Top Banner
1 Sagalee Gadaa, Jildii 1 ffaa Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa Sagalee Gadaa Kan Qopheessefi Maxxansiise; Waajjira Gadaa Tuulamaa Koree Qopheessitoota Barruu; 1. Caalaa Soorii 0912 01-02-94 [email protected] 2. Tarruu Unguree 0919 64-05-46 [email protected] 3. Abboomaa Daggafaa 0910 -19-88-04 4. Lammaa Gammachuu 0912 15-16-56 5. Eng. Waaqjiraa Tafarraa 0911 24- 29-39 Kan Gulaale; Tarruu Unguree Yaada qabdan karaa teessoo Qopheessitootaan gumaachuufi kennuu dandeessu!! Baafata Dhaamsa Abbaa Gadaa→2 Dhaamsa Qopheessitoota Barruu →2 Eebba Oromoo →4 Oromummaa →6 Hundeeffama Gumii Abbootii Gadaa Oromoo →10 Walitti dhufeenya Aadaafi Amantii→16 Waaqeffannaa →19 Ayyaantuu →20 Gadaafi Irreecha →22 Abbummaa →26 Sagalee Gadaa
28

Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

Jan 25, 2020

Download

Documents

dariahiddleston
Welcome message from author
This document is posted to help you gain knowledge. Please leave a comment to let me know what you think about it! Share it to your friends and learn new things together.
Transcript
Page 1: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

1 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Sagalee Gadaa

Kan Qopheessefi Maxxansiise;

Waajjira Gadaa Tuulamaa

Koree Qopheessitoota Barruu;

1. Caalaa Soorii

0912 – 01-02-94 [email protected]

2. Tarruu Unguree

0919 – 64-05-46

[email protected]

3. Abboomaa Daggafaa

0910 -19-88-04

4. Lammaa Gammachuu

0912 – 15-16-56

5. Eng. Waaqjiraa Tafarraa

0911 – 24- 29-39

Kan Gulaale;

Tarruu Unguree

Yaada qabdan karaa teessoo

Qopheessitootaan gumaachuufi kennuu

dandeessu!!

Baafata

Dhaamsa Abbaa Gadaa→2

Dhaamsa Qopheessitoota

Barruu →2

Eebba Oromoo →4

Oromummaa →6

Hundeeffama Gumii Abbootii

Gadaa Oromoo →10

Walitti dhufeenya Aadaafi

Amantii→16

Waaqeffannaa →19

Ayyaantuu →20

Gadaafi Irreecha →22

Abbummaa →26

Sagalee Gadaa

Page 2: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

2 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Dhaamsa Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatuu

Ummatni Oromoofi sabaafi sablammiin aadaa

Oromootif Kabajaafi jaalala qabdan hundinuu baga

dukkana gannaa keessaa booqa birraatti nagaan baatan.

Birraan birraa nagaa kan quufaafi badhaadhinaa isiniif

haa ta’u. Irreecha bara 2007/2014 kana yoo kabajnu,

seenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana

galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan

ta’a.

Irreechi Hora Harsadii kan OromoonTuulamaa jaarraa

dheeraa irraa kaasee ji’a Fulbaanaa keessa kabajaa

tureedha. Mootummoota Habashaan hacuuccaa

guddaan kan irratti godhamaa ture yoo ta’u, cimina

Oromoo Tuulamaatin dhaloota haarawa kana gahee jira.

Abbootin keenya irreecha kanarratti hidhamaniis

dhaanamaniis jiru.

Yeroo dhihoo as Irreechi Hora Harsadii kan Tuulamaa

qofa ta’uun hafee kan Oromoo maraa ta’ee jira. Bara

baraan walitti dhufeenya Abbootii Gadaafi ummata

Oromoo cimsaa dhufee jira. Tokkummaa Abbootii

Gadaa Oromoo uumuu irrattis gumaacha guddaa godhe.

Akkasumas irreechi malkaa adda addaa irratti

gaggeefamus guddachaa kan dhufe yoo ta’u, walitti

dhufeenya ummata Oromoo daran dabalaa dhufee jira.

Fakkeenya Irreecha Malkaa Ateetee, Irreecha Caffee

Tumaa, Irreecha Hora Kiilolee, Irreecha Odaa Bisilii,

Irreecha Godina Wallagaafi Iluu Abbaa Booraa

keessatti babala’achaa dhufe Oromoon aadaafi sirna

Waaqeffannaa isaa kan mootota duriitin jalaa sarbame

deeffachaa jiraachuu agarsiisa.

Irreecha bara kana kabajamu wanti adda isa godhu

Hundeeffama Gumii Abbootii Gadaa Oromoo

waxabajjii 26-28/2006 A.L.H gaggeefameefi Yaa’ii 1ffaa

Caffee Abbootii Gadaa Oromoo Fulbaana 24/2007

A.L.H gaaggeefameen walirra ooluu isaati.

Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo hundeessuu

keenyaaf maqaa abbootii Gadaa Oromoofi maqaa

kiyyaan ummatni Oromoo martinuu baga

gammaddanan isiniin jedha. Tokkummaan Abbootii

Gadaa Oromoo tokkummaa ummata Oromooti. Bara

kana irraa kaasee tarkaanfii lammaffaa jalqabuuf

ummatni Oromoo, manguddootnifi hayyoonni Oromoo,

ayyaantotni Oromoofi Waaqeeffattootni iddoo sirni

Gadaa deebi’uu qabu mara irratti, akkuma ogummaa

keessaniitin qorannoo gootanii Gumii Abbootii Gadaa

Oromootin caasaan Gadaa akka diriiru gochuu keessatti

nu cinaa dhaabbattanii gahee isin irraa eegamu akka

gumaachitan waamichan isinii dabarsa. Abbootin

qabeenyaa biyya keessafi biyya alaa guddina aadaa

Oromootif quuqama qabdan iddoo Gumiin Abbootii

Gadaa Oromoo socho’anitti haalaa mijeessuu,

deeggarsa geejjibaa kennuu, meeshalee ittiin hojjatan

gargaaruu irratti deeggarsa humni keessan danda’e

akka nuu gootan waamichan isiniif dabarsa.

Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaas ta’ee

mootummaan aadaa Oromoo guddisuu irratti qooda

mataa isaa bahuu qaba. Qabeenya ummanni Oromoo

qabu keessaa tokko Gadaa waan ta’eef, guddina

ummata Oromoof guddinni Sirna Gadaa murteessaa

waan ta’eef mootummaan tumsa barbaachisu mara

gochuu qaba. Sochii Gumii Abbootii Gadaa Oromoo

cimsuu irratti deeggarsa barbaachisu gochuu qaba.

Dhumarratti ummanni Oromoo osoo kutaan, gosaan,

amantiiniifi ilaalcha siyaasaan wal hin qoodin,

oromummaa bu’uura godhachuun, tokkummaan Gadaa

keenya akka waliin guddifannu dhaamsakoon dabrsa.

Horaa bulaa!!

Dhaamsa Koree Qoheessitoota Barruu

Hunda dura baga Booqa Birraa nagaan geessan. Baga

Ayyaana Irreechaas nagaan waliin geenye. Waajjirri

Gadaa Tuulamaa waggaa waggaan keessummoota

Ayyaana Irreechaa kabajuu dhufan simatee ayyaana

irreechaa kabajaa turee jira. Bara kana immoo sun

akkuma jirutti ta’ee barruu tana qabatee isinii dhiyaatee

jira.

Ayyaanni Irreecha Birraa bara baraan kabajamu

ayyaana guddaafi kan ummatni Oromoo bal’aan

ayyaaneffatu ta’ee osoo jiruu, barruuleen waa’ee

ayyaanichaas ta’e waliigala waa’ee ummata Oromoo

ibsu jiraachuu dhabuun hir’ina guddaadha. Hir’ina kana

hambisuuf barruun kun qophaa’ee jira. Dogoggora yoo

qabaate nu oofkalchaa. Itti fufiinsa akka qabaatuuf

immoo yaadnifi tumsi warra Gadaa jaalatuu ni

barbaachisa.

Abbootin Gadaa carraaqii guddaa gochuudhan Gumii

Abbootii Gadaa Oromoo hundeessanii jiru. Nutihoo

maal godhuu qabna kan jedhu Oromoo hunda keessatti

uumamuu qaba. Keessattuu hayyoonni Oromoo.

Barruun “Sagalee Gadaa” jettu kun kan sagalee Gumii

Abbootii Gadaa Oromoofi waan Oromoo isinitti

himtuudha. Beektotni Oromoofi Abbootin qabeenyaa

yoo tumsitaniifi cinaa dhaabbattan itti fufiinsa ni

qabaatti. Oromoo! waan biraa yoo humni isin dadhabe

barruu tana bitaa dubbisaatii yaadan nu jajjabeessaa.

Barruun kun sochii Abbootiin Gadaa iddoo adda

Page 3: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

3 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

addaatti gochaa jiraniifi Oromoota sirna Gadaa

deebifachuuf sochiirra jiran, akkasumas kanneen seenan

isaanii jalaa dhokate kan ittiin beeksifamuufi

iddoowwan sirni Gadaa cimaan jiru irraa kan

muuxannoo ittiin waljijjiran ummata bal’aaf dhiyeessiti.

Beekumsi hayyootaafi sirnoonni Oromoos ni dhiyaata.

Kanaafuu bara kana barruu calqabaa kana qopheessuuf

yaaliin godhamee jira.

Yaa Oromoo; kaaba, kibba, baha, lixaafi giddugaleessa

kan jirtu, hin rafinii Gadaakee barbaadutti ka’i. Gadaa

abbaa keetii bariitii isatti deebitee sirna Gadaan buluuf

of qopheessi. Yoo beekne isatu furmaata keenya. Bakka

jirruumee hundi keenya waa’ee Gadaa wal haa

iyyaafannu. Seera isaas haa barru. Ittiinis wal haa

bulchinu. Abbootiin Gadaa balbala isaanii bananii

koottaa nuun jechaa jiru waan ta’eef itti siqnee waan

Gadaa keenya haa mariisisnu.

Gadaa gatuun keenya gama hedduun nu miidhe. Waan

baay’ees nu harkaa baballeesse. Addaan bibittinnoofnee

wal wallaalle. Kun immoo addunyaa gara fuulduratti

fiigaa jirturraa duubatti nu hambisee, fiignee akka hin

dhaqqabne mogolee nu laamshesse. Dhiisaamee nutti

haa hafu hunduu. Walittis gaarreffannee eessayyuu hin

geenyu. Waliin waan keenya irratti mari’achuutu nuuf

furmaata. Gadaan har’a mataa walitti qabamee

daraaraaa jiru kun firii haa godhatu. Isa bu’uura

godhannee cimsachuun waliin jiraachuun keenya

filmaata biraa waan hin qabneef Oromoo hundi haa

cimsinu. Ilmaan Gadaa ta’uu keenya qofti gahaa waan

ta’eef, garaagarummaa waliinii dhiisnee wantoota tokko

nu taasisan irratti wal haa tumsinu! Walis haa jaalannu!

Warri aadaa keessan dagattanii jiruu dhuunfaa qofa

ariitanis mee of yaadadhaa. Yaa Oromoo, jiruun

nyaatanii dhuganii, rafanii ka’anii, mana gaarii keessa

jiraatanii darbuu qofa miti. Saba ofiif waan gaarii

hojjatanii rakkoo saba ofii furuuf carraaqanii,

dhalootaafis waa lafa kaahanii darbuun galmee

seenaarratti bakka qabaachuun, jireenya dhugaa

fakkaattii hin qabneedha. Ilma ofiis qabeenya

dhaalchisuu qofti gahaa hin fakkaatu. Namni

eenyummaa ofii hin beekne nammummaa keessaa waan

bahuuf, eenyummaa ofii beekanii eenyummaa ofiin

jiraachuun, dhala ofiis dhaalchisuun waan

guddaadha.Yaratus moofaan ofii faaya. Seenan

hiyyeessa hin qabu jedhe mitiiree Alii Birraa. Aaadaa

ofii gatanii aadaa ormaa fakkeessaa jiraachuun immoo,

du’uun dura of ajjeesuudha.

Kanaaf, ilmaan Oromoo warri aadaa ormaan

liqimfamtan “Ani eenyu?” jedhaa gaafii eenyummaa of

gaafadhaa! Fuulduratti fiiguuf, duubatti akkuma

aggaaman sana, kan borii akeekuuf kan kaleessaa

beekuun dirqama. Kanaafuu dhala ofii qabeenya qofa

osoo hin taane waan Oromoon qabu (barreeffamaanis

ta’u hima afaaniin) dhaalchisuus, aadaa haa godhannu!

Miirri eenyummaa fuulduratti nu tarkaanfachiisus nutti

haa dhagahamu.

Erga Oromoon harka diinaa jalatti kufee GADAA gatee

as yoo herregne, ummanni keenya hammam akka

miidhame tilmaamuun hin rakkisu. Amaleeffannaa

haala bulchiinsaa, diinagdee, hawaasummaafi siyaasaa

keenya erga mulqamnee as, Habashaa teenyee abaaruufi

komachuurraa kan hafe walittuu garaan nu hin fayyine.

Dadhabbii waliitti kolfinee, madaa walii horfaa

jiraachuun, laga akka nu hin ceesisne utuma beeknuu

dhaloota darbanitti quba qabaa jiraanneerra. “Har‟a

akkamittan jira?” ykn “Anarraa maaltu eegama?”

jennee of gaafachuurras dhaloota kaleessaa qofa, abbaa

badii gochuun nu hin tarkaanfachiisne. Rakkoon maatii

tokkoo maatii sana qofa akkuma ilaallatu, rakkoon saba

tokkoos kanuma saba sanaati. Dhimmi sabaa birmannaa

hin qabu. “Abbaatu of mara” akkuma bofti jette sana,

ofuma keenyaafuu waliin haa mari’annu. Yaa saba

keenya, gorsi ormaa qalbii hin taatu. Hidda malees

xannachi waan hin dhiigneef, qorichi/dawaan dhibee

keenyaa harkuma keenya jira. Innis Gadaadha. Warra

nu miidhetti quba qabuu qofa osoo hin taane ofittis haa

qabnu. Dadhabbinniifi laafinni keenya maal akka ta’e

haa barru. Irrattis haa mari’annu. Walii galanis alaa

galuutii, Waaqni tokko nu haa godhu!.

Oromoon waan dhabe tokko hin qabu. Beekaas haa ta’u

wallaalaa, namni kumaa kitila. Garuu of dagannee,

waan qabnuufi dhabne wallaalle. Waan keenya

qindeessinee irraa fayyadamuu hin dandeenye. Kana

baranii walbarsiisuuf immoo gaaddisa Gadaa jalatti

walga’uun waliin mari’achuun dirqama. Galmi

Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo inni Bishooftuus

ta’ee Abbootiin Gadaa iddoo adda addaa jiran caasaa

isaanii diriirsanii waan kana simachuuf qophaa’oodha.

Kan qabnu addaan baafnee, waan dhabnes yoo barre,

barbaadnee argachuun nu hin dhibu. Mee rakkoon

tokkummaa nu dhoowwu maali? Wanti tokko nu

taasisu hoo? Egereen keenya maal ta’a? Dhaloonni

maal dhaala? Kunniin, gaaffii yeroo yeroon of gaafannu

nuuf haa ta’an.

Waan keenya guddisuuf immoo nama odeessu osoo hin

taane nama hojjatee hojiin agarsiisutu nu barbaachisa.

Kan odeessu guute. Kan hojiitti hiikutu dhabame malee.

Nama hojii yaa taanu. Kanas tokko jennee jalqabuudhaa

dhaamsafi barnoota barruu tana keessa jiru warri

dubbisne hojiitti haa hiiknu. Nama naannoo keenya

jirus haa hubachiisnu. Sana booda kan fuulduraaf yaada

keenya walitti fidnee kan kanarra caalu haa hojjannu.

Page 4: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

4 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Seenaa dubbisanii odeessurra, seenarraa waa hubatanii

seenaa hojjachuutu filatama.

Dhumarratti guddina aadaa, seenaa, aartii, afaan,

Gadaafi dagaagina eenyummaa Oromoof Oromootni

marti dirqama Oromummaa qabna. Kanaaf, kan qabu

qabeenyaan, beekaan beekumsasaan, kaanis humnaafi

hamileesaatiin hirmaaatee waan keenya haa guddisnuun

dhaamsa koree Barruu kanaati. Horaa Bulaa!!!

*****

Eebba

romoo waan hedduu qaba. Yeroo har’aa

kanatti waan isaa wallaalee akka dhabus, wanti

inni dhabe tokko hin jiru. Waan hundaafis

akkaafi safuu mataa isaa qaba. Jireenya

hawaasummaafi seenaa isaa kan yeroo dheeraa

keessatti waan heddu kuufatee of harkaa qaba. Dhaloota

har’aas waan hedduu dhaalchisee jira. Isaan kanneen

keessaa tokko eebba.

Aadaafi dhugeeffannoo yookan amantaa ummata

Oromoo keessatti eebbi bakka guddaa qabaachuu isaa

kan wallaale waan jiru hin fakkaatu. Milkiin akka

toluufi waan yaadan keessa Waaqni akka namaa ooluuf,

Oromoon waan hunda dursee ni eebbifata. Malkaatti,

qe’ee ofiitti, bakka walgahetti, Tulluutti, Abdaaritti ni

eebbifata. Garuu eebbisuudhan duratti warri waliin

eebbifachuuf bakka tokkotti argaman waliif nagaa ta’uu

qabu. Eebba dura faatii walii bahuutu barbaachisa.

Bakka araarriifi nageenyi hin jirretti hin eebbifamu,

eebbisanis Waaqni hin dhagahu jedhamee

dhugeeffatama.

Namni garaa guduunfaatee, afuura booreffatee itti

dhiyaate, Waaqa irraa waan kadhatu argachuu

hin danda‟u. Garuu namni garaa qulqulluun waan

araaraaafi waan nagaa hojjatee isatti dhiyaate,

waan barbaade mara irraa argata. (Kudhaama

Seenaa 2013; Leellisaa Aadaa ful.110)

Eebbi akka qaba. Hangafaafi quxisuun wal waamee

eenyu akka hangafu erga wal hubatanii booda, tartiiba

isaanii eeggachaa eebbisu. Osoo hangafni jiruu

quxisuun hin eebbisu. Hangafummaan immoo umrii

dheerina osoo hin taane, gosa yookan hidda

dhalootaani. Gaafa gosni tokko qofti waliin eebbisu

garuu, hangafummaan umriidhaan ta’uu mala.

Akkasumas dirreefi qe’ee ofii irratti abbuma dirreetu

dursee eebbisa. Hangafni jiraatuyyuu dirree yookan

qe’ee isaa irratti warra dirreetu dursee eebba saaqa.

Fakeenyaaf, Irreecha Hora Harsadii irratti, gosti

Oromoo hundiifi Abbootiin Gadaa marti osoo jiranuu,

Gosti Ada’aa abbaa qe’ee (dirree) waan ta’eef, gosoota

Oromoo hundaaf osoo hangafa hin ta’in, dursee malkaa

eebban saaqa. Sana booda hangafaa qixusuudhaan

gosoonni biraa dabareen eebbisu.

Eebbi Waaqeffataan sirna (Ceremony) tokko

gochuun duratti oofkaltii Waaqaa argachuudhaa

kadhaa dhiyaatu jechuun ni danda‟ama. Akka

Waaqeffattootafi Amantii Waaqeffannaatitti sirna

kamiiyyuu adeemsisuun duratti, oofkaltii Waaqaa

argachuudhaf eebban jalqabuun wanta

baratamaadha. Malkaafi tulluu dhaqee kadhaa

jalqabuun dura eebbi kan dursu ta‟a. Wal gahiin

kamiyyuu yoo godhamu, seerri fuudhaafi heerumaa

ayyaana adda addaa kabajuudhaf jalqaba ta‟uu kan

qabu eebba Waaqati. (Duudhaa 2013; Maammoo

Gadaaa)

Eebbi gosoota Oromoo adda addaa iddoodhaa iddootti

garaagarummaa loqoda afaaniifi dirree yookan dachee

waamaniin garaagarummaa haa qabaatan malee,

kaayyoofi galmi akkasumas adeemsi isaanii tokkuma.

Mee amma eebba gosoota Oromoo armaan gadii haa

ilaallu.

Eebba Tuulamaa

Hayyee! Hayyee! Hayyee!

Waaqa uumaa, waaqa uumamaa,

Waaqa Saglan Booranaa,

Waaqa Sagaltama Gabraa,

Waaqa Torban Baarentummaa,

Waaqa Ciicoo Gurraattii,

Waaqa Shanan Gadaa Oromoo

Waaqa Shanan Odaa Oromoo

Waaqa Caffee Tumaa

Waaqa Bokkuu Gurraachaa

Waaqa Fincaan Tuulama Sadeenii

Waaqa Jahan Galaan

Ayyaanni Oromoo;

Kan nagaan nu bulchite

Nagaan nu oolchi.

Hamaa hammaataa nurraa qabi

Daafii Galtee nu oolchi

Irraa gora nu oolchi

Kan dabaan nutti deemu

Dhiibdoo keen nurraa dhiibi

Uumaa teenyaan nu bulchi

Xinnaa nuuf Guddisi

Guddaa nuuf bulchi

Wallaalaa beeksisi

Beekaa nuuf bulchi

Biyya biyya nagaa nuuf godhi

Jaalalakee nuuf kenni

Safuu keen nu bulchi

Kormi cirrii haa ta’u

Rimaan haphee haa ta’u

Rooba nagaa nuuf roobi

O

Page 5: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

5 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Qilleensa hamaa nurraa qabi

Waan barri deemuun jalaa nu baasi.

