LOOLAADHAAF QOPHAA’OO TA’I 2016–2017 KAAWUNTII KINGI KEESSATTI QOPHAA’IINA LOLAATIIF QAJELFAMNI KEE Barruulee xinnoo kan karaa poostaatiin kan argatu yoo ta’ee, qabeenyaafi teessoon kee dhihoo ykn keessa suluula lolaatti argama. 516 Daandii sadaffaa Kutaa 1200 • Seattle WA 98104 Printed on recycled paper. Please recycle. 1510_4996m_floodupdateBRO15-16_GenCombined.ai 206-477-4812 (TTY Relay: 711) irratti Danaawwan Biraatiin ni Argama Qophiifi To’annoo Lolaa Ergaa Aanaa To’annoo Lolaa Kawuntii Kingi irraa Waqtiin roobaa nurra gahe jira. Saayinitistoonis dhiheenya kana walitti haalawwan qilleensa qorra jiddu gala, kan La Ninaa ykn Eli Nino hintaane (akkuma raagatti ta’u hunda, yoomiyyuu haalliiwwan jijjiramu akka danda’udha) kan hubatan. Barruulee xinnoo kan karaa poostaatiin kan argatu yoo ta’ee, qabeenyaafi teessoon kee dhihoo ykn keessa suluula lolaatti kan argamuufi waqtii lolaa hamaatti waan ta’u danda’uuf amma qophaa’uun barbaachisaadha. Haala ittiin qabeenyaa keefi ofii kee itti lolaarraa ittistuufi waa’ee qophiilee irratti odeefannoo barbaachisaa hiruuf Aanaan To’annoo Lolaa Kaawuntii Kingi qajeelfama qophaa’insa lolaa kana qopheesseera. Aanaan To’annoo Lolaas balaa lolaa hir’isuuf foyyee’insa dirree lolaa kan taasise, sagantaa akeekachisa lolaa kan deegareefi odeefanno, meeshaalee fi qabeenyaa dhiyeessuun akka jiraattoonni qophaa’aniifi yoo lolaan umamee ittisaniif ni gargaara. Dhiibbaawwan ykn balaa lolaa hir’isuuf tarkaanfiiwwan kanneen fudhadhu: • Qabeenyaa kee ittisuuf inshuraansii lolaa bitadhu. Imaamtiwwan sadarkaa beekamoos miidhama lolaa kan hin hagugnee yoo ta’u, imaamanni haarawaan hojiirra oluuf guyyoota 30 fudhata. • Karaa sirnawwan batalumaan karaa App Akeekachisa Lolaa Kaawuntii Kingi ykn Damaqsawwan Lolaa Kaawuntii Kingi tiin dursitanii sochii lolaa umamuu danda’urratti odeefannaa argadhaa. • Karoorawwanii fi meeshaalee yeroo ariifachisaa qopheefadhaa. • Obomboleettiin ujommoo balfaan keessa dhagala’uu, akka lolaatti lageen gutanii kan umamuu miti. • Karaa bishaa lolaa dhaabatee jiru, sababiiwwan du’a lolaadhaan walqabateef madda mumee ta’eetiin hin darbiin ykn hin konkolaachisiin. Maaloo gadi fageenyaan qo’achuuf, qophaa’uufi lolaa ittisuu qophaa’o ta’uuf yeroo fudhadhu! Reagan Dunn, Dura Taa’aa Aanaa To’annoo Lolaa Kaawuntii Kingi KingCountyFloodControl.org | @KCCReaganDunn HELOO! Jigoon lafaatiis dhugaatti Lixa Waashingitonii keessa kan jiruufi balaa tasaa hammaa kunis Oso haala gadisiisaa bara 2014 Kaawuntii Snohomish keessatti balaa jigoo lafaa namaafi qabeenyaa irratti, Kaawuntii Kingi dabalatee, gutummaa naannichaatti xiyyeefannoo haarawaa fideedha. Balaa Oso kana ittisu keessattis, Aanaan To’annoo Lolaa Kaawuntii Kingi, walta’iinsa Kaawuntii Kingi tiin, teknoolojii ogummaa Foyyee’aa (state-of-the-art-technology) tti fayyadamuun kaartawwan durii bakkeewwan balaan jiraachu malu agarsiisan fooyyeessuufi haala