu kun seericha lakk. 2091 jalatti kan
tumame jechuunis qajeeltoo waliigalaa “...miidhaa miidhamaa irra ga’e waliin
qixxee ta’ee madaalamuu qaba” jedhu irraa haalota adda(exception) ta’a kan
hammatu sirna kaffaltii beenyaati.
Sirna kaffaltii beenyaa wal hinmadaalle kutaa gurguddaa lamatti ramaduun ni
danda’ama. Kunis balleessaa miidhamaa(s/h/h/lakk. 2098) fi tilmaama
sammuu(Equity) dha.
I, Balleessaa miidhamaa
Balleessaan miidhamaa ykn balleessaan nama beenyaa gaafatuu hangi
beenyaa murtaa’uu akka hir’atuuf sababa ta’uu danda’a.kana jechuunis
miidhaa isarratti qaqqabeef miidhamaan ga’ee mataasaa kan qabu yoo ta’e,
beenyaan isaaf kaffalamuu danda’u miidhaa isarratti qaqqabe wajjiniin kan
walgitu otoo hin ta’iin kan hir’atu ta’a.
Tumaa seera h/h lakk. 2098 yemmuu ilaallu miidhaa miidhamaa irratti
qaqqabeef gartokkeedhaan badiin miidhamaa mataanisaa ga’ee kan qabu
ta’uun kan mirkanaa’e yoo ta’e, beenyaan miidhamaadhaaf kaffalamus
gartokkee akka ta’u keewwata xiqqaa tokko jalatti kaa’ameera. Kanaafuu
beenyaa gartokkee murteessuudhaaf haalota naannoo bu’uura godhachuun,
keessumattu hanga ga’ee miidhamaa(hanga badiisaa) madaaluudhaan namni
miidhicha qaqqabsiiseera jedhame hanga beenyaa haala baramaa keessatti
kaffaluu irraa hir’isuudhaan murtaa’uu akka qabu seerri h/h/ lakk.2098(2) ni
agarsiisa.
II, Haala addaa tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan beenyaan
itti murtaa’u.
Tilmaama sammuutiin murtii kennuu jechuun haalota seera irratti kaa’aman
akkaan hordofuun otoo hin barbaachisiin, haalota beekamoo biroo ilaalcha
keessa galchuudhaan, loogii malee, bifa madaallii eegeen murtii kennamu
Page 31
jechuu yoo ta’u, jechama haqa seera hin hordofne(justice without law)
jedhuun sirna ibsamuudha jechuun ni danda’ama.
Bu’uura seera Itiyoopiyaatiin tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan
miidhaa qaqqabe tokkoof beenyaa(kasaaraa) murteessuun kan danda’amu
haalotni seericha keessatti kaa’aman yennaa mudataniidha. Kanaafuu
abbootiin murtii haalota seerich teechise bu’uura godhachuudhaan. Miidhaa
qaqqabeef gareen ittigaafatamaa ta’e beenyaa hanga miidhaa qaqqabeetiin
gadi ta’e akka kaffalu murteessuu ni danda’u. Tilmaama sammuu bu’uura
godhachuudhaan haala beenyaan itti murtaa’uu kanatti aansuudhaan ni ilaalla.
A. Gochi badii ta’uu beekuu dhabuudhaan miidhaa qaqqabe: (keew. 2099)
Seera h/h lakk. 2099 irratti akka kaa’ameti namni badii hojii(gochaa) isaa tilmaamuu hin
dandeenye gocha ittigaafatamummaa hordofsiisu raawwatee kan argame yoo ta’e, hanga
beenyaa inni kaffaluu qabu abbootiin murtii tilmaama sammuutiin murteessuu akka
danda’an tumameera. Haalli kun mudachuu kan danda’u yeroo gochaan mucaan
daa’imni ykn mucaan ga’ilaaf hin geenye raawwatu ykn gochaan namni sammuun hir’na
qabu raawwatu ittigaafatamummaa fidu abbootiin murtii hanga beenyaa miidhamaadhaaf
kaffalamuu miidhaa qaqqaberra xinneessuudhaan murteessuu ni danda’u.
Haala olitti ilaalleen abbootiin murtii tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan yeroo
murteessan bal’ina yaada miidhamaa fi garee ittigaafatamummaadhaan gaafatamuu
madaaluu akkasumas gareen ittigaafatamummaadhaan gaafatamu beenyaa kaffaluu
isaatiin miidhaan isarra ga’uu danda’u madaalamuu akka qabu seerri h/h/ lakk. 2099(2)
ni agarsiisa.
Fakkeenyaaf:- gareen miidhaan irratti qaqqabe daldalaa beekamaa fi qabeenya baay’ee
kan qabu yoo ta’e; karaa biraatiin immoo gareen dirqama beenyaa kaffaluu irra jiru hojii
guyyaatiin kan bulu(jiraatu) fi galii xiqqaa kan qabu, bulchaa maatii hedduu yoo ta’e, ykn
faallaa fakkeenyichaa yoo keenyee, hangi beenyaa tilmaama sammuu
bu’uureffachuudhaan murtaa’u haalota lamaanuu keessatti garaa gara akka ta’an ni
hubanna.
B. Badii sababa ajaja qaama ol’aanutiin raawwatamu. Lakk. 2100
Hojjetaan gadii ajaja seeraan alaa hoogganaa isaa ol jiruun kenname yoo raawwate,
hojjetaan gadii gocha seeraan alaa raawwateef ittigaafatamaa ta’a. Haa ta’u malee
Page 32
hojjetaan gadii miira naamusa ykn ajajamuu barbaachisaa ta’een ajaja seeraan alaa
hogganaan isaa kenne sababa raawwateen nama biraa irratti miidhaa qaqqabsiiseef
beenyaan kaffalamu isaaf hir’ifamuu ni danda’a. Hojjetaan gadii sababa ajaja hoogganaa
isaatiin badii raawwateef beenyaa miidhamaadhaaf kaffalamu hir’isuudhaaf abbootiin
murtii, barbaachisummaa ajajamuu xiqqachuu fi baay’achuu isaa madaaluun akka irra
jiru seera h/h lakk.2100 irratti tumameera.
Sababa ajaja qaama olaanuutiin gocha badii hojjetaa gadiitiin raawwatamu ilaalchisee,
qajeeltoowwan bu’uuraa waa’ee ajaja qaama olaanaa seera h/h lakk.2036 jalatti tumaman
hubachuun barbaachisaadha. Seera h/h lakk. 2036 irratti hoogganaa olaanaa fi hojjetaa
gadii gidduu walitti dhufeenya qaama mootummaa(public relationship) jechuunis
waajjiraalee bulchiinsaa ykn dhaabbilee loltummaa keessa kan jirru walitti dhufeenya
irraa-jalaa kan ilaallatuudha. Hojjetaan gadii ajaja hoogganaa isaa seeraan ala akka ta’e
isaaf galee otoo jiruu, keessumattuu hoogganaan olaanaan ajajicha kenne ajajicha
kennuudhaaf aangoo ykn dandeetti kan hin qabnee fi ajajichis gocha yakkaa, seeraan alaa
ta’uu isaa otoo beekuu, hojjetaan gadii ajaja kana raawwate balleessaa akka ta’e seericha
irratti tumameera.