Godaan Rooba Nagaa!

Barri Quufaa Gabbina

…. Gabbisi Waaq!

Eebba Booranaa

Ardaan nagaa………......................Nagee

Bobbaan nagaa....……...........……Nagee

Barri nagaa………...............……...Nagee

Waareen nagaa……….....................Nagee

Waariin nagaa………...........……...Nagee

Reerii nagaa…………….......……..Nagee

Dheedi nagaa…………...........….....Nagee

Yaa’iin nagaa………………............Nagee

Kuubiin nagaa……...........................Nagee

Raabi nagaa……………………......Nagee

Kuusaa goseen nagaa…….....……..Nagee

Ijoolleen Kuuchuu nagaa…..............Nagee

Dirreen nagaa………………...……Nagee

Dirree dirri Liiban nagaa…..............Nagee

Liiban Golbaa Diidi nagaa…..…….Nagee

Malbee Golboon nagaa.....…...…….Nagee

Saakuu waasoon nagaa…………….Nagee

Tulaa sallan nagaa…………………Nagee

Baddaa sadeen nagaa……………...Nagee

Areeroo Gooroon nagaa………...…Nagee

Gooroon Oromoo teenna nagaa……Nagee

Oromoon nagaa……………....…….Nagee

Oromiyaan nagaa………..…………Nagee

Handhura Oromiyaa Finfinnee

nagaa……………………………...Nagee

Gadaan nagaa………….………….Nagee

Gadaamojjii ta roobaa nagaati….....Nagee

Bokkeenni roobe haraa danbalaa

guutee……………………………..Nagee

Nageenni galee moonaa guutee...…Nagee

Elelleen mirgitee hokolee guuttee....Nagee

Nagaa Waaqi guutee……………...Nagee

Funnaan kormaa qajeele…….....…Nagee

Funnaan dhalaa qajeele….……….Nagee

Ilmat abbaa qajelee……………….Nagee

Angafat maandhaa qajeele….…….Nagee

Niitit dhirsaa qajeele……………...Nagee

Qaro arraba qajeela……………….Nagee

Beekaa yaada qajeela……………..Nagee

Barataa barruu qajeela…………….Nagee

Sabat-Sabaa qajeela……………….Nagee

Biyyat abbaa qajeela………………Nagee

Oromoot walii qajeela……………..Nagee

Horaa bulaa deebanaa mishaa, lataa

daraaraa, aadaa afaan keessan beekaa

tokko ta’aa jiraadhaa.

Eebba Gujii

Ee…… Ati Waaqi Ardaa

Waaqi Abbaa

Ka Me’ee Bokkoo

Ka Dibbee Dhugoo

Ka Garba Aannoo

Waaqi Gujii Gurraachaa ati nuu dhageyi

Dhageettu nuu Owwaadhu

Ta olii oliitti nu hanqisi

Ta gadii gaditti nu hanqisi

Ta dallaa lamaanii achumatti nu hanqisi

Barri nageya

Bariin nageya

Jaarsi nageya

Jaartiin negeya

Ilmi nageya

Intalti nageya

Ka fuudhu nageya

Ta heerumtu nageyaa

Uchumti nageya

Bobbaan nageya

Tissaa uleen nageyaa

Elemaa gaadin nageya

Ardaan yaa’aa nageya

Me’een Bokkoo nageya

Duddaa daawwaan nageya

Sabbaa Oddoon nageya

Gooroon Doolaa nageya

Gooroon Oromoo teennaa martinuu

nageya

Handhurri Oromiyaa Finfinneen nageya.

Eebba Maccaa

Na oofkalchaa…………………...oofkalaa

Na oofkalchaa…………...……..…oofkalaa

Na oofkalchaa………...………..…oofkalaa

Waaq nagaan bullee nagaan nu oolchi

........................................................nu oolchi

Hamaan gargar nu oolchi ..............nu oolchi

Irraa gora nu oolchi ...................…nu oolchi

Dogoggora nu oolchi........................nu oolchi

Citiin sadii citii sadan nu oolchi.......nu oolchi

Citii waraanaa nu oolchi...................nu oolchi

Citii waraansaa nu oolchi ..............nu oolchi

Kan caamee goggogsu nu oolchi....nu oolchi

Kan roobee tortorsu nu oolchi........nu oolchi

Walbira oolchii nu bulchi................nu bulchi

Waliigaltee nuu kenni………........nuu kenni.

Waliigalii nuu toli............................nuu toli

Sonii nuu roobi.................................nuu roobi

Waan rooba keessa jibban nu baasi....nu baasi

Page 6: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

6 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Waan caama keessa jibban nu baasi....nu baasi

Egaa nagaya..........................................nagaya

Barri quufa

Gadaan gabbina

gabbisi Waaq!

Kan ati jette tolaadhaa tolaan nu haaga’u

......... ………………………haagahu

Bakkalchi bakkee haa ta’u ..................haa ta’u

Bakkeen nagaa haa ta’u ......................haa ta’u

Qorroon dibdibbee haa ta’u ...............haa ta’u

Dhiigni dhallaadduu haa ta’u..............haa ta’u

Adamoon deettii haa ta’u ....................haa ta’u

Duulli dannaba haa ta’u.......................haa ta’u

Rimaanhapheehaa ta’u ........................haa ta’u

Kormicirrii haa ta’u.............................haa ta’u

Dhugee haa booressu .................haa booressu

Dheedee haa barbadeessu......haa barbadeessu

Booruun gabbina haa ta’u...................haa ta’u

Barbadaan suga haa ta’u ...................haa ta’u

Dhugaan tulluu haa ta’u ..................haa ta’u

Dharri sulula haa ta’u ......................haa ta’u

Anaaf sihii hin maqsin ................hin maqsin

Kan ormi maqe nu hin gahin..........hin ga’in

Bakka hir’ate Waaqni itti

haaguutu………………..haa guutu.

Egaa nagaya ....................................nagaya

Haleele…………..Diina haleeli!Irreeffatee,

dhibaafateet oofkala!............Irreeffatee,

dhibaafateet oofkala!

Eebba Karrayyuu

Miinya1 tahi!………………………..ziz

Foduu2 tahi!…………………………ziz

Alalaasi3!…………………………….ziz

Alaa gali!………………………….…ziz

Oli reebi!……………………………..ziz

Maatii raaphu!…………...…………...ziz

Gadi reebi!……………………………ziz

Karra raaphu!…………………………ziz

Adaboon gooba!.………………….......ziz

Goobni geerarsa!……………………...ziz

Hurrubni4 Mirga!………..……………ziz

Dirreen Dannaba!……...……………...ziz

Simoo5 ta’i! …………………………..ziz

Sin simin!……………………………..ziz

Dandoo ta'i! ……………………..……ziz

Sin danda'in! ……….………………....ziz

Doobbii ta'i! …………………...……...ziz

Diina gubi !…………………………...ziz

Guchii ta'i !……………………….......ziz

Baalaan6 booni !….…………………..ziz

Citaa ta'i! …………………………….ziz

Gurmuu baasi! ……………………….ziz

Daddaraari! ……………..……………ziz

Dilboo7ta'i! ………..………………….ziz

Babbaroodi .…………………………..ziz

Cibraa8 dhoosi ………………………..ziz

Gaara ta'i! ...................………………...ziz

Itti jigi!……....................……………...ziz

Haladdaq9 ta'i.…………………..……..ziz

Bal'adhu!…………..…………………..ziz

Fantaallee ta'i!..………………………..ziz

Mul’adhu!......................………….........ziz

Qabadhu!.......qabadhu!

1. Miinya: Tuuta

2. Foduu: Asxaa, bakka itti irreeffatan (Warra

Gadaaf)

3. Alalaasi: Gammadi, burraaqi

4. Hurrubni : tokkummaa (tuuta‟uu)

5. Simoo: Simannaa…(lolaanis, tolaanis)

6. Baala: baallee(koochoo)

7. Dilboo: Leenca kormaa

8. Cibraa: Lola citii (Raide), kan akka tasaa

diinarra ya‟an.

9. Haladdaq: Maqaa lafaa (Baldheensa guddaa)

*****

Namni Waan Afur sodaaf dhugaa filata

1. Beekee yoon dhugaa dabse humni ta’e na balleessa

jedhee sodaata. Humni guddaan kunis Waaqa.

Waaqa Sodaaf Dhugaa hojjata.

2. Miidhaan akka irra gahu hin fedhu, garuu yoo

nama irraan miidhaa gahe seeran gaafatama.

Seerri hundaa ol waan ta’eef Dhugaa filata.

3. Nama waan badaa hojjate hawaasni ni

balaaleffata. Fudhatama argachuuf Dhugaa

hojjata.

4. Osoo beekuu yoo balleesse sammuun isaa ni

jeeqama. Boqonnaa sammuu argachuuf dhugaafi

waan gaarii hojjata.

Oromummaa

(Tarruu Unguree-tiin)

abni eenyummaa malee uumamee akkanumaan

lafa kana irra yaa’u tokkollee hin jiru. Sabni

yookaan ummanni kamuu wanta saba biraa irraa

adda isa taasisee isa ibsu, eenyummaa mataa isaa

qaba. “Saba san” ykn “Ummata san” kan isaan

jechisiisu waan mataa isaa qaba. Xiqqaatee xiqqaatu

bifti, bocniifi dhaabbiin qaamaa, eeenyummaa isaati.

Enyummaan (identity) qabeenya guddaa sabni yookaan

ummanni tokko erga uumamee eegalee, kuufatee of

harkaa qabuudha. Saba tokkoof wanti eenyummaa isaa

caaluuf hin jiru. Jiraachuus hin qabu. Eenyummaan

S

Page 7: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

7 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

waan guddaadha. Eenyummaa malee sabummaan hin

jiru. Saba tokko kan akka sabaatti dhaabu eenyummaa

isaati. Ummatni eenyummaa hin qabne, akka sabaatti

dhaabbachuu hin danda’u.

Eenyummaan waan baay’ee of keessaa qaba. Afaan,

aadaan, seenaan, amantiin, duudhaan, safuuniifi qor-

qalbiin, ilaalchi uumaa-uumamaa, dhaabbii, bifaafi

bocni qaamaa, falaasamni, sirni bulchiinsaa, aadaan

nyaataa, aadaan uffannaa, aadaan fuudhaafi heerumaa,

aadaan kadhannaa Waaqaa, akkaataan gadda itti

ibsatan, sirni boowichaafi awwaalchaa, sirni kabaja

ayyaanota adda addaa, aadaan sirbaa, afoolli, akkaataan

waliin jireenyaa yookaan hawaasummaan, akkaataan

rifeensa murannaafi dhahannaa, aadaan hojii, ispoortiifi

taphni adda addaa hundi eenyummaa saba tokkoo warra

calaqqisiisan keessaa isaan bu’uuraafi hangafaati. Isaan

kanneentu saba tokko saba jechisiisee akka sabaatti

dhaaba. Yoo kanniin qabaatedha, sabni tokko kan akka

sabaatti saba biraa irraa adda bahee eenyummaa mataa

isaan jiraachuu danda’u.

Akkaataan hawaasni tokko itti wal too’atufi wal tikfatu

yookan sirni bulchiinsa saba tokkoo aadaa, seenaa,

safuufi safeeffannaa akkasuma qor-qalbii hawaasa

sanaa irratti waan hundaa’uuf eenyummaa saba sanaa

ibsuu keessatti gahee guddaa qaba.

Ummatni manca’iinsi eenyummaa irra gahe, hireen inni

akka sabaatti tokkummaa isaa eeggatee waliin

jiraachuuf qabu gaafii keessa bu’a. Ummatni akkanaa

yeroo baay’ee of ta’uu dhiisee orma osoo akkeessuufi

fakkeessuu dawoofi eenyummaa isaa dhabee qilleensa

irratti hafa. Garbicha ta’ees ergamtuufi faarsituu ormaa

ta’ee, kabaja ilmi namaa argachuu qabu dhabee,

salphinaan jiraata. Kanaaf sabni kamiyyuu, eenyummaa

isaa eeggachuu, mararsiifachuu, kunuunfachuufi

guddifachuu qaba. Eenyummaa malee sabeenyummaan

hin jiru waan ta’eef.

Waan keenyatti gaafa deebinu, eenyummaan Oromoo

Oromummaadha. Oromummaan eenyummaa keenya.

Oromummaatu saba keenya saba biraa irraa adda

godhee, Oromoo akka jedhamnu nu taasise. “Nuti

Oromoodha.” kan ofiin jennu, yookaan ormi “Isaan

Oromoodha.” kan nuun jedhuuf Oromummaan keenya

ibsituu eenyummaa keenyaa waan ta’eefidha malee

lafumaa ka’amee miti. Kun waan qabannee dhalannu

malee, kan dhalannee argannu miti. Miciree taanee erga

uumamnee eegallee dhiigaafi foon Oromummaan

makate sana qooddanneeti kan dhalanne.

Oromummaan gaaddisa ilmaan Oromoo hundaati.

Ilmaan Oromoo hunda kan walitti hidhuufi waan

baduufi jijjiiramu hin dandeenyedha. Amantii, kutaafi

gosaan, gargar ba’uu malla. Kutaan keenya iddoo itti

dhalanne ibsa malee eenyummaa keenya hin ibsu.

Oromummaan garuu gaaddisa Oromoo hundaa waan

ta’eef, walitti nu hidhee tokko nu taasisuun eenyummaa

keenya ibsa. Qabeenya keenya kan waliiniiti.

Oromummaan eenyummaafi maalummaa keenya. Kana

jechuun qabeenya gamtaa Oromoo maraati jechuudha.

Qabeenya hin moofofneefi dulloomees hin duunedha,

Oromummaan. Feeteef hin taatu, jibbitees dhiqxee

ofirraa hin baastu. Mallattoo eenyummaa gaafa

uumamtu uumaankee ittiin si kaadhimmateedha. Hidda

labata sanyii Oromoorraa haa ta’u malee addunyaa kana

irratti eessattuu dhalattu, fooniif dhiiga qaamakee kan

ijaare albuuda Oromummaan badhaadhe waan ta’eef,

hanga lubbuun jirtu ittiin jiraattee, obbaafattus

walumaan godaanta.

Tarii of dhoksitee orma fakkaachuu malta. Orma jalas

kaachuu dandeessa. Fakkaachuun immoo ta’uurraa

hamma samii waan fagaatuuf, warri itti of fakkeessitus

tasuma kan ofiisaanii siin hin jedhan. Waanuma

fedhellee ta’u nama keenya nuun hin jedhan.

Eenyummaan huccuu miti. Feetu uffattee, yoo hin feene

hin baastu. Oromummaanis akkasuma. Sabni biraatis

Oromummaa ofitti uffisuu hin danda’u nus ofirraa

baasuu ykn dhiquu hin dandeenyu.

Aadaafi afaan Oromoo, Ilaalchi, Falaasamniifi

Amantiin Oromoo (Waaqeffannaan), sirni bulchiinsa

Oromoo (Gadaan), Qor-qalbiifi xiin-sammuun Oromoo,

biftiifi dhaabbiin qaama Oromoofi seenaan Oromoo

hundi galma Oromummaa keessa galaana ta’anii jiraatu.

Kuufamni isaanis walitti qabamee, Oromoon tokko

“Ani Oromoodha” kan isa jechisiisuufi abbaa

biyyummaa isaa kan mirkaneessuudha.

Ifti oromummaa aadaa Oromoo keessaan calaqqisee

mul’ata. Keessattuu, aadaafi haalli jiruuf jireenya

Oromoo hundi Oromummaa dagaagsa. Eenyummaaniifi

maalummaan saba keenyaas aadaa keenyan mul’ata.

Orommmaan aadaa, seenaa, afaan, amantiifi Gadaa

Oromoo keessatti dagaagee mul’ata malee kan ormaa

keessatti miti. Oromummaanis kan dagaagu yoo isaan

kunniin dagaaganiidha. Isaan laafnan Oromummaan

keenyas walumaan laga bu’uu isaati.

Sababa adda addaan, fageenya teessoo lafaafi haalota

garagaraan kutaalee Oromiyaa muraasa keessatti addaa

addummaan jiraatus, dubbiin kan duratti jenne

sanaadha. Hundeefi bu’uurri keenya tokkoofi tokko

qofa. (Oromummaa, Kuushummaa, Afrikummaa)

Aadaa keenya yoo mul’isne Oromummaan ni calaqqisa.

Oromummaan keenyas, aadaa keenya waliin dagaaga

Page 8: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

8 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

malee aadaa ormaa waliin miti. Waan keenyatu walitti

kuufamee eenyummaa keenya ibsa malee wanta baar-

gamaa fudhanne miti. Kan miidhagnus waan keenyan.

Ergisaan gala fokkisa waan ta’eef.

Oromummaa dagaagsuu keessatti gaheen afoola

Oromoo, (oduu durii, sheekkoo, hiibboo,

mammaaksaafi qoosaa) akka salphaatti ilaalamuu hin

qabu. Isaantu lubbuu itti horee, bara dhufee lufutti

darbaa dabarsuun nuun gahe.

Kanaafuu, Oromummaan akka nuti Oromoodha ofiin

jennee addunyaa tana irra akka saba tokkootti jiraannu

nu taasisa. Maxxantummaa irraa nu hambisuun waan

keenyan guutamneefi faayamnee akka jiraannu nu

taasisa. Qaaniifi gadi aantummaa irraa nu baraarun akka

ofitti amannuufi waan keenyan boonnu nu taasisa, yoo

nuuf gale ta’e.

Kana waan ta’eef eenyummaa har’a of harkaa qabnu

kana kunuunfannee sabboonummaa haa dagaagsinu!.

Kan sababa adda addaan nu harkaa babbadanis haa

iyyaafannu. Maxxannee taanee orma fakkaachuufi

ormaaf kurkuururras, waan keenyan of taanee

Oromummaa tiksaa, Oromiyaaf haa jiraannu!

Ulaagaalee Oromummaa

Dhiigaan Oromoo ta’uun ulaagaalee Oromummaa

keessaa ulaagaa jalqabaa ta’ullee hundaafi kan dhumaa

miti. Namni tokko dhiigan qofa Oromoo ta’eef

ulaagaalee Oromummaa hunda ni guuta jechuun

baay’ee ulfaata. Dhiigaan Oromoo ta’ee yoo aadaafi

safeeffannaa hawaasa Oromoo hin beekne ta’e,

Oromummaan isaa gatii yookan hiika hin qabu. Kan

olitti jenne maras bishaantu nyaata jechudha.

Akkasumas namni tokko dhiigaan Oromoo ta’ee yoo

afaan, Gadaa, amantii (Waaqeffannaa), duudhaa,

seenaafi falaasama Oromoo hin beekneefi keessatti hin

argamne, akkasuma yoo ittiin hin jiraanne ulaagaalee

Oromummaa guutee jira jechuun ni ulfaata.

Dhiigaan Oromoo ta’anii aadaa, duudhaa, amantiifi

seenaa akkasuma sirna bulchiinsaafi afaan ormaa

calaqqisiisaa, “Oromummaa kiyyaan nan boona!”

jechuun wal sobuu ta’a. Oromummaan aadaa, Afaan,

seenaa, amantii, Gadaafi afoola Oromoo keessatti

calaqqisee mul’ata malee kan ormaa keessatti miti.

Akkasumas namni tokko dhiigaan Oromoo ta’ee yoo

Oromoofi waan Oromoo irratti orma waliin dabaafi

gidiraa kan hojjatu ta’e Oromummaan isaa faayidaa hin

qabu. Inni mi’aa Oromummaa hin beeku waan ta’eef.

“Allaattiin fira fakkaattee simbira nyaatti” isa jedhan

sana waan ta’uuf.

Kanaafuu, Oromoon tokko waan Oromoon qabu yoo

hin qabaatiniifi yoo hin beekin, akkasumas waan

Oromoo waan kiyya jedhee yoo ittiin hin booniniifi hin

calaqqisiisin, Oromummaan isaa kan dhiigaa qofa ta’a.

As irratti wanti hubatamuu qabu, waan ofii wallaaluun

akka hammeenya hin qabne ta’uu isaati. Sababa adda

addaan waan keenya irraanfachuu ykn wallaaluu

dandeenya. Garuu wanti hamaafi badaan wallaalummaa

ofii wallaaluudha. Akkasumas baruuf fedhii dhabuudha.

Waan keenya wallaaluu keenya beeknee, baruuf of

qopheessuufi waan keenyaaf sammuu keenya banaa

gochuun beekumsa duraati. Jagnummdhas. Iyyaafatanii

kan beekurraa baruun gamnummaadha.

Dammaqiinsaafi kutannoon yoo onnanneef urgaan

foolii keenyaa, Oromummaan, galaana qaxxaamuree

akka hin deemne, wanti dhoorku tokko illee hin jiru.

Yoo ormi buddeena ofii tolfatu, nuti jalee taanee abidda

bobeessuufii hin qabnu. Buddeena ofii tolfannuufis,

ibiddi ormaa nun barbaachisu. Maal dhabnee kadhaa

kaanna. Yoo nu kadhachuu dhufan malee. Galanni kan

Waaqaa haa ta’uutii waan dhabne tokko hin qabnu akka

dhabne malee.