umamaafi amaloota balaa jigoo laafaa qarqarawwan lageen Kaawuntii Kingi keessaa gamagamiiru. Kaartaan fooyyeefamees Aanaa To’annoo Lolaa akka balaa jigoo lafaa fayyaa hawaasaa, nageenyaa fi qabeenyaa midhu danda’u caalaa akka hubataniifi adda baasaniif gargaaru danda’a. Akkasumas Aanaan To’annoo Lolaa balaa lolaa hiri’suuf caalaa tarsiimoo akka qabaatuufi karooraafi hojiirra olmaa projektootaafi sagantoota lolaa akka odefannoo kenuuf ni gargaara. Jiraatonnis waa’ee ji’olojii jigoo lafaa akka baraniifi odeefanoo haaraatti fayyadamuunis balaa jigoo lafaa umamu maluu qophii gaarii akka taasisaniif ni gargaara. Kaartaa haraafi odeefannoon dabalaataa: kingcounty.gov/landslides irratti ni argama. Ummataafi Qabeenyaa Ittisuuf Hojechu APP AKEEKACHISA LOLAA BILISAA App yaa’insa lageenii ammaa, galmee sadarkaa lagaafi raagawwan akkasumas kutaawwan lolaa yeroo-dhugaa si agarsisuu kana bilisaan bilbila harkaa keetti buufadhuutii odeefannoo lolaa yeroo-dhugaa argadhu. Graafiiwwan ammo sadarkaa lagaafi raagawwan guyyoota hedduu ilaaluuf salphaa ni taasisa. ODEEFANNOO QABAADHU BILBILA, ERGAA BARREEFAMAA YKN IMELII Akeekachisa lolaa atatamaatiif bilisaan galmaa’i. Haaluma sadarkaa lolaafi lagaatiin si’aawaa adda baafachu ni dandeessa. SI’AAWAA! LOLAA KAAWUNTII KINGI kingcounty.gov/flood ykn 206-477-4899 bilbili NU HORDOFAA! Lageen King County Fesii bookiirratti; @KCDNRP fi @KCFloodDistrict Twitter irratti Gara manatti osoo hindeebiiin duras, hubaatiin caasaa ijaarsaa umamuu isaa, gaaziin yaa’ee jiraachusaa, ibsaan deebiseefi shiboon luqa’e jiraachusaa ofeeganoo taasisi. 2 3 4 5 6 7 8 1 Kutaa eliktirika sirna ittiin ho’a aregattuu, bakka meeshaaleen kufamaniifi meeshaalee, nageenyaaf jecha osoo itti hinfayadamiin dura oggeessaan ilaalchisi. Gaazii akka deebiisanii siif bananiif, kubaaniyaa gaaziitiif bilbili. Meeshaalee mana keessaa, nyaata, dhiyeesitii bishaaniifi qabeenyaatiif, tartiibawwan qulqullinaa hordofi. Badiinsa sirra gahee galmeessi. Badiinsa gahee suuraa kaasuun, baasii suphuudhaa galmeessi. Badiinsa lolaan qaqabeef mirga kee gaafachuuf abbaanaa/bakka bu’aa inshuraansii kee qunnami. Mana kee keessatti ykn ijaarsa diigamee irratti bakka bishaan gahee qabxii isaa olaanaatti mallattoo taasisi. Kutaa jalaa lolaan gutamee waljalaan yaasi (guyaatti bishaan harka sadii keessaa tokko baasuun) akka ijaarsii hinhubamnee ni gargaara. Karacitiiwwan cirachaa haalaan baasanii kaa’uu Akka adeemsa galmeefi balaa qaqabeef gargaarsa irratti odeefannoodhaaf maddawwan oduu ganda keetii ilaali. BOODDEE Ittisa Goodaa lolaatiif dhimmoota raawatamuufi hinraawatamne • Jalqabuma irraa ijaarsa raawadhu. Goodaa lolaa ittisuuf misoomni seeraan kan taa’eedha. Ijaaruu, haaromsuu ykn foyyeessuun, sadarkaa baasuun, qotuufi qaawa jiran hunda gutuu. Haaromsi ykn foyyeessi lolaa ittisuufi sadarkaawwan qaama seera kabachisanii guutuuf caasaa ijaarsa jiruurratti dhibbantaa 50 olii