Ta’us garuu hojjetaan gadii gocha hogganaan isaa akka inni raawwatuuf isa ajaje seeraan
ala akka ta’ee yoo beekes sababa naamusa bulchiinsaa(mootummaa) ykn loltummaatiin
waa’ee ajaja kennamee hoogganaa isaa wajjiniin mar’achuuf ykn falmuuf kan hin
dandeenye yoo ta’e ykn hojjetaan gadii kan ajajameen alatti waan biraa gochuuf haala hin
dandeenye keessa waan jiruuf ajaja seeraan alaa hoogganaasaa olaanaa kan raawwate yoo
ta’e balleessaa hin jedhamu. Fakkeenyaaf: hojjetaan gadii gocha seeraan alaa akka
raawwatuuf yeroo ajajamu meeshaa waraanaatiin dirqisiifamee(at gun point) yoo ta’e ykn
kan ajajamee yoo hin raawwatiin hojii isaa irraa akka ar’amu ajajni cimaan kan itti
kenname yoo ta’e, bu’uura seera h/h lakk. 2036 tiin hojjetaan gadii kun gochaa
raawwatameef balleessaa ta’uu akka hin qabne hubachuun ni danda’ama.
Kanaafuu, bu’uura seera h/h lakk. 2100tiin hojjetaan gadii ajaja seeraan alaa
hoogganaasaa olaanaa hordofuudhaan badii raawwatee yoo argame, beenyaa hojjetaan
gadii miidhamaadhaaf kaffalu hir’isuudhaaf haalota isa ajaja kennuu fi isa fudhatu
gidduu turan fi yaada hojjetaa gadii(motives) sirriitti hubachuun ni barbaachisa.
C. Miidhaa ni qaqqaba jedhamee hin yaadamne(keewwata 2101)
Page 33
Akka bu’uuraatti beenyaan miidhaa qaqqabe tokkoof kaffalamuu qabu, miidhichaan kan
walmadaalu(walgitu) ta’uu akka qabu ifadha. Ta’us garuu haalota tokko tokko irratti
waanti addaa mudachuu ni danda’a. Fakkeenyaaf: miidhaa qaqqabe tokkoof haala
baramaadhaan beenyaa qarshii 1000(kuma tokko) kan kaffalchiisu yoo ta’e, sababa haala
tasaa hin yaadamneetiin dhugaatti miidhaan qaqqabe qar. 10,000(kuma kudhan) ta’ee yoo
argame, abbootiin murtii tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan beenyaa
miidhamaadhaaf kaffalamu hir’isuu akka danda’an seera h/h lakk. 2101(1) irratti
tumameera. Haala kana fakkeenyaan deeggaruun waanticha caalatti ifa waan taasisuuf
fakkeenya kanatti aanu haa ilaallu:
Fakkeenyaaf konkolaachisaan tokko konkolaataa dhaabuuf bakka hayyamametti,
sirnaan dhaabee motorasaa eerga dhaamseen booda ulaa konkolaataa banatee
ba’uuf yoo jedhu, karaa cinaa isaatiin nama lafoo dhufaa jiru waan hin
argineef(hubanneef), yeroo ulaa banu namni lafoo deemaa jiru kun ulaa
konkolaataa bira ga’ee waan tureef, ulaan konkolaataa yemmuu banamu safartuu
yeroo(“sa’aatiin” harkaa) namtich harkasaatti hidhatee jiru rukutuudhaan
caccabsee faayidaan ala yoo ta’e, haa jennuutii, gatiin sa’aatii harkaa naannoo
sanatti mi’aadha yoo jedhame qar. 500(dhibba shan) yoo ta’e, sa’aatii caccabeef
beenyaan miidhamaadhaaf kaffalamuu qabu hanga qar. 500 ga’uu akka danda’u
tilmaamuun ni danda’ama. Haa ta’u malee sa’aatiin caccabe kun biyya alaatii
miidhamaadhaaf kan ergamee fi ajaja addaatiin kan hojjetame gatiin isaas hanga
qarshii 5,000(kuma shan) tti kan tilmaamamudha.
Haala kanaan beenyaan miidhamaadhaaf kaffalamu hanga miidhaa isarratti
qaqqabee ta’uu mala yoo jedhame murtii haqummaan hir’atu ta’uu danda’a. Waan
kana ta’eef haala isa dirqamni beenyaa kaffaluu irra jiruu fi miidhamaa ilaalcha
keessa galchuudhaan tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan beenyaa
miidhamaadhaaf kaffalamuu malu hir’isuun barbaachisaa ta’a.
Bu’uura seera h/h lakk. 2101 tiin tilmaama sammuutiin hanga beenyaa hir’isuun
gocha badii ta’e jedhamee raawwatameef raawwatinsa kan hin qabne akka ta’e
seera h/h lakk. 2101(2) ni agarsiisa.
D. Waa’ee rakkisummaa tilmaamaa(keewwata 2120)
Page 34
Miidhaan qaqqabuun kan mirkanaa’e yoo ta’e, miidhamaadhaaf beenyaan
walmadaalu(walgitu) akka kaffalamuuf murteessuun kan walfalmisiisu hin ta’u. Haa ta’u
malee, miidhaan miidhamaa irratti qaqqabe kan mirkanaa’e ta’ee haalota tokko tokkoon,
hanga miidhaa shallaguuf garuu haalli baay’ee rakkisaa ta’e ykn hin danda’amne ni
mudata. Haalli akkasii kun yemmuu mudatu abbootiin murtii haala waantota baramoo fi
ofeegannoo miidhamaan taasise, madaaluun hanga miidhaa tilmaamuudhaan bu’uura
tilmaama sammuutiin beenyaa murteessuu akka qaban seera h/h lakk. 2102(1) jalatti
tumameera. Dhimmicha fakkeenyaan yaa ilaallu:
Fakkeenyaa: Namni Abdallaa jedhamu hojii qonnaatiin kan bulu yoo ta’u, hojiisaa humna
isaatiin hojjechuudhaan waggaatti midhaan gosa adda addaa hanga kuntaala 20
oomishuudhaan nyaata maatiif kan ta’u hambisee kan irraa hafu gabaatti baasee
gurguruudhaan galii hanga qarshii 7,000(kuma torbaa) akka argatu ni beekama.
