Page 1
Burqaa Gammachuu Dhugaa! 1
Gammachuu argachuun dhala namaa hundaafuu barbaachisaa fi dhimma sona jabaa 2
qabu. Garuu gammachuu attamiitu nama barbaachisaa? Namni immoo gosa gammachuu 3
barbaadu kanaa eessaa argataa? Wantoonni gammachuu keessa namaa hatan warra akkamiitii? 4
Gaaffilee kana deebisuu danda'uun ofuma isaatiif hiika ta'uudhaa yoo baate illee, garuu furmaata 5
argachuutti wantoota geessan keessaa isa jalqabaa ta'uu ni danda'a. 6
7
8
Lubbuun namaa Uumaa ishee gar-malee dheebotti. Dheebuu kana yoo hin guuttanne, wantoota 9
nama gammachiisa jedhaman kamuu yoo gooneef lubbuun keenya raawwattee gammaduu hin 10
dandeessu. 11
Waaqayyo uumaa nama uumama hundumaa ti. Waaqayyo inni hundumaa uume kun immoo 12
karaa Yasuus Kiristoos tokkich ilma isaa caalmaatti biyya lafaatti of agarsiise. ( As irratti Ilma 13
Waaqayyoo yeroo jennu maal jechuu akka ta'e fuula kan biraa irratti ni ibsina. Ammaaf garuu 14
Qaama(person) sadan Waaqayyoo isa tokkichaa keessaa tokkuma jennee bira haa dabarru. 15
16
Namni Karaa Yasuus Kiristoositti amanuu adabbii cubuun itti fidu jalaa walaba baha. Namni 17
araara Waaqayyoo yoo hin arganne mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda'u. Namni immoo 18
araara Waaqayyoo argachuuf Yasuus Kirstoositti amanuudhaan muchaa Waaqayyoo ta'uu, fi 19
qalbii isaa diddiirachuutu isa barbaachisa. 20
Fuulota 'Website' kana irratti argamanii fi kan biroo keessatti illee barreeffamoota gaaffii 21
barbaachisaa dhala namaa kanneeniif odeeffaanoo deebii kennan qabannee ti jirra. Kanaafuu 22
Qalbii keessaa Waaqayyoof banatanii wanta Waaqayyo isaan keessaan isinitti dubbatu yoo 23
Page 2
amantanii fudhattan wanta barbaachisaa tokko bara hara'a qabdan keessatti buufattan jechuu dha. 24
Kun immoo baroota dhufuuf jiran maraaf illee bu'uura isiniif ta'uu ni danda'u jedheen abdadha. 25
Barreeffamoota dubbifamanii fi lallaba dhaggeeffataman harcaafachuu (download 26
godhachuu) yoo feetan as tuqaa (To freely download reading materials and audio sermons, 27
please, click here) 28
29
Barsiisa walitti- fufaa qaqqabachuu yoo feetanis kan faa daawwadha 30
Icciitti moo'ichaa: Waaqayyoon Beekuu 31
Amma Yeroon: Waaqayyoon barbaaddachuuf 32
33
Waaqayyo inni jallala sirrii fi adda ta'e isiniif qabu, inni Uumaa ta'e sun isin haa eebbisu! 34
Icciitii moo'ichaa (k1 Full txt) 35
Jireenya kee keessatti moo'ichaan jiraachuu ni barbaaddaa? Icciitiin Moo'ichaas maal akka ta'e 36
baruu ni feetaa? Barumsa kana hordoftee yoo deemte, waan si gargaaru ni argatta jedheen 37
amana. Waaqayyoon beekuudhaan jireenyi moo'ichaa kee ni guddata. Waan tokkoof lama qofaa 38
irratti otuu hin ta'in, Waan hundumaa irratti mootee, Yaada Waaqayyoof jiraachuu, gonfoo 39
jireenyaa fi kan ulfinaa isa siif qophaa'ee jirus gonfachuu ni dandeessa. 40
Jireenya Moo'ichaa jiraachuuf waan baay'eetu ykn immoo waan ulfaataatu sirraa eegama miti. 41
Waaqayyoon sirriitti barraan moo'icha kan kee godhatteetta. Waaqayyoon akkamitti beekutuu 42
naaf ta'a? jetta ta'a. Mee barsiisa dubbii Waaqayyoo kana obsaan dhaggeeffadhu ykn itti fufii 43
dubbisi 44
Icciitii Moo'ichaa (K2 full txt) 45
Tuujuba Waaqayyoon beekuu keessa lixxee isa hin barreeffamin yaada Waaqayyoo baruu 46
barbaaddaa? Jireenya ammaa keessatti ba'aan seeraa fi ajajaa otuu sitti hin ulfaatin, garuu 47
jireenya bara baraa keessaa hirmaachuu feetaa? Akkaataa salphaa itti cubbuu ofirraa dhabduu fi 48
haangoo cubbuu injifattu qabaachuu barbaaddaa? Waaqayyo diionota keetti diina ta'ee akka siif 49
loluuf karaan salphaa fi gabaabaan ni jira. Barsiisa dubbii Waaqayyoo kana qalbeeffannaan 50
hodoftee jennaan, waan haaraan keessa keetti ta'uu jalqaba. Keessattuu immoo nagaan kee akka 51
lagaatti yaa'uu jalqaba. Jechuun gammachuu fi nagaan kee dhuma hin qabaatu. Haalaa fi yeroo 52
Page 3
kamittuu nagaan Waaqayyoo jireenya kee keessatti guutuu ta'ee argita. Kun icciituu moo'ichaa 53
kutaa lammaffaa keessatti mul'ifameera! 54
Kakuu Bara Si Fuula Duraaf 55
Bara haaraadhaaf Ergaa ebbaaf ulfinaa qabda. Waaqayyo karaa baay'ee si eebbisuu 56
barbaadeera. Siinis akkas jedhee si waama, "Kottu waliif gallee sin eebbisaa!" Barri siif dhufe 57
bara salphaa miti. Itti dhimma baanaan eebbi "Afaan Waaqayyoon dubbatame" jireenya kee 58
argachuu irraa kan ka'e, akka aduu saafaa ifuu jalqada. Qajeelummaa Waaqayyootu uffata siif 59
ta'a! Fayyinni kee ni ariifata. Daangaa malee tarkaanfatta... Waaqayyotti ni gammada, haalonni 60
ati eegdu gammachuu siif hin laatan, gaafa Waaqayyoo wajjin waliif galtu garuu gammachuu 61
dhabbataa tu kan kee ta'a! Eebbi bara durii duriittii jalqabee abdachiifame, kan kees ni ta'a! Maal 62
wanti dinqiin akkasii? Mee itti fufaa dubbisadhaa. Yaadannoos qabadhaa tii, Waaqayyoo wajjin 63
ta'aa of eebbisaa! (Mat duree: Kakuun Bara Si fuula duraaf" jedhu kana irran seenaa! 64
Ergaa Har'aa! 65
Kottaa mee Waaqayyoon barbaaddannaa! Innis balaa jabaa achii as adeemaa jiru jalaa nu baasaa! 66
Kun beekkachiisaa fi gorsa, akkasumas jajjabina guyyaa hundumaa Hafuurri Waaqayyoo kennu 67
dha! 68
Filatanii jiraachuu 69
Yeroon tokko yeroo isa biraatti nama lata. Namni yeroo isaaf kenname keessatti kallattii ittiin 70
deemu filachuu danda’a. Filmaatni yeroo hundumaa waan argachiisuuf waan dhabsiisu ni 71
qabaata? Ati mana barumsaa, hiriyaa jaalalaa, bakka jiraattu, hojjechuu dhiisuu, fiiguu fi obsaan 72
suuta deemuu,… keessaa filattee akka beektu shakkii hin qabu. 73
Isumatti Jiraadhaa 74
Ammas yaa ijoollee koo, Yeroo Kristoos mul'atutti ija-jabina akka qabaannu malee, guyyaa 75
dhufa isaatti yeelloodhaan akka hin rifanneef, isumatti jabaadhaa! (1 Yoh. 2:28) 76
Waaqayyoon Barbaaddachuu 77
Bar tokko Waaqayyo komee isiraa’el irraa qabu irraa kan ka’e dheekkamsa akka fiduuf jedhu 78
karaa Sefaaniyaa dubbata ture. Waaqayyo saba sana maalif komata jennee yoo qoranne: 79
- Na hin barbaaddanne jedhee ti. [ Sefa.1: 4-6]--- Kana irraa kan ka’e immoo lafa hundumaan 80
balleessa jedha. Lafti hundumtuu maaliif badaa? Israa’el qofa mitiikan balleesse? Isiraa’el 81
Page 4
soogidda lafaa turte. Soogiddi ni tursiisa. Waaqayyo qomoon inni ittiin saba lafarraa ofitti 82
firoomsuu fi deebisuu barbaade yoo isa duraa bade, warri kaanis miidhaman jechuu dha. 83
Maqaan Waaqayyoo haa Qulqullaau 84
Kadhata Gooftaan Yasuus Bartoota isaa barsiise keessatti gaalee " Maqaan kee haa qulqullaa'u" 85
jedhu argina. 86
87
_ Kadhata kana guyyaatti si'a baay'ee kadhachuu keenya irraa kan ka'e gaalee kanas hammasuma 88
irra deddeebinee jenna. 89
90
- Dheebuu ijoollonni isaa yeroo lafa kana irra jiraatan qabaatan keessaa tokkoo fi baay'ee 91
barbaachisaa godhee kan Yasuus barsiise isuma kana. "Maqaan kee haa qulqullaa'u!". 92
Fiigichi kee maal si argachiisa? 93
Fiigichi adeemsa ariitiidhaan of fuul-duratti godhamu dha. Fiigichi fakkeenya adeemsa jireenyaa, 94
tajaajilaa, hojii, dubbii, yaadaa fi mul'ataa ti. Fiigicha jennee inni nuti ilaalluu dhamaatii waan 95
dheebonnu bira gahuuf goonu. 96
97
Safisi fiigicha namaa yeroo baay'ee dheebuu waan bira gahuu barbaaduu ykn immoo jibba/sodaa 98
waan jalaa bahuu barbaadu irratti qabuun murteeffama. Namni yeroo waa jalaa baqatu humnaa fi 99
dandeettii qabu maratti fayyadamee fiiga. Akkasumas immoo namni yeroo dheebuun waan 100
tokkoo isa keessa guutu, akkuma kana humna qabu hin qusatu. 101