gaafatu. Osoo projekticha hin eegaliin dura, ykn misooma seeraan alaa gabaasuuf, karaa 206-296-6600 ykn kingcounty.gov/permits, Hayyamaafi Xiinxalaa Naannoo Kutaa Kingi Kaawuntii qunnamaa. • Gataa seeraan alas gabaasi. Kemikaalootaa kaasee hanga meeshaalee manaa baafamaniif kan akka barcuma, seeraan ala yoo gataman naanoo keenya faaluufi karaa lolaa cufuu danda’u. Gataa seeraan alaa gabaasuuf karaa 206-296-SITE (7483); kanfalii malee karaa 1-866-431-7483; ykn kingcounty.gov/dumping tiin Hotilaayinii Gataa Seeraan alaa qunnamaa. • Yoo konkolaachiftu hin cobsiin. Cobni Konkolaataa zayitii motaraa yunitii miliyoona torba ta’u waggaatti gara qilleensaatti gadi lakkisu. Omishaaleen boba’aa jiktaa beeladoota dagalaafi bakka jireenyaa ni hubu. Tibba robaas, obombooleettiin bishaan raasuus omishaalee boba’aa gara lagaa, dhanga’aaa, haroofi sagaleewwan pugeetitti geessa. Cuba to’achuuf gorsaafi odeefannoo argachuuf gara fixcarleaks.org dhaqaa. Sagantaa karacitii cirrachaan gutamee jechuun karacitii cirrachaa bilisaa dabalataa Karacitiinwwan cirrachaa meeshaa gaatii ittiin daangaa lolaa ijaaruufi bishaan jallisuudhaan ittiin qabeenyaa kee lolaarra ittifamuuniidha. Sharikoonni Aanaa To’annoo Lolaa Kawuntii Kingi, Aangoowwan gandaafi Daandiiwwan Kaawuntii Kingi waliin ta’uun karacitiiwwan cirrachaa ummataaf bilisaan raabsa. Galmeen haal rooba waqtii lolaa darbe kanaas, akk Aanaan To’annoo Lolaa sagantaa karacitii cirrachaa babalisuu, Black Diamond, Fall City,Renton fi Skykomish keessatti bakkeewwan raabisaa dabalataa afuri akka dabaluu mul’isa. Sa’aatii hojiifi waa’ee haala karacitiin cirrachaa itti gutamufi kaa’amu ilaalchisee vidiyoo ilaalu dabalatee, odeefannoo dabalataatiif maaloo garaa: kingcounty.gov/floodservices dhaqaa. Dhiyeesitiiwwan meeshaalee yeroo ariifachisaa • Baatirii ykn raadiyoonii sibiila socho’uun hojetuufi baatirii dabalataa • Foricuufi meeshaalee gargaarsa yeroo duraatiif • Baatirii ifu dhagaa dabalataa waliin • Garagarlacha sanadawwan barbaachosii ta’an (kan akka hayyama konkolachisuu, odeefannoo inshuraansii, baankii maatiifi odeefannoo namoota biraa) boorsaa laastikiittiin • Maattiifi beeladootaa keetiif bishaan guyyoota hedduuf ta’uufi nyaata dafee hinbannee/ tortorree • Uffata ho’uu, kophee cimaa/bootiifi birdilibisii • Meeshaalee qulqullina dhuunfaafi naanootiif olan • Kiniiniiwwan qorichaa hajajaman • Meeshaalee daa’iman ittiin xabachifaman (birdilibsii, kitaaba, ashangulitii) Naanoo lolaatiin hindeemiin, hindarbiin ykn hinkonkolaachisiin. Duubatti deebii’ii. Hin liqinsamiin. Konkolaataan kee kan lolaa keessa seente yoo ta’e, hanga siif danda’ameen achii deemi. Gara nagaatti akka baatuuf gara duubaatti deemi. 