Abdallaan qonnaan bulaa haala kanaan jireenyasaa gaggeessudha. Akkasumas sagantaa
babal’isa(eksiteenshiinii) oomisha midhaanii mootummaan diriirse keessatti
hammatamuudhaaf qophii irra otoo jiruu, jiraataa naannoo isaa kan ta’e nama Adam
jedhamu wajjin waldhabdee uumameen, Adam uleedhaan Abdallaa
tumuudhaan(reebuudhaan) miidhaa qaamaa kan irraan ga’e yoo ta’u, sagantaa
babal’isa(eksiteenshiinii)tti hirmaachuuf qophiin inni godhe sababa miidhaa isarratti
qaqqabeen otoo hin milkaa’iin hafeera. Akkasumas Abdallaan miidhaa isarratti qaqqabe
yaalamee dhukkuba isaa irraa fooyya’uudhaan gara hojii isaatti yoo deebi’ellee, darbee
darbee hojii qonnaasaa akka durii isaatti hojjechuu waan hin dandeenyeef hojjetaa
guyyaa qacaruudhaan hojjechiisa.
Kanaafuu Abdallaan, karoora sagantaa babal’isaatiin(eksiteenshiiniitiin)
hammatamuudhaan oomishaa fi galiisaa guddifachuuf qabate otoo hin milkaa’iin hafuun
kan mirkanaa’e yoo ta’eyyuu, carraan sagantaa kanaan hammatamuu addaan cituusaatiin
qabatamaatti galiin dhabe hangam akka ta’e beekuun hin danda’amu. Akkasumas yeroo
akka duriisaatti hojii isaa hojjechuu hin dandeenyetti hojjetaa guyyaa qacaruudhaan
hojjechisuun isaa kan mirkanaa’e yoo ta’eyyuu, waggaatti ykn ji’atti yeroo meeqaaf
hojjetaa guyyaa qacaree hojjechiisuu akka danda’u qabatamaatti dubbachuun hin
danda’amu. Kanaafuu baasii dabalataa hojiisaa hojjechuuf baasu qabatamaatti beekuun
hin danda’amu.
Page 35
Haalli akkanaa yeroo mudatu beenyaa sirrii shallaguun rakkisaa ykn kan hin danda’amne
ta’a. Kanaafuu haalota naannoo irraa ka’uudhaan, Abdallaan oomishaa fi galii duraan
argachaa tureen walbira qabuudhaan yeroo tokko tokko gabaadhaan alatti otoo
eksiteenishiiniidhaan hammatamee galii dabalataa inni argachuu danda’u
tilmaamuudhaan hanga beenyaa tilmaama sammuutiin murteessuun barbaachisaa ta’a.
Hojjetaa guyyaatiif baasii dabalataan baasus ji’a tokko keessatti guyyaa sadiif ykn
shaniif hojjetaa guyyaa qacaruu ni danda’a tilmaama jedhuurraa ka’uudhaan, haala
baramaa naannoo hojjetaa guyyaaf kaffalamu bu’uura godhachuudhaan bu’uura tilmaama
sammuutiin hanga beenyaa shallaguun barbaachisaa ta’a.
Bu’uura seera h/h lakk. 2102tiin tilmaama sammuutiin beenyaa murteessuun dhimma
filannoo otoo hin ta’iin dirqama(mandatory) ta’uusaa seericha irraa ni hubanna. Tumaa
kana irraa kan hubannu kan biraan, akka tumaalee biro hanga beenyaa hir’isanii
murteessuu otoo hin ta’iin, beenyaa mirkanaa’aa shallaguun haala hin dabda’amne
keessatti kan fudhatamu karaa filannoo beenyaan ittiin murtaa’u ta’uusaa hubachuun
barbaachisaadha.
E. Haala Barbaachisaa(necessity) (lakk. 2103)
Namni tokko qabeenya nama biraa irratti miidhaa kan geessise badii gochuun otoo hin
ta’iin, ofiisaa oolchuuf ykn nama biraa miidhaarraa ykn balaa tasaarraa oolchuuf jecha
miidhaa qaqqabsiise yoo ta’e, beenyaan miidhamaa sababa kanaan miidhaan qabeenya
isaarratti qaqqabeef kaffalamu miidhaa isaa waliin madaalamee otoo hin ta’iin tilmaama
sammuutiin ta’uu akka malu seerri h/h lakk. 2103 ni tuma. Kanaafuu akka tumaa
kanaatti tilmaama sammuu bu’uura godhachuudhaan murteessuun abbootii murtiif
filannoo kenname otoo hinta’iin dirqama(mandatory) dha. Waan ta’eefis beenyaan hanga
miidhaa miidhamaa irratti qaqqabee gad ta’e kan murtaa’u ta’a.
F. Ittigaafatamummaa hojjetaa qacaramaa
Haalotni seera hariiroo hawaasaa lakk. 2157 – 2159 jalatti kaa’aman, hojjetaan
mootummaa, hojjetaan dhaabbata dhuunfaa ykn hojjetaan bakka biraatti qacarame, yeroo
hojiisaa hojjetu badii yoo raawwatee fi nama biraa irratti miidhaa qaqqabsiise yoo ta’e,
beenyaa hojjetich miidhamaadhaaf kaffalu guutummaatti ykn gartokkee dhaabbatni ykn
namni qacare akka kaffalu abbootiin murtii murteessuu akka danda’an seera h/h lakk.
2157(1) irratti kaa’ameera.
Page 36
Kanaafuu hojjetaan qacaramaan tokko yeroo hojiisaa hojjetutti nama biraa irratti miidhaa
kan qaqqabsiise yoo ta’e, sadarkaa cimina badii hojjetichaa fi hojjetich badii kana kan
raawwate sababa hojii kennameef dabarsee hojjechuutiin ta’uu fi ta’uu dhabuu
madaaluudhaan hojjeticha kaffaltii beenyaa irraa guutummaa guutuutti bilisa gochuu ykn
gartokkee qofa akka kaffalu murtaa’uu akka qabu tumaa seera h/h lakk. 2157(2) irraa
hubachuun ni danda’ama. Ta’us garuu, hojjetich gochaa badii hordofsiise itti yaadee kan
raawwate ykn gochaa badii raawwate kanaan yakkaan himatamee kan itti murtaa’e yoo
ta’e, kaffaltii beenyaa irrattis guutummaatti ittigaafatamaa akka ta’u seerri hariiroo
hawaasaa lakk. 2159 ni hubachiisa.
Walumaagalatti hojjetaa qacaramaan sababa hojii isaatiin nama biraa irratti miidhaa kan
qaqqabsiise yoo ta’e, carraa guutummaa guututti kaffaltii beenyaa irraa bilisa ta’uu ykn
gartokkee qofaan ittigaafatamaa ta’uu kan qabu ta’uu fi kunis bu’uura aangoo tilmaama
sammuutiin murteessuu abbootii murtiif kennameetiin akka ta’e hubachuun ni
danda’ama.