Tajaajila Hordoffii lubbuu haaraa 102
Barumsi tajaajila hordoffii kun tajaajiltoota namoota dhiyeenya gooftaatti dhuganii fi dhugaa 103
bahameef akkasumas namoota cubbuu garagaraa keessatti kufanii fi saaxilamoo ta'an akka itti 104
hordofnee gargaaru nu barsiisuuf kan qophoofte dha. Haa ta'u iyyuu malee barumsichi gara fuula 105
duraatti babal'atee kan qophawuu malu ta'uu isaas haa yaa dannu. 106
Yeroo dubbisaa gaarii! 107
Waaqayyoon hin durfamu! 108
Diinni ni ariifata garuu Waaqayyoon hin dursu! (audio, sagaleen) 109
(Aster 5:11-14) 110
Page 5
Hamaan Yihuudota lafarraa haxaa’ee bal’eessuuf saffisa guddaan haala mijeeffateera. Yaadi inni 111
yaade, mootii biratti dafee, takkumaan fudhatama argate. 112
Barreesitoonni ariitiidhaan afaan garaagaraatti hiikaniif (seera balleeffama saba Waaqayyoo) 113
Xalayaan salphaadhumatti biyyootaa fi kutaalee biyoota garaagaraatti raabsamee wal ga’eef 114
Wanti hundumtuu takkaadhaan sorooree adeemaafii jira! 115
Kana biraan immoo kadhata Asteer otuu mootiin dhaga’ee tarkaanfii hin fudhatin, 116
Mardookaayiin fannisee akka inni ajjeesuuf haati manaa isaa fi hiriyoonni isaa malaniiruuf 117
Utuu affeerrii isa lammataa (yeroo Asteer itti gaaffii ishee dhiyeeffattu) bira hin ga’in akka 118
fannifamuuf mardookaayitti murteeffameera. 119
Waaqayyoo fi sabni isaa waan hojjetan keessatti waan lafarra gototaman fakkaatu! Haa ta’u 120
iyyuu malee injifannoon kan Waaqayyoo ti! 121
Waaqayyo beekaa Asteeriin guyyaa jalqabaatti dubbii harkaa balleesse. Sababni isaa isheen tarii 122
sodaa irraa, naasuu irraa, haala siyaassa mootiis yaada keessa galchuu irraa waan dubbattuuf; 123
tarii waan gaafachuun irra jiru hundumaa hin goontu. Yoo baay’ates kan isheen gaafattu, akkuma 124
itti fufnee jiraannu godhi! Kan jedhu dha. 125
Gama biraadhaan immoo Asteer, mana mootii keessaa iyyuu haa jiraattu malee, oddeeffannoo 126
irraa fagoodha! Waan biyyicha keessa jiru, waan saba ishee irratti labsamee jiru, waan warri 127
mootii jala jiranis karoorsaa oolan hin beektu turte. Ammas taanaan, Isheen boriif karoora haa 128
qabatttu iyyuu malee, edana kana Wanta jal’oonni hojjechuuf karoorfatanis hin beektu turte. 129
Waaqayyo garuu beeka! Kanaaf, akka ariitiidhaan labsiin garagalfamutti, akka ariitiidhaan 130
murtiin du’aa gara labsii jireenyaatti labsamutti, akka ariitiidhaan Seexanni afaan qabatee isa 131
Waaqayyo jedhu duwwaa labsutti, Waaqayyo halkan walakkaa dhufe! (6:1). Yerfoo dhufu 132
immoo Waaqayyo karaa Asteer fi Mardookaay kadhatanii fi yaadan irra miti. Inni karaa ofii isaa 133
irra, Karaa ol kaafamuu irra dhufe! 134
Halkan kee Walakkaatti ilee yoo ta’e, Waaqayyo ni dhufa! Ati isa duratti gad-of deebisuu kee fi 135
isa qofaa wajjin walii galuu kee hin dhiisin!Labsiin diinaa ni garagalfamaa! 136
Page 6
Al tokko tokko, abdii kutannaa irraa kan ka’e, nuti waanti nuti yaadnu, waan xiqqaa, waanuma 137
jireenya keenya duwwaa itti fufsiifachuu, waanuma har’a nyaannee bullu, waanuma har’a 138
uffannu, waanuma har’a ittii kiraa manaa baafannu, waanuma har’a ittiin hojii xinnoo ishee 139
argannu, waanuma har’a ittiin cidha gabaabaa isaa godhannu, waanuma ittiin namoota dura 140
baanee gallu, waanuma ittiin kutaa tokkoo kutaa biraatti dabarru, waanuma ittii liqii nurra jiru of 141
irraa baafnu…. Kadhanna. 142
Kadhata Yaaqobiin yaadadhaa---waanan nyaadhu, waanan uffadhu, mana abbaakootti deebi’uu 143
yoo naaf laatte 144
Beektuu, Waaqayyo garuu yaada addaa, ulfina addaa, ol kaafamuu addaa, murtii addaa, 145
ijaabaasuu addaa qaba. Akka asteer Itti ijaa baafachuuf qophooftetti, akka asteer ofii shee fi saba 146
ishee falmuuf qophooftetti miti kan Waaqayyo hojjete. Inni mootii irraa hirriba fageesuudhaan 147
jalqabe. Yaada seenaa/galmee garagalchuu mootii keessa kaa’e. Akka inni of ilaalee of tuffatu, 148
akka inni yeroodhaan waan godhamuun irra ture tokko hin godhin darbe itti agarsiise. Asteer 149
mooticha nyaataa fi dhugaatiidhaan garaa isaa argachuuf yaalaa jirti, Waaqayyo garuu humnaan 150
ka’eera! Isa ati irratti diplomaatiin yaalaa jirtu irratti Waaqayyo immoo humnaan ka’eera!Maal 151
jetta egaa? Isa ati yoon dubbadhe, iddoo koo dhabinna, mindaa koo dhabinnaa, jireenya koo 152
balaa irra buusinnaa? Jettee mamaa waan jettus wallaalaa itti rakkachaa jirtu irratti Waaqayyo 153
humnaan ka’eera! Karaan inni ka’e garuu karaa kee irraa karaa kan biraadhaan! Waaqayyo siinis 154
si dursa! Gaafa yeroon Isaa ga’u, Waaqayyo diinota kee qofa otuu hin ta’in, siinis, warra si 155
jaallatan kan biraas ni dursa! Kana immoo Inni Ulfina ofii Isaa eeggachuuf jedhee akkas godha! 156
Gaafa ati ariifattee kaatu, Waaqayyo calluma jedha, gaafa ti boodatti harkifattu Waaqayyo si 157
dursa. Yaada Waaqayyoo wajjin waliif galanii yeroo Waaqayyootti Waaqayyoo wajjin 158
tarkaanfachuu danda’uun attam dinqii dhaa? Gooftaan nu haa gargaaru! 159
Tarii namoonni, bulchitoonni, firoonnii fi hiriyoonni beekamtii ati argachuun sirra ture, ulfilfina 160
siif amlu, mundaa ati argachuun sirra ture, dadhabbii keef galata ati argachuun sirra ture si duraa 161
hambisanii jiruu laata? Ati immoo itti qabamtee, hojii gaarii isa jalqabde dagattee jirtaa laata? 162
Hamilee kootti bu’an jettee komataa jirtaa laata? Dhiisi, Waaqayyo guyyaa barbaachisaa tokkoof 163
ol siif kaa’ee! Guyyaa cimaa tokkotu jiraa, guyyaa kana immoo warra jaleedhaan otuu hin taane, 164
Isuma mo’ee jiruun badhaasi siif kennamaa! Utuu yeroo itti Mardookaay gaafa waan gaarii 165
Page 7
godhe sana, tarii sadarkaan waardiyyummaa isaa ol butame ta’ee, tarii otuu dabala mindaa argate 166
ta’ee, tarii otuu manni kutaan tokko kennameef ta’ee, tarii tarii otuu uffatni waardiyyummaa fi 167
tirikaan (baatriin) bitameeraaf ta’ee, silaa gaafa mootiin, “nama kanaaf maaltu godhamee?” 168
(6:3)jedhu isatu himama ture. Amma garuu, Waaqayyo yeroo Isaatti ulfina calaaluu fi eebba 169
caalu keessaa baasuuf jedhee, wantoonni xixiqqoon sunniin akka Mardookaayiif hin taane 170
godheera. 171
Egaa atis hin guungumin kaa!Namatu mindaa koo na dhowwate, namatu hojii koof galata na 172
dhowwate, namatu sanaa fi kana na godhe, jettee ofuma onnee kee hin dadhabsiisin!Waaqayyo 173
guyyaa gaarii tokkoof siif kaa’ee! 174
Gaafa mootichi Arxeekisis waan Waaqayyo hirriba irraa bal’eessee itti agarsiise gochuuf nama 175
barbaadu, Hamaanis waan yaadaa bule raawwachuuf, dallaa mootiitti ol seeneera! Yeroo seene 176
immoo Labsataa fi dhaadataa seene! Akka Waaqayyo durse Hamaan hin barre! (6:4-5) 177
Amma Waaqayyo Sagantaa Hamaan subiin baheef geddarsiisuuf murtoo godheera.Kana immoo 178
afaan nama kan biraan otuu hin ta’in, Hamaanummaan faallaa isa karoorsee, faallaa isa itti 179
dhadatee, faallaa isa ittiin of koorsee labsisiisuuf Waaqayyo saganteesseera. 180
Sa’atich tokkuma, yeroon du’aaf karoorfamee fi Yeroon ulfinaan ol baafamuu! Diinni yeroo itti 181
du’a kee eegutti, ulfina kee arga! Sababni isaa, yeroo sanatti ati, “Nama Mootiin kabajuu 182
barbaadu!” jedhamtee waamamta! 183
Yeroo dhumaa irratti, Waaqayyo diina kee carraa kan ofii isaa dubbaachuu dhowwata. Hamaan 184
erga mootiin kaayyoof waamsisee booda, yeroo itti jal’ina ofii yaade itti gaafatu hin qabaanne. 185
Kaayoon mootii kun ariitiidhaan waan hojiirra ooluun irra jiruuf, waanuma gaafatamee 186
dubbachuu fi waan ajajame gochuu qofaa danda’a! Kanaaf, diinni waanuma fedhe iyyuu haa 187
