-
Qorsa/Q0richa Jalalaa
Yeroo darban keessa baruulee jaalala barreessun keenya ni
yaadatama. Barrulee kanniin
keessatti hiika jalaala waliin mari’achuuf yaalle turre.
Jaalalli fayyaas dhiibes. Yoo obbolaa
lamaan ykn haadha fi abbaa manaa jiddu jaalalli dhugaa uumame
walitti nyakkisuu,wal
jibbuu,wal waanyu,wal sobuu fi kkf jidduu isaaniti ni ka’a.
Sababa jaalalaatin walitti
dhufeenya namoota lamaani ni cima. Qaroomini sababa jaalalaatin
ijjaarrama. Tokkumaan
hawaasaa kan ijjaaramu jaalalaani. Bakka jaalalli hin
jirretti
qaroominni,obbolummaan,tokkummaan jiraachu hin danda’an.
Karaa biraatin jaalalli dhukkuba. Mataan isaa dhukkuba osoo hin
ta’iin qabiinsaa fi too’anna
dhabiinsa isaatu dhibee isa godhe. Jaalalli keessa darbaan
(Obsessive love) namoota
dhuunfas hawaasas miidha. Jaalalli keessa yoo darbee gabbarrii
ykn waqeefannaa ta’a.
Nama ykn wanta san akka gooftatti ilaalu fi gabaruutu dhufa.
Dhiirri ykn dubartiin takka
nama tokkorraa jaalalaan yoo qabamee ykn qabamte halkanii guyyaa
waa’ee isaa/ishii
yaada/yaaddi. Jaalala kana gadi qabuu dhiise karaa haraamatan
qabaneessu yoo yaale
balbala badii ofitti banaa adeema malee furmaata barbaadataa hin
jiru. Kanaafu jaalalli
kunii daangaa darbee akka nu hin miine maal gochu qabnaa?
1. Ija ofii gadi qabachuu– ijji karaa sheyxaanni qalbii namaa
seenuni. Yommuu dubartii
takka ilaallu sheyxaanni boca ishii nutti miidhagsun qalbii
keessatti akka haftuu fi yaadni
keenya guutun akka ishiif ta’uu nu godha. Sadarkaan jalqabaa
sheyxaanni ilma namaa gara
badiitti fudhatu ijaani. Jalqaba ijji ni ilaalti. Ergasii waa’ee
sanii ni yaaddi. Qalbiin erga
bilcheessite booda qaamni hormaata yookaa ni mirkaneessa yookaa
ni dida. Badiin osoo
hin gudatiiniin duratti hidda isaa buqqisuun nageenya fi
tasgabbiidha. Takka badiin hidda
godhanaan buqqisuun ni ulfaata. Rabbiin dhibee kamifuu furmaataa
fi qoricha malee hin
buusne. Edisiyyuu taanan qorichi isaa wal qunnamtii saalaa seera
maleessarra
fagaachudha. Edisin namoota qulqullumma ofii eegan ari’ee qabee
ajjeessa moo nama ofii
harka itti kenne qabee galafataa? Dhugumatti, nama gulufee itti
dhaqetu waxmadii isaa
keessa gala. Rabbiin waa’ee ilma namaa keessa alaa isaa kan
beeku akka badii kanaan hin
halaakamne/badne furmaata kana lafa kaa’e.
-
“Mu’umintootan ‘ija keessan gadi qabadhaa’ jedhi,ija isaani gadi
qabatu;qaama saalaa
isaaniis ni tikfatu. Santu isaaniif irra qulqulludha. Dhugumatti
Rabbiin keessa beekaa waan
isaan dalaganitti.” Suuraa An-Nuur 24:30
Haa ta’uu malee yeroo amma ajaja Rabbii keenya kana dugda
duubatti darbinee ija keenya
wanta haraamatti bobaasna. Gatii ija keenya gadii qabachuu
didneefis yerooma san ykn
boodarra ni arganna. Fiilmii,gaazeexaa,interneeti.Tv fi kkf
dubartii qullaa deemtu of
keessaa qabanitti ija bobaasna. Gatii kanaas keessi keenya
ibidda fedhiitin akka boba’u ta’a.
Furmaanni ija ofii gadi qabachuu ta’ee osoo jiruu filmii fi Tv
dubartii qullaa ilaalun
furmaata akkamitti ta’uu danda’a? Ibidda bishaaniin dhaamsu osoo
danda’amuu gaziin
akkamitti ibidda dhaamsu danda’a? Kanaafu ija keenya
filmii,diraamaa,Tv,gazeexaa,interneeti fi kkf kan wanta fokkataa
facaasanitti ija bobaasun
akka ibidda irratti gaazi dabalutitti. Keessa keenya nageenya fi
tasgabbii nu dhabsiisu malee
bu’aa fi furmaata tokko nu fiduu hin danda’a.