4.2.Sirna beenyaan miidhaa haamilee ittiin kaffalamu(modes and extent of
compensation for moral damage)
Miidhamaan tokko miidhaan isarratti qaqqabe gama maallaqaatiin ykn miidhaa
maallaqaan tilmaamamuu danda’u yoo ta’uu baates, miidhama haamilee isarratti
qaqqabeef, jechuunis:- gadda, aarii, salfii ykn miidhama miira isarrati qaqqabeef
beenyaan isaaf kaffalamuu akka danda’u seera h/h/ lakk. 2105 irraa ni mul’ata.
Bu’uuraan miidhaa haamilee maallaqaan tilmaamanii beenya’uun kan hin
danda’amneedha. Sababni isaas miidhaan haamilee miidhama miira keessa ilma
namaa waan ta’eef miidhama miiraa kana safaruun ykn tilmaamuun waan hin
danda’amneefidha. Fakkeenyaaf miidhaa nama tokko irratti qaqqabeen gaddi isati
dhaga’ame qarshii meeqati tilmaamama jennee yoo gaafanne deebii hin argannuuf.
Haa ta’uuti, yoodhuma walmadaalaadha ykn walgitaadha jedhamuu baatellee
seerichaan ifatti yeroo kaa’ametti miidhaa haamileetiif beenyaan maallaqaa akka
kaffalamu seera h/h/ lakk.2105(2) irratti ibsameera. Kanaafuu seera h/h lakk.2105
irraa hubachuun kan danda’amu:
1ffaa :- Miidhaa haamileetiif beenyaan maallaqaa kan kaffalamu gosoota miidhaa
seericha irratti kaa’aman qofaaf jedhamuun miidhaa haamileetiif beenyaan
Page 37
maallaqaan kaffalamuun haala addaa malee tumaa waliigalaa akka hin taane
hubachuun ni danda’ama.
2ffaa :- Beenyaan miidhaa haamilee maallaqa qofaan kan kaffalamu otoo hin ta’iin,
filannoowwan birootiin, jechuunis- kaaffaltii maallaqaatiin ala kan jiran kan akka inni
balleessaa ta’e miidhamaa dhiifama akka gaafatu gochuutiin miidhaa haamilee
beenya’uun akka danda’amu hubachuun ni danda’ama.
Seera hariiroo hawaasaa lakk. 2105(1) irratti akka mul’atutti miidhaan haamilee
beenyaa kaffalchiisu badiidhaan miidhaa raawwatame dha. Dhimmootni seera
hariiroo hawaasaa lakk. 2106 – 2115 jalatti miidhaa haamilee beenyaa
kaffalchiisaniidha jedhamanii tumaman hunduu badiidhaan kan raawwatamaniidha.
Kanaafuu miidhaa badiirratti hundaa’ee malee, miidhaan haamilee badiin otoo hin
jiraatiin qaqqabu beenyaa hin kaffalchiisu.
M /murtii waliigala feedaraalaa galmee ol-iyyannoo hariiroo lakk.480/88 ta’een
dhimma dhiyaateef irratti abbaan qabeenyaa konkolaataa tokkoo badii otoo hin
qabaatiin abbaa qabeenyaa qabeenyichaa waan ta’eef qofa ittigaafatamummaan irra
jira jedhee seerich waan murteesseef qofa malee sababa badii raawwateef waan hin
taaneef beenyaa miidhaa haamilee kaffaluuf hin dirqamu jechuun murteesseera.
Bu’uura seera h/h Itiyoopiyaatiin beenyaan haamilee miidhamaadhaaf kaffalamu
qarshii 1000(kuma tokko) caaluu akka hin qabne seera h/h lakk. 2116(3) irratti
tumameera.
Miidhaa haamileetiif beenyaan maallaqaa kaffalamu bu’uura tilmaama sammuutiin
kan murtaa’u akka ta’e seera h/h lakk. 2106 – 2115 tumaalee jiran irraa hubachuun ni
danda’ama.
4.3. Sirna akkaataa biraatiin beenya’uu.
Hangi beenyaa miidhamaadhaaf kaffalamuu kan murtaa’u miidhaa isarratti qaqqabe
madaaluudhaan miidhama isaa wajjin maallaqa walgitaa ta’e akka kaffalamuuf
murteessuudhaan akka ta’e ilaalleerra. Gama biraatiin miidhaa miidhamaa irratti
qaqqabe sirriitti tilmaamuun kan hin danda’amne yeroo ta’etti tilmaamaa sammuutiin
hanga beenyaa murteessuun akka danda’amus ilaalleera.
Miidhaa isarratti qaqqabeef miidhamaan beenyaa maallaqaa akka argatu
murteessuudhaan alattis filannoowwan birootiin miidhama isaa beenya’uun akka
Page 38
danda’amu tumaalee seera h/h/ lakk. 2118 – 2123ti jiran irratti ni mul’ata. Isaan
kunis:
I. Waanta(qodaa) fudhatame deebisiisuu(restitution). (lakk. 2118)
Adeemsa seeraatiin alatti qodaan fudhatame abbaa mirgaa ykn abbaa
qabeenyaatiif akka deebi’u murteessuudhaan miidhaama qabeenya isaa
seeraan ala duraa fudhatame akka beenya’amu gochuun ni danda’ama.
Qabeeny seeraan ala fudhatame miidhamaadhaaf akka deebi’u kan murtaa’u,
qodaan fudhatame qofti akka deebi’u jechuudhaan otoo hin ta’iin, qodaan
fudhatame kun faayidaalee horee(fides) dabalatee miidhamaadhaaf akka
deebi’u gochuunidha.
Qodaa seeraan ala fudhatame akka deebisuuf namni itti murtaa’e qodicha
balleesseera yoo ta’e, tilmaama qodichaa kaffaluu akka qabu seericha irraa ni
mul’ata. Qodicha akka deebisuuf namni itti murtaa’e qodich sababa humna
humnasaa oli ta’een naduraa badeera jechuudhaan falmiin ykn mormiin inni
dhiyeessu fudhatama kan hin qabme akka ta’es seericha irratti kaa’ameera.
Fakkeenyaaf :- miidhamaa irraa seeraan ala kan fudhatame “saawwa” yoo
ta’e, saawwittiin isa fudhate harka yeroo turteetti dhalteetti yoo ta’e,
saawwitiin abbaa qabeenyaatiif akka deebitu yeroo murtaa’u jabbii ishee
waliinidha. Ta’us saawwitti akka deebisuuf namni itti murtaa’e saawwitti of-
biraa yeroo tursiisetti saawwittiidhaaf nyaataa fi waan kana fakkaataniif baasii
baase mirga gaafachuu akka qabu: jechuunis- bu’uura tumaalee seeraan ala
duroomuu ilaallataniin abbaan saawwaa (miidhamaan) akka kaffaluuf
gaafachuu akka danda’u seera h/h lakk. 2118 irratti tumameera.