saganteessu, isiniif garuu Waaqayyo ajaja haa baasu! 188
Erga Waaqayyo labsii Hamaan labsii ofii Isaatiin garagalchee akka Mordekaayi uffata mootii 189
uffatu, farda mootii irra taa’ee (Hamaan farda harkisaa) dinqisiifamaa fi ol ol qabamaa magaalaa 190
naanna’u godhee booda, Hamaan manatti galee, warra firootaa isaa fi haadha manaa isatti waan 191
irra ga’e itti himate. Kan isin dhibu, amma Waaqayyotu ka’e waan ta’eef, haati manaa fi firoonni 192
isaa illee ammaa booda sagalee jajjabinaa itti dubbachuu hin dandeenye; mala kan biraas hin 193
Page 8
arganneef. Garuu, raajii itti dubbachuu jalqaban. Gaafa Waaqayyo ka’u, diinonni keenya iyyuu 194
raajii sirrii nuuf dubbachuu jalqabu! Akks jedhaniin, “Moredekaayi inni ati amma fuula isaa 195
duraa kufuu jalqabde kun, sanyii Yihuudii yoo ta’e, ati raawwatteedhuma kufta malee, isaan 196
mormuu hin dandeessu!”(6:13). 197
Akka jara kanatti mul’atetti, jalqabuma Mordekaayi lafaa ka’uun, hamaan otuu duraa kufuu ti. 198
Kana immoo waa’ee eenyummaa Mordekaayiin wal qabsiisaanii gaafa ilaalan, humni kuffisuu 199
jalqabe kun itti fufaa akka ta’e hubatan! Akka aangoo Hamaan isa yeroof ka’ee dhaabatu akka 200
hin taane, madda dhuma hin qabne irraa akka humni moo’icha Mordekaayi akka dhufu hubatan. 201
Kanaafuu, “Mordekaayi kun snanyii Yihudii yoo ta’e,” raawwattee badda jedhaniin! “Duras 202
dhaabachuu hin dandeessu!” jedhaniin. 203
Sabani isaa, “Hamaan sanyii Yihudiif yaada gaarii hin qabu” ofuma isaatii diinummaa waan 204
jalqabeef, hojii inni jalqabe akka isa balleessuu danda’u itti himan. Hubannaa isaaniikana duuba 205
garuu, Sanyiin Yihuudii sanyii Waaqayyo irratti waamamuu barbaade ta’uu ni beekna. Qomoo 206
Waaqayyo filate dha. Qomoo Waaqayyo filatee wajjiniin jirutti namni diinummaan bahe kamuu 207
immoo hin oofkalu! 208
Dhaggeeffadhaa, nuti Kiristaanonni, dhiiga Yasuusiin bitamnee, dubbii Waaqayyoon lammaffaa 209
dhalannee, hafuura Waaqayyootiin qulqulleeffamnee fi mallatteefamnee jireenya bara bara 210
baraaf warra kaadhimamne dha. Dhalachuun keenya inni lammaffaan kun sanyii baduttii akka 211
hin taane sagaleen Waaqayyoo ni dubbata (1Phex.1:23). Namni Waaqayyo irraa dhalate immoo 212
humna ittiin cubbuu mo’atu waan of keessaa qabuuf, cubbuus waan diduuf, jaallatee fi barbaadee 213
jireenya cuubbuu keessa waan hin jiraanneef, “Inni hamaan sun isa miidhuu hin danda’u” 214
(1Yoh.5:17). 215
Akka nama kamii jedhee inni jireenya kee lafatti ilaalee sagachiiftaa si bira darbuu barbaadu, 216
gaafa ati diddu humnaan ka’uun isaa hin oolu. Humna qabuu fi meeshaa qabu hundumaa 217
hiriirfata. Haa ta’u iyyuu malee gaafa ati Waaqayyo duratti gad-of deebisuudhaan jalqabdu 218
(akkuma Mordekaayi achii jalqabe), Waaqayyo isa jireenya kee ariifatee karaatti hambisuu 219
barbaade irratti labsii baasa. Gooftaan Yasuus, “Warri natti amanan, bara baraan hin badan” 220
waan jedheef, diinni jireenya kee bara baraan injifatama! Akkuma Mordekaayiif mukti itti 221
rarraafamn ol dheeraan qopheeffameef (du’a dhiphuu cimaa qabu, du’a salphinaa, du’a 222
Page 9
yakkamaan du’un ajjeesuuf), Seexannis har’a amantoota irratti yakka funaanee (waan yaada isaa 223
wajjin waliif hin galleef) ariifatee du’a bara baraa (isa cubbamaan cubbuun isaa hin dhiifamiiniif 224
du’utti) si geessuuf ariifataa jira. Haa ta’u iyyuu malee, Dhiigni Yasuus waan siif dhangala’eef, 225
yeroo dhumaa kanatti illee Waaqayyo siif ga’eera! Ati Waaqayyo duratti gadi of deebisuu fi 226
cubbuu keetti qalbii diddiirrachuu gaafa jalqabdu, Seexanni gubata bara baraa itti dafee si 227
darbachuuf yaaletti ofii darbatama.Guyyaan firdii sun, yeroon dhumaa sun, siif akka isa 228
Seexanni yaadee otuu hin ta’in akka isa Waaqayyo siif kaa’ee taata! “nama Mootiin ulfeessuu 229
barbaadeef” kanatu ta’a siif jedhama.(Mat.25:34 dubbisi) “Ergasii Mootichii warra mirga isaa 230
jiraniin, ‘Isin yaa warra Abbaa kootiin eebbifamtanii, kottaa mootummaa Isaa isa uumama biyya 231
lafaattii jalqabee, isiiniif qophaa’etti galaa!’ ” in jedhaan. Yeroo kana hojii gaarii inni kanaan 232
dura ati gatii itti hinfudhatin hojjechaa turte hundumtuu tokko tokkoon siif lakkaa’amee galata 233
siif kennisiisa! 234
Tarii jirenyi kee har’aa akka ati eebbifamaa taate kan agarsiisu ta’uu dhiisuu danda’a. tarii 235
waa’ee waan gaarii ati godhaa jirtuu fi gootees, namni ta’ee Waaqayyo waan siif hin ilaalle sitti 236
fakkaachuu danda’a. kanuma irratti iyyuu immoo diinni kee guyyaa guyyaatti labsii jireenya kee 237
gabaabsee, guyyaa siif akeekame kana biraa si hankaaksuu labsuu irrraa kan ka’e, jireenya sodaa 238
guddaa qabu jiraachuu dandeessa. Kana irraa kan ka’e, maaliifan Kiristaan ta’e, maaliifan 239
Waaqayyoon sodaadhe, maaliifan akka warra kaaniitti hin jiraanne… silaa anis akkuma warra 240
kaanii ‘jiraachuu’ nan danda’an ture mitii jetta ta’a. Sababii Kiristaanummaa keetiif, waan 241
sagada sirraa barbaadu baay’eef sagduu diduu kee irraa kan ka’e, cubbuun kees sirratti 242
baay’achuu irraa kan ka’e, jireenyi kee kaaraa oliis ta’ee karaa gadii waan dagaatame sitti 243
fakkaateera ta’a. Kiristaanummaa waanuma itti dhalatteef (takkaa waan fudhatteef) keessa jirta 244
malee, tarii biyya kees gad-dhiifteetta ta’a—jechuun koo jireenya Kiristaanummaan sirraa 245
barbaadu illee qixaan jiraachaa hin jirtu ta’uu danda’a! Amma ati fuula Waaqayyootti deebi’uuf 246
gad-of deebisi, inni immoo isa jabaa fi haango-qabeessa hirree isaatiin yeroo ofii Isaatiitti ol si 247
qabuuf ni dhufaa! (1Phex.5:6-9) 248
“Kanaafis, Waaqayyo yeroon isaa yemmuu ga’u akka ol isin qabutti, haka Isaa isa aango-249
qabeessa jalatti gad-ofdebisaa! 250
Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa! 251
Page 10
Of qabaa, dammaqaas! Seexanni amajaajiin keessan, akka leenci yeroo beela’utti aadaa 252
naanna’utti, nama liqimsubarbaadee in naanna’aa.” 253
Egaa Misiraachoo! Diinni kee ariifatu iyyuu Waaqayyoon hin dursu, atis lafaa kaatee jireenya 254
namaa fi Waaqayyo duratti ulfina qabeessa ta’e jiraachuu ni jalqabda waan ta’eef!Diinonni kee 255
immoo badiisaa fi sagantaa du’aa siif qopheessanitti ofii galu! 256
Waaqayyo lolaa fi falmaa dha! 257
258
Waaqayyo si haa eebbisu! 259
260
261
262
263
264
265
266
267
268
269
270
271
272
273
274
275
276
277
278
279
280
Page 11
Ilma Rabbii? 281
282
Fayyinni kannaa tola Rabbi warra Yesuus kiritoositti amananiif kannu dha. “Isin ni’imaa Rabbii 283
tiini amantiin najaa baatan; kun ammo kannaa Rabbii ti malee, waan isin irraa arkamee miti. 284
Dalagaanii sii miti, akka namni tokko illeen ittiin if hin dhaadanne.” (Efe.2: 8-9). 285
Kannaan mindaa ifii irraa adda dha. Namni Kannaa Rabbii fudhachuuf murteeysu nama Isa 286
Kabajuu fi Isa amanu dha. Kannaa Rabbii isa harkaa ti fudhatuu diduun garuu isa tuffachuu fi 287
dhugaa qabaachuu dubii isaa tii ganuu dha. Kun akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti ammo 288
Rabbiin sobsiisuu akka ta’e arkina. “Namni Ilma Rabbiitti amanu hundinuu, ragaa kana if 289
keeysaa qaba; namni Rabbitti hin amanne ammo, waan Rabbi Ilma isaa tiif ragaa bahe san 290
waan hin amaniniif jecha, Rabbumaa huu kijibaa godhuu isaa ti. Ragaan inni bahes, Rabbi 291
jireenya bara baraa nuuf kanne ti jira; jireenyi bara baraa kuniis, Ilma isaa keenysatti arkama 292