Osoo aadaa qabnuu aadaa ormaa jala fiiguun, osoo

afaan qabnuu afaan ormaan walii galuun, osoo seenaa

qabnuu seenaa ormaan dhaadachuun, osoo biyya

qabnuu biyya ormaa leellisuun, osoo Gadaa qabnuu

sirna ormaan wal bulchuun salphina, of tuffachuufi of

jibbuudhas. Akkasumas of dhoksuun ofiin of

awwaalanii maxxantuu ormaa ta’uudha. Kun immoo

qarooma osoo hin taane gowwummaafi of ta’uu

dadhabuudha. Kana qofas miti, akkana ta’uun seera

uumaa illee cabsuudha. Sababni isaas Waaqni Oromoo

waan hunda badhaasee jira. Waan Waaqni nu badhaase

kana immoo jaalachuu, leellisuufi itti gammaduu qabna

malee itti qaana’uu hin qabnu.

Afaan Oromoofi Oromummaa

Afaan Oromoo qooqa ummanni Oromoo dubbatu akka

ta’eefi ibsituu, baattoofi hiiktuu eenyummaa Oromoo

ta’uusaa walitti himuun wal tuffachuu osoo hin taane

wal yaadachiisuu ta’a.

Afaan kun guddinaafi dagaagina eenyummaa ummata

Oromoo keessatti gaheefi bakka guddaa qaba. Afaan

saba biraan eenyummaa Oromoo ibsuun danda’amullee,

hamma Afaan Oromoo eenyummaa ummata Oromoo

ibsu, guutummaan ibsuun baay’ee ulfaata. Afaan

Oromootiin garuu eenyummaa ummata Oromoo,

hamma barbaadne ibsuu ni dandeenya. Aadaan, safuun,

duudhaan, amantiin, Gadaan, afoollifi seenaan ummata

Page 9: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

9 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Oromoo afaan Oromoon yoo ibsan irra salphata.

Namattis tola.

Afaan Oromoo eenyummaa keenya ibsuu kan danda’u,

yoo afaanichaan waan keenya ibsine duwwaadha.

Afaan Oromoon waan ormaa barreessuu, barachuufi

barsiisuun Oromummaa dagaagsuu osoo hin taane,

afaan Oromoon waan ormaa dagaagsuu akka ta’e

hubachuu qabna. Tarii guddina ogbarruu Afaan

Oromoo keessatti gahee mataasaa qabaachuu mala.

Kiristiyaanummaas ta’u Islaamummaa yookaan

dimokiraasummaa afaan Oromoon faarsuun,

barreessuun, lallabuun yookaan barsiisuun

Oromummaa dagaagsuu jechuu miti. Kana gochuun

Oromummaa dagaagsuufi guddisuu osoo hin taane,

waan ormaa afaan Oromootiin dagaagsuufi guddisuu

akka ta’e nama waa xiinxalee hubachuu danda’uuf

dubbiin isaa ifa. Fakkenyaaf Faranjiin tokko afaan

Oromoo sirritti baratee, yoo afaan Oromoon aadaa

biyya Faranjii nu barsiisa ta’e, Faranjichi afaan

keenyaan aadaa biyya isaa nurratti fe’aa jira malee

Oromummaa barsiisaa jira jechuu miti. Sababni isaa

immoo afaan hiiktuu, ibsituufi baattoo aadaati malee

mataansaa aadaa miti.

Egaa osoo waan hunda qabnuu waan ormaa jala

kaachuun gadhummaadha. Ofiin of gabroomsuu.

Du’uun dura of ajjeesuu isa jenne sana. Afaan keenyan

walii galuu osoo dandeenyuu qaroomina jennee afaan

ormaa, kan sirritti hin beekne, cabaquun qaanii

guddaadha. Afaan keenya dubbachuutti boonuu qabna

malee itti qaana’uu hin qabnu. Afaan Oromoo Afaan

Amaaraatii oli malee gadi miti. Afaan Ingiliiziitis hin

hanqatu. Nutu xiqqaatee isa xiqqeesse malee. Kana

yoon jedhu afaan Oromootiin ala afaan biraa beekuu

hin qabnu jechuukoo miti. Beekuun hammeenya hin

qabu faayidaa malee. Kan ormaa baranii kan ofii

irraanfachuutu rakkoodha malee.

Walumaa galatti afaan ofiitiin waan ofii hiikkachuun,

barachuun, ibsachuun, barreessufi dagaagsuun waan

filatamaafi qaleelaa ta’eedha. Qaroominaafi

ammayyummaadhas. Yoo akkas ta’e Oromummaanis

kan dagaagu.

Oromoofi Oromummaa

Ummanni Oromoo uummata bal’aa aadaa, seenaa,

duudhaa, safuu, falaasama, biyya, afaan, ilaalcha, sirna

bulchiinsaafi sirna amantaa mataa isaa qabu ta’uu isaa

irra deddeebi’ee kaasuunkoo, isin nuffisiisuuf osoo hin

taane, dhugaa jirtu walitti himnee, waan qabnuufi hin

qabne beeknee, kan qabnu kunuunfachaa kan bade

barbaaddaachuudhaaf wal yaadachiisuufi.

Yeroo har’aa ummanni Oromoo akka urjii gargar

faca’ee aadaafi sirna kaleessaa dagachuutti jira. Gadaas

dhiisee gaddaan buluu erga jalqabee tutture. Kanaaf

immoo sababoota garagaraa baay’etu jira. Sababoota

kanneen, asitti kaasuun mata-dureen ala waan nu

baasuuf garuma dubbii ijootti darbuu wayya.

Jireenyi addunyaa tanaa takkaa gadi, takkaammoo oli.

Oromoonis lachuu keessa darbee jira, ittis jira. Yeroon

itti jabaafi sodaatamaa akkasuma kabajamaa ture

akkuma jirutti ta’ee, yeroo inni itti laafee mudhukaa’ees

waanuma barri itti fideedha. Kun immoo dhugaa jiru

waan ta’eef waan wal sobnu miti.

Haala qabatamaa amma nuti ummanni Oromoo keessa

jirru yoo fudhanne, qilleensi qaawwa nu gidduutti

uumameen seene, raacitii eenyummaa nu mulqee,

Oromummaan caariggaa’ee utuu hin bilchaatin akka

burratuuf sababa ta’ee jira, akkasuma ta’aas jira. Kutaa,

gosa, amantiifi ilaalcha siyaasaan wal qooduun keenya

Oromummaa yookaan eenyummaa Oromoo baay’ee

dadhabsiisuu irraa of duubatti hin deebine. Hir’inni

keenya kun immoo shira diinni keenya nu irratti

dalagaa jiruuf riqicha ce’umsaa ol’aanaa ta’ee,

eenyummaa keenya soqolee ormaaf saaxiluutti jira.

“Inni Musliima/Kiristaana”, “Isheen Wallagga”,

“Isaan siyaasa ebeluu hordofu”, “Isaan warra

akkasiiti”........... jechuudhaan nu gidduu deemanii akka

nuti wal jibbinuufi wal shakkinu nu godhaniiru, ammas

hanga isaanii danda’ame ittuma jiru.

Nutis dubbii ormaa kana qabannee diina walitti ta’uun

baay’ee wal dhadhabsiisaa turre. Kun immoo karoorri

diinaa kan “gargar qoodanii bituu” (divide and rule)

jedhu sun akka galma gahuuf qooda mataasaa taphatee

jira.

Kun hunduu osoo beeknuus ta’u osoo hin beekin ta’aa

turee jira, ammas ta’aa jira. Wanti guddaan garuu, qixa

dadhabbii ofii beekuun jijjiiramaaf tuqaa jalqabbii waan

ta’eef, kan darbe erga hin darbanneetii, kan dhufuuf fala

kaa’uutu furmaata. Kan darbe daaraadhaa kan jiru

laaladhaa akkuma abbootiin keenya jedhan, ganna

darbeef mana hin ijaaran waan ta’eef, kan darbeef quba

walitti qabuu dhiisnee quba wal qabuun, har’a boru

osoo hin jenne egeree keenyaaf Gaaddisa

Oromummaa jalatti haa mari’annu. Abshaalummaas

haa shaakallu. Ofumaa wal rirriitaa jiraachuu haa

dhiisnu.

Sabni tokko tokkummaa qabaachuuf yookaan

eenyummaa isaa waliin dagaagsee guddisuuf, dirqama

kutaa tokko keessa jiraachuu hin qabu. Dirqamaan

amantii tokko hordofuunis isa hin barbaachisu.

Akkasumas dirqama ilaalcha siyaasaa tokko

qabaachuun ykn Paartii siyaasaa tokko qofa deeggaruun

isa irra hin jiraatu. Amantii, kutaaniifi ilaalchi siyaasaa

Page 10: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

10 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

garaagarummaa bu’uuraa osoo hin taane ilaalchaafi

jireenya dhuunfaati. Yeroo waliinis darbuu danda’a.

Sababa adda addaanis jijjiiramuu ni danda’u.

Fakkeenyaaf, namni tokko amantiin isaa Islaama yoo

ta’e, sababa adda addaan gara amantii birootti

jijjiiramuu ni danda’a. Kan warra amantii biraas

akkasuma.

Ilaalchi siyaasaas haala yeroofi sababa adda addaa irraa

kan ka’e jijjiiramuu ni mala. Kan kaleessa sirna

mootummaa Gonfoofi Abbaa Irree leellisaa ture har’a

taa’ee ofitti kolfaa jira ta’a, yookan maaltu

beeka,“Otuun yoo sana saba kiyyaaf akkas godhee

jiraadhee”, jedhee gaabbaa jira ta’a. Inni har’aas boru

waa jedha. Ilaalcha siyaasaa yerootu fida, yerootu

dabarsa. Waan dhaabbataa ta’ee itti fufiinsaan jiraatu

miti. Eenyummaan nama tokkoo garuu yoomuu

jijjiiramuu hin danda’u. Guraachi adii (Faranjii) hin

ta’u, adiinis gurraacha ta’uu hin danda’u. Kun seera

uumaati. Garuu tokko maxxantuu tokkoo ta’uu ni

danda’a. Fakkaachuufi ta’uun immoo waan garagaraati

jenneerra duratti.

Nutis, ummanni Oromoo, garaagarummaa amantii,

ilaalcha siyaasaa, kutaafi gosaa qabaanullee

Oromummaaf dursa kennuu qabna. Oromoo!

garaagarummaa biraa amma fedhe qabaanullee

wantoota bu’uuraa kan tokko nu taasisan irratti wal

tumsuu qabna. Waliin guddifnee dagaagfachuutu nurraa

eegama. Qaamaafi nama Oromummaa balleessuu

barbaadu irrattis tokko taanee qabsaawuutu nurra jira.

Rakkoo Oromoof furmaatni ilmaan Oromoo qofa

akka ta’e haa beeknu!.

Guddinaafi dagaagina afaan, aadaa, amantii, gadaa,

seenaa, aartii, afoola, falaasama, hawaasummaa,

duudhaa, safuufi biyya Oromoo keessatti martinuu,

garaagartee tokko malee tokkummaan hirmaannee,

Oromiyaa addunyaa irratti bulchiinsa gadaa ishee

mirkaneeffatteefi misoomtee Gadaan bultu waliin

ijaaruuf fuulduratti haa tarkaanfannu. Ilmaan Oromoo

hundi Oromummaa bu’uura godhachuun, tokkummaa

keenya cimsannee jaalalaafi gammachuun waliin haa

jiraannu. Yoo akkas ta’eedhas kan waan hawwinu

hunda argachuu dandeenyu. Yoo hin ta’in baraa gadaa

hawwii qofa of sooranii jiraachuu ta’a

*****

Jechoota Adda Addaa

Hojiiwwan gurguddoon kan hojjataman humnaan osoo hin

taane malaafi obsaani.

Namni yoo si jibbu qofa osoo hin taane, yeroo si jaalatus

maalif jedhii of gaafadhu.

Nama hin taane abdachuun saree foon eegsisuudha.

Waan qabdu hunda hin agarsiisin, waan beektu hunda hin

dubbatin.

Namni fayyaa qabu abdii qaba, kan abdii qabummoo waan

hunda qaba.

Gurri hammam guddatullee mataa hin caalu.

Lubbu qabeeyyii jiran keessaa akka namaatti kan diinni itti

baay’atu hin jiru. Diinni isaa kunis isuma mataa isaati.

Bareedinni sammuu umrii waliin dabalaa si’a deemu, kan

bifaa garuu hir’achaa deema.

Harreen leenca waliin deemtu farda nagaa hin gaafattu.

Fatteen bool’a keessa jirtu waa’ee galaanaa quba hin

qabdu.

Namni karaa deemu yommuu dhagaa argu ni taa’a taanan

deemsi isaa hin milkaa’u.

Dhugaa dubbadhu, dhugaa dubbatteef kan si jaalatu yoo

dhabame kan si jibbu hin jiru waan ta’ef.

Hunda dhaggeeffadhu, garuu hunda hin fudhatin.

Nama obsaan eeggateef addunyaan hunduu gara isaa

dhufti.

Nama jechi hin madeessine waraannis hin madeessu.

Nyaanni nama tokkoo kan biraaf dhibee ta’uu danda’a.

*****

Hundeefama Gumii Abbootii

Gadaa Oromoo

(Caalaa Soorii-tiin)

bbootiin Gadaa sirna dimokiraasii bara dheeraa

irraa kaasee dhaloota irraa dhalootatti, jaarraa

irraa jaarratti, Gadaa irraa gadaatti ummata

isaanii waliin dabarsaa dhufanii jaarraa

qaroominaa kanaan gahanii jiru. Babal’ina

ummatichaafi kan lafaa irraa kan ka’e godina godinatti

adda addaan hafanii sirna gadaa gaggeeffachaa jiru.

Mootummootni Habashaas abbootin Gadaa akka walitti

dhufanii tokko hin taanefi Sirni Gadaa akka badu bara

dheeradhaaf dhiibbaa guddaa irratti gadhanii jiru.

Bakka baay’ettis badee jira. Kan hafe illee sirni

bulchiinsa isaa dadhabaa dhufee jira. Haa ta’u malee

sirnichi bakka badii irraa hafetti waggaa saddeeti

saddeetiin gadooma walitti dabarsaa dhufee jira.

Demokiraasii sirni Gadaa of keessaa qabu

mootummootni Habashaa ijaan arguu waan hin feeneef,

muuxannoon isaa biyya keenya osoo hin fayyadin

biyyootni adda addaa itti fayyadamaa jiru.Yookaan

immoo nurraa fudhatanii maqaafi bifa isaa jijjiiruun kan

ofii taasisanii jiru.

Sirni Gadaa ijaarsa sirna dimookiraasii keessatti qooda

guddaa kan qabu ta’uu hubatamee jira. Matuma

isaatinuu dimokiraasii waan ta’eef bulchiinsa bara

ammaa ummata rakkisaa jiruuf furmaata guddaadha.

Keessattuu aangoo yeroo ofii eeganii kennuufi aangoo

A

Page 11: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

11 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

qooduu (Power sharing) akkasumas kabaja mirga

namummaa sirna Gadaa keessa jiru addunyaan har’aa

waan guddaa irraa barachuufi akka furmaatatti itti

fayyadamuu qabdi.

Ummatni Oromoo sirna gadaa yoo hundeessu caasan

isaa hawaasa Oromoo hunda akka hammatu taasisee,

gosa Oromoo hunda Gadaa shanitti hiree ilaalcha

gosummaa irraa bilisa ta’ee haqaan ummata Oromoo

hunda wal-qixxee akka tajaajilu godheeti. Saba adda

addaa Oromoo waliin jiraatus Gadaan loogii tokko

malee seera Gadaa qofarratti hundaayee bulchaa kan

tureefi har’a illee haaluma dur seera keessatti tumateen

kan waliin jiraatudha. Nama gosa Oromootti makamuu

barbaades moggaasudhaan ofitti makee qabeenya itti

horee mirga isaa eegudhan sirna Gadaa keessatti qooda

akka fudhatu taasisee waliin jiraachaa turee jira.

Abbootiin Gadaa of eeggannoo guddaadhan loogii

tokko malee sirnicha tiksaafi gaggeessaa jiru.Ummanni

Oromoo har’a kan rakkoo adda addaa keessa xaxamee

jiraatuuf duudhaa sirna Gadaa keeessa jiru waan

dagateefi. Paartiiwwan siyaasa Oromoo adda adddaas

kan har’a walgaarreffataniif sababni isaa Gadaa bu’uura

waan hin godhanneefi. Osoo duudhaalee sirna Gadaa

keessa jiru beekanii gocha isaanii kan har’aa kanatti

hagam qaana’u laata?

Jaarraa qaroominaa kana keessa Abbootin Gadaa

haaromsa sirna Gadaa gaggeesaa jiru. Hundeefamni

Gumii Abbootii Gadaa Oromoo Waxabajjii 26-28 /2006

A.L.H marii bal’aan gaggeeffamee irratti walii galames

bu’a guddina kana keessatti argameedha.

Addunyaa teknoloojidhan (meeshaa ammayyaatin)

guddatte keessatti Gadaanis qooda kan qabuudha.

Abbootiin Gadaas marii isaanii keessatti kan kaasan

kanuma. “Har‟a nuti Abbootiin Gadaa akkuma durii

gaaddisuma jala teenyee hojjechuu osoo hin taane

Galma horachuu qabna.Chaappaa mataa keenyatiin

xalayaa walii erguu qabna. Giddugala tokkos

qabaachuu qabna. Meeshaa ittiin barreessan kan akka

kompiyutaraa, kan fiilmii ittiin waraaban, kan suuraa

ittiin kaasan horachuu qabna. Akkuma dur seenaa

keenya afoolan walitti dabarsaa hin deemnu. Ragaa

qabatamaadhan dhalootatti dabarsuu qabna. Biiroo

seenaan keenya keessa taa‟u horachuu qabna. Kana

yoo jennu Jila Gadaa biirotti yaa gaggeeffannu jechuu

miti. Jilli Ardaalee Jilaatti gaaggeefama. Seenan isaa

garuu biiroofi Godaambaa qabaachuu qaba.” kan

jedhu yaada haaraa abbootiin Gadaa kaasaniidha.

Hirmaattota Gumiifi haala raawwii isaa

Abbootiin Gadaa Oromiyaa keessafi godinaalee sirni

Gadaa jalaa bade manguddootin bebbeekamoon Gumii

kana irratti argamanii jiru. Kamisee qofaan sababa

ergaan bira hin gahiniif hin argamne.Walii gala

Abbootin Gadaafi manguddootin 160 Marii Waxabajjii

26 fi 27 /2006 Magaala Bishooftuu Hoteela Xankir

keessatti gaggefame ajandaa lama irratti mari’ate.

Isaanis Seenaa Gadaafi Dambii ittiin bulmaata Gumii

Abbootii Gadaa Oromoo ture. Marii kana irratti

hayyooni Oromoo kan akka Dr. Gammachuu Magarsaa,

Prof. Isqeel Gabbisaafi kan biroo irratti argamuun

beekumsa isaanii qoodanii jiru.

Waltajjii kana akka haala mijeessee qopheessufi

waamicha akka godhu dirqamni kan kennameef Abbaa

Gadaa Tuulamaa Bayyanaa Sanbatuutif ture. Abbootin

Gadaa Tuulamaas dirqama Abbootii Gadaa Oromoo

irraa kennameef kana bahuuf qophii barbaachisu hunda

godhan. Rakkoon maallaqaa garuu akka isaan akka

garaa isaanitti hin sochoonef hidhee isaan qabe.

Kanarraa kan ka’e deeggarsa mootummaa gaafachuun

dirqama ta’e. Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa

waliin haala mijeessudhan Gumiin kun gaggeefame.

Gumiin Abbootii Gadaa kun guyyootii lama Dambii

ittiin bulmaataafi walitti dhufeenya Abbootii Gadaa

irratti bal’inaan mari’atee Dambicha mirkanneesse.

Gaggeessitoota Gumii nama shan filatee cimanii akka

hojjetan waadaa galche.Waadan seera Gadaa guutudhan

kan raawwate waxabajjii 28/2006 Galma Abbaa Gadaa

Tuulamaatti.Waadaa seera Gadaatin raawwate gara

dhummaa irratti ibsamee jira. Namoonni akka

gaggeessitoo (Koree) gumii kanaatti filatamanis kan

armaan gadiiti.

1. Abbaa Gadaa Byyanaa Sanbatuu dura taa’aa

gumii (Abbaa Gadaa Oromoo)

2. Abbaa Gadaa Qaabatoo Heedamoo, Itti aanaa

3. Obbo Caalaa Soorii, Barreessaa Gumii

4. Abbaa Gadaa Taakkalaa Dhiinsaa, Abbaa

Herreegaa

5. Abbaa Muudaa Gadaa Tuulamaa Dabbabaa

Girmaa, Qarshi – Qabaa

Gumii kana hundeessuuf haala mijaawaa ture

Abbootin Gadaa Oromoofi manguddootin Oromoo

godina adda addaa jiran walitti dhufuuf fedhii

qabaachuu isaaniifi sirna Gadaa cimsatanii aadaa

badde deebisuuf kaka’uumsa guddaan jiraachuu

isaa.