II. Gosa fakkaataadhaan bakka buusuu(reparation). Lakk. 2119
Qabeenyi miidhamaa kan bade ykn kan miidhame yoo ta’e namni miidhichaaf
ittigaafatamaa ta’e bakka qabeenya balleessee kan biraa akka bakka buusu ykn
qabeenyi jedhame kan suphamu ykn haaromsamu yoo ta’es namni
miidhichaaf ittigaafatamaa ta’e baasii isaa guutummaatti kaffaluudhaan
qodich akka suphamu ykn haaromsamu akka taasisu itti murtaa’a. Ta’us
miidhaamaan qodaa isa duraa bade baasii mataasaatiin kan biraatiin bakka
buuseera yoo ta’e ykn baasii mataasaatiin suphisiiseera(haaromsiiseera) yoo
Page 39
ta’e gareen miidhichaaf ittigaafatamaa ta’e baasii miidhamaa akka bakka
buusuuf ni murtaa’a.
Haa ta’u malee, baduu ykn miidhamuu qodaa miidhamaatiif gareen
ittigaafatamaa ta’e mootummaa yeroo ta’etti qabeenya badesana akka bakka
buusuuf itti murtaa’uu akka hin danda’amne seericha irraa kan mul’atu yoo
ta’u, mootummaa irratti kan murtaa’u tilmaama qodichaa akka kaffalu
qofadha.
III. Waa’ee kabajaa fi maqaa gaarii(remedial publication) lakk. 2120
Gochaan kabaja ykn maqaa gaarii nama biraa miidhu yemmuu raawwatamutti
gareen gochichaaf ittigaafatamaa ta’e, kabaja ykn maqaa gaarii miidhamaa
deebisuudhaaf baasii mataa isaatiin beeksisa haaromsa maqaa akka ibsamuu fi
akka barreeffamu akka taasisuuf abbootiin murtii isa ajajuu akka danda’an
tumameera. Gareen maqa-balleessichaaf ittigaafatamaa ta’e maqaa gaarii ykn
kabaja miidhamaa akka deebi’uuf beeksisaan akka ibsu waanti ajajamu
miidhaa miidhamaa irratti qaqqabeef beenyaan maallaqaa akka kaffalamuuf
kan murtaa’utti dabalataan ta’uu ni danda’a. Waa’ee maqaa gaarii ykn kabajaa
ilaalchisee garaagarummaa bu’uuraa seera h/h lakk. 2120 fi 2049 gidduu jiru
sirritti hubachuun barbaachisaadha.
IV. Ofeeggannoowwan (ajaja dhorkaa) (Injunction) lakk. 2121
Gochaawwan tokko tokko amaluma isaaniitiin akka dhaabbatan yoo hin
godhamne, miidhaa qaqqabu ittisuun ykn dhaabuun hin danda’amu.
Fakkeenyaaf : dangaa nama biraatti ce’uu, waantota jeeqan raawwachuu,
mallattoo daldalaa mirga nama biraa ta’etti fayyadamuu, fi kkf gochaawwan
fakkaatan yoo akka dhaabbatan godhamuu baatan miidhamaadhaaf furmaata
ta’uu dhabuu danda’a.
Kanaafuu waanti miidhaa fidu akka hin hojjetamne; kan hojjetamaa jiru yoo
jiraates gochich akka dhaabbatu, gara fuul-duraattis akka hin calqabamne
abbootiin murtii ajaja dhorkaa kennuu akka danda’an seera h/h lakk. 2121
jalatti tumameera. Waan ta’eefis abbootiin murtii ajaja dhorkaa kan kennan
gochich miidhaa kan fidu ta’uu sirriitti yemmuu hubatanii fi miidhaan ni
Page 40
qaqqaba jedhamee yaadame kunis amalasaatiin gosa maallaqaan hin
beenya’amne ta’uun isaa yemmuu mirkanaa’eedha.
4.4. Akkaataa shallaggii beenyaa seera waliigaltee fi waliigalteen alaa.
Ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin jiraatiin qaqqabuuf
beenyaan isaa bu’uura seera h/h lakk. 2090(1) fi 2091 tiin hanga maallaqaa
walgitaa ta’eedha. Hangi miidhaa miidhamaa shallagamee eerga beekameen
booda bu’uura qajeelfama seeraatiin miidhamaan beenyaa miidhaa isaa gitu
ykn walmadaalun beenya’ama jechuudha.
Walmadaalummaan miidhaa fi beenyaa kun seera ittigafatamummaa
waliigalteen alaa keessatti tooftaa shallaggii beenyaa isa bu’uuraa yoo ta’u,
haala adda ta’een bu’uura seera h/h lakk.2098(1) tiin miidhaan qaqqabe
gartokkee badii miidhamaatiin yoo ta’e. Beenyaan isaa miidhaa isaatiin kan
walmadaalu otoo hin ta’iin gartokkee qofadha. Haaluma walfakkatuun
haalonni seera h/h lakk.2099 – 2103 irratti kaa’aman yeroo mudatanitti manni
murtii qajeeltoo walmadaaluu miidhaa fi beenyaa gadhiisuudhaan beenyaa
xiqqaa haalonni agarsiisan tilmaama sammuutiin murteessuu ni danda’a.
Seera waliigaltee keessatti waliigaltee raawwachuu dhabuudhaan miidhaa
qaqqabuuf shallaggiin beenyaa bu’uura tumaalee seera waliigalteen alaa
keessa jiraniin akka ta’e seera h/h lakk.1790(2) jalatti ni mul’ata. Kun kan
agarsiisuu qajeeltoon walmadaalummaa beenyaa miidhaa seera waliigaltee
keessattis raawwatinsa akka qabaatuudha.
Seera h/h lakk. 1779(1) jalatti immoo waliigaltee raawwachuu dhabuudhaan
kasaaraan qaqqabu kan herreegamu, ilaalcha nama sammuu hubataa qabu
hundaatiin raawwatamuu dhabuudhaan ni qaqqaba jedhamee hanga
tilmaamamu akka ta’e tumameera. Ilaalcha nama sammuu hubataa qabuutiin
beenyaa miidhaa shallaguun kun qajeeltoo walmadaalummaa beenyaa fi
miidhaa olitti caqafameef haala addaa ta’uusaa hubachuun ni danda’ama.