kan jedhu. Namni Ilma Rabbii qabu, jireenya kana ni qaba; namni Ilma Rabbii hin qabne ammo, 293
jireenya kan hin qabu.”(1Yoh.5: 10-11). 294
Ilma Rabbii yoo jennu maal jechuu keenya? Gabaabumatti Yesuus Kiristoos jechuu dha. 295
Rabbi tokkicha (Keessa Deeb. 6:4) “...dhaga’i! Rabbi Gooytaan Keenya Rabbi isa 296
tokkicha”.Rabbi inni tokkichi kun qaama (person) sadiiyin bara baraaf jiraata. Qaamni 297
sadeenuus, Qaamoota (persons) isa Rabbiin tokkichi ergaan takkaa ittiin jiraatu. Sadeenuu 298
qamaan gargar yoo tahan waaqummaan (Divinity) garuu tokko dha. Qamman kanniin keeysaa 299
inni tokko Qoowilichaa (the Word [of God]) dha. 300
“Jalqaba qoowlichaa tu ture; qoowlichi niis rabbi wajjin ture; qoowlichinuus Rabbi ture; Inni 301
jalqabumaa kaasee Rabbii wajjii ture. Wanti hundinuus isumaan tahe; waan tahe keeysaa his 302
isaan malee kan tahe tokko illeen hin jiru.” (Yoh. 1:1-3). 303
Akka Kitaabni Rabbii himtutti, Qoowlichi inni jalqabaa kaasee ture (jechuunis inni bara baraa 304
jiraataa ta’e), inni ifii isaa tii Rabbi tahe, Inni ammo wanti hundumtuu isaan tahe (jechuunis inni 305
uumaa tahe) kun jasada (flesh) tahee ti gara addunyaa kanaa dhufe. “Qoowlichi jasada tahee ti, 306
nu jidduu buufate. Ulfina isaa kan ni’imaa fi dhugaa dhaan guutamees agarre; ulfinni isaa tiis 307
kan Ilmi tokkichi Abbaa isaa irraa arkatu ture.” (Yoh.1:14). Akkasitti qoowlicha inni ture sun 308
nama tahee; namninuus Yesuus Kiristoos jedhama. 309
Yesuus kun kan inni dhalate akkanatti ture. Guyyaa tokko Jibiril maleeykichi, Rabbi birahii 310
ergamee, gara intala Maariyaam jedhamtu takkaa dhufe. Maariyaam tun namicha Yoseef 311
Page 12
jedhamuu tokkoof qaadhimamtee ti turte. Maleeykichis isiitti mullatee ti, “Nagaan siif haa 312
ta’hu,ati tan ni’imaa arkatte, kunoo Rabbi Gooytaan si wajjiin jira” jedheen. Isiin immo waan 313
inni dubbate hedduu isii rakkifnaan “Nageenyi akkasi tii maal?” jettee qalbii isiitti yaadde. 314
Hoggus maleeykaan isii dhaan, “Yaa Maariyaam, Rabbi biraa ni’imaa arkattee ti jirtaa, hin 315
sodaatin! Kunoo gadameessa kee keessatti ni ulfoofyta, ilmas ni deeysa, maqaa isaa tiis Yasuu 316
jedhii tii moggasi! Inni beekamaa dha taha, Ilma Gooytaa jedhamee ti yaamama,…barabaraan 317
moha, barri mootummaa isaatii dhuma hin qabu” jedhe. (Luq.1: 26-33) 318
Maariyaam hoggus, “Ani dubra birkaa waaniin taheef jecha, kun akkamitti tahuu 319
dandaya?”jettee ti maleeykaa gaafatte. Maleeykichi immoo, “Ruuhal Qudus si irra dhufa, 320
humniti Gooytichaa tiis siif gaaddiddeeysifti; kanaaf jecha mucichi qulqulluu si irraa dhaltu kun 321
m Ilma Rabbii jedhamee ti yaamama… Rabbi biratti wanni hin dandayamne humaa takka illee 322
hin jirtu” jedhee ti deebiseef. (Luq.1:34-37). Maariyaamis achumaan ulfooyte. 323
324
Maariyaam isaa wajjin odoo wal bira hin gahin waan ulfooytee harkamteef, qaadhimaan isii 325
Yoseef dhoysaatti isii dhiisuuf murteeyse. Odoo Yoseef kana yaadaa jiruu jiruu, kunoo 326
maleeykaan Gooytaa dhaa, manaamatti itti mullatee ti, “Yaa Yoseef ilma Daawwid, Maariyaam 327
qaadhimaan tee, Ruuhal Qudusiin waan ulfooyteef jecha, isii fudhachuu hin sodaatin! Isiin ilma 328
ni deeysi; atiis maqaa isaa ‘Yesuus’ jettee ti moggaafta; inni ummata isaa dilii isaanii irraa 329
isaan najaa baasa” jedheen. Maat. 1:18-21) ` 330
Yaa obboleeysa/obboleettii kiyya, tarii gaaffiin “Maaliif Yesuus akkasitii dhufe?” jedhu qalbii 331
keeysa si naanyti taha. Dubbiin as keeysatti himamtes asoosama sitti fakkaattee jirti taha. Haa 332
tahu iyyuu malee garuu, dubiin kun dubbii dhugaa dha. Sababni Qoowlichi jasada tahee ti 333
dhufeef sanyii adam hundaatu diliin isaaniitiin gabroomee ti jira. “Hundinuu yakkanii tu jiru 334
ulfinni Rabbii tiis isaanirraa irratee ti jira.” (Rom.3:23). Akka Kitaabni Qulqulluun baanu, 335
“Mindaan dilii dhaa du’a” (Rom.6:23). Kanaafuu namni hudinuu Rabbiittii adda bahee, aangoo 336
du’aa fi Sheexanaatiin qabamee gara dhibbuu barabaraatti deemaa jira. Egaa eenyutu nama abdii 337
hin qabne kanaaf gaha ree? 338
Rabbi dhala namaa ni jaalata. Inni siin illee si jaalata. Kanaaf nuuf dirmannaa dhufe ti 339
jira.“Rabbi akkanumatti tokkicha Ilma isaa hamma kannuufitti addunyaa jaalate; Kan isatti 340
amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuufi malee, haa baduuf miti. Rabbi addunyaatti 341
farachiisuuf odoo hin tahin, biiyti addunyaa isaan najaa haa baatuuf jecha Ilma isaa addnyaatti 342
Page 13
erge. Ilma isaatti kan amanu firdiin itti hin godhamtu, isatti kan hin amanne garuu, maqaa 343
tokkicha Ilma Rabbiitti waan hin amaniniif jecha, ammuma illee duruun firdiin itti godhamtee ti 344
jirti.”(Yoh.3:16-18). 345
346
Yaa Obboleeysa/obboleettii kiyya, dubbii Rabbii isa dhugaa fi qulqulluu kana dhageeysee ti jirta. 347
Dhugaa dhageeyse kana amantee hoggaa Rabbitti jireenya kee laattee wabii jireenyaa ni 348
qabaatta. Yesuus, “Hoolonni kiyyaa sagalee tiyyaa ni dhagyu; ani isaan nin beeka, isaaniis na 349
duukaa dha bu’u. Ani jireenya bara baraa isaaniif nin kanna, isaaniis Abadan hin badan, namni 350
tokko illeen harka kiyya keeysaa isaan butuu hin dandayu. Anii fi Abbaan tokkuma” jedhe. 351
352
Egaa atiinis fedhinnaa keetiin jireenya bara baraa arkachuu murteeysinaan akkana jedhii Rabbiin 353
Kadhadhu, “Yaa Goytaa Yesuu, ani amma duubii kee isan dhagaye kanatti amanee siiyiin gara 354
jireenya kiyyatti affeeruuf murteeysee tiin jira. Gara onnee tiyya kottu. Dilii kiyya hundaa irraa 355
najaa ana baasi. Araara anaaf godhi. Jireenya bara baraa tiis naaf kanni. Yaa Rabbi, micaa kee 356
ana godhadhu; waan na dhageeyseef sin galateeffadha. Maqaa Ilma Kee Gooyitaa Yasuus isa 357
gara biyya addunyaa dhufee waa’ee kiyyaaf dhiphina hundaa fudhateen. Aammiin!” 358
359
Gaaffii ykn yaada yoo qabaatte teessoo kanatti fufee jiruun nu qunnami: 360
361
362
363
Teklu T. Guta 364
The Word-the Blood-the Spirit 365
PO Box 46681 (Finfinne) 366
E-mail: tekluwbs@yahoo. 367
368
Page 14
Ati Maalitti Gammaduuf qopha’aa jirtaa? 369
Bar tokko namicha sooressa tokkotu biyya tokko keessa ture. Namichi kunis qotiisa qaba 370
ture. Guyyaa tokko Midhaan inni qote toleefii jennaan garaa isaatti akkas jedhe, “Yaa 371
namummaa koo, waggaa baay’eedhaaf kan si ga’u waan gaarii hundumaa lafaa qabda; amma 372
egaa dhimma hin qabaatin, taa’ii, nyaadhuu, dhugii gammadis! ” (Luqa.12:19) Waaqayyo 373
immoo namicha badhaadhaa kanaan akkas jedhe, “ Yaa gowwaa edana lubbuu kee si duraa 374
fudhachuuf jiru; egaa kan ati qopheessite kun hundinuu eenyuuf ta’a ree? ” Yesuusis itti dabalee, 375
“ Namni badhaadhummaa ofii isaatiif tuullatee, Waaqayyo biratti immoo badhaadhaa hin ta’in, 376
kunoo akkas in ta’a! ” jedhe. 377
Yaa fira koo, namichi badhaadhaan kun maal bal’eessee? Lafa kana irra bara jiraatuuf waan isa 378
ga’u bilcheeffateera. (Hubadhu sassaabachuuf yeroo hin argatnee!) Garuu boqonnaa galgalaa, 379
Yeroo lafa kana irraa godaanu waan itti gammadu hin qopheeffanne! Akka yaada namicha 380
kanaatti, lafa irra gaafa hundumaa kan jiraatu itti fakkaateera. Biyya lafaa irratti umurii dheeraan 381
qaba jedhee ti yaade. Namni jiraachuufis buddeenni/nyaatni qofaan waan ga’aa ta’ee itti 382
argameera. Sitti maaltu argamaa jiraa? 383
Namichi gowwaan kun egaa gombisaa isaa jijjiiree kan biraa ( guddaa isaa ) ijaaruuf ; midhaan 384
isaas walitti qabatee yeroo dheeraa taa’ee nyaachuu utuu karoorsuu, Yeroo inni itti hin Yaadinitti 385