Dhibee HIV Eedsii ittisuuf mootummaan Abbootin

Gadaafi manguddootin akkasumas Abbootin

amantaa akka walitti dhufanii mari’atan Gumii

Gadaa adda addaa iraattis akka walitti dhufan

gochuu isaa.

Walitti dhufeenyi Abbootii Gadaa jila adda addaa

irratti jiru guddachaa dhufuu isaaafi aadaa walii

argan kanatti gammadanii walitti dhufeenya cimsuu

isaanii.

Walitti dhufeenyi kunis tasuma kan jalqabe osoo hin

taane hawwii bara dheeraa ture ta’uu isaati.

Page 12: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

12 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Sochiiwwan Abbootin Gadaa godhan

A. Bara 1996 A.L.H dhibee HIV eedsii garmalee

babal’achaa ture hir’isuuf mootummaan Abbootin

Gadaa waa’ee Jaala jaaltoofi tokkoofi tokkoon

jiraachuu irratti seera wal fakkatu akka baasan

gochuuf Gumii Gaayoo kan Gadaa Liban

jaldeessaa gaggeesse irratti Abbootin Gadaafi

manguddootin Oromoo akka argaman godhee jira.

Sababuma kanaan gumii irratti argamanii walitti

dhufeenya keenya haa cimsinu jedhanii Abbootiin

Gadaa yaada walii dabarsan;

1. Abbaa Gada Gujii Aagaa Xiinxanoo

2. Abbaa Gadaa Tuulamaa Nagaasaa Nagawoo

3. Abbaa Gadaa Karrayyuu Jiloo Cirrii

4. Abbaa Murtii Gabraa Waariyyoo Abdii Jiloo

5. Haajii Mormor, abbaa seenaa Hargee Lixaa

irraa

6. Hayiluu Irranaa Shawaa kibba lixaa irraa,

jaarsa biyyaa

7. Miidhaksaa Dhaabasa Shawaa Kibba Lixaa

irraa

8. Mandiyyuu Badhaasoo Shawaa Bahaa irraa

9. Abbaa Ibrahim Sheek Haajii Alii Jaarsa biyyaa

Harargee Lixaa

10. Abbaa Madad Abba Jimmaa Jaarsa biyyaa

Godina Jimmaa

11. Obbo Naasir Haajii Godina Jimmaa irraa irratti

argamanii jiru.

B. Gumii Mi’ee Bokkoo Gadaan Gujii bara 1999

A.LH gaggeessefi walitti Kenniitii Baalli Abbootii

Gadaa Gujii irratti Abbootin Gadaa Tuulamaa

Laggasaa Nagawoofi Bayyanaa Sanbatuu kan

irratti argamanii sirnicha daawwatan ta’uu isaa.

C. Gumii Gaayoo Kan Gadaa Guyyoo Gobbaas

akkasuma Abbootiin gadaa iddoo adda addaa irraa

dhaqanii irratti argamanii jiru.

D. Magaala Bishooftutti bara 2001 A.L.H walgahii

abbootii Gadaafi mangudootaa godinaalee

Oromiyaa BATO walitti qabe irratti walitti

dhufeenya cimsuu irratti mariin bal’aan

gaggeefamee ture.

E. Baallii wal-harkaa fuudhinsa Abbootii Gadaa

Tuulamaa Fulbaana 2003 A.L.H gaggeefame

irratti Abbootii Gadaa sirnicha irratti argaman

keessaa yaada walitti dhufeenya cimsina jedhu

irratti kan marii addaa gaggeessan;

1. Abbaa Gadaa Booranaa Guyyoo Gobbaa

2. Abbaa Seeraa Booranaa Liiban Jaldeessaa

3. Abbaa Gadaa Gujii Damboobii Aagaa

4. Abbaa Gadaa Gabraa Ibraahim Jiloo

5. Abbaa Gadaa Tuulama Bayyanaa Sanbatuu

6. Barreessaa Gadaa Tuulamaa Caalaa

Sooriiti.

Erga Sirnichi dhumatee booda Hoteela Bishooftuu

Afaaf jedhamu keessatti walitti dhufeenya keenya

cimsinee Gumii Abbootii Gadaa Oromoo yaa

hundeessinu, nuti ammallee gaaddisuma jalatti Gadaa

keenya gaggeesina.Tuulamni biiroo horattanii

cimtanii waan jirtaniif isin walitti nu qabaa yaada

jedhu irratti mari’atanii turan.

F. Sirna Gadaa Oromoo Harargee deebisuuf Jila Odaa

Bultumitti gaggeefame irratti Abbootin Gadaa

godina adda addaa hirmaatanii yaada waljijjiiranii

jiru.

G. Bara 2002 Irreecha Odaa Bisilii irratti Abbootin

Gadaa Tuulamaafi Abbaan Gadaa Arsii Lixaa

argamanii Walitti dhufeenya keenya haa cimsinu

yaada jedhu irratti Abbootii Gadaa Maccaa waliin

mari’atanii ture.

H. Irreechi Hora Harsadii bara baraan kabajamu walitti

dhufeenya cimaa Abbootii Gadaa gidduutti uumee

jira.Walitti dhufeenyi kun Gumii abbootii Gadaa

Oromoo hundeessuf gumaachi inni godhe

guddaadha.

I. Eebba Siidaa Aanolee irratti argamuuf Abbootin

Gadaa Oromoo magaalaa Adaamaa keessatti wal

argan, jiddugala Abbootii Gadaa Oromoo dhaabuuf

marii kan gaggeessan;

1. Abbaa Gadaa Tuulamaa Bayyanaa Sanbatuu

2. Abbaa Gadaa Gujii Kan gosa Maattii

Damboobii Aagaa

3. Abbaa Gadaa Gujii Hokkuu Gaambeellaa

Bariisoo

4. Abbaa Gadaa Maccaa Taakkalaa Dhiinsaa

5. Abbaa Gadaa Arsii Qaabatoo Hedamoo

6. Abbaa Gadaa Odaa Bultum Moomati Ahmad

Bookee

7. Abbaa Gadaa Karrayyuu Hawaas Roobaa

8. Muumadii Ussoo miseensa Abbaa Gadaa

Harargee, marii yeroo adda addaa

gaggeeffamaa tureef murtii dhumaa kennanii

jiru. Murtiin kunis Abbaan Gadaa Tuulamaa

akka haala mijeessee waamicha godhu bakka

buufachuun dirqama itti kennanii turan.

Egaa Gumiin Abbootii Gadaa Oromoo adeemsa

kana hunda keessa dabree kan hundaa’edha.

Gumii kana ijaaruuf mariifi yeroo dheeraa

fudhate. Walumaa galatti yaadni Gumii Abbootii

Gadaa Oromoo hundeessuu kun jalqabee hanga

galma gahutti waggaa torba fudhatee jira.

Gumii kana hundeessuuf rakkoolee turan

Ummanni sababa adda addaan Gadaa gatuu

(laafinsa Gadaa Oromoo)

Yaadicha Abbootii Gadaa jiran hubachiisuufi

amansiisuu

Page 13: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

13 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Baajata ykn qarshii waan kana galmaan

gahan.

Kaayyoo Gumichaa

Gumiin kun yoo hundaa’u Kaayyoo cimaa qabateeti.

Kaayyoo kanas Dambii ittiin bulmaataa baafatan

keessatti haala armaan gadiitin teechisanii jiru.

1. Seera dur Gadaa kessatti afoolaan turan gara

barreeffamaatti deebisuun dhalootaaf akka

darbu haala mijaawaa uumuu.

2. Sirna walharkaa fuudhinsa Baallii Abbootii

Gadaa Oromoo dimokiraasummaa isaa eegee

akka raawwatu gochuun ragaa qabatamaan

fiilmii, suuraafi barreeffamaan dhalootaf akka

dabru taasisuu.

3. Barmaatilee miidhaa geesisan kan gosa

Oromoo hunda keessa jiran qoratanii walii

galtee tokkoon tarkaanfii wal fakkaatu

fudhachuu.

4. Hojiin Caasaan Gadaa hawaasa keessatti

hojjetu nageenya, misoomaafi guddina biyyaa

keessatti gahee olaanaa inni qabu akka qaamni

kamiyyuu hubatu ragaa qabatamaan

barreefamaan akka taa’u gochuu.

5. Wal-qunnamtii Abbootii Gadaa Godinaalee

Oromiyaa keessa jiran cimsuun bakka sirni

Gadaa laafetti gargaarsa walii gochuun

deebisanii ijaaruu.

6. Walitti dhufeenya Oromoo godinaalee maraa

cimsuudhan muuxannoo waljijjiiruu. Kunis

yeroo jilli Gadaa gaggeeffamu

walwaamudhaan dhimmoota sirna Gadaa

keessatti raawwataman daawwachiisuu.

7. Sirni Gadaa seera wal-fakkaatu akka horatu

hayyoota qorachiisudhaan haala qabatamaa

naannoo isaanitiin walitti fidaa deemuu.

8. Ummata Oromoo jidduutti walitti bu’iinsa

dabree dabree uumamu Gumiin abbootii Gadaa

jidduu galuudhan rakkoo uumamu hiikuu.

9. Ummatni Oromoo akka walii galee hin

jiraanne mootummootni dabran gosa tokko

keessaa namoota tokko tokko qabatanii gosa

biraa akka waraanu gochuudhan ummatni

keenya akka haalodhaan wal ajjeesu, akka

walii galee hin jiraanne taasisaa turanii

jiru.Keessattuu Gochi Minilik ,Yohaannisiifi

Teewodiroos raawwatan har’allee hawaasa

Oromoo jidduutti calaqqisaa jira.Gumiin

Abbootii Gadaa rakkoo kana hundeedhaa

buqqisee akka hiiku gochuu.

10. Ummatni Oromoo osoo tokko ta’ee jiruu

ilaalcha gosummaa, amantii naannummaa,

siyaasaafi daangaan wal dhiibudhaan hanga

wal ajjeesutti deemun wallaalummaa guddaa

ta’uun isaa hubatamee ilaalcha akkasii ummata

jidduudhaa baleessuu.

11. Diinni (nyaaphi) Keenya Kan akka

harcaatuwwan mootata dabranii mirga sabaafi

sablammii Heera mootummaa keessatti taa’e

kan hin liqimfamneef yoomiyyuu akka

waliigallee jiraannu waan hin feeneef yeroo

hunda walitti bu’itii keenya nuu mijeessan

waan ta’eef Gumiin Abbootii Gadaa

dammaqinaan ummata isaan jala jiru barsiisuu.

Rakkoo humnaa ol ta’e mootummaa

mari’achiisuun hiikuu.

12. Gumiin Abbootii Gadaa ilaalcha Gadaa

tiyyatu caala Gadaa tiyyatu caala jedhu akka

hin calaqqifne of-eeggannoo guddaadhan akka

hafu ni godhu, iddoo sirni Gadaa dadhabaa

ta’etti seera Gadaa barsiisuun akka cimu

gochuu.

13. Hayyoota Oromoo beekumsa olaanaa qaban

haala sirni Gadaa itti guddachuu danda’uufi

dhimmoota fooyya’uu qaban akkasumas haala

sirni Gadaa hambaa addunyaa ta’ee itti

galmaa’uu danda’u irratti qorannoo adda

addaa akka gaggeessan of jalatti gurmeessun,

barumsa qabaniin Gadaa gargaaruu irratti

gahee isaan irraa eegamu akka bahan haala

mijaawaa uumuu.

14. Duudhaalee Oromoon qabu keessaa tokko kan

Gadaa jalatti hammatamee deeggarsi

godhamuufi qabu sirna Amantaa

Waaqeffannaa waan ta’ef, shakkii kamuu irraa

bilisa ta’ee Waaqeffattoonni iddoo

awwaalchaafi iddoo sirna waaqeffannaa itti

gaggeeffatan magaalafi baadiyyaa hunda

keessatti akka argatan Gumiin Abbootii Gadaa

MNO wajjin dubbachuudhan mirga heera

mootummatin taa’e kabachiisuu.

15. Abbootii Gadaa yeroon baallii hin kennine, kan

faayidaa dhuunfaa ofitiif jecha aangoo irra

turan, yeroo baallii walitti kenniitii yoo

dabarsan Gumii Abbootii Gadaa keessaa

haquu. Beekamtii irraa kaasuu.

Akkuma walii galaatti Gumiin Abbootii Gadaa Dambii

isaanii keessatti hojiilee dhimma hawaasummaa,

diinagdeefi siyaasaa irratti hojjetan bal’inaan teechisanii

jiru.

Keessattuu gumii Odaa Shananii seenaa beekamoo

qaban keessaa Kan hanga ammaatti hojiirra jiru Gumii

Odaa Nabee qofa waan ta’eef kanneen armaan gadii,

1-Gumii Odaa Bultum hundeessuf yaalii godhame

akka itti fufu taasisuu.

2- Gumii Odaa Roobaa hundeessuu

3- Gumii Odaa Bisilii hundeessuu

Page 14: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

14 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

4- Gumii Odaa Bulluq hundeessuu kan jedhu akka

karoora yeroo dheeratti qabatanii jiru.

Teessoo Gumii Abbootii Gadaa Oromoo

Teesson Gumii Abbootii Gadaa Oromoo eessa haa ta’u

kan jedhu irratti filannoon sadi dhiyaatee ture. Isaanis;

Galma Abbaa Gadaa Magaala Adaamaa

Galma Gadaa Tuulamaa Magaala Bishooftuufi

Galma Jiddugala Aadaa Oromoo Finfinneeti.

Marii bal’aan erga irratti gaggeeffamee booda, Galmi

Jiddugala Aadaa Oromoo Finfinneefi Galmi Abbaa

Gadaa Magaala Adaamaa harka mootummaa jira wan

ta’eef sagantaa adda addaatin qabamuu danda’a, akka

feenetti itti fayyadamuu hin dandeenyu. Kan akka

feenetti itti fayyadamuu dandeenyufi kan harka Gadaa

jiru Galma Gadaa Tuulamaa nuu wayya jechuun

filatanii, Abbaan Gadaa Tuulamaa Bayyanaa Sanbatuu

yaada maal akka qabu gaafatan. Abban Gadaa

Tuulamaa Bayyanaa Sanbatuutis, Galmi Gadaa

Tuulamaa Galma Abbootii Gadaa Oromoo ta’uu

gammachuudhan fudhanna, gumii kana hundeessuf

wanni itti carraaqaa turreeyyuu galma keenya

abdanneeti jedhanii yaadicha gammachuun fudhatan.

Waada Seera Gadaatin Raawwate

Waajjirri Gumii Abbootii Gadaa Oromoo Galma Abbaa

Gadaa Tuulamaa magaala Bishooftu keessa jiru akka

ta’u Waxabajjii 27/2006 A.L.H gumiin sagalee tokkoon

filateera. Galma Kanas Waxabajjii 28/2006 A.L.H

korma Abbaan Gadaa Tuulamaa dhiyeesse eebbisanii

itti qaluudhan biluu waliin tuqanii wal eebbisuun

“Galma Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo”

jedhanii moggaasanii jiru. Koree filataman akkataa

seera Gadaatin qumbii ciniinsisanii waadaa galchuun

alangee Gadaatin seera itti tumanii marga jiidhaa itti

irreeffachuun damma nyaachisanii eebbisanii jiru.

Abbootin Gadaa Boorana, Gujiifi Gabraa waldhabbii

dabree dabree isaaniifi ummata isaanii jidduutti

uumamu akka isaan jidduudhaa badu ofii fakkeenya

akka ta’an of-jidduu teechisanii, marsanii

dhaabbachuudhan marga itti irreeffatanii eebbisanii jiru.

Isaanis afaan keessa wal dhungachuun jaalala dhugaa

walii qaban ibsanii jiru. Dura Taa’an Gumii Abbootii

Gadaa Oromoo Bayyana Sanbatuu qumbii nyaachisee,

Abbootin Gadaa martinuu marsanii dhaabbatanii

eebbisuudhan waadaa galchanii marga jiidhaa itti

irreeffatanii sirba aadaa Jilaatin Galma Tokkummaa

Abbootii Gadaa Oromoo seenanii affeerradhaan sirni

gumii xumuramee jira. Ragaan kunis Dambii isaanii

keessatti seenadhaaf akka taa’u qabatamee jira.

Karoora yeroo dhiyoo

Gumii Abbootii Gadaa Oromoo

Oromiyaa keessatti bakka Gadaan badetti Gadaa

deebisanii ijaaruu.

Gumii Odaawwan seena qabeessa ta’anii

hundeessuu. Isaanis Gumii Odaa Roobaa, Bisiliifi

Bulluq hundeessuu. Kan Odaa Bultum jalqabee jira

waan ta’eef itti fufuu. Gumiin Odaa Nabee

durumaanuu hojjachaa jira.

Waa’ee Gadaa irratti hubannoofi barnoota karaa

adda addaan dabarsuu.

Amantii waaqeffannaa wiirtuu tokkoofi

heyyama/beekamtii tokko akka qabaatu hojii

jalqame xumuruu.

Dhumarrattis Gumiin kun Abbootii Gadaa Tuulamaafi

Biiroo Aadaafi Tuurizimii Ororomiyaa carraaqqii

isaaniif galateeffatanii osuma walitti rarra’anuu galti

hin ooluu biyya biyyatti addaan galan

*****

Gadaa (Walaloo)

(Goobana Siidaa Taliilaa – tiin)

Hambaa duudhaa seenan lafa goote

Kan hundeedhumaan jirtu duraanii

Aadaaf seenaa qabna amantiidhaa

Kan namuu irra baratu gaarii.

Caffee taa’ee heera dhangalaasee

Safuu Waaqaa lafatti dhiyaatuu

Wal qixxeesse uumama maraayyuu

Kan xiqqaa guddaan itti hirmaatuu.

Lafa kaa’e seera qulqulluudhaa

Burqaa hooda heeraa hin sinsinnoofnee

Seenaatu bahaa jiira ragaadhaa

Kan Gadaan ijaare hin bittinnoofnee.

Yaa’ii hoodaa tuma maanguddootaa

Kan ittiin bu’e araarrii

Safuu uumaaf qabu Oromoonnii

Addunyaarrattuu hin argu barbaannii

Uumaa uumamaaf hidda kan taatee

Xurree duudhaa bu’uurri duraayii

Gadaa keenya sirni diimokraasii

Kan dhugaaf safuu baran irraayii

Qumbii dhaabee damma wal obaaseet

Kan baallii walii kennu nagaanii

Waan caffeen tumteen bulcha Gadaasaa

Kan ijaan argaa jiirru nagaanii

Eebbiseet bokkuu walitti laataa

Yoo Gadaa isaa fixe hayyuunii

Kan caffee itti aanutu qajeelchaa

Dabaree isaa hin darbu sayyuunii

Gadaan quufaa misa barri yaa’ii

Gurr’uu guutet hoosisa ameessii

Waan caffee bultootti dhangalaasaa

Saba isaatiif hojjeta gameessii

Page 15: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

15 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Hayyuun nyaaraa nyaara ummataatii

Eeget eegsisaa mirga hundaatuu

Kan ulfoo ittiin jette Gadaanii

Tokkollee hamtuun hin taatuu

Ni dhugeeffataa sabni bal’aanii

Kan tumaan Caffee itti akeektee

Fudhattee kennuu qabdi ilmaanii

Kan jalaa dhaloonni kana beektee

Qaccee seenaa mul’attu hambaanii

Kan abbootarraa jirru argaayii

Kan wareegamaan fidde hayyuunii

Dhaallee dhaalchisuudha wal harkaayii.

Sirna walabaa kan madda taliilaa

Yoomiyyuu kan hin qabne fakkaattii

Yoo nagaafi jaalala barbaannee

Yaa Gadaa waliin bullu dhugaattii.

Kan ol kaase gadi hin xiqqeessuu

Baalchaa goota uumama badhaadhaa

Hoofuu beekaa gaaddisa araaraa

Kan ittiin buluu qabnu Gadaadhaa.

Gadaan heeraa heera ganamaatii

Isatuu ta’aa hunda namaatii.

*****

Walitti Dhufeenya Aadaafi Amantii

(Tarruu Unguree-tiin)

ddunyaan teenya, kan irra jiraannu tun, baay’ee

bal’oodha. Waan baay’ees baattee teessi.

Baay’inni ilma namaas kan biiliyoonaan

lakkaawamu irra jiraata. Ummanni biliyoonan

lakkaawamu kunis saba, sab-lammiifi hortee

adda addaatti qoodamuun isaa hin hafne. Qoqqoodinsi

kun immoo addunyaa teenya tana irra aadaa, afaan,

duudha, amantii, falaasamniifi sirnoonni kumaan

lakkaawaman akka jiraataniif sababa ta’ee jira.

Ummanni addunyaa marti eenyummaa isaanii

guddifachuufi ittiin mul’achuu barbaadu. Kanarraa kan

ka’e waldorgommiinis waan hafe hin fakkaatu. Natu

caalaafi kiyyatu caalaan akkasumas kiyyatu sirriidha,

kankoo fudhadhuufi hin fudhadhuun addunyaa teenya

tana irra turee jira. Sababa kanaan miidhaafi badiinsi

hangana hin jedhamne ilma namaa muudatee jira. Kan

kana hunda dorgomee mo’achuun saba biraa

eenyummaa isaa kan harkaa gatee aadaa, seenaa,

siyaasa, amantii, falaasama, sirna dinagdee, afaan,

ilaalchaafi duudhaa isaa dhaalchises tokkoo lamas ta’an

inuma jiru. Dorgommuma kana keessa kan badiinsi

eenyummaa (identity Crisis) muudates hedduudha.