Yeroo kutaa 8 fi 9 jiruu filmii fi diraamaa nan ilaalan türe.
Miidhan inni sammuu koo irraan
gahaa türe hangana hin jedhamu. Halkan hirriba malee
bulun,dubartii fi dhiira iskiriini tv
keessatti ilaalaa turan san yoo yaadatan nageenya fi tasgabbii
sammuu nama hin
dhabsiisuree? Kutaa kudhan yeroo gahu hiika Qur’aana afaan
ingilifaatin dubbisuu jalqabe.
Ji’a sadii keessatti wanta fiilmii fi diraama jedhamuu akka hin
ilaalle tawbadhe irraa
garagalee.Lamuu filmii fi diraamatti hin deebi’uu jedhe of
amansiise. Diraaman yommuu
banamuu dafee gara kutaa kootti lixa. Kanattu gammachuu fi
tasgabii qalbii kooti naa
kenna. Fimii fi diraama ilaalun onne walitti suntursuu malee
bu’aa tokko akka hin qabne
naa galte.
Alhamdulillah urga sanii filmii fi diraamatti hin deebine. Osoo
kan itti deebi’u ta’ee silaa
barreefama kana hin dubbistan. Sababni isaas wanta haraama
ilaalun qalbii gogsa,ifa
beekumsa dukkaneessa. Kanaafu wanta haraama ilaalu irraa ija
ofii gadi qabachuun qorsa
jaalala isa jalqabaati.
-
2.Walitti makamuu– dhiira fi dhalaan walitti makamuun akka
jeedalaa fi hoolata walitti
makanii tiiksuti. Ibidda fedhii of keessatti danfisuu fi gubaa
isaatin rakkachuudha. Saalli
lamaan yommuu walitti makaman fedhiin lamaani ni kaka’a,ibidda
keessatiin ni
gubatu. Warri dhihaa yommuu saallli lamaan walitti makaman
fedhii ni hir’isa jedhanii
yaadu. Kanarraa kan ka’ee dhalaa fi dhirri akka horii wal keessa
yaa’u. Sababa kanaan
gudeddaa,ulfa seera maleessa,dhiibe garagaraatin haleellamuun
itti baay’ate. “Saala lamaan
walitti makuu jechuu yommuu dheebotan bishaan galaanaa dhuguu
jechuudha. Bishaan
soqiddaa akkamitti dheebu nama baasaa dheebu namatti dabaluu
malee?”
Kanaafu qorichi jaalalaa inni lamataa saala faalla fuudhu ykn
itti heerumu danda’an gaa’ilan
duras boodas itti makamuu irraa fagaachu,dubbii hin taane fi hin
barbaachisne waliin
haasawu dhiisu,waliin kolfuu fi taphachuu dhiisudha. Sheyxaanni
yoommu saala faalla
waliin taphannuu fi kokolfinuu akka dammaatti nutti
mi’eessa,inumaa san caalaa mi’eessa.
Dubartii/dhiira fuudhu danda’an waliin yoo hin taphatin jireenyi
gammachu akka hin
qabne godhe nutti fakkeessa. Kaayyon sheyxaana inni guddaan kana
osoo hin ta’iin suuta
suutan zinaa/sagaagalumma akka raawwannuufi. Zinaa erga
raawwanne booda rakkinnaa fi
gadadoo garagaraatif nu saaxila. Eeti yuniversitii fi daree
tokkotti walitti makamanii
barachuun ni jira. Haa ta’uu malee barcumaa tokkorraa taa’uu
dhiisu fi isaan waliin
kokolfuu fi taphachuu dhiisun ni danda’ama. Hanga fedhe
sheyxaanni nu haa
wasawasuu/hasaasu saala faalla waliin taphachuu dhiisudha. Kana
gochuun gammachuu fi
boqonnaa sammuuti.
3.Chaati- Yeroo amma kana keessa sababa teknolojiin garmalee
babal’ateen namoonni
namummaa fi hamilee ofii dhabaa jiru. Kabaja ofii handaratti
salphisaa jiru. Nama beekanii
fi hin beeknetti qalbii ofii rarraasu. Ibiddi keessaa waan
facebook chaatin qabannaa’u itti
fakkaata. Yommuu saala faalla waliin chaati jalqabnu sheyxaanni
araada nutti godhaa
adeema. Isa ykn ishii waliin har’a chaati yoo hin godhiin
hirribni hin jiru,garaachi nyaata
hin fudhatu,hojii ofii qulqullinnaa fi yeroo gabaaba keessatti
hojjachun hin jiru. Mee haa
xinxallinuu miidhan chaatin namarraan gahaa jiru. Namoota
interneetiif chaatin caatidha.