lubbuun isaa duraa fudhatame. Wanti inni karoorfatee fi qopheeffates isaaf hin taane. Dhiisee 386
sokke! [ Namichi kun gowwaa kan jedhame namootaan ykn yaada isaan otuu hin ta’in Isa garaa 387
nama hundumaa beeku Waaqayyoon!] 388
Gowwummaan nama kanaa hojjetachuu isaa irraa hin dhufne. Karoorfachuun isaas cubbuu hin 389
turre. Garuu garaa isaa waan darbu qofaa irratti hidhachuu isaatu isa galaafate! Waa’ee mana isa 390
bara baraan keessa jiraatuu dhimma hin godhanne! Godoo isa yeroo muraasa keessa jiraatu 391
qofaatu isa mo’ate. Yaa michuu koo, Yaadni garaakeetii maalitti hidhamee jiraa? Waa’ee 392
jireenya bara booddee karoora fi qophii qabdaa laata? 393
Jireenya har’a jiraatuun fuula Waaqayyootti gowwaa moo ogeessa jedhamtaa? Atis namummaa 394
keetiin, ‘kan si ga’u qabdaa!’ kan ati jettu maal inni? Yoo, akkuma namticha waa’ee isaa 395
dubbifatte kanaa, Buddeena [waan har’a mul’atu] qofaatti gammaduuf qophooftee jirta ta’ee, 396
dhumni kan kees kan baa’ee nama gaddisiisu ta’a. Guyyaa lubbuun kee si irraa fudhatamtu inni 397
ati walitti qabattus nama inni ta’uuf hin beektu. 398
Page 15
Gooftaan Yesuus akkas jedhe, “ Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan 399
Waaqayyoo keessaa ba’u hundumaan malee. ” kanas jechuun namni jiraachuu yoo barbaadee, 400
Waaqayyoon dhagahuu fi dubbii isaa eeguutu isa barbaachisa. Waaqayyos nama hundumaa waan 401
hubachiisuu barbaadu qaba; “Lubbuun isa cubbuu hojjetu haa du’u! ” (Hisq.18:20) “Beenyaan 402
nama cubbuu hojjetuu du’a” (Rom.6:23). “hundinuu Yakkaniiru ulfinni waaqayyoos isaanitti 403
hir’ateera”(Rom.3:23). Kunis namootni hundinuu du’a jalaa dandeetti ittiin bahan akka hin 404
qabne agarsiisa. Garuu immoo Waaqayyo akkas jedha “ Namni jal’aan karaa isaa irraa deebi’ee 405
akka jiraatu malee, ani dhugumaan du’a isatti nan gammadaa ree?” (Hisq.18:23) ‘Namni dubbii 406
koo dhaga’ee karaa koorra yoo adeeme jireenya ni argata.’ 407
408
Tarii amma ati akkas jetta ta’a, “Ani hojii gaarii baay’een qaba. Yeroo baay’ees nan sooma. 409
Waan manni amantaa ana gaafatu hundumaas nan raawwadha… kanaafuu ani jannata rabbiitti 410
nan gala”. Hojii gariin ati goote hundumtuu ba’eessa. Garuu isa Waaqayyo siin jedhu dhageessee 411
karaa isaa irra yoo adeemte malee iddoo jireenyaa ga’uu hin dandeessu. Karaa isa sirrii irra hin 412
jirtu taanaan gara hin feene[gara du’a bara baraa] dhaqaa jiraachuu kee ammuma beeki! 413
Waaqayyo waa’ee Yesus akkas jedhe, “Kun ilma koo isa ani jaalladhu, gammachuunkoos isatti 414
in raawwatama; isa dhaga’aa!” (Matt.17:5). Yesus immoo akkas jedha, “Garaan keessan hin 415
raafamin, Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa” (Yoh.14: 1). “karichi, dhugaan, jireenyis ana; 416
anaan yoo ta’e malee eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu! ” (Yoh.14:6) “Dhuguma, dhuguman 417
isinitti hima, dubbii koo dhaga’ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du’a 418
keessaa gara jireenyaatti darbe malee, gara firdii hin dhaqu ”(Yoh.5:24). Kitaabni qulqulluunis 419
akkas jedha, “ Waaqayyo, akkasumatti tokkicha ilma isaa hamma kennutti biyya lafaa jaallate; 420
kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti! 421
” (Yoh.3:16). 422
Yesus itti dabalee, “ Namni biyya lafaa guutummaatti yoo buufate, lubbuu isaa garuu yoo dhabe 423
bu’aan isaa maal ree? Ykis namni gatii lubbuu isaa maal kennuu danda’a ree?” (Luq. 16:26) 424
“Ani jireenya akka qabaattaniifan dhufe” (Yoh10: 7-10) “Ana karri dhugaan; anaan olgalaa.” 425
(Yoh.10:10) jedhe. 426
Egaa Yesusitti amantee yoo jiraatte, guyyaa lafa kana irraa godaantu ulfinatu si eeggata. Yesus, 427
“Du’aa ka’uun jireenyis ana. Namni anatti amanu yoo du’e illee in jiraata” (Yoh.11:25) jedhe. 428
Isatti amannaan dhuguma gammachuu fi boqonnaa guddaatu si eeggata. (Matt. 11:28-30) . 429
Page 16
sooressi gowwaan sun ofuma isaatii sooroma lafa irraa qabuun of jaje malee Waaqayyo biratti 430
garuu deegaa homaa hin qabne ture. Biyya lafaa irraa yemmuu deemus dhipinatu isa eeggata. 431
Yaa obboleessa/obboleettii koo, tarii atumti iyyuu gowwummaan yeroo dabarsaa jirta ta’a. 432
Adaraa kee gammachuu fi ulfina yeroo gabaabduu ilaaltee isa bara baraa sana keessaa of hin 433
dhabsiisin! Waaqayyo si jaallata hoo! Amma iyyuu harka isaa bal’isee akkas jechuu kee eega, 434
“Yaa Waaqayyo, gooftaa isa hundumaa uumtee fi jiraachiftuu, ani gara keettan deebi’aatii atis 435
araaraan gara kootti deebi’i. Cubbuu koo hundumaas anaaf dhiisi. Karaa jireenyaa isa ta’e ilma 436
kee Yesusitti nan amanaa. Atis isaaf jedhii na simadhu. Jireenya ati karaa isaa kennitus 437
fudhadhee jiraachuuf amma fuula kee duratti waadaa nan gala. Egaa kana booda jireenya si 438
biratti badhaadhaa ta’e jiraachuuf ana gargaari. 439
Gooftaa Yesus, ati har’aa kaaftee gooftaa jireenya koo anaaf ta’i. Ameen. ” 440
Kadhata kana garaa kee irraa kadhatte yoo ta’eef ati kana booda jireenya haaraa jalqabdeetta. 441
Jireenya haaraa kana itti fufuufis ta’ee keessatti of eeguuf: 1.Waaqayyoon kadhadhu 2. dubbii 442
Waaqayyoo dhaga’i/ dubifadhu 3. amantootaa Wajjiin tokkummaa uummadhu. Waaqayyoo si 443
haa eebisu! 444
Gaaffii ykn yaada yoo qabaatte teessoo kanaan nu qunnami ykn nuuf barreessi: 445
446
Teklu T. Guta 447
The Word-the Blood-the Spirit 448
PO Box 4003 (Finfinne) 449
E-mail: [email protected] 450
Page 17
Ergaa Waggaa Haaraa! 451
Wagaan kun kan gammachuu fi eebbi dhugaan jireenya kee keessatti heddumatu, kan boqonnaa 452
dhugaa itti boqottu, akan abdii haara’ee fi mul’ata jiraatu keessatti horattu sii fi namoota ati 453
jaallatt hundumaaf haa ta’u! [Yoo sitti tole hiriyootaaf firoota jaallattuuf errgaa Waggaa haraa 454
kana dabarsuufiin hin badu]. 455
456
Yeroo barri tokko bara biraatti darbu, dursees ta’ee isa booda wanti amaleeffatame tokko hojii 457
ofi ilaaluu fi karoora gara fuula duraa baafachuu dha.Mootonnis ta’ee jaarmiyaaleen garagaraa 458
kana gochuun beekamoo dha. “Waggaan darbe bu’aa maalii keessatti buufanne?Maal keessatti 459
kisaarre, tarsiimoo akkamiitu nuuf hojjete? kamtu immoo nurratti hojjete? maal baranne? ...” fi 460
kan biraas yeroo it gaafatamuu fi deebiin itti kennamuu yaalamu dha. Karoorri bara itti aanuus 461
utuu barri inni ‘haaraan’ hin galin ykn akkuma inni jalqabeen ba’a! Kun shaakala gaarii akka ta’e 462
ani illee nan fudhadhadha. 463
464
465
Waaqayyos baroota keessatti gaaffii Inni dhala namaa gaafataa ture keessaa tokko, 466
“dhaabadhaatii karaa keessan ilaalladhaa!” kan jedhu dha. Kana jechuun waa’ee amalaa fi hojii 467
keenyaa ti malee immoo waa’ee karaa isa lafa tokko lafa biraati nu geessuu miti. Waaqayyo 468
akkas jedha,”Amala keessanii fi hojii keessan tolfadhaa, walii wajjin jireenya qajeelaa 469
jiraadhaa!” (Erm.7:5). 470
471
Tarii amala akkamiitu nu bira jira laata, fuula Waaqayyoo duratti sirreeffamuun kan isa 472
barbaachisu? Walii keenyaa fi Waaqayyoo wajjinis eessatti wal dhabnee fi wal badnee jirra 473
laata? “Amma sirreeffadhaa!” jedha egaa sagaleen Waaqayyoo!(Efe.4:26) Waamicha jabaa 474
kanatti diddaa agarsiisuun, harka Waaqayyoo keessaa eebba nuuf dhufu jijjiirsisuu ni dand’aa. 475
Gooftaan barootaa akkas jedheera waan ta’eef,”Isin adduma addaan karaa keessan isa hamaa 476