Haa ta’u malee seera h/h lakk. 1800 jalatti abbaan idaa miidhaan abbaa
maallaqaa irratti qaqqabe xiqqaa ta’uu yoo hubachiise fi bu’uura seera h/h
lakk. 1801(1)tiin abbaan maallaqaa yeroo waliigaltee godhetti miidhicha
caalatti kan cimsan sababoota adda addaa abbaa idaa dursee kan beeksise yoo
Page 41
ta’e ykn lakk. Xiqqaa 2 jalatti abbaan idaa miidhuuf jecha waanta godheen
ykn daguu guddaadhaan ykn sababa badii cimaatiin yoo ta’e kasaaraan
kaffalamu kan shallagamu ilaalcha(yaada) tilmaama nama sammuu hubataa
qabuutiin otoo hin ta’iin qixxee miidhaa qaqqabuun isaa mirkana’eenidha
Shalliggiin kasaaraa waliigaltee raawwachuu dhabuu kun immoo qajeeltoo
walmadaalummaa beenyaa fi miidhaa isa duraa sanatti nu deebisa. Kanaafuu
akka seerri h/h lakk. 1800 fi 1801 jedhutti miidhaan gad-aanaan ykn ol-aanaan
yoo mirkanaa’e, beenyaan isaa hanguma miidhaa mirkanaa’e kanaa ykn
walmadaalaa taasifamee herreegama. Haala kanaan ala ta’een waliigaltee
raawwachuu dhabuudhaan kasaaraan kaffalamu hanga ilaalcha(yaada) nama
sammuu hubataa qabuun waliigaltee raawwachuu dhabuudhaan ni qaqqaba
jedhee tilmaamuutiin ta’a jechuudha.
Miidhamtoota Yakkaati fi gaaffii beenyaa
Gocha yakkaatiinis ta’ee yakka hin taaneen namni miidhaan otoo waliigalteen
hin jiraatiin irratti qaqqabe, miidhaa isarratti qaqqabeef tumaalee seera
waliigalteen alaa irratti hundaa’uudhaan gaaffi beenyaa dhiyeessuu ni
danda’a. Gaaffiin beenyaa isaas gaaffii hariiroo hawaasaa ta’uu isaa irraan
kan ka’e dhiyaachuu kan qabu mana murtii dhimma hariiroo hawaasaa
ilaaluuf aangoon kennameefitidha.
Haa ta’u malee haala kana irraa adda ta’een sababa gocha yakkaatiin namni
miidhaan isarratti qaqqabe bu’uura tumaalee seera adeemsa falmii yakkaa
lakk. 154 hanga 159 jiraniin gaaffii beenyaa isaa himannaa yakkaa wajjiniin
mana murtii himannaa yakkichaa ilaalaa jirutti dhiyeesse akka ilaalamuuf
taasisuu ni danda’a.
Tumaalee seera adeemsa falmii yakkaa kanarraa hubachuun akka
danda’amutti, sababni gaaffiin beenyaa himannaa yakkaa waliin akka
dhiyaatu itti eeyyamameef sababa gocha yakkaatiin namni miidhaan irratti
qaqqabe, baasii dabalataatiif otoo hin saaxilamiin, fakkeenyaaf: kaffaltii abbaa
seerummaa, ragaa dabalataa irra kan hafe ragaa dhimma yakkaatiif kaffaltii
waraqaa yaamichaa otoo hin kaffaliin gaaffiin beenyaasaa saffisaan ilaalamee
murtii akka argatuufidha./s/d/f/y/lakk. 154 fi 159/.
Page 42
Sirni gaaffi beenyaa kun faayidaa warra yakkaan gaafatamaniif kan kaa’ame
yoo ta’es, sababa gocha yakkaatiin namootni miidhaan irratti qaqqabu, gaaffii
beenyaa isaanii qofaatti dhaddacha hariiroo hawaasaatiif dhiyeessuu malee
himannaa yakkaa wajjin walqabsiisanii dhaddacha himannaa yakkichaa
ilaaluuf dhiyeessuun hojii irratti baay’ee hin baratamne.
Gaaffilee marii
1. Manni murtii waliigala feedaraalaa galmee h/h lakk. 12667 ta’e irratti
haati mucaan waggaa 13 rukuttaa konkolaataatiin jalaa du’ee, mucaan koo
yeroo lubbuudhaan tureti naaf ergamee mosee fi corqaa(daaraa)
gurguruudhaan galii naaf argamsiisaa ture. Amma gargaarsii fi galiin
mucaa kootii kun waan na duraa hafeef beenyaan naaf haa kaffalamu
jechuudhaan gaaffii isheen dhiyeessite, mucaan du’e haadha isa deesse
irraa gargaarsa kan barbaadu daa’imaa guddachaa jiruudha malee haadha
isaa jiraachisuu kan danda’u miti jechuudhaan gaaffii ishee kufaa
godheera
Leenjifamtootni murtii mana murtichaa seerichaa fi baratamaadhaan biyya
keenya keessatti ga’ee hojii daa’imman maatii keessatti qaban walbira
qabuudhaan akkamitti madaaltu?
2. Mana murtii waliigala feedaraalaa dhaddach ijjibbaataa galmee lakk. 1128
ta’erratti, mucaan waggaa 9 konkolaataadhaan rukutamtee miilaa fi harka
ishee irratti miidhaan qaamaa dhaabbataan waan qaqqabeef, himannaa
beenyaa guddiftuu daa’imatiitiin dhiyaate irratti murtii kenneen
miidhamuu mucaa kanaatiin ammatti galiin hafe yoo hin jiraannellee gara
fuul-duraa mucaan kun akka nama qaama guutuu qabuutti
hojjechuudhaans ta’ee olii fi gadi kaattee jireenya ishee mo’achuudhaaf
dandeettiin isheen qabdu baay’ee kan hir’atu waan ta’eef, miidhaan kun
immoo hangam akka ta’uu akka danda’u beekuun rakkisaa waan ta’eef
jechuudhaan beenyaa miidhaa gara fuul-duraa tilmaama sammuutiin
mucittiif murteesseera. Seera qabeessummaa murtiichaa irratti mar’adhaa.
3. Gaaffii beenyaa miidhaa gara fuul-duraa mana murtii biraatti dhiyaatee
irrati maatiin mucaan isaanii barataa kolleejjii ta’e rukuttaa konkolataatiin
Page 43
duraa du’e, mucaan isaanii kun barnoota isaa xumuree hojii gaarii irratti
bobba’uudhaan isaan sooruu kan danda’u waan ta’eef, amma garuu kun
waan jalaa hafeef beenyaan herreegamee akka kaffalamuuf
gaafataniiru.Leenjifamtootni gaaffii kanaaf sababa roogummaa qabu
kaasuudhaan yaada murtii irratti kennaa.