Sababni isaas akkuma caatin yeroo gubuu chaatinis yeroo
guba,oomisha xiqqaa
oomishan,sammuu namaa jijjira ykn ni hadoocha.
-
Kanaafu yoo intala takka yookiin dhiira tokko waliin chaati
jalqabde fuudhu fi heerumuf
qophii yoo hin ta’in addaan kuti. Yoo chaati hin jalqabiin
hadaara jalqabuuf hin yaadin
dhiisun boodarra sitti ulfaatati. Nama san fuudhu ykn itti
heerumu yoo barbaaddeyyuu
chaatin hariiroo fi jaalala keessan laaffisa malee hin cimsu.
Sababni isaas jechoonni
gaggabaabon walitti darbattan guyyaa tokko summii taate hariiroo
keessan balleesiti.
Kanaafu qorsii jaalalaa inni sadaffaan chaatirraa fagaachudha.
Chaatirra fagaachun
boqonnaa sammuu,nageenya,tasgabbii namaa laata. Yeroo qusata.
Hojii ofii qulqulinnaani
fi yeroo gabaabatti xumuran.
4.Hiriyyaa badaa irraa fagaachu– hiriyyaan si tolchas si
balleessas. Namni gaariis haa
hojjatu badas namni hunduu akka isaa akka ta’u barbaada. Akkuma
jedhamu dubartiin
zinaa/sagaagalumma rawwattu dubartoonni hunduu zinaa akkuma
ishii akka raawwatan
barbaaddi. Hiriyyaanis yommuu ofii wanta badaa hojjatu namoota
biroos walin qooda akka
fudhatan humna qabuun itti harkisa. Namtichi inni itti harkisuu
ofitti amanamummaa fi
sodaan Rabbii laamsho/laafaa yoo ta’ee salphatti mataan gadi
jedhaaf. Qilee inni itti of
darbee waliin innis itti of darba. Seenan badii sababa
hiriyyaatin dhalatuu lakkaawame hin
dhumu. Seenaa asitti odeessun barreefama dheeressu fi irra
deeddebii ta’a.
Namni seenarraa waa barate jireenya ofii fooyyefata. Namni
aaqilli/qaruuten bollo
namtichi kaleessa itti küfe innis dhaqee itti hin kufu. Seenaa
namticha sanii osoo beeku
faana isaa hin dhahu.
Hiriyyaan suuta suutan sossobee karaa nama dabarsaa malee
humnaan dhiibee wanta ofii
dalagu nama hin hojjachiisu. Mee koottu jaalalle koo waliin
shaayi dhugnaa siin jedha. Yoo
tole jette isa hordofte shaayi si obaasa,waliin taphattan. Achii
galgala ni galta. Ni rafta.
Yeroo kana yaada akkamituu sitti dhufa? Deebii simaaf dhiisa.
Tarkaanfi akkamii
fudhachuu akka qabdu sheyxaanni sitti hasaasaa bula. Salphatti
haala kanaan hiriyyaan
karaa si dabarsa. Jalqabuma yeroo inni shaayi ykn wanta biraa
jedhe si affeeru osoo didde
salphatti si hin gowwoomsu.
Kanaafu hanga feene hiriyyaa keenya haa jallannu yoo inni wanta
badatti nu harkise lakki
jechuu qabna. Fedhii gabaabdu darbituuf jenne gammachuu fi
nageenya zalaalami dhabuu
qabnaa? Hiriyyaan keenya takka rakkanaan as garagalee nu hin
ilaalu. Osoo dhibee
Eedistiin qabamne Rabbii nu haa tiksutii nurraa dheessaa malee
qalbii jaalalaatin nutti
-
dhihaate nu hin kunuunsu. Marree maaliif wanti inni dalaguu
guutu waliin dalagne
boodarraa gaabbii fi rakkoof jireenya keenya saaxillaa? Yoo
wanta badaa waliin dalaguu
baanne hanga fedhe nutti haa aaru,funyaa haa dhaabu, lubbuu fi
jireenyi keenya gocha inni
itti nu affeeru caalaa wuddii/qaalii mitii maa? Kanaafu qorsii
jaalalaa inni afraffaan hiriyyaa
gara baditti nama waamu irraa fagaachu,bakka gadhe inni
taa’urraa dheessudha.