irraa deebi’aatii, jireenya keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa! Kanaa achi ani kunoo waan 477
hamaa isinitti nan fidaa, akeekas isin irratti nan baafadhaa!”(Erm.18:11). 478
479
Haa ta’u iyyu malee, warri gara Waaqayyootti deebi’uuf murteeffatan dheekkamsi Waaqayyoo 480
akka hin bobaane gochuu ni danda’u.Yeroo nuti amala keenyaa fi hojii keenya sirreeffannu, 481
Page 18
yeroo nuti Waaqayyoon Gooftaa keenyaaf abboomamnu, Inni immoo wanta hamaa nu irratti 482
fiduu yaade ni dhiisa!(Erm.26:13). 483
484
Waaqayyo du’uu nama cubbamaatti tasumaa hin gammadu. Innuu akkasitti dubbateera,”Maaliif 485
duutuu...? Ani du’a namaatti hin gammadu, kanaaf yaada garaa keessanii geddaradhaatii 486
jiraadhaa!” (Hisq.18:31-32). Egaa bara kana keessattis ta’ee bara baraan jiraachuuf,Waaqayyo 487
karaa/xurree isaa nutti agarsiisaa jira jechuudha. 488
489
Egaa barri haaraan, kan keessatti inni gaarii ta’e, fi karoorri jireenyaa akkasumas misooma of 490
keessaa qabu, inni Waaqayyo karaa Gooftaa keenya Yasuus Kiristoos bakkeetti baase nu 491
raawwatu malee, kan nuti yakkaa fi irra-daddarba keenyaan ulfina keenya salphinatti, eebbba 492
keenya abaarsatti of jalaa geddarsiifnu nu duraa hin ta’in! 493
Waaqayyo isiin haa eebbisu! Utuma cimuu fi ulfaatuu dubbiftanii as irra ga’uu keessaniif eebba 494
deebi’uu fi Waaqayyoo wajjin walitti araaramuu argachuuf murteeffattan jechuu dha. 495
[Na ofkalchaa akka keenyeffannuuf jedheen “sii” jedha] Tarii dadhabbii ofii kee kan bara 496
dheeraaf keessatti hidhamte qabaachuu dadeessa. Tariis namoonni haala jireenyi kee keessa jiruu 497
fi seenaa kee kaleessaa ilaalanii karaa sirraa jal’ifatan ta’uu danda’a ta’a. Tarii immoo atumtuu 498
akka waan dheekkamsa Waaqayootiin adabamuuf uumamtetti of lakkkofteetta ta’a. Yaadni 499
Waaqayyoo garu kana irraa adda! Kunoo ani oduu gammachiisaan bara haaraa kana keessatti 500
Waaqayyo biraa siif qaba. Mee qalbifataan ishee kanas dubbifadhu: 501
Waaqayyo siin guddisee si jaallata. Isaaf waa’ee jireenya kee isa dadhabbii fi hir’ina baay’ee 502
qabuutu haajaadha miti. Isaaf waa’ee garaan kee gara Isaatti deebi’uuf murteeffachuutu dhimma 503
guddaadha malee. Inni garaa kee ilaalu Waaqayyos,”Yoo deebite, sin deebisa!” siin jedha. 504
Kunis, “Sin deebisa, ati fedhii deebi’uu yoo qabaatte, ati du’a jalaa dheessuu/baqachuu 505
barbaadda taanaan” jechuudha. Waaqayyo ammuma siin oolchuuf qophaa’ee jira. Mee baay’ee 506
yeroo hin fudhatiniitii, waan irraa deebi’uu qabduuf amma tarkaanfii tokko jalqabi. 507
Gooftaan Yassuus,”Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti ulfaate hundinuu 508
gara koo kottaa;ani boqonnaa isiniifan kenna...boqonnaas lubbuu keessaniif in 509
argattuu!”(Mat.11:28-30) jedheera. Har’a iyyuu, keessattuu yeroo amma keessa jirtu kana 510
keessatti, Uumaan kee harka bal’isee si waamaa jira! Barreefamumti kun si dhaqabuun ishii illee, 511
atis dubbiftee as ga’uun kee akka Waaqayyo balbala araaraa siif banee jiru; jireenyi kee immoo 512
Page 19
Isaaf barbaachisaa akka ta’e kan agarsiisu ta’uu hafaa? 513
Yaada kee keessatti, “Maal godhu egaa amma? Essaa jalqabu?” jettee yaadda yoo ta’eef gorsa 514
gabaabduu ishee siif kennuun yaala. 515
1. Carraa deebi’uu siif kennuu Isaatiif Waaqayyoon galateeffadhu! “Yaa Waaqayyoo kiyya, atoo 516
edaa ana hin dhiifne!...” Jedhiin. “Jireenyatti jiraadhee otuun jiruu, iji kiyya dubbifachuu otuu 517
danda’uu, qabliin kiyya hubachuu otuu dandeessuu, yeroo sii wajjin walitti araaramuu waan 518
anaaf qopheessiteef sin galateeffadha!...” jedhii dhugaadhumaan onnee kee irraa Uumaa kee Isa 519
si jaallatu galatteeffadhu! 520
521
2. Cubbuu kee Waaqayyotti himadhu. Barootaa fi guyyoota keessatti beektees, utuu hin beekins 522
Waaqayyoo fi namoota gaddisiifte/yakkite, isa jireenya ufii kee irratti iyyuu hameenya adda 523
addaa raawwattee, utuu hin dhoksin Waaqayyootti himii dhiifama gaafadhu. 524
525
Kana jechuun, waan Gooftaan si irratti hin beeknetu jiraaf itti himuun barbaachise miti. Garuu 526
garaan namaa gaafa dhugaadhaan waan itti dadhabe himachuu danda’u, gaafa immoo isa itti 527
gaabbe irraa deebi’uuf murteeffatu, humna moo’ichaan jiraachuu argata jedhuudha malee. 528
Kitaabni Qululluun, 529
”Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus 530
garuu, araara ni argata” jedha(Fak. 28:13) 531
3. Gooftaan Yasuus gara jireenya kee akka dhufu fi hafuura Hsaatiin waan itti dadhabde 532
hundumaatti akka si gargaaru gaafadhu. 533
4. Macaafa Qulqulluu argachuu dandeessa taanaan, ammumaa qabii dubbifachu jalqabi. Karoora 534
Waaqayyo jireenya keetiif baases achi keesssaa ni argattaa. Siif Waaqayyo yaada gaarii qaba 535
waan ta'eef! 536
537
5. Naannoo jirtutti bakka namoonni dhugaadhaan Waaqayyoon Waaqeffatan jiran dhaqiitii 538
sagalee Waaqayyoo barachuu fi isattis guddachuuf waan sirraa barbaachisu hundumaa jalqabi. 539
Tarii Kanumaan dura iyyuu harka kee Gooftaatti kennattee otuu jirtuu, jireenyi kee cubbuudhaa 540
fi karaa malee jiraachuudhaan guutee jira yoo ta’e, harka kee gara Waaqayyo Isa abbaa kee 541
ta’eetti ol qabiitii waadaa kee haareffadhu. Waaqayyoofis kakadhu, Innis kakuu haaraa sii wajjin 542
gala! Hafuurri Qulqulluun dhufee humna moo’ichaa akka siif kennuuf gaafadhu. 543
Page 20
Akkasitti balaa dhufuuf jiru jalaa oolla! Raafama/kerkera dachee fi lolaa bishaanii akkasumas 544
lola beekamaa qofaatu balaa miti. Balaa cimaa of keessatti kan baatuu fi kan irratti warraaqsi 545
barbaachisu yoo jiraate cubbuu dha. Seexanni yoo hammam nu jibba ta’e ilee nutti faraduu fi nu 546
ajjeesuuf hin danda’u, garuu nuti cubbuu jalatti kufnee ofuma keenyaa firdii Waaqayyoo jala 547
akka of galchinu yaala. Waaqayyo isa haa ifatu! Nulleen irratti dammaquunis gaariidha. 548
Rakkoo fi balaa cubbuun namatti fidu siyaassi fi dhaabbileen gargaarsaa, mootummaa fi 549
walta’iin mootota gamtoomanii, waldaa dargagootaa fi waldaan dubartootaatti ijaaramuun, 550
Ogeenyyiin yaala fayyaa fi bulchitoonni biyyaa fi magaalaa hikuu hin danda’an. Cubbuu fi hojii 551
biyya lafaa kan mo’atu danda’u, Kiristoosittii nama baqatee fi Hafuurri Kiristoos isa keessatti 552
kan hojjetu qofa(1Yoh.1:5;4:15). 553
Tarii, “Maal na godhe cubbuun! Seexannis maal na godhe? Anoo isumaa wajjinan jiraadhaa!” 554
warri jedhan warra bulchaan mootummaa dukkanaa ija isaanii haguugee jiru dha, miliquun akka 555
isaan barbaachisus warra hin hubanne. Gara itti deemsisu wallaalchisee ajjeesuuf deema. Nama 556
akkasiitiin, “Boolla siif qopheessee, Seexanichi itti si oofaa jira; ati illeen gargaartee biraan of 557
gahuuf deemaa jirta tii, mee irratti dammaqi!” jechuun barbaada. 558
559
Kun egaa oduu guddaa kan Waagaa haaraa fi guyyoota hundumaa ti. 560
Waaqayyo eebba Isa beekuu fi Isatti cichanii hafuutiin isinii fi maatii keessan hundumaa haa 561
eebbisu! 562
Yaadaa ykn gaaffii yoo qabaattan e-mail kanaan na qunnamuu dandeessu: 563
[email protected] . Wanti guddaan garuu, Isa waa’ee keessan beekuu fi eenyuun iyyuu 564
caalmaatti isin barbaadu Waaqayyoon dursa qunnamuun ogummaa dha! 565
Odeeffannoo dabalataatiif, www.wordbloodspirit.ewebsite.com daawwachuu dandeessu! 566
Baga Waggaa haarayaa geessan! Waggichi kan eebbi jireenyaa fi gammachuun wal irraa hin 567
cinne itti isinii fi mana keessanifis baay’atee haa ta’u! 568
Page 21
569
570
Yas u u sitt i Aman uu k e e tiin Ak k as taate e m!