Aadaafi amantiin saba tokkoo guddinaafi dagaagina

eenyummaa saba sanaa keessatti gahee guddaa akka

qaban wal nama hin gaafachiisu. Guddina diinagdee,

hawaasummaa, siyaasaafi falasama saba tokkoo

keessatti qoodni amantiifi aadaa baay’ee

murteessaadha.

Sabni aadaafi amantii (dhugeeffannoo) isaa dhiisee,

aadaafi amantii ormaa hordofu eessayyuu gahuu hin

danda’u. Guddinni isaa aadaafi amantii isaa irratti yoo

hin hundaa’in yookan bu’uura hin godhatin sabichi sun

maxxantuufi afarsituu waan ormaa ta’uun isaa hin hafu.

Ofittis hin amanu. Yeroo baay’ee ol’aantummaafi

jabina warra aadaafi amantii irraa fudhate sanaa waan

dhaadessuuf kan ofii dagachuun saba eenyummaasaa

hin qabne ta’ee hafa. Of dagata, waan isaas, ofis ni

wallaala.

Aadaafi amantiin saba tokkoo jiruuf jireenya saba sanaa

keessatti bakka guddaa qabaachuu qaba. Isaantu

ilaalchaafi jiruuf jireenya tokkoon tokkoon dhalataa

sabichaa walitti fiduun sabichi akka tokkummaa

qabaatuufi wal jaalatu taasisa. Isa beekuuf aadaan

qabeenya guddaa kan dhaloota irraa dhalootatti

darbuufi eenyummaa ummata sanaati.

Aadaafi amantiin saba tokkoo hidhata guddaa waliin

qabu. Wal keessaa jiru jechuu ni dandeenya. Waliin wal

ibsu, gargar qoodanii ilaaluun ni ulfaata.

Aadaan haala jiruuf jireenya saba sanaati. Kuufama

muuxannoo, haala jiruuf jireenyaa, ilaalcha uumaa-

uumamaafi amantaa saba sanaati. Muuxannoofi amala

hawaasni tokko yeroo dheeraa keessa waliin

guddifateedha. Jiruuf jireenyi saba sanaa immoo

seenaa, duudhaa, biyya, afaan, sirna bulchiinsaa,

hawaasummaa, dinagdee, amantii, falaasamaafi ilaalcha

saba sanaa irratti bu’uureffama. Akkaataan sabni tokko

Waaqa itti kadhatu mataansaa aadaa saba sanaati.

Akkaataan sabichi itti wal bulchuufi wal to’atu aadaa

isaati.

Aadaafi amantiin saba tokkoo walitti hirkatoofi walitti

hidhamoodha. Amantiin saba tokkoo aadaa saba sanaan

gabbatee mul’ata. Amantii keessatti aadaa argina, aadaa

keessatti immoo amantii argina. Aadaafi amantiin saba

tokkoo haadhaaf ilmoodha jechuu dandeenya. Akkuma

fuula lamaan saantima tokko gargar baasuun hin

danda’amneefi yoo baasnes hiika yookaan gatii dhabu,

aadaafi amantii saba tokkoos gargar baasuun hin

danda’amu, yoo gargar baasnes lachuu hiika dhabeessa

ta’u. Tokko tokko malee hin miidhagu. Amantiin aadaa

maataasaa kan isa miidhagsuufi gabbisu qaba, aadaan

immoo waan bu’uura ta’eef dhugeeffannoo yookan

amantii of keessaa qaba.

A

Page 16: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

16 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Namni tokko osoo amantiikoo dhiiseen aadaa kiyya

qofa guddifadha kan jedhu ta’ee hin miidhagu. Kana

jechuun refeensa mataa koo walakkaa sirreeffadheen

walakkaa isaa dhiisa jechuu ta’a. Kun immoo hangam

akka fokkisu wal nama hin gaafachiisu. Aadaafi amantii

saba ofiis gargar qooduun tokko keessaa filachuun

sanuma ta’a. Hin miidhagu. Sababni isaa aadaaf

bu’uurri amantii waan ta’eef yoo aadaa qofa fudhanna

ta’e aadaan sun bu’uura isaa gallakkisa. Wanti bu’uura

hin qabne immoo hin miidhagu, kaawoo hin horatu, itti

fufiinsas hin qabaatu.

Akka fakkeenyaatti amantii Kiristiyaanaafi aadaa saba

Israa’eel (Hibruu Durii) fudhachuu dandeenya.

Dhugeeffannoofi falaasama amantii Kiristiyaanaaf

bu’uurri saba Isiraa’el yookaan ummata Hibruuti.

Kitaabni Yaayyaa waa’ee Macaafa Qulqulluu akkana

jedha.

Macaafni Qulqulluun kan barreeffame aadaafi

amantii saboota giddugaleessaa kan akka

Yuhuudotaa, Misirii, Giriikiifi kan biroo keessaa

waa hedduu fudhateeti. Kakuu moofaa yoo ilaalle

waa hedduun aadaa saba Yihuudotaa akka keessa

jiru, Amantii warra Haamuraabii durii keessaa

waa akka jiru hubachuun ni danda‟ama.

(Yaayyaa; ful. 114)

Kana irraa hubachuu kan dandeenyu Baayibilli

mataansaa garri caalu kan dubbatu waa’ee seenaa,

amantii, dhugeeffannoo, aadaa, falaasama, haala

bulchinsaa, walumaagalatti ol’aantummaafi jiruuf

jireenya Hibruu durii ta’uu isaati. Dirribii Damussees

kitaaba isaanii Ilaalcha Oromoo irratti akkana jedhu;

Kitaabni Qulqulluun, wanta ummanni Hibruu

hawwu maraa fedha waaqaati jedha. Itti

dabaluudhaan ummata Hibruu waaqayyo orma

caalchisee jaalata, kanaaf nama keessaa isaan

filate, biyyi isaanis biyya biraa caalaa

eebbifamtuufi waaqaan filatamtuudha jedha.

(Ilaalcha Oromoo 2009; Dirribii Damussee ful.17)

Egaa namni tokko gaafa kiristiyaana ta’u kana hundaa

fudhachuufi amanuu qaba. Waan Macaafni Qulqulluun

jedhu fudhachuufi amanuu qaba. Amantii qofa osoo hin

taane aadaa amantichaas fudhachuun dirqama

abbichaati. Kana jechuun aadaa uffanaa, aadaa nyaataa,

aadaa hojii, aadaa yookaan akkaataa waaqa kadhannaa,

aadaa fuudhaafi heerumaafi ayyaanota amantichaas

walumaan fudhachuu qaba jechuudha. Kan isaa immoo

ni dagata. Dagachuu qofa osoo hin taane waan isaatiin

hojii seexanaa kan waaqni hin jaalanne jedhaan.

Amantiin kiristiyaanaa akka amantii tokkootti aadaa

uffannaa kan mataa isaa qaba, akkataa moggaasa maqaa

kan mataa isaa qaba akkasumas akkaataafi guyyaa hojii

kan mataa isa qaba. Seenaa mataa isaas, kan keessa

darbe qaba. Amantiin kun, ayyaanota waggaa kan akka

Gannaa, Faasikaafikkf kan mataa isaa qaba. Waan

nyaatuufi waan lagatu akkasumas yeroo nyaataafi

soomanaa kan mataa isaa qaba. Seerafi akkataa ittiin

waaqa kadhatus kan mataa qaba. Dirreewwan ulfoo kan

akka Jeerusaalemiifi Malkaa Yordaanosfaa, kan

ulfeessuufi kabaju kan mataasaa qaba.

Kunniin hundi immoo aadaa amantii kiristiyaanaa

midhagsaniifi gabbisaniidha. Namni tokko egaa yoo

amantii kiristiyaanaa fudhatu kanneen armaan olii, kan

amantiin kun qabu waliin fudhachuu qaba. Ta’uu

baannaan immoo seera amantichaa hin guunne waan

ta’eef kirstiyaana jedhamuu hin danda’u. Kan amantii

Islaamaas yoo fudhanne kan armaan olii waliin wal

fakkaata.

Kan nama dinqu immoo amantiwwaan kun lamaan

aadaa uffannaa, aadaa nyaataa, moggaasa maqaa, aadaa

fuudhafi heerumaa, ayyaanota waggaa, sirna

bulchiinsaa, dirreewwan ulfoofi dhugeeffannoo saba

biraa ni falmu. Cubbuudha yookaan hojii seexanaati

jedhuun. Sabicha waan sana hordofuun immoo waaqa

hin beeku jedhuun. Hojii seexanaa yookaan daabiloos

gaggeessu ittiin jedhu. Kun immoo mala ittiin aadaa,

eenyummaafi ol’aantummaa ofii amantii fakkeessanii

yookaan dawoo godhatanii balbal’ifataniifi aadaafi

amantii saba biraa ittiin balleessaniidha malee ajaja

Waaqaa miti. Kana hunduu hubatee wal hubachiisuu

qaba.

As irratti qabxii guddaan hubatamuu qabu walitti

dhufeenya aadaafi amantii saba tokkoo gidduu jiru

ta’uu qaba. Amantiin kamuu saba isaatiif sirriidha.

Kanaaf amantiin kanatu sirriidha, kun immoo

dogoggora jechuu hin dandeenyu. Waaqeffannaan

akkuma ummata Kuushiif sirrii ta’ee Islaamummaan

ummata Arabaaf sirriidha. Kiristiyaanummaanis waarra

Hibruutii sirrii ta’uu mala. Wanti guddaan wal

kabajanii, waan waliis kabajanii, waan ofii qabatanii, of

ta’anii nagayaan waliin jiraachuudha. Kiyyatu caalaafi

kiyyatu sirriidhaafi anatu siif beekaan hin barbaachisu.

Amantiin Waaqeffannaatis kana ni jajjabeessa. Mee

amma immoo walitti dhufeenya aadaafi amantaa ykn

dhugeeffannoo (Waaqeffannaa) Oromoo haa ilaallu.

Walitti Dhufeenya Aadaafi Amantii Oromoo

(Waaqeffannaa)

Ummanni Oromoo ummata guddaafi bal’aa, dur irraa

eegalee Kaaba Bahaafi Baha Afrikaa keessa jaarraa

Page 17: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

17 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

hedduuf jiraachaa tureefi jiraachaa jiruudha. Ummanni

kun erga hortee Kuush irraa latee akka sabaatti of

danda’ee jiraachuu jalqabee seenaa baay’ee dabarsee

jira, waan guddaas hojjatee jira. Baroota kumaan

lakkaawamaniif sirna Gadaatiin walbulchaa akka tures

seenaan ragaa baha.

Oromoon, amantii seera uumaafi uumamaa irratti

hundaa’e, Waaqeffannaadhan, bulaa turuun isaa waan

haaraa ta’ee walitti himuun nu barbaachisuu miti. Osoo

amantiin Kiristiyaanaafi Islaamaa hin jalqabin

durayyuu baroota dheeraadhaaf sirna amantii mataa

isaan bulaa saba tureedha, Oromoon.

Before the introduction of Christianity and Islam,

the Oromo people practiced their own religion.

(Oromtitti; ful.3)

Ummanni Oromoo wanta sabni biraa qabu kan mataa

isaa waan dhabe hin qabu. Aadaa, sirna bulchinsaa

(Gadaa), amantii (Waaqeffannaa), seenaa, afaan

duudhaa, falaasama, safuu, biyya, ilaalchafi qaroomina

mataa isaa kan addunyaa irratti isa boonsu qaba.

Aadaan, sirni bulchinsaa, amantiin, seenaan, afaan,

duudhaan, falaasamni, ilaalchifi qaroominni ummata

Oromoo immoo guddinaafi dagaagina ummata

gurraachaa keessatti bakka guddaa qaba, walitti

dhufeenya guddaas qabu.

Aadaafi amantiin ummata Oromoo safuufi seera uumaa

uumamaa akkasumas dhugaa waaqaa irratti hundaa’a.

Bu’uurri isaaniis seera uumaati, Safuu Waaqaa Lafaa.

Jiruuf jireenya ummata Oromoo keessatti safuu

beekanii ittiin buluun, seera uumaa-uumamaan

jiraachuun, dhugaa waaqaa beekanii ittiin jiraachuun

yookaan dhugaaf bakka kennuun iddoo guddaa qaba,

hayyummaa duraatis. Namni safuu beeku, namni seera

hawaasaa kabaju Oromoo biratti bakka guddaa qaba.

Aadaafi amantiin ummata Oromoo wal keessa jiru,

gargar hin bahan. Tokko tokko malee hin miidhagu.

Hundeefi bu’uurri isaanii Orommmaa, Kuushummaafi

Afrikummaadha. Amantiin ummata kanaa aadaa

ummata kanaan ibsama. Aadaan ummata Oromoo

amantii saba kanaa calaqqisiisa, dhugeeffannoofi

ilaalcha saba kanaa mul’isa. Aadaan ummata Oromoo,

amantii, dinagdee, siyaasaafi jireenya hawaasummaa

Oromoo walitti hidhee jira. Jiruuf jireenyi Oromoo

aadaafi amantii isaa irratti hundaa’a.

Akka walii galaatti aadaan ummata Oromoo aadaa

amantii isaati. Ummatoota Afrikaa baay’ee biratti

amantiifi aadaan isaa addaan hin bahu. Aadaan isaanii

amantii isaaniiti. Amantiin isaaniis aadaa isaaniiti.

Gabaabumatti aadaafi amantiin ummata Oromoo,

Waaqefffannaan walitti dhufeenya cimaa kan qabaniifi

eenyummaa Oromoo saba biraa irraa adda baasuun kan

ibsaniifi mul’isaniidha.

Amantii Oromoon durii kaasee itti bulaa ture, aadaa

Oromoon kuufatee qabu irraa kophaatti bahee

jiraachuu yookaan ilaalamuu hin danda‟u. (Yaayyaa;

ful.46)

Ayyaana Irreecha akka fakkeenyatti haa fudhannu.

Irreechi ayyaana Oromoo kan Oromoon waliin bahee

waaqaaf galata galchuudha. Waaqaaf galata galchuun,

waaqa kadhachuun, wal eebbisuun, irreecha

irreeffachuun guyyaa ayyaana irreechaa ta’iiwwan

murteessoodha. Guyyaa ayyaana irreechaa Abbootiin

Gadaafi Abbaan Qe’ee (Malkaa) waan hunda dura ni

eebbisu, waaqa kadhatu. Waaqaaf galata galchuun,

malkaa irreeffachuun amantiidha. Yookaan

dhugeeffannoo waaqa ittiin dhugeeffataniidha. Uffata

aadaa uffatanii, ulfaawwan qabatanii, irreecha qabatanii

irreeffachuun aadaadha. Waaqa kadhachuun amantii

dha. Akkaataan ittiin waaqa kadhannu, wal eebbisnu,

waaqa galateeffannuufi malkaa irreeffannu immoo

aadaadha.

Kanaaf ayyaanni irreechaa akkuma Faasikaafi Gannaan

ayyaana Kiristiyaanaa ta’eefi ayyaanni Idaalfaxir,

Mowulidaafi Arafaa ayyaana Islaamaa ta’an, ayyaanni

irreechaas ayyaana amantii Oromoo Waaqeffannaa kan

Waaqeffattooni (Oromoon) ittiin waaqa galateeffataniifi

ayyaana isaanii ittiin gabbifataniidha.

Ayyaanota akka Taabore, Gubaa, Elellee (Qaammee,

Qunnii daddarbaa) fi ayyaanota Oromoo tokko tokkos

yoo fudhanne aadaafi amantiin (dhugeeffannoon)

ummata kanaa akkuma ayyaana irreechaa yeroo isaan

wal tumsaniifi wal gabbisan argina.

Aadaa fudhaafi heerumaas fudhachuu dandeenya. Sirna

fuudhaafi heerumaa keessatti kaadhimannaa irraa

eegalee hanga gaa’ilatti adeemsi jiru safuufi duudhaa

hawaasaan wal qabata.

Oromoon sirna fuudhaafi heerumaa mataa isaa qaba.

Sirna kana keessatti milkii ilaallachuutu jira, „yaa waaq

soddaa gaarii nutti qabi‟ jedhanii waaqa kadhachuutu

jira. Misirroowwan lamaan eebbisuutu jira. Kun hundi

aadaas amantiis of keessaa qaba.

Oromoon sirna gaa’ilaa, sirba, faarruufi faaya adda

addaan miidhaqsa. Nyaataafi dhugaatii aadaan

bareecha. Kun hundi kan ta’u akka dhugeeffannoo

Oromootti. Yoo akkas ta’e aadaa fuudhaafi heeruma

Oromoo kan jedhamus.

Page 18: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

18 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Aadaa nyaataafi dhugaatis yoo fudhanne sanuma.

Oromoon waan nyaatuufi waan lagatu qaba. Akka

dhugeeffannoo Oromootti mana waaqaan (Jennata)

seenna yookaan cubbuu of irraa dhiquuf roobiifi

jimaata akkasumas ji’oota tokko tokko nyaata hin

lagatan ykn hin sooman. Soomuufi nyaata tokko tokko

lagachuun aadaa warra kiristiyaanaafi musliimaati.

Oromoon aannan dhuga, foon sangaa, foon hoolaafi

re’ee yeroo argatetti ni nyaata; yeroo tokko tokko

lagatee yeroo kaan hin nyaatu.

Akkuma warra kiristiyaanaa biratti wayiniin bakka

guddaa qabuufi warra Musliimaa biratti Tamirri bakka

guddaa qabu, Oromoo biratti bunni bakka guddaa qaba.

Bunni nageenyaafi araara, yeroo waaqa kadhataniifi

ayyaana ofiifi ayyaana dirree ofii kadhatan buna

dhaabu. Bunni araara jedha Oromoon. Ayyaana

ofiitirree buna dhaabanii damboomfatu.

Aadaa hojiis yoo fudhanne amantiin walitti dhufeenya

guddaa qaba. Akka dhugeeffannoo Oromootti

carraaqqachaa yookaan tattaaffachaa Waaqaan keessa

naaf ooliin waanuma jiru. Hojjatanii argachuun waan

mishaadha. Qabeenya horanii qabaachuunis

hammeenya hin qabu. Akka warra tokko tokkoo

dureessi mana waaqaa hin seenu jedhee sodaa hin qabu.

Carraaqanii argachuun misha. Taa’anii Waaqa

komachuun fafa. Kadhattuu ta’anii namummaa ofii gadi

buusuun harka namaa eeggachuun salphina. Hojjatanii

osoo argachuun danda’amuu maqaa Waaqaa yaamanii

kadhachuun salphina guddaadha. Nama tattaafatu

Waaqni ni jaalata jedha Oromoon.

Guyyaa hunda yoo hojjatan, akka dhugeeffannoo

Oromootti Waaqni hin dheekkamu. Warri amantii biroo

hordoofan tokko tokko garuu guyyaa tokko tokko yoo

hojjatan Waaqni ni dheekkama, bakakkaan nama adaba

jechuun hojii hiikanii taa’aa oolu. Kana irraa wanti

hubachuufi xiinxaluu dandeenyu aadaan hojiifi

amantiin hangam akka walitti dhufuufi wal qabatuudha.

Aadaa moggaasa maqaas yoo fudhanne sanuma.

Maqaan mallattoo eenyummaati. Nama biraa irraa adda

baanee kan beekamnu maqaa keenyani. Namni maqaa

hin qabne eenyummaa hin qabu.

Oromoon aadaa moggaasa maqaa kan mataa isaa qaba.

Akkaataafi waan irraa ka’ee ilma/intala isaaf maqaa

moggaasu qaba. Fakkeenyaaf ilma gara galgala waarii

dhalate Waariyoo jedhee waama. Ilma gara fulduraaf

abdatu immoo Abdii jedhee moggaasa. Kaanin Tolaa,

Leensaa, Caaltuu, Badhaadhaa, Badhaatuu, Magartuu,

Gammachuu…. jedha.

Maqaawwan Oromoo kanneen balleessuun eenyummaa

Oromoo balleessudha. Fakkeenyaaf nama tokko

maqaan isaa Raajii, Biiftuu, Gulummaa... yoo ta’e

salphumatti namni kun Oromoo ta’uu isaa barra.

Jarreen kana maqaan isaanii jijjiiramuun maqaan isaanii

yoo Muktaar, Mohaammed, Gizaachaw, Gebre

Igziyabiher, Bekele, John, Kiddist, Raahel, yookaan

Isiraa’el- faa ta’e akka duraa salphaatti Oromoo ta’uu

isaanii hin barru.

Egaa amantiiwwan alaa dhufan, maqaan hammam

eenyummaafi aadaa nama tokkoofi saba tokkoo ibsu

waan hubataniif maqaa Oromoo balleessuu irratti

xiyyeeffatan.

Warri Ortodoksii Oromoota yoo Cuuphan (Kiristinnaa

kaasan) maqaa kiristinnaa jedhanii Gabra Tsadik, Gabra

Igziyabiher, Walatte Maariyaam….faa itti moggaasuun

kirrii mormatti hidhu.

Warri Musliimaas yeroo Oromoo Musliima taasisan,

quba qabanii, maqaa Arabaa kanneen akka Kedir,

Ahmed, Mohaammed, Kedijjaafi kkf itti moggaasu.

Warra Pirotestaantiis yoo ta’e kan godhaa jiran kanuma.