5.Hojii gaggaarin of koo’omsuu(busy)- wareebessi horii adda
deemu argannaan dhiise bira
darba moo kuffifate nyaataa? Sheyxaannis nama hojii fi kaayyoo
malee jiraatu qabee baditti
darba. Wanta badaa akka yaadu fi hojjatuu isa kakaasa. Qabxilee
armaan olitti tuqne akka
hojjatu isa dhiiba. Abbichi yoo hojii gaariin of hin ko’oomsiin
sheyxaanni gara hojii badaatti
isa qajeelcha. Halkanii guyyaa faana dubartii akka hordofuu isa
godha. Yaadni isaa guutun
dubartitti/intala,dhiira saniif akka ta’uu isa taasisa. Namni
hojiin gaggaari hojjatun of gadii
qabe yeroo fi sammuu waa’ee sanii yaaduf hin qabu. Hojiin inni
hundarra gaarii ta’ee
immoo Rabbiitti dhiyaachuuf hojii dalagamuudha. Imaam ibn al
Qayyim(Rabbii Rahmata
isaani haa godhu) wantoota faaydi hin qabne bu’aa wayituu namaa
hin buusne erga
tarreessanii booda, wantoonni lamaan miidhan isaani kan daran
badaa ta’an lafa kaa’an.
Isaanis: yeroo fi qalbii qisaasessudha.” Qalbiin kan qisaasoftu
yommuu jireenya
boodaa(Aakiraa) irra jireenya addunyaa tanaa filataniidha.
Yeroon kan qisaasoftu immoo
hawwii addaan hin cinne qabaachudha. Badiin hunduu kan dhufu
fedhii ofii hordofuu fi
hawwii addaan hin cinne horachudha. Wantii gaariin hundii kan
argamu immoo qajeelcha
sirrii hordofuu fi qunnamtii Rabbiitif qophaa’udha.”
Namni hojii gaggaarin yoo of ko’oomse hiriyyaan itti dhufee gara
baditti hin harkisu, filmii
fi moovi hin ilaalu,chaatin sammuu ofii boqonnaa hin dhoowwu.
Jaalalle uummadha jedhe
hin yaadu. Sababni isaas jaalalle godhachuun yeroo isarraa
guba,galma guddaa gahuu hin
danda’u. Sheyxaanni salphatti isa hin gowwomsu. Qorsi jaalala
inni shanaffaan isa kana.
6. Qabsoo– Qabsoon/ jihaadni cimaan qabsoo lubbuu ofii waliin
adeemsisaniidha. Qabsoo
kana moo’atuu fi kufuutu jira. Akkuma ibn Kasiira tafsiira
isaani keessatti
jedhan,”Mu’iminnii(Namni Rabbitti amanee) yommuu diinan
ajjeefame
shahiida(martyr) ta’a. Yommuu diina keessaa kan ta’ee sheyxaanan
moo’atame immoo
shiftaa(bandit) ta’a. Dabalatee mu’iminni diina ifaatin
moo’atamee ajrii(mindaa) argata.
Kan diina keessaatiin moo’ataman immoo cubbuu keessattii irbamuu
fi jallatoota
-
ta’an. Sheyxaanni bakka namni hin agarree waan nama arguuf Kan
sheyxaanni arguu hin
dandeenyetti kana jechuun Rabbitti mangafachuun mu’imintootaf
wanta garmalee
barbaachisuudha. Rabbitti mangafachuu jechuun sheyxaanni
abaarramaan dhimmaa
amantii fi addunyaa kootii akka hin miine;wanta ajajametti
duubatti akka na hin harkisne;
wanta irraa dhowwamee akka natti hin bareechisne Rabbitti
mangafadha,Rabbiin tiikfama
jechuudha. “ Tafsiira ibn Kasiir Suuraa Al-Fatihaa fuula
20(English Translation)
Qabsoon sheyxaana waliin adeemsifamuu qabsoo salpha miti. Ilma
namaa jallisuuf halkanii
guyyaa hin boqatu. Silaa hojiin isa ilma namaa jallisuu malee
hojii biraa maal qabaree?
Sharrii fi wanta fokkuu hunda ilma namaatti bareechisun itti
affeerudha. Ilma nama erga
jallisee raawwate booda immoo akkana jedhe ilma namaa kaada
“Yeroo dhimmichi murteeffamu sheyxaanni ni jedha, “Dhugummatti
Rabbiin waadaa dhugaa
waadaa isinii galee. Anillee waadaa isiniif galee garuu isin
gane. Ani aangoo wayituu isinirratti
hin qabuu turee isin affeeru malee. Isinis naa awwaattan.
Kanaafu ana hin komatinaa
matama(ofuma) keessan komadha. Anii isiniif birmataa mitii
isiniis naaf birmatoo miti. Ani
waan isin duraan Rabbitti na qindeessittan mormeera. Dhugumatti
zaalimtootaf(wrongdoers)
adabbii laalessaatu jiraaf.” Al-Qur’an 14:22
Fakkii mormii cimaa sammuu ilma namaa keessatti kaafamuu
danda’uun Qur’aanni namaa
ibsa. Qur’aana keessatti Rabbiin suuraalee baay’ee keessatti
ilma namaa sheyxaana akka
hin hordofne akeekachiisa. Mee isaan keessaa muraasa haa
ilaallu.