1. Waaqayyo Namoota in Jaallata: siinis Waaqayyo si jaalata.
<[]>Jaalalli Waaqayyoo immoo irra caalaatti Karaa Yasuus Kiristoosiin Mul’ate.
Yoh.3:16 Waaqayyo tokkicha Ilma Isaa hamma keennutti guutummaa biyya lafaa jaallate
Rom.5:8 Kiristoos nuuf du’uu isaatiin Waaqayyo jaalala nuuf qabu agarsiise
<[]>Jalalli gaarummaatti gammada malee miidhama isa jaallatuutti hin gammadu. Mitii?
Waaqayyo cubbuu hin jaal’atu. Cubbamaan immoo akka du’u hin barbaadu.
Hisqeel 18:23, 32; Hisqeel 33:11
Faaruu Erm 3:33
Hos 11:8
2Xim.2:4
2Phex 3:9
<[]>Kutaa kana irra dhaabadhuutii Waaqayyo jaalala Inni siif qabuuf Isa galteeffadhu! Utuu
Inni siin hin jaalatu ta’ee, yeroo ati cubbuu hojjette, yeroo diinonnii kee si irratti ka’an,
yeroo namoonni hamaa si irratti yaadan, Yeroo atumti immoo of irrattti hamaa yaadde,
badiisa guddaa badda turte. Jireenyas otuu hin argatin hafta turte. Ulfina otuu hin ta’in,
dhiphina barabaraatu qooda kee ta’a ture. Jaalalli Waaqayyoo garuu kunoo abdii jireenya
barabaraa siif laateera.
2. Hundumatu Yakke: Atis nama cubbamaa/mtuu dha
<[]>Waaqayyo siin si jaalata malee, cubbuu kee ijaa ba’uu barbaada. Cubbuun seera irra
daddarbuu dha. Cubbuun Namaaf Waaqayyo gidduutti gargar bahumsa uuma.
Lallba 7:20- namni cubbuu hin qabne tokko illee hin jiru
Rom 3:19-23 Hundumatu yakke
Gal.3:22 Hundumtuu cubbuu jala galee jira
1Yoh.1:8 Cubbuu hin qabnu yoo jenne of sossobna
Page 22
3. Gatiin cubbuu du’a: Yasuus Kiristoos keessa hin jirtu taanaan atis du’a/tu dha
<[]>Duuni kunis barabaraan Waaqayyottii gargara bahuu dha. Duuni gosa sadiitu jira.
o Du’a foonii===isa foonnii fi lubbuun gargar bahu. Duuni akkasii kun gaaf
Addam cubbuu hojjete jalqabee nama irratti mo’e.
o Du’a hafuuraa===Isa otuma fooniin jiranii, hafuuraan garuu Waaqayyoottii
gargar bahanii jiraatani. Addaan cituu wal-qunnamtii namaa fi Waaqayyo
gidduu jiru irraa kan dhufu. Namni tokko utuu gara Gooftaa Yasuus dhufee Isa
Gooftaa jireenya isaa hin godhatin dura, karaa hafuuraa du’aa dha. (Efe.2:1-5;
4:18; 1Xim.5:6; Mul. 3:1)
o Du’a lubbuu=== Kun isa guyyaa dhumaatti, warri karaa Kiristoositti amanuu
araara Waaqayyoo hin fudhatin Seexanaa fi ergamoota isaa wajjin galaana
abiddaatti darbataman kan agarsiisu dha (Mul.20:11-15). Kunis barabaraan
Waaqayyoo, Isa gammachuu fi nagaa akkasumas boqonnaa namaaf kennuu,
irraa gargar bahuu dha. Abdii tokko malee dhiphina xumurama hin qabne
keessa jiraachuu!
o
<[]>Warreen kun sadeen walumaa galatti du’a jedhamu. Yoodhuma hundi isaanii gatii
cubbuu ta’an iyyuu, isa jalqabaa nama hundumaatu dhandhama. Inni lammaffaan immoo isa
sadaffaatti ceesisa. Kana jechuunis, namni tokko Yasuus Kiristoosiin amanuudhaan du’a
hafuuraa keessaa hin dammaqu taanaan dhiphina bara baraa jalaa karaa ittiin hafuu danda’u
tokko illee hin qabaatu.(Efe.5:14)
<[]>Wantoota cubbuun nama irratti fidu keessaa inni guddaan Waaqayyotti gargar baasuu
dha. Kunis karaa biraa du’a jechuu dha. Waaqayyottii gargar bahuun immoo, jireenyattii,
nagaattii, ulfinattii, gammachuuttii gargar bahuu dha. [Mee atumti halkan itti waa sodaattee
ykn dhiphattee halkanni sitti dheerate yaadadhu: “Yoom bar’aa?” halkan itti jette. Bara
baraaf nagaattii adda bahuun hoo hammam caalaatti ulfaataa ta’uu danda’a ree?]
Isa.48:22 Nama cubbumaadhaaf nagaan hin jiru
Hisq.18:4,20; Luubuuu cubbuu hojjetutu du’a
Roma. 6:23 Gatiin nama cubbuu hojjetuu du’a
Rome.5:12—Hundumtuu waan yakkaniif duuni nama hundumaatti dhufe
Yaaqob 1:15 cubbuun du’a deessi
Page 23
Mul’ata 21:8—cubbuun galaana abiddaatti gatamuutti nama geessa
4. Karaa Kiristoositti amanuu abdiin jireenyaa dhala namaatiif jira: Atis Yasuusiitti
Amanuudhaan Fayyite!
AKkuma armaa olitti arginetti, cubbuun nama ajjeesa. Cubbamaanis ni du’a. Garuu kun
seenaa isa dhumaa miti. Ammallee nama cubbamaadhaaf abdiin jireenyaa waan
jiruuf.Eessaa?
<[]> Cubbuun dhala namaa akka galaanaatti liqimsee jira. Namni galaanaan liqimsfame kan
biraa kan isa baasu barbaada. Kanaa achi du’a ooluu hin danda’u. Akkasuma namni
cubbamaan du’a jalaa olluu kan inni danda’u gargaarsa yoo argate qofa. Garagaarsi galaana
cubbuu keessaa nu baasuu danda’u immoo fayina karaa Gooftaa Yasuus mul’ate
qofa. Namni Yasuusitti amanauudhaan dhiiga Isaatinis dhiqachuudhaan qulleeffama.
(1Qor.6:11; HoE. 26:14-18, 1Phex.1:2).
Dhugaan ati amantee, itti cimuuf deemtu egaa isa kana.
Ati gaafa Yasuus Kiristoositti amantee kaaftee wantoota hedduu argattu keessaa warren
gurguddoon:
Mucaa Waaqayyoo tata
Yoh.1:11-12- Warra isa simataniif ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif gooftummaa isaaniif
kenne; isaanis warra Maqaa isaatti amananidha
Warri Ijoollee Waaqayyoo ta’an immoo mootummaa abbaa isaanii ni hirmaatu.
Rom.8:17Ijoollee Waaqayyoo erga taanee warra waan hundumaa isaa wajjin argatan in
taana.
Galatiyaa 3:29—sanyii Abriham erga taatanii waan Waaqayyo abdachiise ni argattu
Yoh.1:11-12- Warra isa simataniif ijoollee Waaqayyoo akka ta’aniif gooftummaa isaaniif
kenne; isaanis warra Maqaa Isaatti amanan dha.
Page 24
Dhiifamuu cubbuu keetii argatta
Qol. 1: 12-14 Ilma Isaa kanaan furamuu, dhiifamuu cubbuus arganneerra.
Rom.8:1 Warra Kiristoositti amananitti firdiin itti muramu hin jiru
HoE.10:43-Namni isatti amanu hundinuu Maqaa isaatiin dhiifamuu cubbuu in argata
HoE.13:38-39 Yasuusitti kan amanu hundinuu hiikama ni argata
HoE.26:18 Yasuus, “Anatti amanuudhaan dhiifamuu cubbuu isaanii argaranii…”
Ibiro.9:22,28 –Dhiiga malee dhiifamni cubbuu hin jiru
Jireenya barabaraa qabaatta
Yoh.5:24 Namni anatti amanu du’aa gara jireenyaatti darba
Rom.5:21-Karaa Yasuus jireenyi barabaraa mo’a
Tit. 3:7 Waaqayyo, ayyaana Kirstoosiin qajeelotatti lakkaa’amenee, abdii jireenya
barabaraa akka argannuuf kana nuuf godhe
1Yoh.2:24-25- Abdiin Waaqayyo nuuf kenne jireenya barabaraa ti.
