Bakka-argatteen Baha Afrikaa bara dheeraa dura akka biqiltuu faayaa taatee dhufte. Isa booda namuu qe’ee isaatifi iddoo adda addatti dhaabu itti fufnaan babala’atte. Bakka-argatteen dallaaf, saanqaaf, bubeessaa (shidaa) fi bara Ammaan tana, aanaa Xulloo keessatti bakka-argatteen ooyruu qotee-bulaa keessatti babala’attee lim’ata wajjiin waldorgomaa jirti. Kuni immoo baasii taliigaa dabala, isa balleessun humna dabalataa ykn dawaa waan barbaaduf. Akasumas, bakka-argatteen biqiltuulee biyyooleessaa fi uum-danummaa isaanii hiri’isa. Haala babal’ina bakka-argattee yeroo ammaa Ganfa Afrikaaratti fi iddoowwan gara fulduraa miidhhaa hamaa jala galan kaartaa irratti argisiifna. Dhiibbaa bakka-argatteen qabeeyna-uumamaa, ummata fi diinagdee irratti fidu xiinxalla. Keessumattuu,jijjiirama dhiibbaa heddumaachuu bakka-argatteen dhufu xiinxallina. Aanaa Xullootti, dhiibbaa bakka-argatteen guddina biqiltuulee biroo, jireenya ilbiisotaa fi jijjiirama biyyoo irraan gahan qoranna. Akasumas, oomishtummaa hir’isufi baasii lim’ata oomishuu dabaluun dhiibbaa isheen galii qotee-bulaa irratti qabu gadi-fageenyan xiinxallina. Gara fuulduraatti, bu’aan qorannoo proojektii keenyaa uummata naannoo, dhaabbattoota miti-mootummaa fi mootummaa taligaa foyya’aa ta’e filachuun miidhaa isaa hir’isuun faaydaa isaa ol-guddisuun haala danda’amu irratti gorsa kenna. Kanaafuu, Aanaa Xullootti shaakala bulchiinsa lafaa itti fufiinsa qabu addaan baafanna. More information: Dr Tena Alamirew Agumassie, Water and Land Resource Centre (WRLC): Tel. +251 922 470 113 Dhiibbaa bakka-argatteen jireenya ummata baadiyyaa irratti geessufi faaydaa bulchiinsi lafaa itti fufiinsa qabu dhiibbaa kana hiri’isuraati fidu http://www.woodyweeds.org/ “Miseensa proojaktii “Woody Weeds” tahuudhan, xiyyeeffannoon qorannoo kiyyaa dhiibba bakka-argattee fi ”wayane-zaf”n hawaasa fi qabeenya- uumamaa Baha Afrikaa irratti fidaniidha.” Katamaa Baqqalaa, Uunvarsiitii Haramayaatti Barataa PhD beelaa nyaata loonitiif oolti. Akasumas lafa ni gabbifti jedhamee amanama.