Ijoollee keenyaaf maqaa kiritiyaanaa baasna jedhanii,

maqaa warra Yihudaan moggaasaa jiru. Yohaannis,

Ermiyaas, Abrahaam, Phaawuloos, Saaraa, Maartaa,

Maaranaataa, Eliyaas, Daawit……. jedhanii ijoollee

isaanii maqaa ormaa itti moggaasaa jiru. Akkanaan

egaa maqaan Oromoo sababa amantiin badaa jira yaa

jarana. Dubbiin dubbii amantii qofa miti. Waatu duuba

jira. Waatu duuba jiraa jarri maqaa keenya balleessee

kan isaanii nutti moggaasa. Oromoo tokko wanti inni

maquma isaa, Caalaa, Badhaadhaa, Boonaa,

Magartuu, Obseefikkf qabatee Musliima ykn

Kiristaana ta’uu isa dhoowwu maali? Mee itti yaadaa.

Walumaa galatti aadaan Oromoo amantii yookaan

dhugeeffannoo Oromoo waliin kan walqabateedha.

Aadaafi amantii saba Oromoo yoo keessa gadi buunee

hubanneefi xiinxalle, walitti hidhamaafi hundee tokko

irraa kan burqaniidha. Hundeen isaaniis Oromummaa,

Kuushummaafi Afrikummaadha

*****

Hin Miidhagu

Manni utubaa malee,

Magaalan ibsaa malee,

Barachuun barsiisaa malee,

Jaalalli fedhii malee,

Fuuti hiriyaa malee,

Dacheen biqiltuu malee,

Lagni bishaan malee,

Page 19: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

19 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Gaarri bosona malee,

Namni nyaata malee,

Qaamni uffata malee,

Kolfi hiriyaa malee,

Taa’uun iddoo malee,

Birraan abaaboo malee,

Fardi kooraa malee,

Biyyi lammii malee,

Hawwiin humna malee,

Jaartiin jaarsa malee,

Hojiin karoora malee,

Niitiin dhirsa malee,

Miilli kophee malee,

Qabeenyi beekumsa malee,

Oromoo Gadaa malee, hin miidhagu.

****

Waaqeffannaa

(Lammaa Gammachuu – tiin)

aaqeffannaan amantiidha. Amantii ganamaa

kan dur irraa sa qaariteedha. Ilmi namaa

akkuma jalqaba Afrikaatti uumame, sirni

amantiis kan jalqabe Afrikaatti. Bu’uurri

amantiiwwan akka Kiristiyaanaafi Islaamaas

Waaqeffannaa ta’uu waan shakkisiisu hin fakkaatu.

Waaqeffannaan dhugeeffannoo uummata Oromoofi kan

warra Kuushi. Amantii seeraafi safuu uumaafi

uumamaa tiksuudha. Akka amantii tokkootti

Waaqeffannaan; akka aadaa, safuu, seera, duudhaafi

heera ofiitti buluudha. Waaqeffannaa keessatti, akka

saba keetti jiraachuu qabda malee orma fakkaachuun

hin barbaachisu. Of ta’anii ayyaana ofii, ayyaana dirree

ofiifi waaqan buluun seera uumamaati.

Waaqeffattoonnis warra akkanatti bulaniidha. Isaan

warra ayyaana isaanii, ayyaana dirree isaaniifi Waaqan

buluuniidha.

Akka ilaalcha Oromootti Waaqa duuba homtuu waan

hin jirreef, Waaqeffannaa jechuun waaqa ofitt anfannaa

jechuudha. Oromoon dur irraa kaasee Waaqeffataa

ta’uu isaa seenan ragaa baha. Abbootiin keenyallee

kanuma dubbatu. Kana malees gochaaleen amantii

Waaqeffannaa qabatamaan Oromoota hedduu birratti

raawwatamaa jiraachuu isaa ni mul’ata. Oromoo qofa

miti amantiiwwan har’a addunyaa dhuunfatan osoo hin

babal’atin dura namni kamuu waaqeffataa ture.

Waaqeffannaan immoo amantii biraan dhiibamee laafe.

Laafus bade hin barbadoofne. Dhugaa waan ta’eef hin

badu. Onnee Oromoo hedduu keessaa har’ayyuu hin

badne.

Waaqeffataa ta’uun of ta’uudha. Of ta’uun immoo seera

uumamaati. Namni tokko of ta’e kan jedhamu yoo seera

duudhaa ganamaa, duudhaa abbaafi Haadha isa yoo

hordofee, safuu hawaasaa keessaa hin bahin of ta’e

jedhama. Kana malees yoo duudhaa isaa dhiisee

amantii alaagaa hordofe of hin taanee jechuudha. Fkn

xaafii yoo facasne xaafumatu biqila, boqqoollos yoo

facasne sanyuma isaat biqilcha. Kanaaf wanti lafa

kanarratti agarru hundinuu seera ofi irra hin goru.

Yeroo baay’ee yoo ilaallu namni safuu irra yoo goru

argina. Safuun seera Waaqeffaannaa keessatti gahee

olaanaa qaba. Safuun seera uumaa uumama jidduu

jiruudha. Kanaaf namni safuu cabse safeefamaa

jedhama. Oromoon safuu safeeffata yoo Waaqni roobuu

dide safuun karaa irraa dabuu isaati. Kanaaf yoo

manguddoon malkatti bahee Waaqa kadhatu waaqni

yeruma sana rooba. Kanaaf safuu dabe sanaaf dhiifama

gaafatan jechuudha.

Akka amantii Waaqeffannaatti Waaqni tokkicha, hin

dhalchu/dhalu, hin dhalatu, saalli isaas waan beekamu hin

fakkaatu. Yeroo baay’ee garu saala dhiiraan waamu, hin

mul’atu, nama waliin taa’ee hin haasawu (karaa

ayyaanaan nama qunnama), hin dulloomu, hin du’u;

jiraataa bara baraati. Waaqni waan guddaadha. Inni abbaa

uumama hundaati. Waan fedhes kan gochuu danda’uudha.

Kan amma isaa gahuufi dorgomaa isaan morku tokko hin

qabu. Hundaa ol kan aangoo qabuufi abbaan dhugaafi

abbaan uumama hundaa isuma. Humna guddaa addunyaa

tana sochoosudha. Kan beekamus gocha isaatin.

Waaqni uumaadha. Uumama Walaabuu kana hunda kan

uumeefi kan uumuu danda’u isuma. Waan hunda fedhii

isaatiin jaalatee uume. Kan fedhii Waaqaan ala, fedhii

ofiin, uumame tokko hin jiru. Uumamni walaabuu marti

fedhuma Waaqaan uumaman.

Waaqeffataan yeroo waaqa isaa kadhatu:-

Yaa Waaqa

Waaqa Uumaa

Waaqa Uumamaa

Gurraacha garaa garbaa

Tokkicha maqaa dhibbaa

Lemmoo garaa Taliilaa

Sagaltaman gabraa

Saglan Booranaa

Waaqa jechuun kan hundaa

Lafa jechuun kan hunda

Yaa waaq kan bobbafanne nagaan nutti galchi

Tiksee xiinxira godhi

Hidda Allaaduu godhi jedhee Waaqa isaa kadhata.

Waaqeffataan Waaqafi Dacheedhaaf iddoo ol’aanaa

kenna. Akkuman kanaan olitti isinii tuqetti, Waaqni

uumma uumama maraati. Dacheen immoo qotanee irraa

W

Page 20: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

20 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

nyaanna, jireenyan irra jiraanna, duunus du’aa keenya

baatti kanaafuu kan akka dacheefi haadhaa nama

danda’u hin jiru. Oromoon abbaa Waaqa, haati

dacheedha kan jedhuuf waa malee miti. Namni tokko

abbaa malee hin dhalatu. Haatisaa akkasuma kan ji’a

sagal garaatti nama baattu malee harma nama

hoosisuudhan dugdatii baattee guddisti. Kanaaf

Waaqeffatan hanguma abbaa isaa ulfeessu haadha isaas

ulfeecha

*****

Ayyaantuu

(Abbaa Muudaa Gadaa Tuulamaa

Dabbabaa Girmaa-tiin)

Maalummaa Ayyaantuu

yyaantuu jechuun nama afuurri ykn ayyaanni

Waaqaa irra bule jechuudha. Kana jechuun

nama afuura Waaqan guutame jechuudha.

Ayyaantun dhugaa; kan hin sobne, kan hin

falfalle, kan dhugaa Waaqaa dubbatu, kan

dhugaadhan nama araarsu, yoo rakkatan kan nama

gargaaru, yoo beela’an kan beela nama baasu, yoo

dheebotan kan dheebuu nama baasu, yoo daaran kan

daara nama baasu, bakka bu’aa Waaqaati.

Ayyaantuun qabeenya namaa hin barbaadu. Sin fayyisa

jedhee ayyaana Waaqni kenneef dawoo godhatee

malammaltummaa hin hojjatu. Ayyaantun dhugaa

qabeenya isaa dabarsee rakkataaf laata, uffata lama yoo

qabaate tokko rakkataaf dabarsee kenna. Waaqa

tokkichatti amana. Afuura ykn ayyaana Waaqni isaaf

kenneen kan buluudha. Namni tokko dhukkubsatee yoo

isa bira dhaqe Waaqni siyaa fayyisu jedhee eebbisuun,

qulqullummaa isaatiin Waaqa kadhateefii kan fayyisu

jechuu dha.

Ayyaantummaan akkamitti argama?

Namni tokko fedhii isaatiin ayyaantuu ta’uu hin

danda’u. Ayyaantuu ta’uun kan danda’amu arjummaa

Waaqatiin. Warri ayyaantuu ayyaana ittiin hawaasa

tajaajilan kan argatan maallaqa baasanii kan argatan

osoo hin taane Waaqni qulqullummaa isaanii hubatee

bakka buutota kooti, afuura koo ta’aa ummata kana

keessa naaf jiraadhaa, jedhee kan muudedha.

Ayyaantuu ta’uuf jalqaba namni tokko qulqulluu ta’uu

qaba. Qulqullummaan ulaagaa warra ayyaantuu keessaa

kan jalqabaati. Kana jechuun ammoo cubbuurraa of

eeguun, sobarraa fagaachuun, loogii hojjechuu dhiisuufi

safuu eegudhaan kan argamuudha.

Ayyaantummaan hidda dhalootaatiin kan darbu malee

guyyaa keessa kan argamuu miti. Dhaloota

qulqullummaa ofii eeggatu keessatti abaabileerraa gara

akaakileetti, akaakileerraa gara akaakayyuutti,

akaakayyuurraa gara abbaatti, abbaarraa gara ilmaafi

intalaatti dabaree dabareedhaan kan taru yoo ta’u,

dhaloota qulqullummaa ofii hin eegganne keessatti

ammoo ayyaanni diroo dabareen as gahe kun ni

dhaabbata. Ayyaantichi cubbuu hojjete ykn seera

ayyaantuun ala deeme sun dheekkamsa ayyaana isaa

irraa kan ka’e ni du’a jechuudha.

Agadaayii

Agadaayii jechuun adeemsa yoo ayyaantun seera

ayyaanaa cabsee lubbuun isaa darbe dhaloonni isa

boodaa ayyaana san deebisanii araarfachuuf barbaacha

taasisan jechuudha. Kana jechuun barbaaddataafi

araarfannaa ayyaanaa jechuudha.

Karaa biraatiin agadaayin harka dhiqannaa ykn gumaa

baasuufi hirmii tufuu jechuudha. Akkuma yoo nama

ajjeesan gumaa baasan sana ayyaantun tokko yoo seera

ayyaanaa irraa maqee dheekkamsa ayyaana isaatin

lubbuun isaa darbe dhaloonni ayyaantuu sanii

balleessaa ayyaantichi raawwate sanaaf gumaa baasuun,

nuti lammata isa hin yaadannu hirmii tufnee jirra, ati

garuu nutti araarami jechuun harka dhiqatanii araarftu.

Raawwannaa Sirna Agadaayii

Agadaayiin sirna mataa isaa qaba. Guyyaan sirnichi itti

raawwatamus guyyaa Wiixata/Hojjaa duraati. Guyyaan

kunis guyyaa ayyaana Ekeraa jedhama. Guyyaa kana

miseensonni Gadaa shananii ykn Gadaan duraafi

duubaa argamanii dhaloota ayyaanticha du’ee gumaa

baasisu. Miseensonni Gadaa kun erga gumaa baasisanii

booda seera itti tumu. Yeroo seera tumanis akkana

jechuun seera itti tumu;

kunoo warri kun gumaa baasanii, cubbuu fixatanii,

harka dhiqatanii, dhugaa baasanii, balleechaa qaban

ofirraa fixatanii ayyaanni isaanii ni galaaf, ayyaana

abaabileeti, ayyaana akaakileeti, hin jal‟atu, hin dabu,

qulqullaa‟ee galaaf, Waaqa Caffee Tumaati, Hidda

Odaa Nabeeti, Waaqa Alangee shananiiti, Waaqa

Waraana shananiiti, qaraa gadi, jiffuu ol, seeraa

tumne, gumgumni hin jigsu, lallabni hin balleessu.

Sana booda mareewoo jechaa gara godoo fooqaa galu.

Achitti ayyaanni tumaa hin darbu, ni bu’a yoo bu’uus

baate mallattoo ni agarsiisa. Ayyaanichi yeroo bu’u ykn

dhiyaatu bardii /hidda/bakka dhaloota isaa ni himata.

Sana booda dhaloonni ayyaanticha ayyaanni itti bu’e

ykn mallattoon irratti argame bardii /hidda/ ayyaanni

himate sana deemanii ykn hordofanii qajeelfatu.

A

Page 21: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

21 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Erga bardii deemanii ayyaana qajeelfatanii booda

ayyaana galmattiin galatan. Guyyaa ayyaana galmatti

galfatan horii hulluuqqoo kan jedhamu sa’a guddaa

balbalarratti qalamu qopheessanii, ayyaantichi ayyaanni

itti dhiyaate sun uffata baafatee qullaa isaa luka afran

sa’a hulluuqqoo kanaa gidduu ba’ee gala. Achi booda

galee galma jala taa’ee miseensonni Gadaa ammas;

Har‟aa kaasee namni Kun dhara hin dubbatu, dharri

arraba isaatii hin ba‟u, dharaan namarratti ragaa hin

ba‟u, arraba ayyaana isaatiin hojjeta, barruu ayyaana

isaatiin hojjeta, harki isaa yoo nama tuqe qoricha,

arrabni isaa yoo nama eebbise nama horsiisa, kan

dhibame ni fayyisa, abaaru ni cubbisa jechuun seera itti

tumu.Miseensonni Gadaa shananii cubbuu fixate

jedhanii erga itti amananii seera itti tuman. Sana

booddee ammoo ogeeyyota sibiila tumaniin Irroofi

Caasaan harkarratti hidhamaaf. Guyyaa kanas

miseensonni Gadaa shananii seera itti tumu.

Itti aansudhaanis malkaa bu’ee siidaa fidachuun oddoo

galma isaa keessatti dhaabbata. Guyyaa kanas Gadaan

akkas jechuun siidaa kanatti seera itti tuma. Siidaan

malkaa gale kun ayyaanni malkaa tulluudhaa gale,

waaqa malkaati waaqa tulluuti jechuun malkaa

agarsiisa waan ta‟eef waaqni malkaa tulluu akka siidaa

kana dhaabbatetti ni dhagahaaf, waaqni ni

dhaabbataaf jechuun eebba kennuuf. Guyyaa kana

booda ayyaantuu ta’uun isaa ni mirkanaa’a. Hawaasas

tajaajiluu eegala.

Walitti dhufeenya ayyaantuufi Gadaa

Ayyaantuufi Gadaan walitti dhufeenya guddaa qabu.

Ayyaantuu qulqulluun tokko Abbaan Gadaa tokko yoo

aangoo fudhatu waadaa seensisa. Akkaataan itti waadaa

galchus;

Dhugaan biyya bulchitaa?

Biyya ni guddistaa?

Hin loogduu?

Safuu biyyaa ni eegdaa?

Cubbuu hin hojjettuu jedhee waadaa galcha.

Ulaagaa Ayyaantun tokko guuttachuu qabu

Ayyaantuun tokko;

Bardii /hidda dhalootaa/ qabaachuu qaba.

Miseensa Gadaa shananiitiin ykn Gadaa duraa

duubaatiin tumaa qabaachuu qaba.

Gabbara qabaachuu qaba

Birbirsi Tulluudhaafi Hindheen Malkaadhaa

kan galeef ta’uu qaba.

Siidaa malkaadhaa gale qabaachuu qaba.

Galma mataa isaa qabaachuu qaba.

Ayyaantuun Oromoo qulqullumaan Waaqa kadhachuun

Waaqa kan namarraa araarsuufi yoo dhukkubsatanii

bira dhaqan, yaa Waaq ati barruu keetin

qaqqaadhuutiii naa fayyisi jedhee kan Waaqa namaaf

kadhatu malee qoricha adda addaa nama hin obaasu,

xabala jedhee bishaan nama hin obaasu, kitaaba adda

addaa dubbisee ati akkanatti fayyitaa kana naaf godhi

hin jedhu, ati yaa Waaq urjii jala dhaabbadheetan si

kadhadhaa, biiftuu Waaqaa jala dhaabbadheetan si

kadhadhaa erga dhuftee narra bultee nama kana fayyisi

jedhee qulqullummaan kan Waaqa kadhatuudha.

Ayyaantuu Oromoo ayyaantuu biraa irraa kan adda isa

godhu Tumaa Gadaadhaan qabaachuu isaatifi

Gadaadhanis kan adda hin baane ta’uu isaa agarsiisa

*****

Oduu Durii

Bara durii hantuuta gar-malee boonu tokkotu ture.

Hantuutni kun hantuutota biroo ni tuffata. Kanaaf gosa

hantuutaa keessaa bahee intala maatii cimoo ilma isaatti

fuusisuu barbaade Erga taa’ee yaadee booda addunyaa

kanarratti waan hunda caalaa cimaan aduu ta’uu

mirkaneeffate. Kanaaf intala aduu ilma isaatiif

kadhachuuf gara warra aduu deeme.

Deemsa torban tokkoo booda mana aduu gahe.Warri

aduus erga keessumsiisanii booda karaa sana hunda

kutee maaliif gara isaaniitti akka dhufe gaafatan. Innis

akkas jedheen, “Ani gosa hantuutaa keessaa nama

cimaadha. Gosti hantuutaa cufni anaan hin gittu. Intala

hantuutaa ilma kiyyatti fuudhuun gaarii natti hin taane.

Kanaafan cimina keessan ilaalee intala keessan ilma

kiyyaa kadhaa dhufee na oofkolchaa”jedheen.

Warri aduus erga haasawa isaa dhaggeeffatanii booda,

“Yaadnikee nuu galeera. Akkuma ati jette nuti

cimoodha. Cimina keetis hubanneerra. Intala keenya

ilma keessanii kennuu hin jibbinu. Garuu namichi

duumessa jedhamu tokko nu caalaa waan cimaa ta‟eef

osoo intala isaanii gaafattanii gaaridha” jedhaniin.

Innis ka’ee warra duumessaa deeme. Hantuutichi qe’ee

duumessaa ga’ee gaaffii isaa akkuma duraa dhiyeesse.

Warri duumessaas “Gaaridha. Intala teenya osoo ilma

keessaniif kenninee gammachuu guddaa arganna.

Garuu namni nu caalaa cimaa ta‟e, kan asiifi achi nu

facaasu, namichi qilleensa jedhamu tokko waan jiruuf

osoo intala isaanii gaafattanii gaariidha” jedhanii

geggeessan.

Hantuutichi ammas ka’ee gara warra qillensaa deeme.

Innis ganamaan qe’ee qilleensaa ga’e. Warri qilleensaas

“seenaa” jedhanii waan dhufeef gaafatan. “Ani

Page 22: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

22 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

hantuuta beekamaadha.Hantuuti hanga koo cimaan

hin jiru. Isinis cimina guddaa qabdu. Kanaafan intala

keessan ilma koof kadhachuu dhufe” jedheen. Warri

qilleensaas “Gaafiin kee gaariidha. cimina kees

hubanneerra. Garuu nuti cimina guutuu hin qabnu.

Waan cufa injifannee tulluu sochoosuu

dadhabne.Tulluun haalan nu caalaa cimaa dha.kanaaf

otoo intala isaa kadhattanii isinii wayya.” Jedhaniin.