Kennaa Fayyina fudhatta
Namni tokko gaafa Gooftaa Yasuusiin jireenya isaa irratti moosisu yookiin immoo fayyisaa
jireenya isaa godhee fudhatu, fayina argata. (Rom3:23-26; Efe2:4-5;2Tes 1:8-10)
Akka kutaalee kana keessatti arginutti:
Namni tokko gaafa sagalee Waaqayyoo dhaga’ee, Yasuusiin garaa isaa guutuu gara
jireenya isaatti affeeru, Gooftaan gara jireenya isaa ni dhufa.
Namni Yasuusiin jireenya isaatti affeeruudhaan isa simate immoo Mucaa Waaqayyoo
ta’uuf gooftummaa (aboo) argata.
Namni Yasuusiin amanuudhaan mucaa Waaqayyoo ta’e kun immoo jirenya bara
baraa qabaata(1Yoh.5:10-12)
571
Page 25
BARUMSA BU'UURA AMANTII KIRISTAANAA
K U T A A 1 : J I R E E N Y A H A A R A A K I R I R S T O O S I T T I A M A N U U
D H A A N A R G A c h u u
1. Jireenya Haaraa
Yeroo itti Gooftaa Yasuusiin gara jireenya keetti affeertee eegalee, akka abdii ofii isaatii siif kenneetti Inni gara jireenya
kee dhufee jira. Mul. 3:20 “kunoo, ani balabala dura dhaabadhee balabala nan rurrukuta; namni sagalee koo dhaga’ee yoo
anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhiyaadha, innis anaa wajjin in ynaata”
Akka dubbii Waaqayyoo kanaatti: balbala inni jedhu laphee/onnee keenya agarsiisa. Ga'een kee immoo onnee kee
bantee Gooftaa Yasuusiin gara jirreenya keetti simachuudha. Ga’een Gooftaas gara jireenya keetti ol seenee si keessa
jiraachuudha. Ati Kiristoosiin gara jireenya keetiitti kan affeerte akkaataa kanattii?
Yoo Kiristoosiin gara jireenya keetti akkasitti affeertte ta’eef, jireenya kee ilaalchisee kiristoos amma karaa hafuura Isaa fi
sagalee Isaa si keessa jiraachuu jalqabeera jechuudha. Amma kiristoos jireenya kee keessa jiraachuu isaas amantiidhaan
beekta jechuudha. Sabani isaa Inni Dubbii ofii Isaatiitiin yoo nuti affeerre, gara jireenya keenyaa akka dhufu waadaa
seeneera waan ta'eef.
Egaa kana booda jireenyi kee, mana cubbuu fi Seexanaa otuu hin taane, mana qulqullummaa Waaqayyoo ta'uutti
geddarameera. Atis Gooftaa jiraataa ta'ee waj
2. Fayyinaa fi Mirkaneeffannoo
Namni Goofta Yasuusitti amanu tokko Kiristoosii wajjin tokkummaa sirrii ta’e akka qabu beekuu in danda’a; beekuutus irra
jira. Yoo kana beekee hin mirkaneeffatu ta’es mamtuu ta’a; gammachuu fi nagaa dhugaa isa Kiristoositti amanuun argamu
sana qabaachuu hin danda’u. Akkasumas jireenya isaatiifis hiikkoo argachuu hin danda’u.
Amma ati Kirstoos gara jireenya kee waan dhufeef Waaqayyoo wajjin jireenya haaraa jalqabdeetta jechuu dha. Kana
jichuun karaa dhugaa irra deemuu jalqabdeetta jechuudha. Jireenya haaraa kana immoo kan argachuu dandeesseef
jireenya amala gaariin ijaarame qabaachuu keen, maatii gaarii irraa dhalachuu keetiinis miti. At i Kiristaana kan ta’uu
dandeesse sababa Kiristoos gara jireenya kee dhufeef qofa. Kiristoos gara jireenya kee waan dhufeef jireenya haaraa ykn
jireenya barabaraa argaattee jirta. Kanaafis gammadi!
Mee 1Yoh: 5:11-13 dubbisitii sirriitti irratti yaadi. Akkas jedha, “Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan
isaa isa kana; jireenyi barabaraa kunis ilma isaa keessatti argama. Namn illma Waaqayyoo hin qabne, jireenyicha hin
qabu. Isin warri Maqaa ilma Waaqayyootti amantan, jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniif kan
hundmaa isiniif caafe. ” Akka kutaan kun heeruttis, . Jireenyi bara baraa kan argamu Ilma Waaqayyoo qabaachuudhan
ta'a (1Yoh.5:11). Kanaafis, namni Kiristoos jireenya isaa keessa jiru jireenya bara baraa qabata(1Yoh. 5:12). Ati Jireenya
bara baraa akka qabdu maaliin beekta? Deebiiin kee, 'Ilama Waaqayyoo Yasuus Kiristoosiin fudhachuu koo waanan
beekuuf' yoo ta'e sirriidha.
Mee Yoh. 10: 27-29 dubbisi. “Hoolotni koo sagalee koo in dhaga’u, ani isaan beeka, isaanis na duukaa in bu’u. Ani
Page 26
jireenya bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka koo keessaa isaan hin
butatu Abbaan koo inni anatti isaan kenne, hundumaa irra guddaa dha; homtinuus harka abbaa koo keessaa isaan
butachuu hin danda’u.” jedha Gooftaan Yasuus.
Akka dubbii Yasuus dubbifatte kanaatti, harka Kiristoos keessaa kan si baafachuu danda'u jiraa? eenyutu si butachuu
danda’aa? Rom.8:35 fi 8: 38-39 itti dabalii dubbisi. siin immoo egaa sichi jalala Kiristoosittii kan garagar si baasuu
danda’u jira?
3. Eebba Jireenya Haaraa Kana Keessatti Argamanii
Kiristaana jechuun nama KirIstoosiin fudhatee, Kiristoosis isaa keessa jiraatu jechuu dha. Akka Macaafni qulqulluun
jedhutti yeroo Yasusiin gooftaa jireenya kee gootee fudhattee wan toonni baa’een jireenya kee keessatti raawateera. Kana
jechuunis yeroo sanaa jalqabdee eebba baay’ee argatteetta jechuu dha. Isaan keessaas muraasni:
3.1. Fayyinaa fi dhiifamuu cubbuu
Fayyinni kennaa namootni, yemmuu Waaqayyo biraa dhiifamuu cubbuu isaani i argatanii amantii isaanii Kiristoos irra
kaa’atan, tola (otuu gaatii itti hin baasin) argatanidha. Efesoon 2:8 -9 dubbusi. Fayyinni mindaa namootni gatii hojii isaanii
isa gaariin argatan otuu hin taane, karaa Yasuus Kiristoositti amanuu kennaa namaaf kennamu dha (dabalii Tito 3:4-5
dubbisi). Ati dhiifamuu cubbuu keetii argatteettaa? (Qola.1:13-14)
Fayyin ati Kiristoositti amanuudhaan argatte kun kan itti fufiinsa qabu dha. Kiristoosis erga takkaa gara jireenya kee
dhufee, raawwatee si hin dhiisu. ( Ibroota 13:5) kanaafis, Kiristoosiin gara jireenya keetti kan fudhachuun siif ta'u
yeroodhuma tokkicha. Isaa boodas isumaa wajjin waliif galtee jiraachuudhaan itti fufta.
3.2. Uumama Haraa Ta’uu
Uumam haaraa ta’uun kun jijjiirama jireenyaa Kiristoositti amanuudhaan argamu dha. Akka 2Qoron.5:17 keessatti
barreeffamee jirutti, . namni Kiristoosa keessa isaa jiru uumama haaraa ta'a. Kun immoo jireenya isa moofaa sanattii adda
kan bahe dha. Namni Kiristoosiin fudhate irraa sich kan mul'atu Kiritoos malee namummaa moofaa miti (Qola 3:10 fi
Efesoon 4:24 dubbisi).
3.3. Maatii Haaraa
Nuti yemmuu Yasuusiin fudhannu, namoota Yasuusitti amanuudhaan ijollee Waaqayyoo ta’anii wajjin, firooma ykn
tokkummaa uummanneera jechuu dha. dhaqnacha irrattis akka qaama tokkoo taaneerra. Rome 12:4-5; 1Qoro. 12: 12-13
fi 27 dubbisi. Kiristaanonni kan biroonis ijoollota waaqayyoo waan ta’aniif walitti dhufeenyi ykn tokkummaan ati isaanii
wajjin qabdu kan kan obbolummaa ta'a jechuudha.
3.4. Mucaa Waaqayyoo Ta’uu
Yeroo Yasuusiin fudhanne ijoollota Waaqayyoo taaneerra. Hariiroon nu gidduutti uumames kan kan abbummaa fi
mucummaa ta’eera jechuu dha. Kiristoosin namoota fudhataniif haboon ijoollee Waaqayyoo ta'uu kennameraaf
(Yoh.1:12). Egaa nuyi ijoollee Waaqayyoo jedhamnee waamamuu kan dandeenyeef Yasuus Kiristoosiin waan
fudhanneef, maqaa Isaattis waan amanneef qofa (1Yoh. 3:1). Ijoollee warra (abbaa fi haadha) keenyaa kan taane fooniin
irraa dhalachuu dhaan akka ta'e, ijoollee Waaqayyoo kan nuti taanu immoo hafuuraan isa irraa dhalachuudhani dha (Yoh.
3:1-3). Mucoolii Waaqayyoo taaneerra erga ta'e immoo, dhaaltuu Mootummaa Isaas ni taana (Galat.4: 6-7).