“Yaa ilmaan Aadam akka abbaa fi haadha keessan qaama saalaa
isaanii isaanitti mul’isuuf
uffata isaanii isaan irraa mulquun jannata keessaa baasetti akka
shayxaanni isin hin
mokkorre.Dhugumatti innii fi gostii isaa iddoo isin isaan hin
agarre irraa isin argu. Nuti warra
hin amanneef shayxaanota jaalalle goonee jirra.”Al-Qur’an
7:27
“Yaa warra amantan Islaamummaa keessa guutuu guututti seenaa
kottee/tarkaanfi sheyxaanas
hin hordofinaa. Dhugumatti inni(shayxaanni) isiniif diina ifa
bahaadha. “Al-Qur’an 2:208
“Yaa warra amantan kotteewwan sheyxaanaa hin hordofinaa.
Namni
kotteewwan(tarkaanfilee) sheyxaanaa hordofe,inni(sheyxaanni)
gocha fokkataa fi jibbamaa
ta’anitti ajaja. Odoo tolli Rabbii fi rahmanni isin irra
jiraachu baatee silaa tokkoon keessanis
-
gonkumaa badii irraa hin qulqullooftanu türe. Garuu Rabbiin nama
fedhe ni qulqulleessa.
Rabbiin Dhaga’aa Beekaadha.” Al-Qur’an 24:21
“Yaa namoota dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha. Kanaaf
jireenyi duniyaa akka isin hin
gowwomsine. Gowwoomsan(sheyxaanni) waa’ee Rabbii akka isin
hin
gowwoomsine.Dhugumatti sheyxaanni isiniif diina. Isinis diina
isa godhadhaa. Hordoftoota
isaas warra ibidda boba’a keessaa akka ta’aniif qofa isaan
waama.” Al-Qur’an 35:5-6
Rabbiin kottee sheyxaana hin hordofinaa erga nuun jedhen booda
maloota ittiin diina kana
injifachuu dandeenyu nutti akeeka. Humna keenya qofaan diina
keessa keenya moo’achuun
garmalee ulfaata fi qabsoo baay’ee nama barbaachisuudha.
“Yoo garagalchaan shayxaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii
irraa) si bute Rabbitti
mangafadhu. Dhugumatti Inni(Rabbiin) Dhagayaa, Argaadha”
Al-Qur’an 7:200
Akkamitti sheyxaanarraa Rabbitti mangafachuu akka dandeenyu
Rasulli(SAW) fi Qur’aani
nuu barsiisanii jiru.
Muxannoo kootirraa yeroo baay’ee du’aayi tana fayyadamuun
sheyxaanatti qabsaa’a.
“Jedhi ‘Gooftaa kiyya, ani hasaasa sheyxaanotaa irraa Sittiin
mangafadha.Gooftaa kiyyaa isaan
natti dhufuu irraa sitti mangafadha. “ Suuraa
Mu’iminuun:97-98
Yookin immoo A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim jechuudha.
Hiikni isaas Sheyxaana
abaarrama Rabbitti mangafadha.
Sheyxaanni akkanumatti lafaa ka’e nama gara baditti hin harkisu.
Maloota garagaraa
fayyadama. Nama gorsa gaarii namaa kennu fakkaate namatti
hasaasa. Fakkeenyaf, akkana
siin jedha,” Osoo dubartii tana salaama/nagaya jetteeni,
Rabbirraa mindaa hin argattu?
-
Ergasiis kanatti hin dhaabbatu osoo wal bira teettanii waliin
taphattanii rakkoo maaltu jira
silaa zinaa hin hojjattanii?” Namtichi kana tole yoo jedhen
sadarkaa itti aanutti dabarsa.
Addatti wal qunnamuu,bilbila walii bilbiluu dhumarratti zinaa
akka hojjatan isaan godha.
Sheyxaanni haala kanaan sadarka sadarkaan gara baditti nama
geessa malee takkaan nama
hin jallisu. Namtichi beekkate sadarkama jalqabaatti yoo dide
sheyxaana salphatti ni
moo’ata. Yeroma inni sadarkaa jalqabarratti waa’ee badii namatti
hasaasu du’aayi armaan
olii haa jedhu.