2 3 4 5 1 Haalawwan lolaa irratti odeefannoofi raaga argachuuf Jiddu-gala Akeekachisa Lolaa Kawuntii Kingiif bilbilaa Akeekachisa Abbaa taayitaawwan akka bahamuuf qophaa'oo ta'i. Yoo akka baataniif ajajamee, batalumatti raawwadhu. Daandiiwwan gabaaboon cufamu waan danda’aniifu karaawwan akka itti bahamu eerame hordofaa. Sababii bishaan atatamaan dabaleetiin yoo mana ykn gamoo keetii bahuu dadhabde, gargaarsaaf 911 tti bilbili. Achiin gara oliitti ykn baaxiitti ol bahi. Uffata ho’aa, qileensa waliin deemuu, ibsaa, bilbila harkaa fi raadiyoo xiqqoo qabadhu. Lolaan kan dhiyaateefi garuu yeroon kan siif hayyamu yoo ta’e qofa: • Karaa gaaziin ittiin dhufu isa mummee cufi. • Madda ibsaa gamoo kee tajaajila ummattattiif oluu hunda balleessi. Osoo kophee komeen imbiraafi shuraabii harkaa imbiraa irraa hojetame godhattee, yoo bakka gogaa ykn muka gogaarra kan ijjatte yoo ta’e malee, meeshaa elektirikaa ommaa hinxuqiin. • Gara fuuladuraatti haala lolaa ollaa keetii hubachuudhaaf, odeefannoowwan lolaa kan akka sa’aatii, dubbistuu meeshaa, fi ol ka’iinsa lolaa galmeessi. Bakka mana jireenyaafi hojii keetti gadiifageenyaan waan hubattees itti dabali. WAYITA 6 Balaa lolaa keetii beeki. Barruuleen kun siif ergamee ture yoo ta’e, manni ykn qabeenyaan kee suluula lolaa keessa ykn dhiheenya saati. Gadi fageenyaan dubbisuuf: • kingcounty.gov/iMAP ykn 206-477-4732 n bilbili • floodsmart.gov ykn 1-888-379-9531 n bilbili Inshuraansii lolaa bitadhu. Inshuuraansiin abbaa qabeenyummaa manaa jireenyaa sadarkaa beekamaas, badiinsa lolaadhaan umamuu hin dabalatu ykn imaamanni harawaadhaan diriqama guyyoota 30 f turutu jira. 1 2 3 4 Ofii keefi maatii kee Ittisi: • Karoorawwan yeroo ariifachisaa maatii, qonnaa ykn daldala keetiif haaromsi. • Mana ykn bakka daldalaa keerraa gara lafa ol kaatti daandiiwwan hedduu beeki. • Yoo akka tasaa maatiin adda cafa’eef bakka itti walgahamu filadhu. • Tarii yoo sarariiwwan gandaa kan qabaman ta’ee, odeefannoof bilbiluuf hiriyaa ykn fira naannoo sanaan ala jiru filadhu. • Meeshaalee yeroo ariifachisaa bakka tokkotti walitti qabadhu (asiin gadi ilaali) • Waa’ee qohpii loolaa, muxannoo kana duraafi gargaarsa addaa ati ykn isaan barbaadu danda’an irratti ollaa kee waliin dubbadhu. Balaawwan lolaa irraa qabeenyaa kee ittisi. • Attamiifi yoom akka konkolaataa, meeshaalee, loon ykn beeladoota manaa akka garaa lafa ol kaatti akka geessitu adda baasi. • Waan gatii baasaniifi kemikaaloota mana keesstti itti fayyamtu sadarkaa loolaatiin olitti kaa’ii. • Kusaawwan lafa jalaa sirriitti qadaaduun cufi. • Kiyyoo calaltuu ujummoo gammoo keessaatiif furtuuwwan ittiin sakataatuu tolchuuf akka lolaan bishaanichaa ujummichaan ol hindeebiineef. • Bo’oo/ yaa’aa, ulaa raafama qileensaafi kallattiiwwan oriitoo baalaafi balfa irraa kallatiin eegi. DURSA KESSOO POSITARII KAARTAA LAGEEWWANII LOLAAN YOOM TA’A… Qophaa’oo ta’i! Waa’ee lolaa ilaalchisee gadi fageenyaan tajaajilawwan kingcounty.gov/flood irraa argadhu Dura taa’aa Reagan Dunn Materiales traducidos y servicios de intérprete están disponible bajo solicitud: 206-477-4812; TTY: 711. Royal Arch Landslide, Caamsaa 2014