4. Dhimma mana murtii waliigalaa feedaraalaatiif galmee lakk. 19338 ta’e
irratti iyyattuun dursa himannaa mana murtii olaanaa godina Wallaga
Lixaatti himatamaa(waamamaa) irratti dhiyeessiteen, himatamaan
reebicha narratti raawwateen ijji koo mirgaa waan badeef miidhaa ija koo
irratti qaqqabe yaalii hordofuudhaaf kan nagargaaru nama tokko waliin
ta’uudhaan gara Finfinneetti yeroo deddebinu geejibaaf qar. 2950.90,
hospitaalaa fi qorichaaf 363.16, ija nam-tolchee galchisiifachuu fi
manzaraa(golgaa ijaa)dhaaf qar.415.00, nyaata,siree fi geejiba
taaksiidhaaf qar. 8100.00 baasii fi beenyaan haamilee qar. 1000.00 naaf
haa kaffalamu. Dabalataanis ijji koo yeroo badetti kutaa 10ffaa kanan ga’ee
fi umuriin koos waggaa 20kan ture yoo ta’u, sababa miidhaa narra ga’een
barumsa koo waanan addaan kuteef hojjettuu mootummaa ta’uudhaaf
fedhiin ani qabu milkaa’uu waan hin dandeenyeef, ijji koo otoo hin
jaamne ta’ee yoo xiqqaate ji’aan qar. 120 argachaa hojii mootummaa
hanga waggaa 55 yoodhan hojjedhe, waggaa 35f hojii irra kanan turu
waan ta’eef kunis yemmuu herregamu 120 x 12 x 35 = qar. 40,000.00
waan ta’uuf walumaagalatti qar. 50,830.56 baasii fi kasaaraa wajjiniin
naaf haa kaffalu jechuun himatteetti.
Manni murtii godinichaas falmii bitaa fi mirgaa ilaaluudhaan himattuun
reebicha isheerra ga’een ija ishee tokko kan dhabde waan ta’ee fi namni
ija tokko qabu nama ija lamaan qabu waliin dandeetti hojjechuu qixxee
akka hin qabaanne ni amanama jechuudhaan, himattuun yeroo miidhaan
irratti qaqqabe umuriin ishee waggaa 27 kan ture yoo ta’u, otoo miidhaan
irra hin qaqqabne ta’ee guyyaatti qar. 4 ji’atti qar. 120, waggaatti qar.
1440.00 argachuu ni dandeessi. Himattuun hanga waggaa 50 ti ni jiraatti
jedhamee waan tilmaamamuuf walumaagalatti galii qar.41,760.00 ni
Page 44
argatti ture. Haa ta’u malee sababa miidhaa ishee irra qaqqabeen
dandeetiin hojjechu ishee 40% dhaan kan hir’ate waan ta’eef kunis yeroo
herregamu qar. 16,800.57 waan ta’uuf beenyaa haamilee qar. 1000.00
dabalatee qar. 17,800.00, bittaa qorichaaf qar. 363.05, manzaraadhaaf qar.
415.40, geejibaaf qar. 1060.30, turtii Finfinneeti sireef, nyaataaf, geejiba
taaksiif himattuu fi nama ishee gargaaruuf qar. 1740.00 waliigalatti qar.
21,378.92 himatamaan himattuudhaaf haa kaffalu jechuudhaan
murteesseera.
Himatamaan murtichaan mufachuudhaan m/murtii waliigala Oromiyaatti
ol-iyyannoosaa kan dhiyeeffate yoo ta’eyyuu manni murtichaa ol-
iyyannoosaa otoo hin fudhatiin hafeera.
Himatamaan dhimma kana m/murtii waliigala Oromiyaa dhaddacha
ijibaataatti yemmuu dhiyeeffatu, dhaddach ijibbaataa sababa ijji ishee
tokko baduun himattuun hojjettee galii akka hin arganne waan ishee
dhorku waan hin taaneef manneen murtii jalaa beenyaan miidhaa gara
fuul-duraa isheef kaffalamuu qaba jechuudhaan murtiin kennan akka
seera hariiroo hawaasaa lakk. 2090(1)tti seera qabeessa miti jechuudhaan
gama kanaan beenyaa murtaa’e diiguudhaan kan yaalii hordofuudhaaf
baasii himattuun baaftee fi beenyaa haamilee ilaalchisee murtii kenname
cimseera.
Murticha mormuudhaan himattuun jalaa(iyyattuun) dhimmicha mana
murtii waliigala feedaraalaa dhaddacha ijibbaatatiif yemmuu dhiyeessitu,
dhaddachichis iyyattuun sababa badinsa ija tokkoo ishee irra qaqqabeen
guutummaa guutuutti dandeetiii hojjechuu dhabdeeti jechamuu yoobaates,
beenyaan miidhaa qaqqabe wajjiniin walqixa ta’ee walmadaaluu qaba
yeroo jedhamu akka waliigalaatti hir’ina humna hojjechuu(general utility)
wajjiniin ilaalameetu malee hir’ina humna hojjechuu addaa(special utility)
wajjiniin ilaalamee waan hin taaneef iyyattuun ija ishee tokko dhabuun
ishee jireenyashee gara fuul-duraatti hir’ina galii yoo hin hordofsiisnellee
akka namaatti jiraachuuf jireenya ishee guyyaa tokko tokko fi sochiishee
irratti miidhaa kan qaqqabsiisu ta’uun mirkanummaa
Page 45
sababawaa(reasonable certainity) kan qabu waan ta’eef, kallatti tumaalee
lakk. 2091 fi 2092tiin beenyaa murteessuun roogummaa ni qabaata.
Gareen miidhaan irratti qaqqabe hanga miidhaa irra ga’ee fi inni miidhaa
qaqqabsiisee beenyaa kaffaluuf dirqama isarra jiru hubachiisuun akka irra
jiru seera h/h lakk. 2141 irrati kan kaa’ame yoo ta’eyyuu, miidhamaan
miidhaan kan irratti qaqqabe ta’uu mirkaneessee garuummoo hanga
beenyaa tilmaamuuf haalli rakkisaa ta’e yeroo mudatu bu’uura lakk. 2102
tiin abbootiin murtii tilmaama sammuutiin hanga beenyaa murteessuuf
aangoon kan kennameef waan ta’eef manni murtii olaanaa godina
Wallaga Lixaa hanga beenyaa tilmaama sammuutiin murteessuun isaa fi
manni murtii waliigala Oromiyaas kanuma cimsuun isaa seera
qabeessadha jechuudhaan beenyaan miidhaa gara fuul-duraa iyyattuudhaaf
kaffalamuu hin qabu jedhamee dhaddacha ijibbaataa mana murtii
waliigala Oromiyaatiin murtii kenname diigeera.
- Murtiilee manneen murtii sadarkaadhaan jiraniin kennaman
ilaaluudhaan murtii isa kamtu seericha sirriti kan hordofe isinitti
fakkaata? Sababaan deeggaruudhaan ibsaa.
- Manni murtii olaanaa godina Wallaga Lixaa himattuun (iyyattuun)
waggaa 50 jiraachuu dandeessi jedhee kan kaa’ee maal sababa
godhachuudhaan?