Innis boonaa gara warra tulluu deeme.Manni tulluufi

manni hantuutichaa wal bira ture. Duraanuu waan wal

beekaniifis yeroo inni dhaqu warri tulluu sirnaan

keessummeessan. Erga taphataa turanii booda hantuutni

gaafii isaa dhiheesseef. “Nuti duruu ollaa dha. Cimina

kiyya ni beektu. Anis wantoota addunyaa kanarra jiran

keessaa cimina dhumaa kan qabu isin ta‟uu

hubadheera. Kanaafan intala keessan ilma kootif

kadhachuu dhufe” jedheen.Warri tulluus gaafii isaa

erga dinqisiifataniin booda akkas jedhaniin, “Akkuma

ati jette nuti cimoodha. Addunyaa kana keessaa wanti

nu sochoosu hin jiru. Garuu hantuutni garaa keenya

uree nu keessa deema. Kun immoo hantuutni nurra

cimaa ta‟uu mul‟isa. Kanaaf yoo warra cimaa

barbaaddan nurra warra hantuutaa isiniif wayya”

jedhaniin. Hantuutichis naanna’ee erga jooree jawaaree

booda, “edaa jabaan nuyii?” jedhee gosuma isaatti

deebi’e jedhama

Gadaafi Irreecha

(Caalaa Soorii-tiin)

irna Gadaa jaarraa d heeraaf sirna bulchiinsa isaa

diriirsee ummata Oromoo bulchaa kan ture

lafumaa ka’eetii miti. Qaroomina ummata Kuush

keessatti Oromoon akka saba tokkootti yoo of

danda’ee bahu, sirna bulchiinsa isaa Gadaa

tolfatee walqixxummaafi mirga ilmaan namaa booda

biyyi Giriik maqaa Dimokiraasii jedhu itti moggaastee

kan ofii taasisiste maddi isaa ummata kuush ta’uu isaa

seenan ifa baasaa dhufee jira. Ummata kuush keessaa

sirna bulchiinsaa qabaatee duudhaalee aadaa isaa ittiin

eegaa jiru Gadaadha.

Taabor Waamii Kitaaba isaanii “Ye-Wigganaa

Dirsatoochinnaa Ye- Taarik Iwinatooch” jedhu Kan

afaan Amaaratin barreesse hiikni isaa akkana jedha.

Ummatni Kuush bara durii irraa kaasee abbaa

ardii gurguddaa sadanii kan ture, sanyii ilmaan

namaa qaroomina aadaa, ogummaa hojii uumee

(aartii) mootummaafi bu‟uura seeraa kan kaa‟e,

Wiirtuwwan daldalaa kan dhaabe, addunyaa

gurguddoo har‟aatif Amantaalee, Qubeefi

argannoo saayinsiif tekinooloojii bu‟uura kan

dhaabe, Garba (galaana) gurguddoo qaxxaamuree

jiddugala Ameerikaatiif qaroomina ogummaa isaa

kan gumaache abbaa seenaa guddaati, Kana

keessaa sabni guddaan tokko Oromoodha.

Ummatni Oromoo qaroomina dur irraa kaasee osoo

gadi hin lakkisin har’aan gahe keessaa inni guddaan

sirna Gadaati. Duudhaa Oromoon qabu hundas kan

ittiin tiksu Gadaadha. Duudhaalee ummatni Oromoo

qabu keessaa tokko irreecha. Irreechi mallattoo

eenyummaa ummata Oromoo kan ittiin ibsamu sirna

guddaadha.

Gadaafi irreecha addaan baasanii ilaalun hin

danda’amu. Gadaan yoo eebbisu hunda marga harkatti

qabata. Margi irreecha. Keessattuu yoo waaqa

kadhataniifi yoo galata waaqa galchan irreechan

kadhatu. Gadaan kamiiyyuu yoo aangoo walitti dabarsu

duudhaa kana hin hiri’su.

Kanaafuu sirni Irreechaa Tuulama keessatti waggaa

waggaadhan Hora Harsadiitti kabajamu Abbootii

Gadaatin hoogganama. Abbaan Malkaa eebba dura yaa

eebbisuu malee sirnicha jalqaba irraa kaasee hanga

dhumaatti kan hoogganu Gadaadha. Keessattuu irreechi

birraa malkaa adda addaatti kabajamu, sirna amantii

Waaqeffannaa aadaa guutudhaan kabajamuudha.

Irreechi Aadaadhamoo Amantiidha?

Gaafiin kun namoota heddu wal mormisiisaa jira.

Namni gaariin irreechi aadaadha jedha, gariin immoo

irreechi amantiidha jedha. kuun immoo aadaaniifi

amantiin kophaa kophaa jiran jedhu. Namootni gara

biroo immoo aadaaafi amantiin addaan hin bahan,

walkeessa jiru jedhu.

Wal mormii yaada namootaa kana ifaan kaa’uf

gaafilee armaan gaditiif deebii kennuun

barbaachisadha.

Aadaa jechuun maal jechuudha?

Amantii jechuunhoo maal jechuudha?

Irreecha jechuun maal jechuudha? Akkamitti

ibsaman?

Namoota hedduu biratti aadaan mataa isaatin akka

sochii aartiifi hambaa qofatti hubatamaa ture. “The

World Encyclopedia” hiikaa aadaa haala kanaan

kenna.

“Culture we often use, the word cultured to

describe a person who appreciate painting picture,

writing litreture, or music. But in the social

science culture has different meaning in the

broadest sense. It refers to all distinctively, human

activities and includes achievements in every field

of life, which man passes on generation to the next.

S

Page 23: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

23 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Culture means such activities as using Language

getting married, bringing up children, earning a

living, running a government, fighting a war,

taking part in relgious ceremonies etc. A Culture

as the sum total of the ways of life”

Hiikni isaas, jecha aadaa jedhu namootni hojii

ogummaa aartii, fakkii, muuziqaafi ogbarruu qofa

godhanii ilaalu. Aadaan garuu hiika hedduu kan

qabuudha. Hojii ilmaan namaatin uumaman jiruufi

jireenya ilmaan namaa ogummaa hunda keessatti

mul’atu kan dhaloota irraa dhalootatti dabru kan akka

afaan, fuudhaa heeruma , ilmaan horachuu,

gaggeessummaa mootumma, ogummaa waraanaa,

ayyaana amantii keessatti qooda fudhachuufikkf dha.

Aadaan dimshaasha jiruufi jireenyati.

Ibsa kana irraa wanti hubachuun danda’amu irreechis

kanuma keessatti kan hammatamu ta’uu isaati. Aadaafi

amantii addaan baasanii ilaalun hin danda’amu. Aadaa

keessatti amantiin ni calqqisa, amantii keessattis aadaan

ni calqqisa. Irreeffannnaan sirna amantii Waaqeffannaa

Oromoo keessaa isa tokko haa ta’u malee,

Waaqeffannaan matuma isaatinuu aadaa keessaa

madda. Aadaa Oromootin kan guutameedha.

Irreechi aadaadhamoo amantiidha, kan jedhuuf kan

armaan olitti ibsame deebii gahaadha jedheen amana.

Irreechi mallattoo Oromummaati, kan ummatni

Oromoo keessatti of ilaalu. Duudhaa aadaa isaa kan

ittiin ibsatuudha.

Aadaan Amantii of keessa hin qabne hin jiru, amantiin

aadaa of keessa hin qabnes hin jiru. Fkn Sirna gaa’ela

Oromoo keessatti aadaafi amantii haa laallu

Aadaa

Sirba shamarranii, kan misirroo fuudhu ittiin faarsan,

irboon ittiin sirban, weelluu mararoo, dhiibbaa dhirsi

yoo fuudhe hiriyaa isaanii irraan gahuuf quuqama

qaban arrabsoofi kkf

Dheechisa dargaggootni misirroota ittiin faarsan kan

gaggeessaafi simannaa, uffata aadaa qaba.

Misirrittii osoo gaangee irraa hin teessisin akka aadaa

Oromootitti fardarra teessisu, yoo galtu itillee irraa

teessisanii hiddii ukatti naqu, kun aadaadha.

Amantii

Gurbaan fuudhu yoo manaa bahu ulfaa muuda, eebba

fudhata, aarsaa Waaqaaf qalee biluu addaan tuqatee

bahu, yoo malkaa cehu fardarraa bu’ee irreeffatee

deema. Manguddoonni sirna kana qajeelchafii deemu.

Sirni awwaalichatis akkasuma amantiifi aadaadhan

walmakee raawwata. Sabni kamuu sirna awwaalchaa

akkataa aadaa isaatiin raawwata. Haala boochisaafi

boo’aa walaloo qaba. Yedalloo qaba. Sochii qaba.

Nama gaddarra jiru haala aadaa isaatin haasofsiisu, ykn

tapachiisanii gadda irraanfachiisu.

Irreechi Hora Harsadiitti waggaa waggaan kabajamu

fakkeenyawwan armaan olirraa kan adda ta’ee miti.

Aadaan bal’inaan kan keessatti calaqqisuudha.

Kallatti Waaqeffannaatin wantootni mul’atan;

Ulfaa kallachaafi caaccuu, Siiqqeefi Bokkuu,

Okolee (Ciicoo) qabatu.

Faaruu Waaqaa, mareehoo, gabbisayyoofi

faaruu adda addaa.

Sirna eebba,

Haala irreeffannaa, daraaraa keelloofi marga

jiidhaa kan namni kamuu hin lagatne, mana

mana ofii keessatti yoo buna daffisan kan itti

fayyadaman qaba.

Kallattii aadaatiin wantootni mul’atan;

Hiriira aadaa dheechisaan ajjabamu, uffatni aadaa

guyyaa kana mul’atu,

Haal tolfannaa rifeensa mataa shammarraniifi

dargaggoo,

Haala dargaggoonni ilkaan rigachaa shamarran itti

ilaallataniifi dubbisan,

Haala itti nagaa wal fuudhan (itti waldhungatan),

Haala faayefannaa shamarranii, Alboo miilarra

kaasee hanga faaya mataa gahutti,

Haala itti dargaggoonnifi shamarran walitti sirban,

Haala warri fardaa itti irreecha dhufu, faaya fardaa,

uffannaa warra fardaa, lamdii affaarroo, gaachana,

gambaallee, eeboofi Shimala,

Haala garmaama fardaa, darbannaafi qolannaa

gaachanaa,

Faaruu fardaa (Fkn eemmolee yaabbaa fardaa bulee

soori gombisa dhaqnaa…)

Dheechisa foollee (Foollisa) Horooroo Foollee,

Mallattoo foollee (Baallii)

Irreechi duudhaa aadaa Oromoo kan ta’e seenaa,

hambaa aartiifi afoolaan kan guutameedha. Aadaan

kana hunda amantaa wajjin walitti qabee kan

oogganuufi tiksu immoo Gadaadha. Kanaafuu

Irreechafi Gadaa, aadaafi amantaa akka duudhaa

Oromootti addaan baasanii ilaaluun hin danda’amu.

Erga walitti dhufeenya Gadaafi Irreechaa hangana

jennee mee amma Gadaa Tuulamaa gabaabinaan haa

ilaallu. Kan iddoo biraa yeroo biraa itti deebina.

Gadaa Tuulamaa

Page 24: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

24 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Tuulamaa Godinaalee Shawaa afran keessatti kan

argamu ta’ee daangaan isaatis dhihaan Macca, Kibba

dhihaan Jimma, Kaaban Laga Abbaayi, Bahaan

Karrayyuufi Kara kibbaatin Arsiidhan kan

daangeffamuudha. Lafa bal’aafi ummata bal’aa kan

qabuudha. Teessoon mootummaa biyya kanaatis

handhura Tuulamaa, Finfinneedha.

Gadaa Tuulamaa kana hundee irraa balleessuuf

moototiin Habashaa kanneen akka Saahila Sillaasee,

Minilikfi Hayila Sillaasee waraana hedduu itti

bobbaasanii ardaalee jilaa isaatis dhaabbata adda

addaafi Bataskaana irratti ijaarudhaan mallattoo

eenyummaa Oromoo, lafa maqaa Oromootin

waamamanis ta’ee maqaa namaatis jijjiirudhaan aangoo

isaanitti fayyadamuudhan waan barbaadan hunda irratti

raawwatanii jiru.

Gadaan Tuulamaa gochaa bara dheeraaf irratti

gaggeeffame kanaan baduu hin dandeenye. Dhiibbaa

sana hunda keessa darbee har’a of cimsee Abbootii

Gadaa Oromoo mara waliin walitti dhufeenya isaa

cimsatee jira. Jiddu galli teessoo isaa dur Odaa Nabee

ta’ullee, haala teessuma ummatichaatiin Gadaan achi

taa’ee hojjachuuf mijaawaa ta’ee hin argamne. Lafti

isaa qote-bulaadhan qabamee jira. Kana malees har’a

haala ammayyaa keessa jirru kanaan guddina Gadaan

irra gahe bu’uura godhachuudhan gaa Gadaa Magaalaa

Bishooftuu keessatti hundeeffate jira. Rakkoolee

hawaas – diinagdee furuu keessattis waan guddaa

hojjachaa jira. Walitti dhufeenya Abbootii Gadaa

Oromootifis wiirtuu ta’ee jira. Galma Tokkummaa

Abbootii Gadaa Oromoo ta’uun isaa ummata biyya

keessafi biyya alaa hunda kan gammachiisedha.

Caasaa Gadaa Tuulamaa

Caasaan kun ilmaan Tuulamaa Sadeen; Daacci,

Bachoofi Jiille of keessaa kan qabuudha. Saglan Yaa’ii

Gadaa Tuulamaas ilmaan Tuulamaa sadeen kana irraa

ijaarama. Saglan Yaa’ii miseensa sagal kan qabu ta’ee

hojii Gadaa hunda ol’aantummaafi

giddugaleessummaan kan gaggeessudha. Seera Caffeen

tumte hojiitti hiika, hojii diinagdee, siyaasaafi

hawaasummaa akkaataa duudhaa Oromootiin

gaggeessa. Seera Gadaa irratti hundaa’ee hawaasa kan

gaggeessufi kan tajaajiluudha. Baajataafi mindaa malee

bilisaan hojjata. Matta’aa ykn gubboo hin fudhatu.

Waadaa qumbii eega. Waadaa gale hin cabsu. Cabsu

abaarree itti ta’a. Firaafi alagaa walqixxee ilaala.

Kanaaf ummataan jaalatama. Ummata biratti fudhatama

guddaa qaba.

Gadaan Tuulamaa giddugaleessa isaa, kan Yaa’ii

Saglaniin hogganamu, Magaalaa Bishooftuu godhatee

caasaa isaa aanaalee 42 kan Tuulama keessatti argaman

hunda keessatti caasaa mataa isaa qaba. Aanaalee

kanneen hunda keessattuu bakka bu’oota Abbaa Gadaa

kan ummataan walitti dhiyeenyaan hojjatan qaba.

Bakka bu’oonni kunis aangoo giddugaleessarraa itti

kennamu itti gaafatamummaan hojjatu. Kan humna

isaanitii ol ta’e gara giddugaleessaatti ol dabarsu.

Gabaasa hojii isaanis dhuma waggaa irratti ni

dhiyeessu.

Hojiin Gadaa Duudhaa Oromoo irratti waan hundaa’uuf

Oromoo biratti kabajaafi jaalala guddaa qaba. Yeroo

har’aa kanatti hawaasni bal’aan dhimma isaa kara mana

murtiitiin dhaquurra gara Waajjira Gadaa Tuulamaa

fidachuu filata. Gadaan Tuulamaa ummata biratti

amanamummaa guddaa qaba. Gadaa kan jibbu yoo

jiraate diina Oromoo qofaadha. Warra waan hunda

numatu isinii beeka jedhuudha. Fudhatama nu dhabsiisa

jedhanii warra sodaataniifi warra Oromoo jibbanii

qabeenya Oromoo jaalataniidha. Garuu akka isaan

jedhan osoo hin taane guddinni Gadaa biyya tana irra

darbee addunyaafuu bu’aa guddaa qaba. Kanas ta’ee

sana Gadaan Tuulamaa har’a cimee caasaa isaa dur

dhiibbaa adda addaan jalaa laafee ture cimsachuu irratti

argama.

Gadaa Tuulamaa keeaassatti Itti Makoo irraa kaasee

hanga Gadaamojjiitti kana fakkaata;

Itti Makoo→ Dabballee→ Foollee→ Qondaala→

Raabaa→ Doorii→ Gadaa→ Yuba→ Yuba 2ffaa

Gadaamoojjii.

Tuulama keessatti namni tokko erga Abbaa Gadaa ta’ee

dabareen booda Gadaa gargaarudhaan, gorsuudhaan

hojjata.

Tuulama keessatti umrii caasaa Itti Makoo irraa kaasee

jiru akka seenan ibsutti ijoollee waggaa 0 – 8 jiraniidha

kan jedhu eegamaa miti. Tartiibni umrii eeggamaa miti.

Sababni isaas akkuma olitti xuqame sirni Gadaa

Tuulamaa baay’ee sarbamuu irraan kan ka’e addaan

ciccitiin akka isa qunname seenan ni ibsa.

Gahee hojii Caasaalee Gadaa

Itti Makoo: jabbilee tiksuu, qae’eerra taphachuu.

Foollen yoo Gadaarraa gamma fudhatu isaan jala

deemanii aadaa sirna foollee baratu. Daa’imman waan

ta’aniif itti gaafatamummaa baay’ee hin qaban.

Dabballee: Loon bobbaasanii, borraaqanii taphatu,

gosa ofii baru. Afoola adda addaa baratu

Foollee: Akka raayyaa waraanatti gadaa jalatti kan

ajajamaniidha. Gadaaf ni ergamu, loon bade ni

Page 25: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

25 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

barbaadu, bishaan ni obaasu. Warra Gadaa akka abbaa

isaanitti gargaarudha. Kanaaf Gadaan gaafa gadooma

isaa gamma qopheessee laataaf.

Qondaala: Sirna Bulchiinsa Gadaa shaakalu, waraanni

biyyarratti yoo ka’e ni duulu, ni qotu, midhaan

haamu…

Raaba: Aangoo gadoomaa jala warra gahaniidha.

Bakka gadaan hin jirretti bakka bu’anii ni tajaajilu.

Doorii: Baallii Gadaa fudhachuu warra gahaniidha,

alangee gadaa tolfatu, Odaa Nabeefi Caffee Tumaa ni

godaanu, sirna Gadaa ni fudhatu. Seera biyya ittiin

bulchan ni tumatu.

Gadaa: Qaama bulchiinsaa isa olaanaadha.

Hawaasummaa, diinagdee, siyaasa walitti qabee kan

ummata bulchuudha.

Yuba: Muuxannoo qabaniin warra aangoo Gadaarra

jiran ni gargaaru, ni gorsu. Seera darbes ni himu.

Gadamiijjii: ni sooramu.

Gadaa Shanan Tuulamaa

Dur Gadaan miseensa (paartii) sagal akka ture himama.

Maqaaleen hanga har’aatti waamamanis kanuma

mirkaneessa. Isaanis: Birmajii, Beelbaa, Halchiisa,

Muudana, Roobalee, Horata, Duuloo, Biifole,

Michilleefi Kiiloleedha. Haa ta’u malee marsaan Gadaa

naanna’ee hanga dhufutti Gadaa abbaa ilmi waan

dhaqqabuu dadhabeef Gadaa shanitti akka

deebi’e/dacha’e himama. Garuu bara kam Gadaa shanitti

akka deebi’e ragaa qabatamaan hin argamne. Gadaan

sagal haa jedhamu malee 10ffaan

Gadaan Kiilolee

jedhamu maqaan ni jira.

Kitaabni “Gadaa, Siyaasa Oromoo Tuulamaa” jedhu

keessatti haaromsa Gadaa gaggeeffameen Gadaan

saddeet irraa akka shanitti deebi’e haala kanaan ibsa.

“Caffeen giddugala Tuulamaa osoo hin taa‟in

waggoota 360 ykn gadaa 45‟f akka citeefi gumiin hin

taa‟in himama. Cinna Gadaa bara dheeraa kana

booda bara Abbaa Gadaa Namoo Dooyyoo gumiin

guddaan kan miseensa Birmajii jila gaggeessen

Gadaan haaromfame jedhama. Kana jechuun yeroo

ammaa irraa duubatti yoo herreegame 2006 – 888 =

1118 A.D jaarraa 12ffaa

keessa akka caffeen deebitee

Odaa Nabee teesse tilmaama. Jijjiirama yeroo sanaa

keessa marsaan Gadaa 8 ture shanitti deebi‟e.

Miseensi sadeen duraa of danda‟an sun akka

miseensa biraatti dabalaman ta‟e.”

Haa ta’u malee ragaa armaan olitti xuqame kan faallessu

waraana yeroo adda addaa Oromoon lafa isaa

kabachiisuuf mootota Habashaa wajjin gaggeessaa ture,

Taabor Waamii kitaaba isaanii “Ye Wigganaa

Dirsatoochinnaa Yetaarik Iwunataa”jedhu keessatti bara

gaggeessummaa Gadaa isaanii haala kanaan kaa’e.

1. Gadaa Meelbaa (Beelbaa) …. 1522 – 1530

2. Gadaa Muudanaa …. ……….1530 – 1538

3. Gadaa Kiilolee ………………1538 – 1546

4. Gadaa Biifolee ………………1546 – 1554

5. Gadaa Michillee …………….1554 – 1562

6. Gadaa Harmuufaa …………..1562 – 1570

7. Gadaa Roobalee ……………..1570 – 1578

8. Gadaa Birmajii ……………...1578 – 1586

9. Gadaa Mul’ataa ……………...1586 – 1594

10. Gadaa Duuloo ………………..1594 – 1602

As keessatti Harmuufa jedhamee kan xuqame Gadaa

Gujii keessatti argama. Yeroo ammaa Halchiisa irraa

baallii fuudhuuf waggaa tokko kan isa hafuudha. Mullata

kan jedhus ragaa yoon argachuu baadhellee Gadaa

keessa waan jiru hin fakkaatu.

Akka as irraa hubannutti Gadaan miseensa shanitti kan

deebi’e bara 1602 booda fakkaata. Kun qorqnnoo gadi

fagoo kan barbaadudha.

Akka Gadaa Tuulamaatti Gadaan walitti deeb’e/dacha’e

kan armaan Gadiiti.