Du’aayi armaan olii yoo jettes takkaan gadi si hin lakkisu. İrra
deddeebi’i jedhi. Rabbiin
sheyxaanarraa akka si tiksu hundee qalbitirraa kadhadhu,itti
warwaadhu. Hanga feete
aalimaa fi nama Rabbiin sodaatu yoo taate, yoo Rabbiin si hin
gargaarin gonkumaa
sheyxaana moo’achuu hin dandeessu. Rabbiin kan itti
warwaattu(kadhattu) taate ,Rabbiin
dhagayaa fi deebii deebisadhaa.
Kanaafu nama tokkorraa jaalalaan yoo qabamte,sheyxaanni gara
baditti akka si hin bunne
Rabbitti mangafadhu. Hasaasa isaa jalaa hin dhagayin. “Badi asii
ani gonkumaa si hin
dhagahu. Yoo Rabbiin jedhe si moo’adha malee na moo’attu”
jedhiin. Zinaarraa Rabbiin akka si
tiiksuuf du’aayii godhii. Nama jaalatte san gara fuunduratti
fuudhu/itti heerumu yoo
barbaadde salaata İstikaara salaati malee zinaan itti hin
dhiyaatin.
Qabsoon kuni sitti jabaachu danda’a. Shayxaanni karaa adda
addaatin gara baditti si
harkisa. Kanaafu wanta ‘Qorsa Jaalala kutaa 1ffaa” keessatti
tarreessine hordofi. Insha Allah
milkaa’innaan sheyxaana ni injifattaati.
7.Fuudhu fi Heeruma – Rabbiin ilma nama wanta nafseen isa hin
dandeenya irra hin kaa’u.
Jaalalli humna cimaa onnee namaa keessatti uumamuudha. Osoo
jaalalli jiraachu baate
silaa fuudhaa fi heerumni hin jiru. Sababa kanaatin silaa
horteen ilma nama ni citaa ture.
Kaayyoon fuudhaa heerumaa inni guddaan fedhii wal-qunnamtii
saalaa qabbaneessu osoo
hin ta’iin maatii fi hawaasa ijaarudha. Namni fedhii isaa qofa
qabaneessuf fuudhu ykn
heerumu fedhiin erga qabannaa’e booda dhaabbanni fuudhaa heeruma
dhihootti diigama.
Kanaafu waa’ee fuudhaa heeruma yoo yaannu kaayyoon keenya inni
jalqabaa fi guddaan
maatii fi hawaasa cimaa uumuuf ta’uu qaba malee fedhii gabaabdu
dabartuf ta’uu hin qabu.
Fedhiin akka uffata halluu gadi furuutitti feedi gochuu
danda’a.
-
Yoo gara mata-duree keenyati deebinu ibidda jaalala qabbaneessuf
qorichi itti fayyadamnu
keessaa tokko fuudhaa heeruma. Waa’ee fuudhaa heerumaa Abdullah
akkana jechuun
gabaasan.
Yeroo dargagummaa fi qabeenya hin qabne taane Ergama Rabbii
waliin turre. Ergamaan
Rabbii(SAW) akkana jedhan “Yaa warra dargaggoota namni isin
keessaa fuudhu danda’u haa
fuudhu. Sababni isaas ija ofii akka gadi qabatuu fi qulqullumaa
isaa akka eeguf isa gargaara(kana
jechuun zinaa akka hin hojjanne isa gargaara). Namni fuudhu hin
dandeenye haa soomu. Soomun
fedhii wal qunnamtii saalaa hir’isa.” (Sahiih
al-Bukhaari,jiildii 7 Kitaabu nikah boqonna
3,lakkofsa 5066-From English translation)
Dhugumatti Hadiisni kuni furmaata gahaa lafa godhe. Yoo danda’e
fuudhu qabaa malee
humna fi sanyii ofii bakkuma argetti qisaasessu hin qabu. Namni
kana hin dandeenye hoo
maal haa godhu?
8.Soomuu fi nyaata hir’isuudha kaa- Hadiisuma armaan olii irraa
ka’uun namni fuudhu hin
dandeenye fallii isaa soomudha. Soomni fedhii keessa namaa
keessatti boba’u hir’isa.
Namni yoo nyaata baay’ise fedhiin isaa ni kaka’a. Hormoniin
testosterone jedhamuu fedhii
wal qunnamti saalaa geessatti gahee guddaa taphata. Akka
qorannoon agarsiisanitti hammi
Testosterone yoo dabalee fedhiin wal-qunnamtii saalaas akkasuma
dabala. Qorannoon itti
fufuun akkana jedha “Namoonni filmii wal-qunnamtii saalaa
ilaalan 35% nin hammi
Testosterone isaani ni dabala.”
Akkuma beeknu hormonooni kan uumaman sababa kemikaalota adda
addaa nyaata
nyaannu keessatti argamaniirraayi. Nyaanni nyaannu baay’ee fi
gosoota garagaraa kan ta’uu
yoo ta’e maddii hormonootas akkasuma dabala. Mee haa xinxallinuu
biyyoota hiyyeeyyi
keessatti moo dureeyyi keessatti zinaan/sagaagalummaan,
gudeeddan baay’ataa?