- Manni murtii olaanaa godina Wallaga Lixaa ragaa miidhaan
qaamaa 40% iyyatuu irratti qaqqabeera jedhu kallatiidhaan galii
wajjiniin walqunnamsiisuudhaan galiin iyyattuu gara fuul-duraa
hanguma kanaan hir’ata jedhuun heerregni teechise sirriidha
jettanii amantuu? Hangi hir’ina qaamaa boordii yaalatiin murtaa’u
fi dandeettiin hojjechuu miidhamaa akkamitti walitti dhufa?
5. Dhimma biraa mana murtii tokkotti dhiyaate irratti immoo, balaa
konkolaataatiin miidhaan qaamaa waan haadha manaa isaa irratti
qaqqabeef, abbaan mana ishee dhukkubsachiisuuf mana yaalaatti yeroon
deddebi’aa turetti hojii daldalaa koo irratti hojjechuudhaan galiin guyyaa
guyyaati argachaa ture waan naduraa hafeef, kan naduraa hafe kun naaf
Page 46
haa kaffalamu jechuudhaan miidhaa haadha mana isaaf nama
ittigaafatamaa ta’e irratti himannaa dhiyeesseera.
Balaan qaqqabee fi beenyaan gaafatame walitti dhufeenya qabaa? Haa
ibsamu.
6. Ad. Alamituu dubartii waggaa 40 dhaabbata hojii barreessa dhuunfaa
keessati barreessitummaadhaan qacaramuudhaan hojjechaa ji’aan mindaa
qar. 500(dhibba shan) isheef kaffalama. Ad. Alamituun hojiirraa gara
manaatti lafoo deemaa otoo jirtuu konkolaataan qabeenya ob. Ingidaa ta’e
ad. Alamituu rukutuudhaan harka mirga ad. Alamituu qubni inni
walakkaa baay’ee miidhamee akka citu ta’eera. Kanarraa kan ka’e ad.
Alamituun hojii(ogummaa) barreessitummaa itti fufuu hin dandeenye.
A. Beenyaan miidhaa ad. Alamituuf kaffalamu akkamitti shallagama?
B. Beenyaan miidhaa ad. Alamituuf kaffalamu akka nama miidhaan
100% irra ga’eetti lakkaa’amee mindaan isheef kaffalamaa turee fi
umuriin ishee ilaalacha keessa galfamee miidhaa 100% tiin ta’aa moo?
Qubni ishee cituu isaatiin ogummaa barreesitummaa itti fufuu hin
dandeessu yoo ta’ellee carraa hojii biraa hojjechuu qabaachuun ishee
ilaalcha keessa galfamuu qabaa? Haa ibsamu.
7. Mucaan waggaa 8 tokko balaa konkolaataatiin ija isaa tokko irratti
miidhaan qaqqabee yoo bade(jaame) bu’uura seera hariiroo hawaasa lakk.
2092tiin beenyaa miidhaa gara fuul-duraa gaafachuu ni danda’aa? Seera
h/h lakk. 2092 irratti gaaleen ...miidhich kan mirkanaa’e yoo ta’e.... jedhu
tumaa seera h/h lakk. 2102 wajjiniin akkamiin firooma(walitti dhufa)?
8. Bu’uura seera h/h lakk. 2095 tiin balaa du’aatiif beenyaan kaffalamu bifaa
fi gosa sooramaa nyaata ykn ittiin bulinnaa kennuutiin akka ta’e
tumameera. Haa ta’u malee mannen murtii Itiyoopiyaa keessatti beenyaan
balaa du’aatiif kaffalamu bifaa fi gosa sooramaatiin otoo hin ta’iin, yeroo
tokkotti maallaqni murtaa’e(lump sum) miidhamaadhaaf akka kaffalamu
ajajuu(murteessuu)dhaani.
Page 47
A. Beenyaa miidhaa bifaa fi gosa sooramaatiin akka kaffalamu gochuun
kallattii miidhamtootaa fi isa beenyaa kaffaluutiin faayidaa fi miidhaa
qabu ibsi.
B. Manneen murtii Itiyoopiyaa akkaataa kaffaltii beenyaa balaa du’aa
irratti sirna seericharratti kaa’ameen alatti yeroo tokkotti maallaqni
murtaa’e(lump sum) akka kaffalamu kan murteessan maaliif sitti
fakkaata?
9. Bu’uura seera h/h lakk. 2116(3)tiin beenyaan miidhaa haamilee sababa
kamiiniyyuu qar. 1,000(kuma tokko) kan caalu ta’uu akka hin dandeenye
tumameera. Namootni beenyaa miidhaa haamilee gaafatan tokkoo ol
yeroo ta’an tokko tokkoo isaaniif hanga qarshii 1,000(kuma tokko) akka
kaffalamuuf murteessuun ni danda’amaa? Maaliif?
Guduunfaa
Barreeffamni kun qabxiilee gurguddoo seera ittigaafatamummaa miidhaa otoo waliigalteen hin
jiraatiin qaqqabu kaasuudhaan hojii irratti dhimmoota irra deddebi’anii mudatan irratti
xiyyeeffannaa kan taasise yoo ta’u, dhimmootni fi gaaffileen mana murtii tokko tokkoo
kutaalee keessati ka’an seericha bal’inaan kan tuttuqaniidha.
Hojii leenjii leenjitootaaf qophaa’e waan ta’eef yaadolee diddiriirsuudhaan ibsuudhaan fixuu
caala bifa mariif affeeruun dhiyeessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef, leenjitootnii
dhimmoota tokko tokkoo kutaalee keessati ka’an xiyyeeffanoodhaan mar’achuu fi gaaffilee
hojjechuun irra jira.
Leenjisaanis qabxiilee marii kutaawwan keessati ka’an irrati leenjitootni xiyyeeffanoodhaan
akka hirmaatan kakaasuudhaan gaaffilee hojjetaman(gilgaala) akka hojjetan taasisuudhaan
akkasumas yaada furmaataa irrati leenjitoota qajeelchuudhaan leenjich galma akka ga’u gochuun
irraa eegama.
Page 48
Kitaabolee wabii
1. Seera hariiroo hawaasaa Itiyoopiyaa
2. Seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa Itiyoopiyaa
3. Seera daldalaa Itiyoopiyaa
4. Murtiiwwan m/murtii waliigala feederaalaa jiildii 1, lakk. 1
5. Murtiiwwan m/murtii feedaraalaa dhaddacha ijibaataa jiildii 1, lakk. 1
6. Murtiiwwan m/murtii waliigala feedaraalaa jiildii 3, lakk. 3
Page 49
7. Jerz(George ) krzeczunowicz,(1977) The Ethiopian law of compensation for damage
,Addis Ababa university faculity of law.