Roobaleefi Biifolee walitti dacha’uun Gadaa

tokko ta’an

Birmajiin akkuma jirutti jira.

Beelbaafi Horatni walitti dacha’uun Gadaa

tokko ta’an

Muudanniifi Michilleen walitti dacha’uun

Gadaa tokko ta’an

Halchiisnifi Duuloon walitti dacha’uun Gadaa

tokko ta’an. Walumatti Gadaa shan ta’u

*****

Mammaaksa

Aak jedhan waa tufan mammaakan waa himan.

Adala riphe adurree se’u.

Afaan dubbii bare utubaatti hasaasa.

Afaaniin jibrii foo’uun qullaa deemuudha.

Ajjeerraa tolchanii dhimmuu hin sodaatani.

Akka hin cabne beekaa bishaan dhagaarratti utaala.

Akka hin haadneef mataan dhadhaa na qaba. Akka hin

boonyeef garaan madaa na qaba jette jaartiin.

Alagaa ilkaan malee garaa isaa hin argan.

Anaa, anaan „wayyoo anaa‟ fida.

Bakka jaalatan kokkolfaa deemu.

Beekumsi akka bishaanii lagaa hin waraabamu.

Page 26: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

26 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Biyya ofiitti lukkuun korma.

Biyyaan boonuun yoo qabaatani.

Bookkisaan gaafa callise fokkisa.

Dhabe jettee hin boo’in qaba jettee hin boonin.

Dubbii tolte dafii xumuri kan balleesutu itti dhufaa,

dubbii bade immoo bulchi.

Gadi deemtuun namaa harree ribbii fuuti.

Haacaaluutti baanaan mancaatutti nama baasa.

Haati manaa abshaalli gabaa galtee ashaboo

liqeeffatti.

Hantuutni harka adurree seente dhiifama hin qabdu.

Ijji raachaafi ijji naachaa bishaan keessatti wal agarti.

Ijoolleen yoo qixxaa waliin nyaatan qixxee nama seeti.

Intala dura jajan booda ulfa jibban.

Jaalala alagaafi hammeenya abbaa hin beekan.

Kan dubbatan baduu mannaa kan dhalchan baduu

wayya.

Kan bakka teessee hin kaane yaadaan Awurooppaatti

daldalti.

Kan lafaa fuudhutti kan bobaa gatte.

Kan namni namaan jedhurra kan abbaan ofiin jedhutu

caala.

Kan qabuufan dabala jette harren lagatti fincooftee.

Kanniisni ciniinnaa isaan nama aarsee damma isaan

nama araarfata.

Kutatan malee kutaa hin uffatan.

Laafaa reebi jennaan jaartiin tiruu reebde.

Lilmoon qaawwa ofii dhiistee qaawwa ormaa

duuchiti.

Maasaa gadheen sanyii nyaata, namni gadheen

imaanaa nyaata.

Manaa amma baalaa alaa amma gaaraa.

Hundaa laatan garbuutu dhuma hundaa yaadan

qalbiitu dhuma.

Maraataniitii miti mari’ataniit biyya bulchan.

Migirri lagaa gubannaan gingilchaan manaa iyyite.

Nama dhadhaa afaan kaa’antu dhagaa afaan nama

kaa’a.

Namni alagaan gubate cilee hin qabu.

Namni bakka ciisu argate bakka itti diriirfatu hin

dhabu.

Ollaaf dugdaan lafaa ka’u.

Ollaaf waaqitti gad ba’u.

Qaawwa cuqqaalaniif bubbee hin ittisan.

Qeerransa eegee hin qaban, qaban gadi hin lakkisan.

Qunceen tokkoo tokkotti hin maxxanu.

Sareefi cubbuun kan duubaatti hafti.

Sareen fira naachaa qabdu bishaan laga waabee

dhugdi.

Sareen kan ofii hin beektuu, re’een eegee gadi qabi

jetti.

Tortortuun farsoo naqi jennaan, Shamtuun kadhaa

dhaqte.

Udaan ajaaf dheessan waan sodaaf dheessan nama

se’a.

Ulfina balbalaaf lukkuun mataan gadi jetti.

Wal argan dubbii argu.

Warra wal nyaatu gidduudhaa waa nyaatu.

*****

Abbummaa

(Bulbula Takkaa Birruu - tiin)

ireenya dhuunfaas ta’ee gamtaa keessatti

abbummaan ni jira. Akka gamtaattis ta’ee

dhuunfaan waan ittiin oollee bullu irraa eegalee

waan kiyya ykn keenya ittiin jennu kan abbummaa

irraa qabnu ni jira.

Abbummaa yoo jennu abbaa qabeenya sanaa, kan yoo

barbaade qalatu, barbaadu immoo gurguratu ykn nama

jaalatuuf dabarsee kennuuf qabeenyi kuni kiyya jedhee

kan irratti murtee kennuu danda’uuf ormis mormii

tokko malee qabeenyi kun kan ebeluuti jedhee kan ibsu

dha.

Abbaa qabeenyaatis dafqa isaa waan cophsee argateef

qabeenyi sun ni marara.Yoo jalaa bades ni dhukkubsa,

kanaafuu tolchee eeggata, akka jalaa hin banneefi jalaa

hin dabneef akka jalaa hin cabnetti kunuunfatee tikfatee

haalan qanxareersee akka qabeenyi sun dhala dhalaatiif

dabaree ta’ee taa’u jabeechee eeggata. Ilmi isaas

qabeenya kana waadaadhaan hin buusuu, hin

busheessu, hin xureessu, imaanaa abbaa hin nyaadhu,

eenyummaa abbaa dabarsee gadi hin gatu jedhee bakka

taa’uu olkaa’ee dhaabbatee qabeenya kana waadadhaan

harkaa fudhata.

Qabeenyi abbummaa irraa qabaachuu dandeenyu

dhaabbataa ykn socho’aa akkasumas eenyummaa nama

sanaa kan ibsu ta’uu danda’a. Haalonni qabeenyi kun

ittin horatmus dhuunfadhaan ykn gamtaadhaan bifa

sabaatiifi haala birootiin ta’uu mala. Gadaa, afaan,

seenan, afoollifi duudhaan Oromoo qabeenya gamtaa

Oromooti. Wanti mana mana keenyatti ittiin bullu

immoo kan dhuunfaa ta’uu mala.

Osoo daangaan biyya tokkoo seeran ala kan weeraramu

ta’ee akka biyya sanaatti lammiifi mootummaan biyya

sanaa gaafatama dursaa qabu. Qabeenyi saba tokkoo

eenyummaa saba sanaa kan ibsu afaan, aadaa, duudhaa,

amantaafi seenaa akkasumas falaasama saba sana

keessaa madde of keessatti hammachuu ni danda’a.

Eenyummaan saba tokkoof hundee jiruuf jireenya

waaltina tokkummaa saba sanaati. Kallattiin sabni sun

eenyummaa isaa kana ittiin eeggatu hawaasummaa saba

sanaa ta’uu danda’a. Hawaasummaan kan tiksu

J

Page 27: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

27 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

wantoota sabni sun ittiin wal too’atu keessaa; kan du’e

akkamitti akka awwaallatu, kan jalaa bade akkamitti

akka barbaaddatu, kan iyyeef akkamitti akka birmatu,

dadhabaa isaa akkamitti akka gargaarratuufi kan

waldhabe akkamitti akka araarfatu of keessaa qaba.

Sabni hawaasummaan isaa jalaa diigame waan heddu

ta’a. Deebisee eenyummaa isaa ijaarrachuuf carraaqqii

hedduutu isa eeggata. Sabni carraan akkanaa isa muudate

of fakkaachuu dhiisee jala kaattuu ykn mannaajoo ta’ee

mul’ata. Of dhiisee orma fakkaachuu filata. Godoo ofii

ijaaruu dhiisee kan ormaa ijaaruuf dhama’a. Dawoo ykn

gaaddisa dhabee akka bishaan gabatee irraa oliif gadi

roora’a. Waan ofiif gatii kennuu dhiisee gadi

aantummaafi qaanitu itti dhaga’ama. Ijjannoo dhabee

qabeenya ofii wallaalee qabeenya ormaa faarsa.

Deeggartuu ta’ee seenaa abbaa qabu irratti hirmaataa

ta’a. Darbees seenaa ormaan dhaadata. Ija ofiitiin arguu

dadhaba, gurra ofiin dhagahuu dadhaba, afaan ofii

dhiisee afaan ormaa dubbata. Miiruma uumaan isa

badhaasetti illee amanuu dadhaba.

Sabni carraan akkanaa kun isa muudate of ta’uu

dadhabee seera uumaa irraa dabee ergamaa ta’uu filata.

Yeroo hunda waan ofitti hin amanneef saba akkanaa

keessaa qaroominni mul’achuu hin danda’u. Sabaafi lafa

isaa fedhii dhuunfaaf jecha dabarsee gurgura. Of tuffata.

Ofitti amanummaa waan hin qabneef hojjatee nyaachuu

irra sobee jiraachuu filata. Qorqalbiin isaa yeroo hunda

waan gadi aantummaa yaaduuf tokkummaa hin qabu.

Ayyaantummaan isaa hir’uu ta’a. Saayikoolojiin

hawaasichaa akkuma hir’achaa deemuun

amanamummaan hawaasichaas hir’achaa deemee booda

saba dadhabaa ta’uun ibsama.

Sabni ayyaantummaa hin qabne safuufi dhugaa waan hin

beekneef sobaa ta’a. Namni dhugaa hin beeknemmoo

waliigaltee hin qabu. Kanaaf Oromoon, sabni

hawaasummaa dhabe waldhabe, kan waldhabe immoo of

dhabe ykn eenyummaa dhabe jedhee mammaake.

Hawaasni carraan akkanaa isa muudate kun calliseetuma

jaalalaan waan ofii kan gadi lakkisu osoo hin taane

dhiibbaan qaama biroo yoo haala malee irratti

dalagaa’edha. Carraan ummata Oromootillee kan kanaan

adda ta’e hin fakkaatu.

Ummata guddaafi seena qabeessa gaafa Afrikaa kan

ta’eefi safuu duudhaafi afaan eenyummaa boonsaa qabu,

kan diinni jaarraa tokkoo ol irratti dalage kun hanga

waan ofii wallaalee ormaan dhaadatutti gahee jira. Saba

guddaa ardii Afrikaa irra darbee addunyaa har’aa tanaaf

illee bu’aa guddaa buuse kana awwaaluuf diinnii jaarraa

tokkoo ol shira irratti dalagee xurree ykn kallattii isaa

irraa jal’isuun yaalii guddaa godheen milkaa’ee jira.

Har’a Oromoon waan ofii wallaaluu irra darbee waluu

wallaalutti jira.

Bu’aa ummanni Oromoo addunyaaf buuse kan seenan

odeessinu qofa osoo hin taane waan keessatti dhalannee

argineefi dhageenyeen raacinni isaa kan hanga har’aatti

mul’atuudha. Sirna bu’uura dimokiraasii sirna Gadaa

uumee kan ittiin of bulchaa tureedha, Oromoon. Bakka

bakkatti lallaafee shesheelatu illee iccitiin isaa hanga

ammaatti bira hin gahamne, raacinni isaas onnee

ummatichaa keessaa hin banne. Naannowwan tokko

tokkotti har’allee sirni Gadaa tajaajila kennaa jira.

Kanaaf fakkeenyi Boorana, Gujiifi Tuulama. Kun

qabatama eenyuu beeku yoo ta’u hanga fedhellee laafu

Gadaan Oromoofi Oromiyaa mara keessatti bakka

guddaafi ol’aantummaadhan maqaan isaa waamamaa

jira.

Ummanni Oromoo akka sirna Gadaatiin wal bulchaa

tures seenan bara dheeraa ni mirkaneessa. Ummanni

dhiibbaan alagaa jaarraa tokkoo oliif irratti dalagame

kun eenummaa isaa kan calliseetuma gadi gatee sokke

osoo hin taane lafeen ilmaan Oromoo irratti burkutaa’ee

dhiigni galaana ta’ee garba guutee akka dirqiin cabe

seenaan ragaa baha. Meeshaa ammayyaafi loltuu

ammayyaa warra dhihaa irraa daboo itti kadhatee,

Minilik, gocha gara jabummaa irratti raawwatee

eenyummaa ummata kanaa barbadeessaa akka ture

Calanqoofi Aanoleen ragaadha.

Ummanni Oromoo garbummaa tokko dheechudhaanis

garbummaa biraa jaalalaan fudhachuudhan alagaa jalatti

kufee qabeenya ormaatiin hanga kiyya jedhee ija qaanii

hin qabne babaasuu gahee jira. Yeroo eenyummaa ofii

dagatee waan ormaatiif dhaabbatee qabeenya alagaaf

abukaatoo ta’ee falmu argina. Meeshaa ta’ee yoo diina

tajaajilus argaatuma jirra. Wal dhagahuurra orma

dhagahuu filate. Maqaa ofii mulqee yogguu maqaa

alagaa moggaafatu mul’ata. Hanga sabummaa isaa

haalee orma fakkaachuu irra gahee jira. Kana caalaa of

wallaaluun jiraa?

Dur Oromoon garbummaa dirqiin fudhate. Amantaa,

aadaa, moggaasa maqaa, walumaa galatti eenyummaa

ofii dirqiin gateetu kan ormaa fudhate. Kan har’aa garuu

sana hin fakkaatu. Waan Oromoon kaleessa hin

fudhadhu jedhee falmaa ture, Oromoon har’aa

jaalalumaan fudhachaa jira. Garbummaa dirqiin fudhatan

caala kan jaalatanii fudhatan sakaallaa salphaatti gad

nama hin lakkisneedha. Maalif yoo jenne, jaalannee

fudhanne waan ta’eef qabeenyuma keenya nutti

fakkaata. Kan dirqamaan fudhachiisan gaafa humna

argate of irraa fonqolchuu ni danda’a.

Page 28: Sagalee Gadaagadaa.net/.../2014/10/Gadaa-Tuulamaa_Sagalee-Gadaa.pdfseenaa haarawa Abbootin Gadaa Oromoo bara kana galmeessan galmaan gahuuf waadaa galle cimsuudhan ta’a. Irreechi

28 Sagalee Gadaa, Jildii 1ffaa

Lak.1 Fulbaana Bara 2014 | Waajjira Gadaa Tuulamaa

Dhiibbaan alagaan nurratti raawaate kun addaan nu

facaasee nageenya Oromoon qabu harkaa qoqqotee

baasee ummata nagaa nagaa dhabsiise. Bakka itti toletti

waraanan dirqisiisee bakka hammaatetti immoo

mooksudhaan, waan gaarii kana isinii finnee fudhaa,

jechuudhan qabeenya isaanii kan isaan falu harkaa

baasanii waan Oromoo qalu fudhachiisanii Oromootti

falfalan.

Gochaa kanas Oromoo karaa lamaan akka fudhate

seenaan ragaa baha. Mee namicha qabeenya isaa ofumaa

horee moonaa itti ijaaree kunuunsee, tiksee guddise

tokko yoo mooksoon qabeenyuma ofi hore shakkee gadi

lakkisee dheessu yaa illaallu.

Namoota sadiitu ture. Namoonni kun yoo itti tole

qabeenya namaa humnaan saamanii yoo itti hammaate

immoo tooftaa addaa addaatin mooksanii qabeenya

abbaa qabu fudhatanii ittiin fayyadamaa turan. Haaluma

kanaan namtichi loon horsiisee bulu tokko rakkannaan

horii isaa keessaa hoolaa korpheessa filatee gabaa baasee

gurguree mallaaqatti jijjiiruuf yaade. Akkuma kana

hattootni sadeen immoo namticha kana waan humnaan

saamuu sodaataniif tooftaa isaanii qopheeffatanii eegan.

Tooftaan isaanis yoo namichi hoolaa isaa harkise gabaa

geessuf ka’u daandii gabaa irra dhaabbatanii, “saree

harkistee deemtaa?” jedhanii namichatti kolfuudha.

Haaluma kanaan bakka addaa addaa dhaabbatanii yoo

namtichi hoolaaa isaa harkisee dhufu, inni jalqaaba

koolfee, namichatti quba qabee, “saree oofee gabaa

deemaa” ittiin jedhe. Namtichis horii moonaa isaa

keessatti guddateefi kan kunuunsee guddise waan ta’eef,

garmalee aaree arrabsee bira darbee osoo hammamuu

hin hiiqin inni lammaffaas akkasuma namichatti

hankaaksee kolfee, “saree oofee gabaa baataa” ittiin

jedhe. Namichis aariif shakkiin keessa isaatti guutamee

hooluma kunuunsee guddise shakkuu eegale. Amma isa

sadaffaatu fuuldura isaa gabaa qarqara jira. Inni immoo

kanuma addaa ta’ee kolfee baqaqee saree yoo inni jedhu,

namtichi biyyi natti kolfe jedhee hoolaa isaa kan tiksee

guddise gadi lakkisee biraa kutee deeme. Yoo tanakaa

kan hattoonni hoolaa irratti kufanii qabeenya abbaa qabu

irratti lafaan of dhahaa butatanii qajeelan. Kana booda

qabeenya ofii godhatan.

Egaa tooftan akkanaa kun bifaa qindaa’een Oromoo

irratti kan raawwataa tureefi hanga ammaatti kan itti

jiruudha. Wanta baay’ee nama raajuufi nama gaddisiisu

keessaa hojii isaani xanquwaayii (ጠንቐይ) of irraa

fudhaanii yeroo ayyaantuu Oromootin xanquwaayii

jedhanii waaman agaarra. Waaqeffannaas bifuma

kanaan maqaa balleessanii akka Oromoon jibbu

taasisan. Oromoon abbaa qabeenyaa, abbaa seenaa

guddaa, abbaa kalaqootaa adda addaa, abbaa sirna

walqixxummaafi walabaa ta’uu addunyaatu ragaa baha.

Ummata qaroo addunyaaf fakkeenya ajaa’ibaa ta’e kana

warri inaaffan waxale, maqaa adda addaa nutti

moggaasee akka ummata seenaa hin qabneetti nu

waamu. Shira diinni jaarraa tokkoo ol nurratti dalageen

nuti ummanni Oromoo hedduun qabeenya ofii wallaallee

isa ormaatin yeroo kiyya jennee morminus uumamee

jira. Warra quba ofii horatti hin hammanne taanee

qabeenya keenya shakkuu, arrabsuu, eenyummaa isaa

sarbuuf imaanaa abbaa keenyaa nyaannee, yeroo

qabeenya abbaan keenya imaanaa waliin nutti kenne

ibiddaan gubnee diina gammachiisnu mul’ataa jira. Kana

kan nu hojjachiise gocha diinni yeroo dheeraa nurraan

gahe irraa kan ka’e, Oromoo hedduun dawoo keenya

diignee dawoo alagaa ijaaruu irratti argamne. Hedduun

keenyas alagaa fakkaannee doomaa diinni ittiin nu

awwaaluf qaratee dhufe irraa fuunee ofuma keenyaf yoo

qotnee of awwaallee argamne.

Nuti akkanatti of wallaalus addunyaan tolchee nu beeka.

Egaa maarree yaa ummata keenya namni eenyummaa

isaa hin beekne garba abbaan fedhe itti fe’atuufi

ergatuudha. Namni qabeenya ofii (waan isaa) hin

beeknes garbicha osoo jennee dhugaarraa ni fagaataa

laata? Mee yaadannee walhaa yaadachiifnu. Ummatni

Oromoo kan gaafa Gadaan buluu loon ofii bobbaafatee

tiksaa galchu, warra mooraa itti ijaarratee kunuunsee

eeggatu, warra dirree dhugaafi dharaa adda baasee

beeku, warra qabeenya ormaatin kiyya hin jenne akka

ture seenan ragaa baha. Dhiiroo! sa’a abbaan albee itti

fudhate ormi dafee morma micciira jedha mitiiree

Oromoon yeroo mammaaku. Warri osoo eenyummaan

isaanii jalaa hin badin hanga har’aa eeganis hedduun

isaanii lubbuu isaanii eenyummaa Oromoofi Oromoof

aarsaa godhanii akka oromummaaan dhiiga sabaa

keessaa hin badne godhanii jiru.

Egaa namni seenaa keessatti du’e nama jiru fakkaatee

akkuma jedhamu, nuti boolla isaanitti nadhii yaa cuuphu

jechaa bara baraan isaan yaadanna. Maarree kan cittoo

namatti naqe qeensa nama hin dhoowwatu akkuma

jedhamu, dhaloonni har’aatis faajjii eenyummaa isaan

keessatti du’an ol qabuuf of barbaadee qabeenyaa ofii

barbaadee kan diinni biyyoo irra deebise qotanii ifatti

baasuuf tattaaffii irra jira. Karaan isin irra deemtan

labbaa yaa ta‟u, gufuun isin hin dhahin qoreen isin hin

waraanin jechaa, warra karaa barreeffamaatiin

eenyummaa Oromoo deebistanii ijaaruuf ifaajjii irra

jirtanis jabaadhaa qalamni keessan haa mirgu. Warreen

aartiwwan adda addaatiin qabeenya keessan faarsaa

eenyummaa keessan jabeessaa jirtan itti fufaa ammallee.

Garuu qabeenya! Qabeenya! Qabeenya! Kan eenyuti?

Abbummaa. Horaa bulaa barri bara Gadaa kan

quufaa gabbinaati!!!

*****