Kanaafu soomu fi nyaata hir’isuun hormoniin Testosterone kuni
garmalee madduun fedhii
namaa akka hin kakaasne taasisa. Mee ilaala furmaata akkam
bareedu fi yeroo kamifuu
turuu danda’u Islaamni jaarraa 14 dura lafa godhe. Ija keessan
gadi qabadhaa yoo jedhu
Rabbiin faaydaa keenyaf malee faaydaa ofiitifii miti.
-
9.Sabrii fi Mindaa Rabbirraa eegu- sabriin jireenya hadhaawa
gara mi’aawatti geeddara.
Namni sabri hin qabne mi’aawa dhandhamu hin danda’u. Mindaan
sabriin argamuun
addunyaa aakiratti xiqqaa miti. Rabbiin (Subhana wa ta’ala)
waa’ee warroota obsanii fi
mindaa isaani yoo dubbatu akkana jedha:
Jedhi “ Yaa gabroottan kiyyaa kan amantan! Gooftaa keessan
sodaadha. Warra duniyaa tana
keessatti toltu hojjataniif (Aakhiratti) toltuun qopaa’ee) jira.
Dachiin Rabbiis bal’oodha. Warri
obsan mindaan isaani kan isaaniif kennamu lakkoofsa malee dha.”
Al-Qur’an 39:10
Kanaafu warra obsaniif mindaa lakkoofsa maleetu isaaniif
kennama. Addunyaa aakiratti
wanta gaaritu isaan qunnama. Eeti yeroo dargaggummaa wanta
haraamarra obsuun ni
jabaata. Hadhaan jaalala garmalee keessa namaa macheessu
danda’a. Namni sabriin
hadhaa kana liqimsee bira darbe dhugummatti jireenya gaarii
jiraata. Namni Rabbiin
sodaatu fi mindaa sabrii beeku fedhii hadhaa yeroo gabaabaf
turtu irratti sabbaruun itti hin
ulfaatu. Hadhaan jaalala bar yeroo dheeraf hin turu. Yoo tures
ji’a sadii ykn sanii oli.
Namtichi yoo hojii gaggaarin of ko’oomse hadhaa jaalalatin
garmalee hin haleelamu.
Torbaan tokko garmalee sitti jabaachu danda’a. Yoo torbii kana
obsaan dabarsite fi
tarkaanfi garagaraa gara wal-qunnamtii saalatti nama dhiiban yoo
fudhachuu baatte,Insha
Allah(yoo Rabbii fedhe) torbii itti aanuu sirraa qabbanaa’a.
Ammas torbii biraa hadhaan
kuni sitti deebi’u danda’a. Ammallee akkuma torbii darbe obsaan
bira dabarte torbii
kanallee obsaan bira darbii. Insha Allah ni milkooftati.
10.Adabbii fi badii zinaa(sagaagalummaa) irraa dhalatu hubachuu-
Rabbiin badii zinaa
ilaalchisuun akkana nuun jedha:
-
“Sagaagalummattis hin dhihaatinaa. Dhugummatti inni hojii
fokkataa fi karaa hamaa ta’ee
jira. “ Suuraa Al-Isra 17:32
Adabii fi badiin zinaa irraa dhalatu hangana hin jedhamu. Namni
fedhii gabaabdu
guuttachuun dura bu’aa fi miidhaa isaa gadi dhaabbate madaalu
qaba. Osoo hin madaalin
jarjare yoo itti lixe akka hantuuta waan xiqqoo nyaachuuf jette
waxmadii keessa seente ta’a.
Namoonni fedhii ofii karaa zinaatin(sagaagalummaan) guuttatan
fokkinni zinaa erga
rawwatanii booda itti dhagahama. Hangam jibbisiisaa akka ta’ee
hadhaan isaa itti
dhagahama. Kanaafu hadhaan sabriin darbuu fi hadhaan zinaa irraa
dhalatu gonkumaa wal
hin gitu. Hadhaan sabrii gara mi’aawatti jijjirama. Hadhaan
zinaa immoo gara kamittu hin
jijjiramuu hadhama ta’ee hafa. Sammuu fi fayyaa nama miidha.
Dhibeewwan yeroo amma zinaa irraa dhufan lakkoofsa hin qaban.
Isaan keessaa lubbuu
namoota biliyoona galafatanii fi galaafataa jiran
Edisii,fanxoo,cophxoo, fi kkf dha.Namtichii
osoo hin toowbatiin yoo du’e immoo balaan zinaa kanaa
caalaa.
Sayyid Quxbiin(Rabbiin isaa rahmata haa godhuu) waa’ee zinaa
ilaalchisee qabxii garmalee
ijoo lafa kaa’ee.
“Zinaan karaa baay’een ajjeecha bakka bu’a. Inni ajjeechadha
sababni isaas, dhimma
jireenya bakka dogongora ka’uun qisaasessa. Yeroo baay’ee wanta
uumamaan argamee
karaa dhala baasuu fi daa’ima ajjeesutiin hordofsiisa. Yoo
daa’imni baraarame fi akka
jireetu hayyamameef jireenya gadadoo fi sarbamaa keessatti
dagatama. Kuni karaa biraatin
ajjeechadha.
Dabalataan, zinaan ajjeecha hawaasati sababni isaas hariiroon
maatii ni bada, funyoon
dhiigaa(blood ties) wal dhaba. Namoonni daa’imni isaan guddisaa
jiran kan isaani ta’uu itti
amanamummaa xiqqaa akka qabaatan godha. Haala kanaan hariiroon
hawaasummaa dadhabaa
adeema, afuurri(spirit) isaani guddate ykn xiqqaate ni du’a.
Sababa adda addaa irraa kan ka’ee
ajjeecha hawaasummaa akka ta’eetti ilaallamu danda’a. Zinaan
karaa salphaatin fedhii ofii akka
guuttatan balbala waan banuuf, fuudhaa heeruma barbaachisa akka
hin taane fi
ittigaafatamummaan maatii akka dhabamu taasisa. Wanti
irraanfachu hin qabne maatiin mana
sirrii ijjoolleen itti guddifamanii fi dhalli namaa inni gaarii
ta’e wal qabate itti ijaarramudha.
Maatiin mana guddinni dhiiraa fi dubartii haala walqixaatin itti
mirkanaa’udha. Seenaa
keessatti hawaasni sagaagalummaan akka babal’atu hayyame
kufiinsa mataa ofiitti kan
fideedha.”
In the Shade of the Qur’an jildii 11 ffaa irraa fudhatame.
-
Kanaafu yeroo ibiddi jaalala nama keessatti qabatuu fi boba’u
adabbii fi badii zinaa
yaadachuun qabbaneessun ni danda’ama. Qorsii jaalala inni dhumaa
adabbii
zinaa/sagaagalummaa yaadachudha.
Gudunfaa
Hanga amma qorsa jaalala kan itti fayyadamnu fi muxannoo namota
irraa arganne
tarreessine jirra. Namni qorsa kanniin fayyadamu ni milkaa’a.
Kana kan dide fedhii
gabaabdu guuttachuuf sheyxaanaf harka kenne Rabbii isa haa
qajeelchu, karaa sirritti isaa
haa deebisu jennaan. Amantiin Islaama furmaata gahaa
dhuunfaa,hawaasa guutumaan
guututti addunyaaf ta’u of keessatti kan hammateedha. Namoonni
furmaata kanarraa
garagalanii furmaata biraa barbaadutti yoo ka’an badii malee
wanti isaan eeggatu tokkollee
hin jiru.
Kanaafu namni Islaama duuka bu’u addunyaa aakiratti ni milkaa’a.
Warra dhihaa irraa
qorsa jaalala argadha jette osoo deemte dhibee san caalu malee
wanta biraa hin argattu.
Akkamatti fedhii akka bobeessan sitti himuu malee akkamatti akka
qabbanessan sitti hin
akeekan. Gaafa tokko osoo barruu wayii dubbisuu “Rakkoo jaalalaa
maal akka godhan hin
beeku, akka itti too’atan hin beeku.” jedhe barreesan
barruu.
Hanga humni koo danda’een barruu kana qopheessuf carraaqe jira.
Wanta dhala namaa fayyadi jedhe yaade barreesse jira.
Alhamdulillah,galanni fi faarun Rabbii haa galu. Gargarsa isaatin
hojii keeyrii hundaa hojjanna. Namni dogongora irraa hin fagaatu.
Yoo dogongore na sirreessa. Hiikkawaan keeyyatoota Qur’aana armaan
olii “Hiika Qur’aana Kabajama Afaan Oromotiin” fi Sahih
İnternational English Translation irraa fudhataman. Yaa Rabbii
dogongora keenya nu araarami,hojii keyrii keenya nurraa qeebali.
Gara funduratti daran akka isin taajajilu yaada keessan asitti
qicaa bira darbaa. Qunnamtiif [email protected] Website:
www.sammubani.wordpress.com FB-
www.facebook.com/jireenyabadhaatu
mailto:[email protected]://www.sammubani.wordpress.com/http://www.facebook.com/jireenyabadhaatu